Barumsa 15
Warri Kaan Fedha Waaqayyoo Akka Raawwataniif Gargaaruu
Wanta baratte warra kaanitti himuu kan qabdu maaliifi? (1)
Misraachoo kana eenyu fa’iif hiruu dandeessaa? (2)
Amallii kee warra kaanirratti dhiibbaa akkamii geessisuu danda’aa? (2)
Gumichaa wajjin hojii lallabaarratti hirmaachuu kan dandeessu akkamittii? (3)
1. Hanga ammaatti Macaafa qulqulluurraa wanta baay’ee utuu hin baratin hin hafne. Beekumsi argatte kun amalawwan gaarii akka horattu sitaasisuu qaba. (Efesoon 4:22-24) Jireenya bara baraa argachuuf beekumsa akkasii argachuun baay’ee barbaachisaadha. (Yohannis 17:3) Haata’u malee, warri kaanis fayyuuf misraachoo kana dhaga’uu qabu. Kristiyaanonni dhugaa hundinuu namoota kaaniif dhugaa ba’uun isaanirraa barbbaadama. Kun ajaja Waaqayyooti.—Roomaa 10:10; 1 Qorontos 9:16; 1 Ximotewos 4:16.
2. Barumsa gaarii barachaa jirtu kana namoota naannoo keetti argamaniif hiruudhaan hojii kana jalqabuu dandeessa. Maatii keetti, hiriyoota keetti, warra wajjin barattuufi wajjin hojjettutti himuu dandeessa. Yeroo kana gootu gaarummaafi obsa qabaadhu. (2 Ximotewos 2:24, 25) Yeroo baay’ee namoonni dubbii namni tokko dubbatu caalaa hojiisaafi amalasaa akka ilaalan yaadadhu. Kanaafuu, amalli gaariin ati argisiistu namoonni dubbii kee akka dhaggeffatan gochuu danda’a.—Maatewos 5:16; 1 Phexros 3:1, 2, 16.
3. Kunis yeroo booda gumii Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo keetti argamuu wajjin bobbaatee lallabuuf ga’eessa sitaasisa. Kun tarkaanfii baay’ee barbaachisaadha. (Maatewos 24:14) Namni tokko tajaajilaa Waaqayyoo ta’ee jireenya bara baraa akka argatu gargaaruun gammachuu guddaa akkamitii!—1 Tasaloniiqee 2:19, 20.