LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w24 Caamsaa ful. 14-19
  • Jaalalli Lallabuu Kee Itti Fufuuf Si haa Kakaasu!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jaalalli Lallabuu Kee Itti Fufuuf Si haa Kakaasu!
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • MISIRAACHICHA WAAN JAALANNUUF NI LALLABNA
  • NAMOOTA WAAN JAALANNUUF NI LALLABNA
  • YIHOWAA FI MAQAASAA WAAN JAALANNUUF NI LALLABNA
  • HAMMA DHUMAATTI LALLABUU KEENYA ITTI FUFNA
  • Murtii Yihowaan Gara Fuulduraatti Dabarsu Ilaalchisee Maal Beekna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Tajaajila Keenyatti Caalaatti Gammaduu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Akkuma Yesuus Hinaaffaadhaan Lallabaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
w24 Caamsaa ful. 14-19

MATA DUREE QOʼANNAA 20

FAARFANNAA 67 “Dubbicha Lallabi”

Jaalalli Lallabuu Kee Itti Fufuuf Si haa Kakaasu!

“Jalqaba saba hundumaatiif misiraachoon lallabamuu qaba.”—MAR. 13:10.

YAADA IJOO

Jaalalli hojii lallabaarratti hinaaffaa fi garaa guutuudhaan hirmaachuuf kan nu kakaasu akkamitti?

1. Walgaʼii waggaa 2023 irratti maal baranne?

WALGAʼII waggaa 2023a irratti wantoota itti amannu tokko tokko ilaalchisee sirreeffamoota godhamanii fi tajaajila keenya ilaalchisee beeksisawwan nama gammachiisan dhageenyeerra. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko Baabilon Guddittiin erga balleeffamtee boodallee saba Yihowaa cinaa dhaabbachuuf carraa argachuu akka dandaʼan baranneerra. Sadaasa 2023 irraa kaasee babalʼistoonni Mootummichaa sochii tajaajilaasaanii hunda gabaasa akka godhan kana booda akka hin gaafatamnes dhageenyeerra. Jijjiiramoonni godhaman kun tajaajilli keenya akka kanaan duraa baayʼee barbaachisaa fi ariifachiisaa akka hin taane kan argisiisudhaa? Lakki!

2. Tajaajilli keenya guyyaan darbaa yeroo deemu caalaatti ariifachiisaa taʼaa deema kan jennu maaliifi? (Maarqos 13:10)

2 Guyyaan darbaa yeroo deemu tajaajilli keenya caalaatti ariifachiisaa taʼaa deema. Maaliif? Sababiin isaas yeroon dhumaa jira. Hojii lallabaa guyyoota dhumaatti geggeeffamu ilaalchisee Yesuus raajii akkamii akka dubbate haa ilaallu. (Maarqos 13:10 dubbisi.) Wangeela Maatewos barreesserratti Yesuus “dhumni” dhufuusaa dura misiraachichi guutummaa lafaarratti akka lallabamu dubbateera. (Mat. 24:14) Dhuma kan jedhu dhuma sirna Seexanaa isa hamaa taʼe kanaa argisiisa. Yihowaan “guyyaa . . . fi saʼaatii” wantoonni dhiheenyatti taʼan itti raawwataman murteesseera. (Mat. 24:36; 25:13; HoE. 1:7) Guyyaa guyyaadhaan yeroo sanatti caalaatti dhihaachaa deemna. (Rom. 13:11) Hammasitti hamma dhumni dhufutti lallabuu keenya itti fufuu qabna.

3. Wanti lallabuuf nu kakaasu maalidha?

3 Waaʼee tajaajila keenyaa yeroo yaannu akkana jennee of gaafachuun keenya gaariidha: Misiraachicha kan lallabnu maaliifi? Jecha tokkoon ibsuuf wanti lallabuuf nu kakaasu jaalaladha. Yeroo lallabnu jaalala misiraachichaaf, namootaaf, hundumaa caalaammoo jaalala Yihowaa fi maqaasaatiif qabnu argisiisna. Mee wantoota kana tokko tokkoon haa ilaallu.

MISIRAACHICHA WAAN JAALANNUUF NI LALLABNA

4. Oduu gammachiisaa yeroo dhageenyu maaltu nutti dhagaʼama?

4 Oduu gammachiisaa tokko yeroo dhageessetti, fakkeenyaaf, miseensi maatii kee tokko daaʼima akka godhate ykn hojii baayʼee barbaaddu tokko akka argatte yeroo dhageessetti miira sitti dhagaʼame ni yaadattaa? Oduu gammachiisaa kana miseensota maatii kee fi hiriyoota keetti himuuf baayʼee akka hawwite hin shakkisiisu. Oduu gammachiisaa hundarra caalu, jechuunis misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo yeroo dhageessettoo akkas gooteettaa?

5. Jalqaba yeroo Dubbii Waaqayyoorraa dhugaa barattetti maaltu sitti dhagaʼame? (Fakkiiwwanis ilaali.)

5 Yeroo jalqaba Dubbii Waaqayyoorraa dhugaa barattetti miira sitti dhagaʼame duubatti deebiʼii yaadi. Abbaan kee inni samii akka si jaallattu, kutaa maatii tajaajiltootasaa akka taatu akka barbaadu, dhiphinaa fi rakkina balleessuuf waadaa akka gale, akkasumas namoota jaallattuu fi duʼaan dhabde addunyaa haaraa keessatti akka argattuu fi wantoota kan biroo hedduu baratte. (Mar. 10:29, 30; Yoh. 5:28, 29; Rom. 8:38, 39; Mul. 21:3, 4) Dhugaawwan baratte kanatti baayʼee gammadde. (Luq. 24:32) Wantoota barachaa turte baayʼee waan jaallatteef dhugaawwan gatii guddaa qaban kana keessa keetti qabattee taaʼuu hin dandeenye!—Ermiyaas 20:9 wajjin walbira qabii ilaali.

Obboleessi tokko kitaaba “Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!” jedhamutti fayyadamee namicha tokko qoʼachiisaa jira. Fakkiiwwan garaagaraa: Namichi sun wanta barate warra kaanitti himaa jira. 1. Namicha isa faana hojjetutti. 2. Miseensota maatiisaatti. 3. Michuusaatti.

Jalqaba misiraachicha yeroo dhageenyu dhugaawwan gatii guddaa qaban kana keessa keenyatti qabannee taaʼuu hin dandeenye! (Keeyyata 5 ilaali)


6. Muuxannoo Ernastii fi Roozirraa maal baratte?

6 Mee muuxannoo tokko haa ilaallu. Obboleessi Ernastib jedhamu umuriinsaa gara waggaa kudhanii yeroo taʼu abbaansaa ni duʼe. Akkana jedheera: “‘Gara samii deemeera moo barabaraaf duʼee hafa laata?’ jedhee yaadaan ture. Ijoollee abbaa qabanitti nan hinaafan ture.” Ernasti yeroo baayʼee bakka abbaansaa itti awwaalame deemuudhaan awwaala abbaasaa biratti jilbeenfatee, “Maaloo yaa Waaqayyo, abbaan koo eessa akka jiru beekuun barbaada” jedhee kadhata ture. Ernasti abbaansaa duʼee gara waggaa 17 booda Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeerraan isaaf dhihaate, innis affeerraa kana ni fudhate. Namoonni duʼan akkuma nama hirriiba cimaa keessa jiruu homaa akka hin beeknee fi Kitaabni Qulqulluun gara fuulduraatti abdiin duʼaa kaʼuu akka jiru akka dubbatu yeroo baratu baayʼee gammade. (Lal. 9:5, 10; HoE. 24:15) Dhumarratti gaaffilee yeroo dheeraadhaaf isa jeeqaa turaniif deebii argate. Ernasti dhugaawwan Kitaaba Qulqulluurraa barachaa turetti baayʼee gammade. Haati manaasaa Roozis isa wajjin qoʼachuu jalqabde; wanta barattes ni jaallatte. Bara 1978​tti lamaansaaniiyyuu ni cuuphaman. Miseensota maatiisaanii, michootasaanii fi namoota dhagaʼuuf fedhii qaban hundatti dhugaawwan gatii guddaa qaban kana hawwiidhaan himuu jalqaban. Kanaan kan kaʼes, Ernastii fi Rooz namoonni 70 ol taʼan guddina godhanii akka cuuphaman gargaaraniiru.

7. Jaalalli dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qabnu yeroo guddatu maaltu taʼa? (Luqaas 6:45)

7 Jaalalli dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qabnu yeroo guddatu callisuu hin dandeenyu. (Luqaas 6:45 dubbisi.) Akkuma barattoota Yesuus jaarraa jalqabaatti turanii fi “Waaʼee wantoota dhageenyee fi arginee dubbachuu keenya dhiisuu hin dandeenyu” jechuudhaan dubbatanii nutti dhagaʼama. (HoE. 4:20) Dhugaa baayʼee waan jaallannuuf hamma nuuf dandaʼame namoota hedduutti himuu barbaanna.

NAMOOTA WAAN JAALANNUUF NI LALLABNA

8. Misiraachicha lallabuuf kan nu kakaasu maalidha? (Saanduqa, “Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi” jedhu ilaali.) (Fakkichas ilaali.)

8 Akkuma Yihowaa fi Ilmasaa namoota ni jaallanna. (Fak. 8:31; Yoh. 3:16) Namoota “abdii malee fi Waaqayyo malee jiraachaa” jiraniif baayʼee gaddina. (Efe. 2:12) Rakkoowwan isaanirra gaʼaa jiraniin kan kaʼe boolla gadi fagoo keessa akka jiran isaanitti dhagaʼama taʼa. Nuti garuu misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo akka wadarootti boolla sana keessaa ittiin harkisnee isaan baasnu qabna. Jaalallii fi gara laafinni namoota akkasiitiif qabnu misiraachicha isaanitti himuuf wanta dandeenyu hunda gochuuf nu kakaasa. Ergaan gatii guddaa qabu kun abdii isaanitti hora, yeroo ammaatti jireenya hundarra wayyu jiraachuuf isaan gargaara, akkasumas addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti “jireenya isa dhugaa,” jechuunis jireenya barabaraa akka argatan isaan gargaara.—1 Xim. 6:19.

Obboleettiin takka kaaffee keessatti tiraaktiitti fayyadamtee dubartii tokkoof dhugaa baʼaa jirti.

Jaalallii fi gara laafinni namootaaf qabnu misiraachicha isaanitti himuuf carraaqqii akka goonu nu kakaasa (Keeyyata 8 ilaali)


Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi

Birooshurri haaraan kun amaloota tajaajilarratti jaalala argisiisuu fi barattoota gochuuf horachuun nu barbaachisu 12 ibsa. Tokkoon tokkoon barumsawwan birooshura kana keessatti argamanii wanta dubbachuu barbaannurratti utuu hin taʼin, wanta namoota yaaddessuu fi fedhii isaaniitiif xiyyeeffannaa akka kenninu nu gargaaru. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Waaʼee maalii yaadaa jiru laata? Wanti isaan barbaachisu maalidha?’ Seensa birooshurichaarratti akkuma ibsame, ‘mala kamiyyuu caalaa barattoota gochuuf kan si gargaaru jaalala akkasii argisiisuu keeti.’

9. Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee akeekkachiisa akkamii kennina? Maaliif? (Hisqiʼel 33:7, 8)

9 Jaalalli namootaaf qabnu dhuma addunyaa hamaa isa baayʼee dhihaachaa jiru ilaalchisee namoota akeekkachiisuufis nu kakaasa. (Hisqiʼel 33:7, 8 dubbisi.) Olloota keenyaa fi miseensota maatii keenya warra hin amanneef baayʼee gaddina. Namoonni baayʼeen “rakkinni guddaan jalqaba addunyaatii kaasee hanga ammaatti taʼee hin beeknee fi lammatas hin taane” dhufaa akka jiru hin beekan. (Mat. 24:21) Wanta yeroo murtii sanatti taʼu, jechuunis amantaan sobaa akka baduu fi sirni hamaan kun waraana Armaagedooniin akka balleeffamu akka beekan barbaanna. (Mul. 16:14, 16; 17:16, 17; 19:11, 19, 20) Hamma dandaʼame namoonni baayʼeen akeekkachiisa kana akka fudhatanii fi nu wajjin waaqeffannaa dhugaarratti akka hirmaatan ni kadhanna. Haa taʼu malee, miseensota maatii keenya jaallannu dabalatee namoonni akeekkachiisa kana hin fudhannehoo maal taʼu?

10. Namoota akeekkachiisuu keenya itti fufuun ariifachiisaa kan taʼe maaliifi?

10 Akkuma mata duree darberratti ibsame Yihowaan namoota Baabilon Guddittiin yeroo baddu arganii jijjiirama godhan oolchuu dandaʼa. Taanaan, namoota akeekkachiisuu itti fufuun keenya baayʼee ariifachiisaadha. Wanta yeroo ammaatti isaanitti himnu yeroo sanatti yaadachuu dandaʼu. (Hisqiʼel 33:33 wajjin walbira qabii ilaali.) Tarii akeekkachiisa isaaniif kennine yaadatanii yeroon darbuusaa dura waaqeffannaa dhugaa cinaa dhaabbachuuf kakaʼuu dandaʼu. Akkuma eegduu mana hidhaa Filiphisiyus keessa turee fi “kirkirri lafaa guddaan” erga gaʼee booda jijjiirama godhe sanaa, tarii namoonni yeroo ammaatti ergaa keenya hin fudhanne tokko tokkos Baabilon Guddittiin erga baddee booda jijjiirama gochuu dandaʼu.—HoE. 16:25-34.

YIHOWAA FI MAQAASAA WAAN JAALANNUUF NI LALLABNA

11. Ulfina, kabajaa fi humna Yihowaadhaaf kennuu kan dandeenyu akkamitti? (Mulʼata 4:11) (Fakkiiwwanis ilaali.)

11 Sababii guddaan misiraachicha lallabuuf nu kakaasu jaalala Yihowaa fi maqaasaa isa qulqulluu taʼeef qabnudha. Tajaajilli keenya karaa Waaqa jaallannu itti jajannu akka taʼetti ilaalla. (Mulʼata 4:11 dubbisi.) Waaqni keenya Yihowaan ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun akka isaaf malu garaadhaa amanna. Ragaa amansiisaa Yihowaan ‘wantoota hundumaa akka uumee’ fi nutis kan jiraannu sababii isaatiin akka taʼe argisiisu yeroo namootatti himnu ulfinaa fi kabaja isaaf kennina. Hamma haalli keenya nuuf heyyame yeroo, jabinaa fi qabeenya keenya tajaajila isaarratti guutummaatti hirmaachuuf yommuu itti fayyadamnu humna keenya isaaf kennina. (Mat. 6:33; Luq. 13:24; Qol. 3:23) Gabaabumatti waaʼee Waaqa keenya isa baayʼee jaallannuu dubbachuun nu gammachiisa. Waaʼee maqaasaa fi Waaqa akkamii akka taʼe namootatti himuufis ni kakaana. Maaliif?

Fakkiiwwan garaagaraa: Karaawwan warra kaanitti misiraachicha himuu itti dandeenyu. 1. Afriikaa keessatti hiriyoonni gaaʼelaa tokko dubartii takkaa fi ijoollee ishiitiif lallabaa jiru. 2. Obboleettiin takka utuu otoobisii eeggatanii dubartii tokkoof dhugaa baʼaa jirti. 3. Obboleessi tokko qarqara galaanaa biratti utuu bashannanaa jiranii namicha isa bira taaʼee jiru tokko haasofsiisaa jira.

Hamma haalli keenya nuuf heyyame yeroo, jabinaa fi qabeenya keenya tajaajila Yihowaarratti guutummaatti hirmaachuuf yommuu itti fayyadamnu humna keenya isaaf kennina (Keeyyata 11 ilaali)


12. Tajaajila keenyarratti maqaa Yihowaa kan qulqulleessinu akkamitti?

12 Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu maqaasaa qulqulleessuuf nu kakaasa. (Mat. 6:9) Arrabsoo Seexanni sobasaatiin maqaa Yihowaarratti fide qulqulleessuurratti gaʼee qabaachuu barbaanna. (Uma. 3:1-5; Iyo. 2:4; Yoh. 8:44) Tajaajila keenyarratti namoota dhagaʼuuf fedhii qaban hundumaatti dhugaa himuudhaan Waaqa keenya cinaa dhaabbachuuf fedhii qabna. Namoonni hundi amallisaa inni guddaan jaalala akka taʼe, akkaataan inni itti bulchu qajeelaa fi haqarratti kan hundaaʼe akka taʼe, akkasumas Mootummaansaa yeroo dhihootti rakkina hunda balleessuudhaan ilmaan namootaatiif nagaa fi gammachuu akka fidu akka beekan barbaanna. (Far. 37:10, 11, 29; 1 Yoh. 4:8) Waaʼee Yihowaa wantoota kana yeroo namootatti himnu maqaasaa qulqulleessina. Maqaa keenya wajjin walsimnee jiraachaa akka jirru beekuun keenyas nu gammachiisa. Akkas kan jennu maaliifi?

13. Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamnee waamamuu keenyatti kan boonnu maaliifi? (Isaayyaas 43:10-12)

13 Yihowaan “Dhugaa baatota koo” jedhee nu waameera. (Isaayyaas 43:10-12 dubbisi.) Xalayaan Qaama Olaanaa waggoota muraasa dura ergame tokko akkana jedha: “Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamnee waamamuun keenya ulfina argachuu dandeenyu keessaa isa hundarra caaludha.” Akkas kan jennu maaliifi? Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Namni tokko mana murtiitti ragaa akka siif baʼu yoo barbaadde nama beektuu fi amantu, akkasumas nama maqaa gaarii qabuu fi ragaansaa amanamuu dandaʼu akka filattu beekamaadha. Yihowaan Dhugaa Baatotasaa akka taanu nu filachuudhaan sirriitti akka nu beekuu fi inni qofti Waaqa dhugaa taʼuusaa dhugaa akka baanu akka nu amanu argisiiseera. Dhugaa Baatotasaa taʼuun ulfina guddaa akka taʼe waan nutti dhagaʼamuuf carraa arganne hundatti fayyadamnee maqaasaa beeksisuu fi sobawwan hedduu waaʼeesaa dubbataman saaxiluu barbaanna. Kana gochuudhaan maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuu fi baayʼee itti boonnu kana wajjin walsimnee jiraanna!—Far. 83:18; Rom. 10:13-15.

HAMMA DHUMAATTI LALLABUU KEENYA ITTI FUFNA

14. Abdii gammachiisaa taʼe akkamii qabna?

14 Abdii gammachiisaa taʼe qabna! Rakkinni guddaan jalqabuusaa dura eebba Yihowaatiin namoonni dabalataa hedduun dhugaa akka fudhatan ni abdanna. Seenaa ilmaan namootaa keessatti yeroo baayʼee dukkanaaʼaa taʼe sanatti, jechuunis yeroo rakkina guddaattillee tarii namoonni dabalataa addunyaa Seexanaa isa baduuf jedhu keessaa baʼanii nu wajjin Yihowaa jajachuu akka dandaʼan beekuu keenyattis baayʼee gammanneerra.—HoE. 13:48.

15-16. Maal gochuu keenya itti fufna? Hamma yoomiitti?

15 Hammasitti garuu hojii hojjennu qabna. Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo isa deebiʼee hin lallabamne guutummaa lafaarratti lallabuuf mirga arganneerra. Namoota akeekkachiisuu keenyas itti fufna. Namoonni dhumni sirna hamaa kanaa saffisaan dhihaachaa akka jiru beekuu qabu. Akkas yoo goone yeroon murtii sun gaafa dhufu namoonni ergaan nuti lallabaa turre sun Yihowaa biraa akka dhufe ni hubatu.—His. 38:23.

16 Maarree, maal gochuuf kutanneerra? Jaalala misiraachichaaf, namootaaf, hundumaa caalaammoo jaalala Yihowaa fi maqaasaatiif qabnuun kakaanee hamma Yihowaan “Ni gaʼa!” jedhutti misiraachicha hawwiidhaan, ariitiidhaan, akkasumas hinaaffaadhaan lallabuu keenya itti fufna.

WANTOONNI ARMAAN GADII LALLABUUF KAN NU KAKAASAN AKKAMITTI?

  • Jaalalli misiraachichaaf qabnu

  • Jaalalli namootaaf qabnu

  • Jaalalli Yihowaa fi maqaasaatiif qabnu

FAARFANNAA 54 “Karichi isa Kana”

a Walgaʼiin waggaa Onkoloolessa 7, 2023 Galma Walgaʼii Guguddaa Dhugaa Baatota Yihowaa Niwubargi isa Niwu Yoorki Yuunaayitid Isteetisitti argamu keessatti geggeeffame. Guutummaan sagantichaa yeroo booda, Kutaa 1​ffaan JW Biroodkaastingii Sadaasa 2023 irratti, Kutaa 2​ffaanimmoo JW Biroodkaastingii Amajjii 2024 irratti baʼeera.

b Mata duree, “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira—Kitaabni Qulqulluun Deebii Ifaa fi Amansiisaa Taʼe Akka Kennu Beekuun Koo Baayʼee Na Dinqisiise” jedhu jw.org irraa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi