LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Bitootessa ful. 14-19
  • Akkuma Yesuus Hinaaffaadhaan Lallabaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akkuma Yesuus Hinaaffaadhaan Lallabaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • FEDHII YIHOWAARRATTI XIYYEEFFATEERA
  • RAAJII KITAABA QULQULLUUTIIF XIYYEEFFANNAA KENNEERA
  • DEGGERSA YIHOWAATTI AMANAMEERA
  • ILAALCHA GAARII QABAATEE ITTI FUFEERA
  • Tajaajila Keenyatti Caalaatti Gammaduu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Jaalalli Lallabuu Kee Itti Fufuuf Si haa Kakaasu!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Bitootessa ful. 14-19

MATA DUREE QOʼANNAA 11

FAARFANNAA 57 Akaakuu Namootaa Hundumaaf Lallabuu

Akkuma Yesuus Hinaaffaadhaan Lallabaa

“Gooftaan . . . lama lama godhee gara magaalaa fi iddoo deemuuf jedhu hundatti of dura isaan erge.”—LUQ. 10:1.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti karaawwan hinaaffaa Yesuus tajaajilaaf qabu calaqqisiisuu itti dandeenyu afur ilaalla.

1. Amalli saba Yihowaa namoota addunyaarraa adda baasee beeksisu tokko maalidha?

WANTI tajaajiltoota Yihowaa Kiristiyaanota sobaarraa adda baasee beeksisu tokko hinaaffaaa tajaajilaaf qabanidha. (Tit. 2:14) Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko hinaaffaadhaan lallabuun sitti ulfaachuu dandaʼa. Tarii akka jaarsa jabaatee hojjetu tokkoo sitti dhagaʼama taʼa; jaarsi kun, “Yeroo tokko tokko, lallabuuf homaa fedhii hin qabu” jedheera.

2. Wanti yeroo tokko tokko tajaajilaaf hinaaffaa qabaachuun akka nutti ulfaatu godhu maal taʼuu dandaʼa?

2 Hojii lallabaarratti hirmaachuu mannaa gosoota tajaajila qulqulluu kaanirratti hirmaachuun caalaatti nu gammachiisa taʼa. Maaliif? Gamoowwan tiʼookraasii yommuu ijaarruu fi suphinu, hojii gargaarsaarratti yommuu hirmaannu ykn obboloota keenya yeroo jajjabeessinu buʼaa dadhabbii keenyaa yeruma sana arguu fi miirri gammachuu nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Obboloota keenya wajjin yeroo hojjennu nagaa fi gammachuun nu gidduu jiru baayʼee nu gammachiisa; obboloonni keenya wanta isaaniif goone akka dinqisiifatanis beekna. Karaa kan biraatiinimmoo naannoo tajaajilaa tokko keessatti waggoota hedduudhaaf kan lallabne taʼus hamma kana deebii gaarii argachuu dhiisuu dandeenya. Namoonni ergaa keenyaaf jibba qaban nu muudachuullee dandaʼu. Dhumni sirna kanaa caalaatti dhihaachaa yeroo deemu mormiin nurra gaʼus caalaatti dabalaa akka deemu ni eegna. (Mat. 10:22) Maarree, hinaaffaa hojii lallabaatiif qabnu eeggachuuf, darbees guddifachuuf maaltu nu gargaara?

3. Yaanni Luqaas 13:6-9 irratti argamu hinaaffaa Yesuus fakkeenyaan kan ibsu akkamitti?

3 Fakkeenya Yesuus qoruudhaan hojii lallabaatiif hinaaffaa qabaachuu ilaalchisee barumsi argannu jira. Yesuus yeroo lafarra tajaajilaa turetti hinaaffaansaa qabbanaaʼee hin beeku. Yeroon darbaa yommuu deemu caalaatti jabaatee hojjeteera. (Luqaas 13:6-9 dubbisi.) Akkuma hojjetaan maasii wayinii sun firii tokkollee utuu hin argatin waggaa sadiif muka harbuu sana kunuunsuusaa itti fufe, Yesuusis Yihudoonni hedduun deebii gaarii kennuu baatanis gara waggaa sadiitiif isaaniif lallabeera. Haa taʼu malee, akkuma hojjetaan maasii wayinii sun muka harbuu sanatti abdii hin kutanne Yesuusis namootatti abdii hin kutanne ykn hinaaffaa tajaajilaaf qabu hin hirʼisne. Kanaa mannaa, garaasaanii tuquuf caalaatti carraaqqii godheera.

4. Barumsi fakkeenya Yesuusirraa argannu arfan maalfaʼi?

4 Mata duree kana keessatti Yesuus jiʼoottan dhumaa jaʼanitti hinaaffaadhaan kan tajaajile akkamitti akka taʼe ilaalla. (Luq. 10:1) Wanta inni barsiise qoruun keenyaa fi fakkeenyasaa hordofuun keenya yeroo harʼaatti hinaaffaa keenya eeggannee itti fufuuf nu gargaara. Mee barumsa fakkeenya Yesuusirraa argannu afur haa ilaallu: (1) Fedhii Yihowaarratti xiyyeeffateera, (2) raajii Kitaaba Qulqulluutiif xiyyeeffannaa kenneera, (3) deggersa Yihowaatti amanameera, akkasumas (4) ilaalcha gaarii qabaachuudhaan namoonni tokko tokko akka isa dhagaʼan abdateera.

FEDHII YIHOWAARRATTI XIYYEEFFATEERA

5. Yesuus fedhii Waaqayyoo raawwachuurratti akka xiyyeeffatu kan argisiise akkamitti?

5 Yesuus Waaqayyo hojii kana akka hojjetu akka barbaadu waan beekuuf “misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo” hinaaffaadhaan lallabeera. (Luq. 4:43) Jireenyasaa keessatti adda durummaadhaan tajaajilarratti xiyyeeffata ture. Tajaajilasaa xumuruu jala gaʼee yeroo turettillee “magaalotaa fi gandeen hunda keessa” deemaa namoota barsiisa ture. (Luq. 13:22) Labsitoota taʼanii akka isa wajjin hojjetaniifis barattootasaa keessaa namoota dabalataa leenjiseera.—Luq. 10:1.

6. Hojiin lallabaa hojiiwwan qabnu kaan wajjin kan wal qabatu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

6 Yeroo harʼaattis hojii guddaan Yihowaa fi Yesuus akka hojjennu barbaadan misiraachicha lallabuudha. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Hojiin lallabaa fi hojiiwwan tiʼookraasii kaan kallattiidhaan wal qabatu. Fakkeenyaaf, gamoowwan tiʼookraasii kan ijaarrus taʼe Beetelitti kan tajaajillu hojii lallabaa deggeruufi. Gargaarsa yeroo balaa kan qopheessinu obboloonni keenya wanta isaan barbaachisu akka argataniif qofa utuu hin taʼin, sochii hafuuraasaanii akka itti fufan isaan gargaaruu waan barbaannuufi; kunimmoo hojii lallabaas ni dabalata. Hojiin lallabaa hammam barbaachisaa akka taʼe yoo hubannee fi hojiin kun hojii isa guddaa Yihowaan akka hojjennu barbaadu akka taʼe yoo yaadanne yeroo hunda tajaajilarratti hirmaachuuf kakaana. Jaarsi gumii Hangaarii keessa jiraatuu fi Yaanoosh jedhamu akkana jedheera: “Sochiin tiʼookraasii kamiyyuu hojii lallabaa bakka buʼuu akka hin dandeenye ofan yaadachiisa; misiraachicha lallabuun hojii keenya isa guddaadha.”

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Obboleessi tokko hojii ijaarsaa t⁠i⁠ʼookraasiirratti hirmaachaa jira. 2. Obboleessi kan biraan manasaa ta⁠a⁠ʼee hojii Beetel hojjechaa jira. 3. Boodas obboloonni kun lamaan misiraachicha lallabaa jiru.

Hojiin Yihowaa fi Yesuus yeroo harʼaatti akka hojjennu barbaadan inni guddaan misiraachicha lallabuudha (Keeyyata 6 ilaali)


7. Yihowaan lallabuu keenya akka itti fufnu kan barbaadu maaliifi? (1 Ximotewos 2:3, 4)

7 Namootaaf ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuudhaan hinaaffaa tajaajilaaf qabnu cimsachuu dandeenya. Yihowaan hamma dandaʼame namoonni hedduun misiraachicha akka dhagaʼanii fi akka fudhatan barbaada. (1 Ximotewos 2:3, 4 dubbisi.) Ergaa lubbuu baraaru kana warra kaanitti himuurratti caalaatti buʼa qabeeyyii akka taanu kan nu leenjisu kanaafi. Fakkeenyaaf, birooshurri Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi jedhamu yaadawwan galma barattoota gochuu sammuutti qabachuudhaan marii jalqabuuf nu gargaaran qabateera. Namoonni amma deebii gaarii yoo kennuu baatanillee, rakkinni guddaan xumuramuusaa dura akkas gochuuf carraa argachuu dandaʼu. Wanti amma isaanitti himnu gara fuulduraatti deebii gaarii kennuuf isaan kakaasuu dandaʼa. Kun taʼuu kan dandaʼu garuu lallabuu keenya yoo itti fufne qofadha.

RAAJII KITAABA QULQULLUUTIIF XIYYEEFFANNAA KENNEERA

8. Yesuus raajii Kitaaba Qulqulluu beekuunsaa akkaataa yeroosaatti itti fayyadamurratti dhiibbaa kan godhe akkamitti?

8 Yesuus raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu akkamitti akka raawwataman hubatee ture. Tajaajillisaa kan itti fufu waggaa sadii fi walakkaadhaaf qofa akka taʼe beeka ture. (Dan. 9:26, 27) Yeroo fi akkaataa itti ajjeefamu ilaalchisee raajii dubbatames beeka ture. (Luq. 18:31-34) Yesuus wanti beeku akkaataa yeroosaatti itti fayyadamurratti dhiibbaa akka godhu heyyameera. Hojii isaaf kenname fiixaan baasuuf jecha hinaaffaadhaan lallabeera.

9. Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu hinaaffaadhaan lallabuuf kan nu kakaasan maaliifi?

9 Raajii Kitaaba Qulqulluu hubachuun keenya hinaaffaadhaan lallabuuf nu kakaasuu dandaʼa. Dhumni sirna kanaa baayʼee akka dhihaate beekna. Taʼeewwan yeroo ammaatti raawwatamaa jiranii fi amalli namoonni argisiisaa jiran raajiin Kitaabni Qulqulluun guyyoota dhumaa ilaalchisee dubbatu raawwatamaa akka jiru akka argisiisan ni hubanna. Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa, Raashiyaa fi deggertoota ishii wajjin wal morkachuunsaanii raajiin mootii kibbaa fi mootii kaabaa “bara dhumaatti” jiraatan ilaalchisee dubbatame akka raawwatamu akka godhe beekna. (Dan. 11:40) Miilli siidaa Daaniʼel 2:43-45 irratti ibsamee Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa akka argisiisus beekna. Raajiin Kitaaba Qulqulluu akka argisiisutti Mootummaan Waaqayyoo yeroo dhihootti eeyyee, yeroo gabaabaa keessatti mootummoota ilmaan namootaa akka balleessu mirkanaaʼoodha. Raajiiwwan kun hundi dhumni baayʼee akka dhihaate argisiisu; kunis misiraachicha ariitiidhaan lallabuuf nu kakaasa.

10. Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu hinaaffaa keenya kan kakaasan karaawwan kan biroo akkamiitiini?

10 Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu ergaa namootatti himuuf hawwinus qabataniiru. Obboleettiin Riippabliika Doominikaa keessatti tajaajiltuu fi Keerii jedhamtu, “Waadaan Yihowaan gara fuulduraatti wantoota gaggaarii fiduuf gale dhugaa namootatti himuuf na kakaasa” jetteetti. Itti dabaluudhaan, “Rakkina yeroo ammaatti namoonni dandamachaa jiran yeroon argu isaanis abdiin kun akka isaan barbaachisu nan hubadha” jetteetti. Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu hojii lallabaarratti nu gargaaraa kan jiru Yihowaa akka taʼe beekuudhaan lallabuu keenya akka itti fufnu nu jajjabeessu. Liilaan ishiin Hangaarii keessa jiraattu akkana jetteetti: “Isaayyaas 11:6-9 namoota baayʼee fedhii akka hin qabne natti dhagaʼamuttillee misiraachicha himuuf na kakaasa. Namni kamiyyuu gargaarsa Yihowaatiin jijjiirama gochuu akka dandaʼu beeka.” Obboleessi Kiristoofar jedhamuu fi Zaambiyaa keessa jiraatu akkana jedheera: “Akkuma Maarqos 13:10 jedhutti, misiraachichi addunyaa maratti lallabamaa jira; raajiin kun akka raawwatamu gumaacha gochuun ulfina guddaa akka taʼe natti dhagaʼama.” Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu lallabuu kee itti fufuuf si kakaasan kamfaʼi?

DEGGERSA YIHOWAATTI AMANAMEERA

11. Yesuus hinaaffaadhaan lallabuusaa itti fufuuf gargaarsa Yihowaatti amanamuun kan isa barbaachise maaliifi? (Luqaas 12:49, 53)

11 Yesuus hinaaffaadhaan lallabuusaa itti fufuuf deggersa Yihowaatti amanameera. Yesuus mala qabeessa taʼus yeroo misiraachicha lallabutti namoonni tokko tokko isatti aaruu, akkasumas namoonni hedduun cimsanii isa mormuu akka dandaʼan beeka. (Luqaas 12:49, 53 dubbisi.) Geggeessitoonni amantaa lallabasaatti waan hin gammanneef isa ajjeesuuf irra deddeebiʼanii yaalaniiru. (Yoh. 8:59; 10:31, 39) Taʼus, Yesuus Yihowaan isa wajjin akka jiru waan beekuuf lallabuusaa itti fufeera. Akkana jedheera: ‘Abbaan inni na erge anaa wajjin jira, kophaa koo hin taʼu; ani yeroo hundumaa wanta isa gammachiisu waanan godhuuf, inni kophaatti na hin dhiisu.’—Yoh. 8:16, 29.

12. Yesuus barattoonnisaa mormiin jiraatus lallabuusaanii akka itti fufan kan isaan qopheesse akkamitti?

12 Yesuus deggersa Yihowaatti akka amanaman barattootasaa yaadachiiseera. Yeroo ariʼatamni isaanirra gaʼuttillee Yihowaan akka isaan gargaaru irra deddeebiʼee isaaniif mirkaneesseera. (Mat. 10:18-20; Luq. 12:11, 12) Haa taʼu malee, of eeggatoo akka taʼanis isaan gorseera. (Mat. 10:16; Luq. 10:3) Namoota ergaasaanii dhagaʼuu hin barbaanne akka hin dirqisiisne qajeelfama isaaniif kenneera. (Luq. 10:10, 11) Yommuu ariʼatamni isaanirra gaʼu akka baqatanis isaanitti himeera. (Mat. 10:23) Yesuus hinaaffaa kan qabuu fi Yihowaatti kan amanamu taʼus, utuu hin barbaachisin balaadhaaf of hin saaxilu ture.—Yoh. 11:53, 54.

13. Yihowaan akka si gargaaru mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu maaliifi?

13 Yeroo harʼaatti utuma mormiin nu mudatuu hinaaffaadhaan lallabuu keenya itti fufuuf gargaarsi Yihowaa nu barbaachisa. (Mul. 12:17) Yihowaan akka si deggeru mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu maaliifi? Mee kadhannaa Yesuus dhiheessee fi Yohaannis boqonnaa 17 irratti galmeeffame haa ilaallu. Yesuus ergamootasaatiif eegumsa akka godhu Yihowaa kadhateera; Yihowaanis kadhannaasaatiif deebii kenneera. Kitaabni Hojii Ergamootaa Yihowaan utuma ariʼatamni isaanirra gaʼuu hinaaffaadhaan akka lallaban kan isaan gargaare akkamitti akka taʼe ibsa. Yesuus kadhannaasaarratti namoota wanta ergamoonni lallaban amananis akka eegu Yihowaa gaafateera. Kun siinis ni dabalata. Yihowaan kadhannaa Yesuusiif deebii kennuusaa hin dhiisne; akkuma ergamoota gargaare siinis ni gargaara.—Yoh. 17:11, 15, 20.

14. Hinaaffaadhaan lallabuu keenya itti fufuu akka dandeenyu kan beeknu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

14 Yeroo dhumni caalaatti dhihaachaa deemu misiraachicha hinaaffaadhaan lallabuun caalaatti ulfaachaa kan deemu taʼus, gargaarsa nu barbaachisu hunda ni arganna. (Luq. 21:12-15) Akkuma Yesuusii fi barattootasaa nutis namoonni ergaa keenya akka fudhatan hin dirqisiisnu, mormii keessas hin seennu. Obboloonni keenya ciminasaaniitti utuu hin taʼin Yihowaatti waan amananiif yeroo hojiin keenya dhorkamettillee misiraachicha lallabuusaanii itti fufuu dandaʼaniiru. Yihowaan tajaajiltootasaa jaarraa jalqabaatti turaniif akkuma humna kennaa ture yeroo harʼaattis hamma inni barbaadu ‘hojii lallabaa guutummaatti akka raawwannuuf’ humna nuuf kenna. (2 Xim. 4:17) Yihowaatti yoo amanamte hinaaffaadhaan lallabuu kee itti fufuu akka dandeessu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.

Babalʼistoonni hinaaffaa qaban yeroo hojiin keenya dhorkamuttillee karaa amantiisaanii malaan namootatti itti himan ni barbaaddatu (Keeyyata 14 ilaali))b


ILAALCHA GAARII QABAATEE ITTI FUFEERA

15. Yesuus tajaajilaaf ilaalcha gaarii akka qabu wanti argisiisu maalidha?

15 Yesuus hojii lallabaatiif ilaalcha gaarii qabaatee itti fufeera. Kunis miira hoʼaa tajaajilasaatiif qabu eeggatee itti fufuuf isa gargaareera. Fakkeenyaaf, Dh.K.B. dhuma bara 30​tti, namoonni hedduun misiraachoo inni lallabuuf deebii gaarii kennaa akka jiran yommuu argu namoota kana midhaan haamaadhaaf gaʼetti fakkeesseera. (Yoh. 4:35) Gara waggaa tokkoo booda barattootasaatiin, “Hojiin makarichaa guddaa dha” jedheera. (Mat. 9:37, 38) Boodas, “Hojiin makarichaa guddaa dha, . . . Gooftaan makarichaa, hojjettoota gara makara isaatti akka ergu kadhadhaa” isaaniin jedheera. (Luq. 10:2) Yesuus ammayyuu namoonni misiraachichaaf deebii gaarii kennan akka jiran mirkanaaʼaa ture; yeroo deebii gaarii kennanittis ni gammada ture.—Luq. 10:21.

16. Fakkeenyonni Yesuus dubbate tajaajilaaf ilaalcha gaarii qabaachuu kan jajjabeessan akkamitti? (Luqaas 13:18-21) (Fakkichas ilaali.)

16 Yesuus barattoonnisaa ergaasaaniitiif ilaalcha gaarii akka qabaatan isaan barsiisuudhaan hinaaffaasaanii akka eeggatan isaan jajjabeesseera. Mee fakkeenyotasaa lama haa ilaallu. (Luqaas 13:18-21 dubbisi.) Yesuus ergaan Mootummichaa karaa ajaaʼibsiisaa taʼeen akka babalʼatuu fi itti fufiinsaan akka guddatu ibsuuf firii sanaaficaa akka fakkeenyaatti fayyadameera. Ergaan Mootummichaa akkamitti akka babalʼatuu fi jijjiirama dafee hin mulʼanne kan fidu akkamitti akka taʼe ibsuufimmoo raacitii akka fakkeenyaatti fayyadameera. Yesuus karaa kanaan, ergaan isaan lallaban buʼaa gaarii akka argamsiisu akka hubatan barattootasaa gargaareera.

Obboleettonni lama daandii namoonni itti baa⁠⁠y⁠ʼatanirra gaarii barreeffamaa bira dhaabbatanii jiru. Namoonni baa⁠⁠y⁠ʼeen callisanii isaan bira darbaa jiru.

Akkuma Yesuus nutis namoonni tokko tokko hojii lallabaatiif deebii gaarii akka kennan ni abdanna (Keeyyata 16 ilaali)


17. Wantoonni tajaajila keenyaaf ilaalcha gaarii qabaannee itti fufuuf nu kakaasan maalfaʼi?

17 Hojiin lallabaa keenya addunyaa maratti namoota hedduu gargaaraa akka jiru yeroo yaannu hinaaffaadhaan lallabuu keenya itti fufuuf kakaana. Waggaa waggaadhaan namoonni fedhii qabanii fi miliyoonaan lakkaaʼaman Ayyaana Yaadannoorratti ni argamu, akkasumas nu wajjin Kitaaba Qulqulluu ni qoʼatu. Namoonni kuma dhibbaan lakkaaʼamanimmoo cuuphamanii nu wajjin hojii lallabaarratti hirmaatu. Kana booda namoonni hammamii hojii lallabaa keenyaaf deebii gaarii akka kennan beekuu baannus, Yihowaan tuuta uummataa guddaa rakkina guddaarraa oolan walitti qabaa akka jiru garuu beekna. (Mul. 7:9, 14) Gooftaan makarichaa ammayyuu namoonni hedduun misiraachicha akka fudhatan waan beekuuf lallabuu keenya itti fufna.

18. Warri kaan waaʼee keenya maal akka hubatan barbaanna?

18 Barattoonni Yesuus yeroo hundumaa hinaaffaadhaan lallabuusaaniitiin beekamu. Fakkeenyaaf, ergamoonni ija jabinaa fi hinaaffaadhaan yeroo lallabanitti namoonni “Yesuusii wajjin akka [turan] ni hubatan.” (HoE. 4:13) Nutis misiraachicha ija jabinaa fi hinaaffaadhaan yommuu lallabnu namoonni fakkeenya Yesuus hordofaa akka jirru ni hubatu.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Hinaaffaa Yesuus tajaajilaaf qabu calaqqisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Akkuma Yesuus Yihowaatti akka amanamnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Akkuma Yesuus hojii lallabaatiif ilaalcha gaarii akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

FAARFANNAA 58 Warra Nagaa Jaallatan Barbaaduu

a IBSA JECHAA: Mata duree kana keessatti jechi, “hinaaffaa” jedhu miira hoʼaa fi hawwii Kiristiyaanonni Yihowaa itti waaqeffatan argisiisa.

b IBSA FAKKII: Obboleessi tokko buufata bobaʼaatti namicha tokkoof malaan dhugaa baʼaa jira.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi