LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lff barumsa 22
  • Misiraachicha Lallabuu kan Dandeessu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Misiraachicha Lallabuu kan Dandeessu Akkamitti?
  • Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI BARADHU
  • MAAL BARATTE?
  • QORANNOO DABALATAA GODHI
  • Misiraachoon Lallabamaa kan Jiru Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Jaalalli Lallabuu Kee Itti Fufuuf Si haa Kakaasu!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Warri Kaan Fedha Waaqayyoo Akka Raawwataniif Gargaaruu
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • “Misiraachoo”
    Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’
Dabalataan Ilaaluuf
Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
lff barumsa 22
Barumsa 22. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko bakka hojiitti yeroo boqonnaa laaqanaatti nama isaa wajjin hojjetuuf yommuu lallabu.

BARUMSA 22

Misiraachicha Lallabuu kan Dandeessu Akkamitti?

Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu barachaa yommuu deemtu, ‘Kana namni hundumtuu beekuu qaba!’ jettee yaadda taʼa. Eeyyee namni hundi beekuu qaba! Taʼus, wanta baratte namoota kaanitti himuun si sodaachisa taʼa. Mee amma sodaa kee moʼuu fi misiraachoo Kitaaba Qulqulluu gammachuudhaan namoota kaanitti himuu jalqabuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

1. Wanta baratte namoota kaanitti himuu kan dandeessu akkamitti?

Barattoonni Yesuus, “Waaʼee wantoota dhageenyee fi arginee dubbachuu keenya dhiisuu hin dandeenyu” jedhanii turan. (Hojii Ergamootaa 4:20) Dhugaadhaaf bakka guddaa kennanii waan turaniif, hamma isaaniif dandaʼame namoota hedduutti himuu barbaadu turan. Atoo akkas sitti dhagaʼamaa? Taanaan, carraa wanta baratte maatii fi michoota keetti kabajaan himuuf si dandeessisu argachuuf carraaqi.—Qolosaayis 4:6 dubbisi.

Karaawwan lallabuu jalqabuu itti dandeessu tokko tokko

  • Firoota kee wajjin yommuu haasoftu, mata duree Kitaaba Qulqulluu tokko isaanitti himuuf, “Torban kana wanta baayʼee nama dinqisiisu tokkon baradhe” jettee jalqabuu dandeessa.

  • Michuu kee dhukkubsate ykn dhiphate tokkoof caqasa Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessu dubbisiif.

  • Namoonni si wajjin hojjetan ‘Sanbadduraa fi Dilbanni akkam ture?’ jedhanii yommuu si gaafatan wanta qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kee irraa ykn walgaʼii gumii irraa baratte itti himi.

  • Michoota keetti weebsaayitii keenya jw.org itti argisiisi.

  • Warri kaan yommuu Kitaaba Qulqulluu qoʼattu akka argaman affeeri ykn jw.org fayyadamanii qoʼachuuf gaafachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe itti argisiisi.

2. Gumichaa wajjin hojii lallabaa irratti hirmaachuun faayidaa qaba kan jennu maaliifi?

Barattoonni Yesuus namoota beekanitti misiraachicha himuu caalaa wanta godhan qabu. Yesuus akka lallabaniif, “lama lama godhee gara magaalaa . . . hundatti of dura isaan erge.” (Luqaas 10:1) Hojiin lallabaa haala kanaan gurmaaʼuun isaa namoonni dabalataa hedduun carraa misiraachicha dhagaʼuu akka qabaatan godheera. Barattoonni Yesuus waliin lallabuun isaaniis gammachuu guddaa isaaniif argamsiiseera. (Luqaas 10:17) Atoo gumichaa wajjin hojii lallabaa irratti hirmaachuuf galma baafachuu ni dandeessaa?

CAALAATTI BARADHU

Sodaa kee moʼuu fi gammachuu misiraachicha lallabuudhaan argamu argachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.

Fakkiiwwan: Barattuun Kitaaba Qulqulluu tokko dubartii paarkii keessatti ishii bira teessuuf yommuu lallabdu. 1. Barattuun Kitaaba Qulqulluu sun kadhachaa jirti. 2. Yaada Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu tokko dubartittiitti himaa jirti.

3. Yihowaan si gargaara

Namoonni hojii lallabaa irratti hirmaachuu barbaadan tokko tokko, namoonni maal naan jedhu ykn deebii akkamii naaf kennu laata jedhanii sodaatu taʼa.

  • Atoo wanta baratte warra kaanitti himuun si sodaachisaa? Maaliif?

VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: Yihowaan Ija Jabina Akka Naaf Kennun Kadhadhe (4:05)

  • Dargaggoonni Dhugaa Baatota taʼan kun sodaa isaanii kan moʼan akkamitti?

Isaayyaas 41:10 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Lallabuun yommuu si sodaachisutti kadhannaan kan si gargaaru akkamitti?

Kana beektaa?

Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun jalqaba irratti matumaa misiraachicha lallabuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama ture. Fakkeenyaaf, Sargeen ofitti amanamummaa waan hin qabneef namoota haasofsiisuun isatti ulfaata ture. Haa taʼu malee, yeroo booda Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Akkana jedheera: “Kanan sodaadhu taʼus wantan barachaa ture namoota kaanitti himuun jalqabe. Waaʼee Kitaaba Qulqulluu warra kaanitti himuun koo ofitti amanannaa koo naaf guddisuun isaa baayʼee na dinqisiiseera. Kana malees, amantiin dhugaawwan haaraa taʼan kana irratti qabu naa cimseera.”

4. Karaa kabaja qabuun dubbadhu

Misiraachoo namootatti yommuu himtu wanta dubbattu qofa utuu hin taʼin akkaataa itti dubbattuufis xiyyeeffannaa kenni. Ximotewos Lammaffaa 2:24 fi 1 Pheexiros 3:15 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Waaʼee Kitaaba Qulqulluu namootatti yommuu himtu caqasawwan kana hojii irra oolchuu kan dandeessu akkamitti?

  • Miseensonni maatii kee ykn michoonni kee wanta ati dubbattu hin fudhatan taʼa. Maarree yeroo kanatti maal gochuu dandeessa? Maal gochuu hoo hin qabdu?

  • Wanta itti amanuu qaban namootatti himuu mannaa gaaffiiwwanitti malaan fayyadamuun gaarii kan taʼe maaliifi?

Barataan Kitaaba Qulqulluu yaada keessatti argamu tokko fira isaatti himaa jira.

5. Misiraachoo lallabuun gammachuu argamsiisa

Yihowaan hojii misiraachicha lallabuu Yesuusiif kenneera. Yesuus hojii kanaaf ilaalcha akkamii qaba ture? Yohaannis 4:34 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Nyaata gaarii nyaachuun jiraachuuf nu gargaara, akkasumas gammachuu nuuf argamsiisa. Yesuus misiraachicha lallabuu dabalatee fedha Waaqayyoo raawwachuu nyaata nyaachuu wajjin kan wal fakkeesse maaliifi?

  • Misiraachicha lallabuun gammachuu akkamii argamsiisa jettee yaadda?

Gorsa Gaarii

  • Walgaʼii torban gidduutti godhamu irratti, karaa itti marii jalqabuu dandeessu argachuuf carraaqi.

  • Walgaʼii torban gidduutti godhamu irratti kutaa barataa dhiheessuuf maal gochuu akka qabdu beekuuf barsiisaa kee gaafadhu. Kutaa barataa dhiheessuun kee wanta barachaa jirtu warra kaanitti himuuf caalaatti qophaaʼaa akka taatu si gargaara.

  • Gaaffiiwwan yeroo baayʼee gaafatamanii fi mormii si mudatuuf deebii akkamii kennuu akka dandeessu shaakaluuf kutaawwan barumsa kana keessa jiranii fi “Namoonni Tokko Tokko Akkana Jedhu” ykn “Namni Tokko Akkana Jedhee Si Gaafata Taʼa” jedhanitti fayyadami.

NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Wanta haaraa maaltu jira?”

  • Carraa kanatti fayyadamtee wanta qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kee irraa baratte nama kanatti himuu kan dandeessu akkamitti?

MAAL BARATTE?

Misiraachicha namoota kaaniif lallabuun gammachuu argamsiisa, tarii immoo lallabuu jalqabuun hamma yaadde ulfaataa taʼuu dhiisuu dandaʼa.

Irra Deebii

  • Misiraachicha namootaaf kan lallabnu maaliifi?

  • Karaa kabaja qabuun lallabuu kan dandeessu akkamitti?

  • Lallabuu ilaalchisee sodaa sitti dhagaʼamu moʼuu kan dandeessu akkamitti?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Karaawwan salphaa kaardii teessoo jw.org fayyadamuudhaan misiraachicha lallabuu itti dandeessu afur ilaali.

Ittiin Lixa Kaardii Teessoo JW.ORG (1:43)

Waaʼee amalawwan misiraachicha lallabuuf si gargaaruu dandaʼan afurii baradhu.

“Namoota kan Qabdan Taʼuuf Qophooftaniittuu?” (Masaraa Eegumsaa, Fulbaana 2020)

Ijoollee taanu illee fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame misiraachicha lallabuuf ija jabina kan nuuf kennu akkamitti akka taʼe ilaali.

Yihowaan Akka Ati Hin Sodaanne Si Gargaara (11:59)

Miseensota maatii kee waaʼee Yihowaa hin beekne wajjin Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaali.

“Garaa Firoota Keenyaa Tuquu Ni Dandeenyaa?” (Masaraa Eegumsaa, Bitootessa 15, 2014)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi