LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be ful. 71-ful. 73 key. 3
  • Xalayaa Barreessuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Xalayaa Barreessuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Xalayaadhaan Dhugaa Baʼuu
  • Akkaataa Xalayaan Itti Barreeffamu
  • Yaada Xalayichaa
  • Xalayaa Akka Fakkeenyaatti Dhihaate
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Xalayaa Gaarii Barreessuu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be ful. 71-ful. 73 key. 3

Xalayaa Barreessuu

XALAYAAN jireenyaafi amala namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii jijjiireera. Kitaabonni Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii garri caalaansaanii jalqabarratti akka xalayaatti kan barreeffaman turan. Harʼas xalayaadhaan Kiristiyaanota haaraa jajjabeessuu, michoota keenyaa wajjin wal qunnamuuf, obboloota itti gaafatamummaa addaa qabaniifi namoota rakkinni isaan mudate jajjabeessuu, akkasumas sochii gumii wajjin haala wal qabateen odeeffannoo barbaachisaa walii erguu dandeenya.—1 Tas. 1:1-7; 5:27; 2 Phe. 3:1, 2.

Xalayaan hojii lallabaatiifis gaʼee guddaa qaba. Naannoowwan tokko tokkotti, namoonni hedduun gamoowwaniifi manneen jireenyaa eegumsi cimaan itti godhamu keessa waan jiraataniif namoota kanaaf dhugaa baʼuun rakkisaadha. Namoonni kaanimmoo yeroo baayʼee manatti waan hin argamneef, manaa gara manaatti yommuu tajaajillu isaan hin argannu. Warri kaanimmoo mana adabaa dabalatee naannoowwan namoota salphaatti argachuun hin dandaʼamne keessa jiraatu.

Yeroo tokko tokkommoo, sababii dhukkubaatiin, haala qilleensaa mijaaʼaa hin taaneen, saʼaatii seeraan daangeffame booda baʼuun dhowwaa waan taʼeef manaa baʼuu hin dandeessu taʼa. Fira keetiif ykn nama kanaan dura karaa alidilee taʼeen dhugaa baateef xalayaa barreessuu dandeessaa? Namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiiste keessaa bakka garabiraa kan jiraatu jiraa? Xalayaa isaaf barreessuunkee qoftillee, fedhii jireenya hafuuraatiif qabu akka hin dhabne isa gargaaruu dandaʼa. Yookiinimmoo namoota dhiheenyatti wal fuudhaniif, namoota mucaa godhataniif ykn namoota nama jaallatan duʼaan dhabaniif xalayaa barreessuudhaan caqasa nama jajjabeessu hiruufii dandeessa taʼa.

Xalayaadhaan Dhugaa Baʼuu

Nama hin beekneef xalayaa yommuu barreessitu, jalqaba eenyummaakee ibsiif. Tarii hojii addunyaa maratti fedhiidhaan raawwatamurratti hirmaachaa akka jirtu ibsuufii dandeessa. Barbaachisaa yoo taʼe Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuukee ibsiif. Dhaqxee isaa wajjin haasaʼuu mannaa xalayaa barreessuufii kan barbaadde maaliif akka taʼe ifa godhiif. Yommuu xalayicha barreessitu akka isaa wajjin haasaʼaa jirtu godhii yaadi. Taʼus gorsa “akka bofaa afchaala taʼaa, akka gugees garraamii taʼaa!” jedhuu wajjin haala walsimuun, waaʼee eenyummaakee hangam ibsuufii akka qabdu dursii irratti yaadi.—Mat. 10:16.

Wanta namicha utuu argattee itti himtu, xalayaa keerratti ibsi. Yaada seensaa kitaaba Riiziniingi jedhamurratti argamu ykn akkaataa dhiheenyaa Tajaajila Mootummaa dhihoo baʼerratti argamu fayyadamuu ykn gaaffii tokko gaafachuudhaan akka irratti yaadu isa jajjabeessuu dandeessa. Babalʼistoonni tokko tokko, gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼanii gaafatamaniif kaffaltii malee deebii kennuuf qophiin godhame akka jiru ibsuudhaan, matadureewwan barreeffamoota ittiin qayyabsiisnurra jiran tokko tokko namootaaf ibsu. Xalayaan dhugaa baʼuuf barreeffamu maal akka fakkaatu fuula 73⁠rratti argama. Fakkeenya kanarraa yaada tokko tokko argachuu kan dandeessu taʼus, qabiyyee xalayichaa jijijjiiruunkee gaariidha. Akkas gochuu baannaan, xalayaan yaannisaa wal fakkaatu irra deddeebiʼee namoota gaʼuu dandaʼa.

Namoonni tokko tokko xalayaa dheeraa namoota hin beeknerraa isaanii ergame dubbisuu hin barbaadan. Kanaaf, xalayaa gabaabaa barreessuunkee gaariidha. Xalayaa dheeraa nama nuffisiisu hin barreessin. Waraqaa afeerrii walgaʼii Galma Mootummaatti godhamurratti akka argamu ibsuu wajjin erguunkee gaariidha. Tiraaktii, birooshura ykn barruu Masaraa Eegumsaa ykn Dammaqaa! tokko itti dabaltee erguudhaan, barbaannaan barreeffamoota kana yeroo yeroodhaan argachuu akka dandaʼu ibsiif. Yookiinimmoo, manasaa dhaqxee dhimma sanarratti balʼinaan mariʼachuuf fedhii qabaachuusaa gaafachuu dandeessa.

Akkaataa Xalayaan Itti Barreeffamu

Fakkii fuula 73⁠rra jiru

Amma xalayaa akka fakkeenyaatti kenname ilaali. Wantoota armaan gadii qalbeeffadhu: (1) Qulqullinaan kan barreeffamedha. (2) Poostichi yoo jalaa badellee, maqaafi teessoo nama sanaa xalayicharraa argachuu dandaʼa. (3) Kaayyoon xalayichaa, keeyyata jalqabaarratti karaa salphaafi ifa taʼeen ibsameera. (4) Yaanni gurguddaan keeyyata keeyyataan kaaʼameera. (5) Xalayichi jechoota hubachuuf nama rakkisaniin ykn baayʼee salphaa taʼaniin kan barreeffame miti.

Barreessaan gumii xalayaa waajjira dameetiif ergurratti, maqaa gumichaa, maqaasaa, lakkoofsa saanduqa poostaafi guyyaa sana barreessuu qaba. Maqaafi teessoon namni ykn dhaabbanni xalayichi barreeffameefis ibsamuu qaba. Ittaansuudhaan nagaatu gaafatama. Yeroo baayʼee, dhuma xalayichaarratti mallattoo dura jecha “Abbaakee” ykn “Haadhakee” ykn “Obboleessakee” ykn “Nagaa wajjin” jedhuufi kan kana fakkaatantu barreeffama. Xalayichi harkaan mallatteeffamuu qaba.

Xalayaa akkamiyyuu yommuu barreessitu, qubee, caasluga, sirni xuqaalee sirrii taʼuusaaniifi qulqullinaan barreeffamuusaa mirkaneessi. Kunis, xalayaankees taʼe ergaan xalayichaa ulfina akka qabaatu godha.

Yeroo hunda poostichaarratti teessoofi saanduqa poostaakee utuu barreessitee ni filatama. Namoota hin beekneef yommuu xalayaadhaan dhugaa baatu teessookee kennuun sirrii akka hin taane yoo sitti dhagaʼame, saanduqa poostaa Galma Mootummaatti fayyadamuuf dursii jaarsolii gaafadhu. Teessoo waajjira damee kaayyoo kanaaf gargaaramuu hin qabdu; teessoo kanaan barreessuun xalayaan sun waajjira kanarraa waan ergame fakkeessuu dandaʼa. Teessoo utuu hin barreessin barreeffamoota poostaadhaan erguunis xalayichi waajjira kanarraa waan barreeffame fakkeessuu dandaʼa.

Keessumaa barreeffama keessa keessee kan ergitu yoo taʼe, baasii tajaajila poostaatiif barbaachisu kaffaluukee mirkaneessi. Gatiin teembiraa gaʼaa taʼuu baannaan, namni poostaan kun ergameef qarshii dabalataa akka kaffalu waan gaafatamuuf, ergichaaf fedhii akka dhabu isa gochuu dandaʼa. Biyyoota hedduutti birooshurri ykn barruun tokko poostaadhaan yoo ergame, kaffaltiinsaa kan xalayaa tokkoorra akka caalu yaadadhu.

Yaada Xalayichaa

Xalayaakee barreessitee erga xumurtee booda yaadasaa gamaaggamuuf irra deebiʼii dubbisi. Yaada akkamii dabarsa? Jaalala kan argisiisuufi malaan kan barreeffamedhaa? Walitti dhufeenya namoota kaanii wajjin qabnuun, jaalalaafi gaarummaa argisiisuu barbaanna. (Gal. 5:22, 23) Xalayaankee yaada nama mufachiisu akka qabu yoo hubatte irra deebiʼii sirreessi.

Xalayaan bakka ati gaʼuu hin dandeenye dhaquu dandaʼa. Dhugaan kun, xalayaan tajaajilaaf baayʼee barbaachisaa taʼuusaa argisiisa. Xalayaan ati barreessite waaʼeekeefi waaʼee ejjennookee waan ibsuuf, yaada, qulqullinaafi ergaasaarratti xiinxaluu qabda. Namni tokko daandii jireenyaarra deddeebiʼuu akka jalqabu gargaaruufi daandii kanarras deddeebiʼuusaa akka itti fufu jajjabeessuuf, xalayaan gaʼee guddaa qaba.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi