Dandeettii Ittiin Barsiistu Guddifadhu
DANDEETTII ittiin barsiistu guddifachuuf galma akkamii baafatteetta? Yesus duuka buutonnisaa namoota bartoota akka godhan waan ajajeef, babalʼisaa haaraa yoo taate, atis Macaafa Qulqulluu akkamitti qayyabsiisuun akka dandaʼamu beekuu akka barbaaddu hin shakkisiisu. (Mat. 28:19, 20) Gama kanaan muuxannoo argatteetta taanaan, galmikee inni ittaanu namoota gargaartu caalaatti karaa buʼa qabeessa taʼeen garaasaanii tuquuf carraaqqii gochuu taʼa. Abbaa ykn haadha yoo taate, ijoolleenkee karaa Waaqayyoof akka of murteessan isaan kakaasuun barsiisuu akka barbaaddu beekamaadha. (3 Yoh. 4) Jaarsa yoo taate ykn taʼuudhaaf carraaqaa jirta taanaan, dhaggeeffattoonni Yihowaafi daandiisaatiif dinqisiifannaa guddaa akka qabaatan karaa gargaaruun nama haasaa sabaa dhiheessu taʼuu barbaadda taʼa. Galma kanarra gaʼuu kan dandeessu akkamitti?
Yesus isa akka gaariitti barsiisuudhaan beekamaa taʼerraa barumsa argachuu dandeessa. (Luq. 6:40) Wantoonni Yesus namoota hedduu gaararra turan, akkasumas namoota muraasa karaarra deemaa turanitti dubbateefi akkaataan inni itti dubbate, sammuusaanii keessaa kan hin banne ture. Dhaggeeffattoonni dammaqinaafi hawwiidhaan akka isa dhaggeeffatan godheera; akkasumas barumsicha akkamitti hojiirra oolchuu akka dandaʼan isaan hubachiiseera. Atoo akkas gochuu dandeessaa?
Yihowaatti Amanami
Yesus dandeettii ittiin barsiisu guddifachuu kan dandaʼe, Abbaasaa isa samii wajjin walitti dhufeenya gaarii waan qabuufi Waaqayyo hafuurasaatiin waan isa eebbiseef ture. Yihowaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu buʼa qabeessa taʼe geggeessuu akka dandeessu akka si gargaaru garaadhaa ni kadhattaa? Abbaa ykn haadha yoo taate, ijoolleekee yommuu barsiistu qajeelfama Waaqayyoo argachuuf yeroo hunda ni kadhattaa? Haasaa dhiheessuuf ykn walgaʼii geggeessuuf yommuu qophooftu garaadhaa ni kadhattaa? Kadhannaa akkasii gochuudhaan Yihowaatti amanamuunkee barsiisaa buʼa qabeessa taʼuuf si gargaara.
Dubbiisaatti, jechuunis Macaafa Qulqulluutti amanamuudhaanis Yihowaatti akka amanamtu argisiisuu dandeessa. Yesus inni mudaa hin qabne kadhannaa galgala duʼuusaa dura ture dhiheesserratti Abbaasaatiin, “Ani dubbii kee isaaniif kenneera” jedheera. (Yoh. 17:14) Yesus muuxannoo guddaa kan qabu taʼullee, yaada mataasaa hin dubbanne. Yeroo hunda wanta Abbaansaa isa barsiise dubbachuudhaan fakkeenya gaarii nuu taʼeera. (Yoh. 12:49, 50) Dubbiin Waaqayyoo, humna gocha, ilaalchaafi miira namootaarratti dhiibbaa gaarii geessisuu dandaʼu qaba. (Ibr. 4:12) Beekumsa Dubbii Waaqayyootiin guddachaa yommuu adeemtuufi tajaajila keerratti akka gaariitti yeroo itti fayyadamtu, namoonni Waaqayyotti akka dhihaatan barsiisuuf dandeettii qabaatta.—2 Xim. 3:16, 17.
Yihowaadhaaf Ulfina Kenni
Fakkeenya Kiristos hordofuudhaan barsiisaa taʼuu jechuun, haasaa gaarii dhiheessuu qofa miti. Namoonni, “dubbii gaarii” afaan Yesus keessaa baʼu dinqisiifatanii akka turan beekamaadha. (Luq. 4:22) Haataʼu malee, kaayyoon Yesus haasaa gaarii itti dhiheesse maal ture? Xiyyeeffannaa namootaa garasaatti harkisuu utuu hin taʼin, Yihowaadhaaf ulfina kennuu ture. (Yoh. 7:16-18) “Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan . . . namoota duratti haa ifu!” jechuudhaan duuka buutotasaa gorseera. (Mat. 5:16) Gorsi kun akkaataa itti barsiisnu ilaalchisee qajeelfama nuu taʼa. Wanti kaayyoo kanarraa nu jalʼisu akka jiraatu gochuu hin qabnu. Kanaaf, wanta tokko dubbachuu yeroo barbaannu ykn akkamitti dubbachuu akka qabnu yommuu yaannu, ‘Wanti kun namoonni Yihowaa akka dinqisiifatan kan jajjabeessumoo, xiyyeeffannaasaanii garakootti kan harkisudha?’ jennee of gaafachuu qabna.
Fakkeenyaafi seenaa dhugaarratti hundaaʼanii akka gaariitti barsiisuun ni dandaʼama. Haataʼu malee, fakkeenyaafi muuxannoo dheeraatti yoo fayyadamne, qabxiin barumsichaa utuu hin hubatamin hafuu dandaʼa. Seenaan namoota kolfisiisuuf dubbatamus, dhaggeeffattoonni kaayyoo barumsichaa utuu hin qalbeeffatin akka hafan gochuu dandaʼa. Obboleessi tokko akkas yoo godhe, kaayyoo barumsi kun itti dhihaatu raawwachuu mannaa, xiyyeeffannaa namootaa garasaatti harkisa.
‘Gargar Baasi’
Namni tokko duuka buutuu Kiristos isa dhugaa akka taʼuuf, wanta baratu sirriitti hubachuu qaba. Dhugaa hubachuufi garaagarummaa dhugaan kun amantiiwwan kaanii wajjin qabu qalbeeffachuu qaba. Wantoota walbira qabanii barsiisuun kana galmaan gaʼuuf gargaara.
Yihowaan, wanta qulqulluufi qulqulluu hin taane ‘gargar akka baasan’ irra deddeebiʼee sabasaatti himeera. (Lew. 10:9-11) Warri mana qulqullummaa hafuuraasaa isa guddaa keessatti tajaajilan, “garaagarummaa isa qulqulluu fi isa qulqulluu hin taʼin gidduu jiru” namoota kaan akka barsiisan dubbateera. (His. 44:23) Macaafni Fakkeenyaa, yeroo baayʼee garaagarummaa qajeelotaafi hamoota, akkasumas ogummaafi gowwummaa gidduu jiru walbira qabee ibsa. Wantoota wal hin faallessinillee walbira qabanii ibsuun ni dandaʼama. Phaawulos ergamaan Roomaa 5:7rratti, nama gaariifi nama qajeelaa walbira qabee ibseera. Macaafa Ibrootaa keessattimmoo, tajaajilli Yesus angafa lubootaa taʼuudhaan raawwatu kan Aaronirra akka caalu ibseera. Barsiisaan, Joon Amoos Koominiski jedhamuufi jaarraa 17ffatti jiraate akkas jechuudhaan barreesseera: “Barsiisuun, kaayyoo, qabiyyeefi maddi dhimma tokkoo isa kaanirra akkamitti akka adda taʼe gargar baasanii ibsuudha jechuudhaan alatti hiika garabiraa kennuun hin dandaʼamu. . . . Kanaaf, barsiisaa gaarii kan jedhamu, nama garaagarummaa wantoota addaddaa gidduu jiru akka gaariitti gargar baasee ibsuu dandaʼudha.”
Nama tokko waaʼee Mootummaa Waaqayyoo barsiisuu barbaaddeetta haa jennu. Namichi Mootummaan kun maal akka taʼe hin beeku taanaan, garaagarummaa barumsa Macaafa Qulqulluufi yaada namootaa isa Mootummichi garaa namootaa keessa jira jedhu gidduu jiru ibsuufii dandeessa. Yookiinimmoo, Mootummaan kun bulchiinsa ilmaan namootaarraa akkamitti adda akka taʼe ibsuufii dandeessa. Namoota dhugaa buʼuuraa kana beekaniif garuu, ibsa kanarra caalu kennita taʼa. Mootummaan Masiihichaa, mootummaa Yihowaa isa uumama cufaa Faarfannaa 103:19rratti ibsamerraa ykn “mootummaa ilma isaa isa jaallatamaa” Qolosaayis 1:13rratti ibsamerraa ykn bulchiinsa isa ‘wanta hundumaa harka Kristos jalatti akka walitti qabu’ dubbatameefi Efesoon 1:10rratti ibsamerraa adda akka taʼe ibsuun si barbaachisa taʼa. Mala wantoota walbira qabanii barsiisuutti fayyadamuun, barumsa Macaafa Qulqulluu barbaachisaa taʼe kana dhaggeeffattootaaf ifa gochuuf gargaara.
Yesus mala barsiisuu kanatti yeroo baayʼee fayyadameera. Seera Musee isa namoota hedduu biratti beekamaa taʼe, yaada barbaachisaa duuba Seerichaa jiruu wajjin walbira qabee dubbateera. (Mat. 5:21-48) Garaagarummaa dhugumaan nama Waaqayyoo taʼuufi gocha fakkeessaa Fariisonni raawwatan gidduu jiru ifa godheera. (Mat. 6:1-18) Garaagarummaa namoota warra kaanirratti “gooftummaa” argisiisaniifi amala fedhii ofii aarsaa gochuu duuka buutonnisaa argisiisan gidduu jiru walbira qabee ibseera. (Mat. 20:25-28) Yeroo garabiraattimmoo, Maatewos 21:28-32rratti akka ibsametti, Yesus garaagarummaa qajeelaa of fakkeessuufi garaadhaa qalbii geddarachuu gidduu jiru walbira qabanii akka ilaalan dhaggeeffattootasaatti dubbateera. Kunimmoo mala gaarii ittiin barsiisuu dandeenyu garabiraatti nu ceesisa.
Dhaggeeffattoonni Akka Irratti Yaadan Jajjabeessi
Maatewos 21:28rratti Yesus, wantoota walbira qabee dubbachuusaa dura, “Waaʼee isa ani isinitti himuuf jedhu kanaa maal yaaddu?” jedhee gaafachuusaa dubbisna. Barsiisaan dandeettii qabu, akkasumaan dhugaasaa hin dubbatu ykn deebii qofa hin kennu. Kanaa mannaa, dhaggeeffattoonnisaa dubbii gargar baasanii akka hubatan jajjabeessa. (Fak. 3:21; Rom. 12:1) Kunimmoo hamma tokko gaaffii gaafachuu dabalata. Akka Maatewos 17:25rratti argamutti Yesus, “Maal sitti fakkaata yaa Simoon? Mootonni biyya lafaa qaraxa yookiis gibira eenyu irraa fudhatu? Namoota isaanii irraa moo yookiis warra ormaa irraa fudhatu?” jechuudhaan gaafateera. Gaaffiin Yesus gaafate kun, Phexros qaraxa mana qulqullummaatiif kaffalamu ilaalchisee yaada sirrii akka qabaatu godheera. Kana malees, Yesus namicha “Nama isa kam?” jedhee isa gaafateef deebii yommuu kennu, wanta lubni tokkoofi namni gosa Lewwii tokko raawwatan, wanta namni Samaariyaa tokko godhee wajjin walbira qabee ibseera. Achiis, “Egaa jarreen sadan kana keessaa, isa kamtu namicha warra saamtuu afaan buʼe kana akka ofii isaatiitti ilaale sitti fakkaata?” jedhee isa gaafate. (Luq. 10:29-36) Asirrattis, Yesus bakka nama isa dhaggeeffachaa turee buʼee yaaduu mannaa, gaaffii gaafateef namichi ofumasaatii deebii akka kennu godheera.—Luq. 7:41-43.
Garaa Tuqi
Barsiisaan yaada Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu sirriitti hubate, waaqeffannaa dhugaa jechuun, dhugaa tokko tokko yaadachuu ykn seerawwan muraasaaf ajajamuu jechuu qofa akka hin taane ni hubata. Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuufi daandiiwwansaatiif dinqisiifannaa qabaachuu gaafata. Waaqeffannaan akkasii garaadhaa kan maddu taʼuu qaba. (Kes. 10:12, 13; Luq. 10:25-27) Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti jechi “garaa” jedhu yeroo baayʼee, hawwii, jaalala, miiraafi kakaʼumsa dabalatee eenyummaa nama tokkoo guutummaatti kan argisiisudha.
Namoonni eenyummaa nama tokkoo isa bakkeedhaan mulʼatu kan ilaalan taʼus, Waaqayyo garaa namaa akka ilaalu Yesus beeka ture. (1 Sam. 16:7) Waaqayyoon kan tajaajillu, jaalala isaaf qabnuun kakaanee malee, namootarraa dinqisiifannaa argachuuf jennee taʼuu hin qabu. (Mat. 6:5-8) Fariisonni garuu namootarraa dinqisiifannaa argachuuf jedhanii wantoota baayʼee raawwatu turan. Isaan, Seericha tokko tokkoon eeguufi seera ofiisaaniitii baasan eeguuf bakka guddaa kennu turan. Waaqayyoon akka waaqeffatan dubbataniyyuu, amala tajaajiltootasaa taʼuusaanii mulʼisu hin argisiisin hafaniiru. (Mat. 9:13; Luq. 11:42) Waaqayyoof abboomamuun barbaachisaa taʼus, wanti abboomamuuf nu kakaase baayʼee barbaachisaa taʼuusaa Yesus barsiiseera. (Mat. 15:7-9; Mar. 7:20-23; Yoh. 3:36) Mala Yesus itti barsiise yoo hordofne buʼaa gaarii arganna. Namoonni wanta Waaqayyo isaanirraa barbaadu akka hubatan gargaaruun keenya barbaachisaadha. Haataʼu malee, Yihowaan dhugumaan akka jiru kan amananiifi kan isa jaallatan yoo taʼe, jireenyisaanii Waaqa isa dhugaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf bakka guddaa akka kennan kan argisiisu taʼa.
Namoonni barumsa akkasiirraa faayidaa argachuuf, wanta garaasaanii keessa jiru qoruun akka isaan barbaachisu beekamaadha. Yesus wanta keessasaaniitii isaan kakaaseefi miirasaanii akka qoran namoota jajjabeesseera. Ilaalcha dogoggoraa sirreessuu yommuu barbaadu, wantoota tokko tokko maaliif akka yaadan, akka dubbataniifi akka raawwatan dhaggeeffattoota gaafata ture. Gaaffii qofa gaafachuu mannaa, yaada dabalataa dubbachuufi fakkeenyatti fayyadamuudhaan ykn wanta tokko raawwachuudhaan dhimma sana karaa sirrii taʼeen akka ilaalan godha ture. (Mar. 2:8; 4:40; 8:17; Luq. 6:41, 46) Nutis dhaggeeffattooni gaaffiiwwan armaan gadii akka of gaafatan gochuudhaan isaan gargaaruu dandeenya: ‘Daandii ani filadhe kun sirrii kan natti fakkaate maaliifi? Akkas kanan godhe maaliifi?’ Achiis dhimma sana karaa Yihowaan ilaaluun akka ilaalan isaan kakaasi.
Karaa Itti Hojiirra Oolchuun Dandaʼamu Ibsi
Barsiisaa gaariin, ‘ogummaan hundumaarra akka caalu’ beeka. (Fak. 4:7) Ogummaan dandeettii rakkoo hiikuu, balaarraa fagaachuu, galma tokkorra gaʼuu, warra kaan gargaaruufi beekumsa karaa buʼa qabeessa taʼeen hojiirra oolchuu jechuudha. Barattoonni akkas akka godhan gargaaruun itti gaafatamummaa barsiisichaa taʼus, isaaniif murteessa jechuu miti. Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu garaagaraarratti yommuu mariʼattan, baratichi wantoota akka waliin madaalu gargaari. Haala nama mudachuu dandaʼu tokko akka fakkeenyaatti caqasuudhaan, rakkoon akkasii utuu isa mudatee seerri buʼuuraa Macaafa Qulqulluurraa barate akkamitti isa gargaaruu akka dandaʼu gaafadhu.—Ibr. 5:14.
Akkaataa Phexros ergamaan Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, barumsasaa karaa hojiirra oolchuun dandaʼamuun itti dhiheesseefi jireenya namootaarratti jijjiirama fide fakkeenya gaarii taʼa. (HoE. 2:14-36) Phexros caqasoota namoonni sun akka itti amanan dubbatanirraa fudhataman sadiitti fayyadamee, wanta dhaggeeffattoonnisaa beekanii wajjin wal qabsiisee karaa itti hojiirra oolchuun dandaʼamuun ibseera. Kanaan kan kaʼes, namoonni sun wanta dhagaʼanitti waan tuqamaniif tarkaanfii fudhachuu akka qaban hubataniiru. Malli ati itti barsiistu namoonni tarkaanfii akkasii akka fudhatan ni kakaasaa? Dhugaasaa qofa utuu hin taʼin, sababii wanti tokko itti taʼe ni ibsitaa? Wanti barachaa jiran jireenyasaanii jijjiiruu akka qabu akka hubatan isaan jajjabeessitaa? Namoonni ati barsiistu, akkuma namoonni guyyaa Phenxeqosteetti walitti qabamanii turan “maal goonu ree?” jedhanii gaafatan hin gaafatan taʼa; taʼus caqasicha akkamitti hojiirra oolchuu akka dandaʼan akka gaariitti yoo ibsiteef, tarkaanfii sirrii fudhachuuf kakaʼuu dandaʼu.—HoE. 2:37.
Warra kan taatan, ijoollee keessanii wajjin yommuu Macaafa Qulqulluu dubbistan, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu akkamitti hojiirra oolchuu akka dandaʼan isaan leenjisuuf carraa gaarii argattu. (Efe. 6:4) Fakkeenyaaf sagantaa dubbisa Macaafa Qulqulluu torbaniirraa, caqasoota muraasa filachuudhaan hiikasaanii erga ibsitanii booda, gaaffii armaan gadii gaafadhaa: ‘Caqasni kun qajeelfama nuu taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Caqasoota kana tajaajilarratti akkamitti itti fayyadamuu dandeenya? Waaʼee Yihowaafi karaa inni itti wantoota tokko tokko raawwatu maal nu hubachiisa?’ Dinqisiifannaa isaaf qabnu kan nuu guddisu akkamitti? Ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti yeroo mariin godhamu maatiin keessan qabxiiwwan kanarratti yaada akka kennan jajjabeessaa. Caqasoota yaada irratti kennan akka yaadatan beekamaadha.
Fakkeenya Gaarii Taʼi
Wanta dubbattuun qofa utuu hin taʼin, gocha keetiinis isaan barsiista. Gochikee wanta dubbatte akkamitti hojiirra oolchuun akka dandaʼamu karaa qabatamaa taʼeen kan argisiisudha. Kunimmoo karaa itti ijoolleen barumsa argatanidha. Fakkeenya warrasaanii kan hordofan yoo taʼe, warrasaanii fakkaachuu barbaadu jechuudha. Wanta warrisaanii hojjetan beekuufi hojjechuun isaan gammachiisa. ‘Akkuma ati fakkeenya Kiristos fudhatte,’ namoonni ati barsiistu fakkeenyakee yommuu fudhatan, daandii Yihowaarra deddeebiʼuudhaan eebba argatu. (1 Qor. 11:1) Isaanis, muuxannoo Waaqayyo anaafis akkas godheera jedhanii dubbachuuf isaan dandeessisu qabaatu.
Yaanni kun, fakkeenya gaarii taʼuun baayʼee barbaachisaa taʼuusaa nu hubachiisa. “Jireenya qullaaʼaa, jireenya namoota Waaqayyoof taʼu jiraachuun” keenya, namoota barsiisnuuf seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu akkamitti hojiirra oolchuun akka dandaʼamu ifatti kan argisiisudha. (2 Phe. 3:11) Namni qayyabsiistu yeroo hunda Macaafa Qulqulluu akka dubbisu kan jajjabeessitu yoo taʼe, ofii keetiis kana gochuuf carraaquu qabda. Ijoolleenkee seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluutiin akka geggeeffaman yoo barbaadde, wanti ati raawwattu fedha Waaqayyoo wajjin kan walsimu taʼuu qaba. Gumiin hinaaffaadhaan tajaajilarratti akka hirmaatu kan barsiistu yoo taʼe, ofii keetiis hojii kanarratti akka gaariitti hirmaachuu qabda. Wanta barsiistu hojiirra kan oolchitu yoo taʼe, warri kaanis akkas akka godhan jajjabeessuuf gaʼumsa qabda jechuudha.—Rom. 2:21-23.
Dandeettii ittiin barsiistu guddifachuuf, akkas jedhii of gaafadhu: ‘Yeroon barsiisu, ilaalcha, dubbii ykn gocha dhaggeeffattootaa karaa jijjiiruu dandaʼuun nan barsiisaa? Garaagarummaa wantoota lama gidduu jiru akka gaariittan ifa godhaa? Namootan qayyabsiisu, ijoolleekoo ykn namoonni walgaʼiirratti argaman barumsicha akka yaadatan gargaaruuf maal gochuun qaba? Wanta barachaa jiran akkamitti hojiirra oolchuu akka dandaʼan akka gaariittan ifa isaaniif godhaa? Gama kanaan fakkeenya taʼuukoo ni arguu? Barumsichi, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qaban akkamitti tuquu akka dandaʼuu ni hubatuu?’ (Fak. 9:10) Dandeettii ittiin barsiisuu guddifachuuf carraaqqii gootuun, wantoota kanaaf xiyyeeffannaa kennuukee itti fufi. “Ati ofii kee, barsiisa kees eeggadhu, itti jabaadhu! Akkas gochuu keetiin mataa kee, warra si dhagaʼanis gara fayyinaatti in geessita.”—1 Xim. 4:16.