Guddina Argisiisuukee Itti Fufi
SEERA BUʼUURAA Macaafa Qulqulluu erga barattee booda, ilaalcha, dubbiifi amala keerratti suutuma suuta jijjiirama gochuu jalqabde. Jijjiirama kana keessaa hedduusaanii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti galmeeffamuukee dura gooteetta. Sana boodas hamma Yihowaadhaaf of murteessuurra geessutti guddina dabalataa akka goote beekamaadha. Kana jechuun isa booda guddina argisiisuun si hin barbaachisu jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Cuuphaan tarkaanfii jalqabaa malee isa dhumaa miti.
Phaawulos, Ximotewosiin “namoonni hundinuu itti guddachaa adeemuu kee akka arganitti, kennaa kanaan hojjedhu! Ittis of gad dhiisi!” jedhee yommuu gorsu, Ximotewos jaarsa kan ture siʼa taʼu, gorsa argates taʼe mirga tajaajilaa argate jabeessee akka qabatu isa yaadachiisuusaa ture. (1 Xim. 4:12-15) Dhiheenyatti daandii dhugaarra deddeebiʼuu kan jalqabdes taʼe, Kiristiyaana muuxannoo qabdu yoo taate, guddina argisiisuuf xiyyeeffannaa kennuu qabda.
Beekumsa Argachuufi Jijjiirama Gochuu
Efesoon 3:14-19rratti Phaawulos, namoonni hidhata amantiisaa taʼan dhugaan “hammam akka balʼatu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatu, hammam akka gad fagaatus hubachuu akka [dandaʼan]” kadhachuusaa dubbisna. Kana galmaan gaʼuufis, Yesus dhiirota gumicha barsiisan, sirreessaniifi jajjabeessan kenneera. Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamerratti yeroo hunda xiinxaluufi qajeelfamni barsiisota muuxannoo qabanirraa argannu, karaa hafuuraa akka ‘guddannu’ nu gargaaruu dandaʼa.—Efe. 4:11-15.
Guddinni kun ‘humna sammuu keenya hojjechiisuun haaromfamaa’ deemuu kan dabalatudha. Kunis, ilaalcha Waaqayyoofi Kiristosii wajjin wal fakkaatu qabaachuu dabalata. “Namummaa haaraa” uffachuun, yeroo hunda ilaalcha akkasii qabaachuu gaafata. (Efe. 4:23, 24) Wangeelota waaʼee jireenya Kiristos ibsan yommuu qayyabattu, seenaa kana carraa fakkeenyasaa hordofuuf si gargaaru gootee ilaaltaa? Amalawwan Yesus argisiise tokko tokkorratti xiinxaluudhaan hojiirra oolchuuf ni carraaqxaa?—1 Phe. 2:21.
Yommuu namootaa wajjin mariʼattu wanti dubbattu, karaa hafuuraa hangam akka guddatte kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Namoonni namummaa haaraa uffatan, sobni, arrabsoon ykn dubbiin nama hin ijaarre afaansaanii keessaa hin baʼu. Kanaa mannaa, ‘dubbii gargaaruufi warra dhagaʼuufis ayyaana kennu’ dubbatu. (Efe. 4:25, 26, 29, 31; 5:3, 4; Yih. 16) Wanti isaan namootaa wajjinis taʼe gumiirratti dubbatan, dhugaan jireenyasaanii jijjiiraa akka jiru kan argisiisudha.
Nama ‘dhaʼaan asiifi achi rukutuufi qilleensa barsiisa axaarotaatiin fudhatamu taʼuu’ dhiisteetta taanaan, kun guddachaa akka jirtu argisiisa. (Efe. 4:14) Fakkeenyaaf, yaada haaraa ykn bashannana addunyaan kun yeroo yeroodhaan dhiheessuuf ilaalcha akkamii qabda? Yeroo itti gaafatamummaa karaa hafuuraa qabdu raawwachuuf si gargaaru wantoota kanarratti dabarsuuf qoramtaa? Kana yoo goote karaa hafuuraa guddachuu hin dandeessu. Yeroo nuu kenname utuu hin dabarsin jireenya hafuuraatiif oolchuun keenya barbaachisaadha.—Efe. 5:15, 16.
Walitti dhufeenyi warra kaanii wajjin qabdus, karaa hafuuraa hammam akka guddatte argisiisa. Obboloota keetiif ‘garaa laafuufi dhiifama’ gochuu baratteettaa?—Efe. 4:32.
Wanti gumiittis taʼe mana keessatti karaa Yihowaa gammachiisuun raawwattu guddinakee kan argisiisu taʼuu qaba. Kana malees, mana barumsaatti, namoota durattiifi bakka hojiitti kan mulʼatu taʼuu qaba. (Efe. 5:21–6:9) Bakka hundumaatti amalawwan Waaqayyoon gammachiisan kana guutummaatti kan calaqqiftu yoo taʼe guddinnikee ifatti mulʼata.
Kennaa Qabdutti Fayyadami
Yihowaan hunda keenyaaf dandeettiifi kennaa addaa nuu kenneera. Dandeettiifi kennaa addaa kanaanis warra kaan akka gargaarru kan barbaadu siʼa taʼu, nutti fayyadamees gaarummaasaa warra kaaniif argisiisuu dandaʼa. Phexros kana ilaalchisee, “Akka hojii adeemsiftuu gaggaariin kennaa Waaqayyoo . . . hojii irra oolchanitti, namni adduma addaan kennaa ayyaanaa isa argate, warra kaaniifis akka waaʼee baasutti ittiin haa hojjetu” jechuudhaan barreesseera. (1 Phe. 4:10) Kennaa addaa hojii adeemsiftuu taatee akka tajaajiltu sii kenname akkamitti raawwachaa jirta?
Phexros itti fufuudhaan, “Inni dubbatu, isa Waaqayyo jedhe haa dubbatu” jedheera. (1 Phe. 4:11) Caqasni kun wanti dubbannu Dubbii Waaqayyoo wajjin kan walsimu taʼuu akka qabu kan addeessu siʼa taʼu, akkas gochuun keenyas Waaqayyoof ulfina fida. Akkaataan itti dubbannus Waaqayyoof ulfina kan fidu taʼuu qaba. Leenjiin Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti kennamu, kennaa kana karaa Waaqayyoof ulfina fiduun warra kaan gargaaruuf akka itti fayyadamtu si gargaaruu dandaʼa. Yaada kana sammuutti qabachuudhaan, mana barumsaa kanarratti guddina argisiisaa akka jirtu of gamaaggamuu kan dandeessu akkamitti?
Qabxii foormii gorsi sii kennamurratti argamu keessaa hammam akka dhiheessite yaaduu ykn kutaawwan sii kennamanirratti yaaduu mannaa, leenjiin kun qulqullina aarsaa galataa dhiheessitu fooyyessuurratti hammam akka si gargaare yaadi. Manni barumsichaa tajaajilarratti caalaatti buʼa qabeeyyii akka taanu nu gargaara. Kanaaf akkas jedhii of gaafadhu: ‘Wantan tajaajilarratti dubbadhu durseen qophaaʼaa? Namootan dhugaa baʼuuf garaadhaa yaaduu baradheeraa? Gaaffii maree ittaanuuf buʼuura taʼu tokko gaafachuudhaan, deddeebii gaaffii gochuuf haala nan mijeessaa? Nama tokko Macaafa Qulqulluu yommuun qayyabsiisu, barsiisaa garaa baratichaa tuqu taʼuuf carraaqqii gochaan jiraa?’
Mirga tajaajilaa argatterratti hundooftee guddinakee hin gamaaggamin. Guddinnikee, mirga argatte kanatti akkamitti akka itti hojjechaa jirtuun malee, mirga argatteen kan ilaalamu miti. Barsiisuudhaaf mirga argatteetta taanaan, ‘Dandeettii barsiisuutti akka gaariitti fayyadameeraa? Barumsicha karaa dhaggeeffattoonni jireenyasaanii akka jijjiiran kakaasuun dhiheesseeraa?’ jedhii of gaafadhu.
Kennaa addaa qabdutti akka fayyadamtu gorsa sii kenname dursa fudhadhuutii hojiirra oolchi. Warra kaanii wajjin tajaajiluuf dursa ni fudhattaa? Namoota haaraa, dargaggoota, akkasumas obboloota dhibee fayyaa qabaniifi gumii keessatti argaman gargaaruuf ni carraaqxaa? Galma Mootummaa qulqulleessuurratti ykn hojii garaagaraa walgaʼii gurguddaarratti hojjetamuuf of dhiheessitaa? Darbee darbee qajeelchaa gargaaraa taatee tajaajiluu dandeessaa? Qajeelchaa taatee ykn gumii gargaarsi caalaatti barbaachisu dhaqxe tajaajiluu dandeessaa? Dhiira cuuphame yoo taate, ulaagaa Caaffata Qulqullaaʼoo tajaajilaa gumiifi jaarsa taʼuuf barbaachisu guutuuf carraaqaa jirtaa? Warra kaan gargaaruufi itti gaafatamummaa fudhachuuf of dhiheessuunkee guddina argisiisaa akka jirtu ibsa.—Far. 110:3.
Gaʼee Muuxannoon Qabu
Kiristiyaana muuxannoo gaʼaa hin qabne akka taate yoo sitti dhagaʼame abdii hin kutatin. Dubbiin Waaqayyoo, “wallaalota iyyuu beektota” gochuu dandaʼa. (Far. 19:7; 119:130; Fak. 1:1-4) Gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun, beekumsa Yihowaa isa mudaa hin qabnerraa akka fayyadamnu nu gargaara; kunimmoo beekumsa muuxannoodhaan qofa argannu kamirrayyuu ni caala. Haataʼu malee tajaajila Yihowaatiin yommuu guddannu, muuxannoo gaarii argachaa adeemna. Muuxannoo arganne kana karaa buʼa qabeessa taʼeen itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
Namni jireenyasaa keessatti wantoota baayʼee arge tokko, ‘Wanti kun kanaan dura waan na mudateef, maal gochuu akkan qabu beeka’ jedhee yaaduuf qoramuu dandaʼa. Haataʼu malee kun sirrii taʼuu dandaʼaa? Fakkeenyi 3:7, “Ani ogummaa qaba ofiin hin jedhin” jechuudhaan akeekkachiisa. Muuxannoon qabnu, wantoonni tokko tokko yommuu nu mudatan dhimma kana balʼisnee ilaaluuf akka nu gargaaru beekamaadha. Karaa hafuuraa guddachaa jirra taanaan, muuxannoon arganne milkaaʼina argachuuf eebbi Yihowaa akka nu barbaachisu yaadaafi gaaraa guutuudhaan akka hubannu nu gochuu qaba. Karaa hafuuraa guddachuun keenya, rakkoowwan nu mudatan hubannaa mataa keenyaatiin hiikuudhaan utuu hin taʼin, yeroo hunda qajeelfama Yihowaa argachuuf carraaqii gochuudhaan mulʼata. Amantiin keenya wanti tokkoyyuu fedha Yihowaatiin alatti raawwatamuu akka hin dandeenye amanuu, akkasumas Abbaa keenya isa samii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuudhaan argisiifama.
Guddina Argisiisuukee Itti Fufi
Phaawulos Kiristiyaana hafuuraan dibameefi gaʼeessa taʼullee, badhaasa jireenyaa argachuuf ‘wanta isa dura jirutti hiixachuu’ akka qabu hubatee ture. (Filp. 3:13-16) Atoo ilaalcha akkasii qabdaa?
Karaa hafuuraa hammam guddatteetta? Namummaa isa haaraa hammam akka uffatte, olaantummaa Yihowaatiif hammam akka bitamtuufi kennaa addaa argatteen Yihowaadhaaf ulfina fiduuf hammam carraaqaa akka jirtu of gamaaggami. Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa faayidaa argachaa yommuu adeemtu, amalli Dubbii Waaqayyoo keessatti bakki guddaan kennamuuf, dubbiifi barsiisa keerratti ifatti kan mulʼatu taʼuu qaba. Gama kanaan guddina argisiisuukee itti fufi. Kanaaf guddina gama kanaan gootutti gammadi; guddinnikees ifatti ni mulʼata.