LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • gf barumsa 14 ful. 22-23
  • Michoonni Waaqayyoo Wanta Gadheerraa Ni Fagaatu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Michoonni Waaqayyoo Wanta Gadheerraa Ni Fagaatu
  • Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gochawwan Waaqayyo Jibbu
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Waaqayyoon Gammachiisuuf Maal Gochuu Qabna?
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
  • Kutaa 13
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu!
  • “Jaallachuun Yeroo Qaba, Jibbuunis Yeroo Qaba”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
gf barumsa 14 ful. 22-23

BARUMSA 14

Michoonni Waaqayyoo Wanta Gadheerraa Ni Fagaatu

Seexanni, wanta gadhee akka raawwannu nu qora. Michuu Waaqayyoo taʼuuf, wanta Yihowaan jibbu jibbuu qabna. (Faarfannaa 97:10) Wanti michoonni Waaqayyoo irraa fagaachuu qaban tokko tokko gaditti ibsamaniiru:

Wantoonni Yihowaan jibbu saalqunnamtii seeraan alaa, machaa’uu, ulfa baasuu, hatuu, sobuu, aarii to’annaadhaa ala ta’ee fi kasaaraa taphachuu dabalata

Saalqunnamtii seeraan ala taʼe. “Hin ejjin!” (Baʼuu 20:14) Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun cubbuudha.—1 Qorontos 6:18.

Machii. “Warri machaaʼan, . . . matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan.”—1 Qorontos 6:10.

Ajjeechaa, Ulfa Baasuu. “Hin ajjeesin!”—Baʼuu 20:13.

Hanna. “Hin hatin!”—Baʼuu 20:15.

Soba. Yihowaan “arraba sobu” ni jibba.—Fakkeenya 6:17.

Humnaan Namarratti Kaʼuufi Dheekkamsa Toʼannaa Hin Qabne. Yihowaan “isa humnaan nama irratti kaʼuu jaallatus garaa guutuudhaan in jibba.” (Faarfannaa 11:5) ‘Dheekkamsi hojii foonii’ keessaa isa tokkodha.—Galaatiyaa 5:19, 20.

Qumaara. ‘Nama sassatuu wajjin walitti hin hidhatinaa!ʼ—1 Qorontos 5:11.

Sanyiifi Qomoodhaan Wal Jibbuu. “Diinota keessan jaalladhaa, warra isin ariʼataniifis kadhadhaa!”—Maatewos 5:43, 44.

Waaqayyo wanta nu fayyadu nutti hima. Wanta gadhee raawwachuurraa fagaachuun yeroo hunda salphaa akka hin taane beekamaadha. Haataʼu malee, gargaarsa Yihowaafi Dhugaa Baatotasaarraa argattuun wanta Waaqayyoon hin gammachiisne raawwachuurraa fagaachuu dandeessa.—Isaayaas 48:17; Filiphisiiyus 4:13; Ibroota 10:24, 25.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi