Barumsa 11
Duudhaafi Amantii Waaqayyo Itti Hin Gammadne
Duudhaafi amantiin dogoggora ta’an kam fa’ii? (1)
Kristiyaanonni Waaqayyo Sillaaseedha jedhanii kan hin amanne maaliifii? (2)
Kristiyaanonni dhugaa Qillee, Ayyaana Du’aa Ka’uu ykn guyyaa dhalootaa maaliif hin kabajanii? (3, 4)
Warri du’an namoota jiraatanirraan miidhaa geessisuu ni danda’uu? (5)
Yesus kan du’e fannoorrattii? (6)
Waaqayyoon gammachiisuun hangam barbaachisaadhaa? (7)
1. Duudhaafi amantiin hundinuu gadheedha jechuu miti. Haata’u malee, Waaqayyo barumsa amantii sobaarraa dhufe ykn amantiifi duudhaa Macaafa qulqulluu wajjin wal faalleessan hin deeggaru.—Maatewos 15:6.
2. Sillaasee: Yihowaan Sillaaseedhaa? Miti! ‘Waaqni dhugaa’ Yihowaadha, jechuunis Abbaa qofa. (Yohannis 17:3; Maarqos 12:29) Yesus ilma Waaqayyoo isa hangafa; Isaafis ni bitama. (1 Qorontos 11:3) Abbaan Ilmarra ni caala. (Yohannis 14:28) Hafuurri qulqulluun humna Waaqayyooti malee qaama mataasaa qabaatee kan jiraatu miti.—Uumama 1:2; Hojii 2:18.
3. Qilleefi Ayyaana Du’aa Ka’uu: Yesus kan dhalate Muddee 25 miti. Guyyaan inni itti dhalate naannoo Onkoloolessa 1, jechuunis tiksoonni horiisaanii halkaniin yeroo itti tiksuu danda’anitti. (Luqaas 2:8-12) Yesus Kristiyaanonnii guyyaa dhalootasaa akka kabajan hin ajajne. Kanaa mannaa, bartootasaa kan ajaje du’asaa akka kabajan ykn akka yaadatan ture. (Luqaas 22:19, 20) Qilleefi gochawwan ayyaana kanarratti raawwataman kan dhufan amantiiwwan sobaa duriirraati. Yeroo har’aas hanqaaquufi illeettiidhaan gargaaramuu dabalatee gochaawwan adda addaa Ayyaana Du’aa Ka’uurratti raawwataman amantii sobaarraa kan dhufanidha. Kristiyaanonni jaarraa duraa Qilleefi Ayyaana Du’aa Ka’uu hin kabajne. Kristiyaanonni dhugaa bara keenya jiranis hin kabajan.
4. Guyyaa Dhalootaa: Guyyaan dhalootaa Macaafa qulqulluu keessatti galmeeffamanii jiran lama qofa yeroo ta’an, kan kabajamanis namoota Yihowaa hin waaqeffanneeni. (Uumama 40:20-22; Maarqos 6:21, 22, 24-27) Kristiyaanonni jaarraa duraa guyyaa dhalootasaanii hin kabajne. Guyyaa dhalootaa kabajuun kan dhufe amantii sobaa duriirraati. Kristiyaanonni dhugaa waggaa keessaa guyyaa kamittiyyuu kennaa waliif kennu. Guyyaa gaarii waliin dabarsuudhaanis ni gammadu.
5. Warra Du’an Sodaachuu: Warri du’an homaa tokko gochuu hin danda’an. Homti tokkos itti hin dhaga’amuu. Nuyis isaan gargaaruu hin dandeenyu; isaanis numiidhuu hin danda’an. (Faarfannaa 146:4; Lallaba 9:5, 10) Lubbuun ni duuti malee du’a booda jiraachuu hin dandeessu. (Hisqi’el 18:4) Haata’u malee, yeroo tokko tokko ergamoota Seexanaa jedhamanii kan waamaman, hafuuroti hamoon ekeraa warra du’anii fakkaatani mul’atu. Warra du’an sodaachuu ykn isaaniin waaqeffachuu wajjin duudhaan walitti dhufeenya qabu kamiyyuu dogoggora.—Isaayaas 8:19.
6. Fannoo: Yesus kan fannifame fannoorratti miti. Yesus kan fannifame muka sorooroo ykn utubaarratti. Macaafa qulqulluu hedduu keessatti afaan Griikiitiin “fannoo” kan jedhame kun muka sorooroo ta’uusaa argisiisa. Mallattoon fannoo kan dhufe amantii sobaa duriirraati. Kristiyaanonni jaarraa duraa fannoodhaan hin gargaaramne ykn fannoo hin waaqeffane. Egaan, fannoodhaan gargaaramanii waaqeffachuun sirrii sitti fakkaataa?—Keessa Deebii 7:26; 1 Qorontos 10:14.
7. Duudhaawwaniifi amantiiwwan kana keessaa tokko tokko garakuteenyaan dhiisuun ulfaataa ta’uu danda’a. Firoottaniifi hiriyoonni kee amantaa kee akka hin jijjiirre si amansiisuuf yaalu ta’a. Haata’u malee, hunda caalaa barbaachisaa kan ta’e namoota gammachiisuu utuu hin ta’in waaqayyoon gammachiisuudha.—Fakkeenya 29:25; Maatewos 10:36, 37.
[Fakkii fuula 22rra jiru]
Waaqayyo Sillaasee miti
[Fakkii fuula 23rra jiru]
Qilleefi Ayyaanni Du’aa Ka’uu amantii sobaa duriirraa kan dhufanidha
[Fakkii fuula 23rra jiru]
Sababii warra du’an itti waaqeffannu ykn itti sodaannu hin qabnu