LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb19 Bitootessa ful. 5
  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Xalayaa Gaarii Barreessuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Xalayaa Gaarii Barreessuu
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Xalayaa Barreessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Kaardii Teessoo JW.ORG Akka Gaariitti Fayyadamaa Jirtuu?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Xalayaa Akka Fakkeenyaatti Dhihaate
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
mwb19 Bitootessa ful. 5

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu​—Xalayaa Gaarii Barreessuu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Kitaabni 1 Qorontos xalayaawwan 14 Phaawulos Kiristiyaanota jajjabeessuuf barreesse keessaa isa tokko dha. Namni xalayaa barreessu yeroo waan qabuuf jechoota itti fayyadamu of eeggannoodhaan filata; kun immoo namni barreeffameef sun irra deddeebiʼee akka dubbisu gochuu dandaʼa. Xalayaa barreessuun firoota keenyaa fi namoota beeknu kaaniif dhugaa baʼuuf mala gaarii taʼe dha. Kana malees, namoota qaamaan argannee haasofsiisuu hin dandeenyeef dhugaa baʼuuf mala buʼa qabeessa taʼe dha. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko fedhii kan qaban taʼu illee, manatti isaan argachuun rakkisaa taʼu dandaʼa. Tarii namoonni naannoowwan tajaajilaa keenya keessaa jiran argachuun kan nu rakkisu, gamoowwan fi naannoowwan jireenyaa eegumsi cimaan godhamu keessa ykn naannoowwan fagaatanii argamanitti waan jiraataniif taʼuu dandaʼa. Nama hin beekne tokkoof yeroo xalayaa barreessinu wantoonni yaadatti qabachuu qabnu tokko tokko kamfaʼi?

The apostle Paul writes a letter

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Obboleettiin tokko wanta xalayaa irratti barreessitu yaadaa jirti

    Wanta utuu nama sana qaamaan argattee dubbachuu dandeessu barreessi. Jalqaba xalayichaa irratti maqaa kee barreessi, achiis maalif akka barreessite ifatti ibsiif. Tarii gaaffii namni sun akka irratti yaadu godhu isa gaafachuu dandeessa. Achiis, gara weeb saayitii keenyatti isa qajeelchi. Qophiin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu akka jiru itti himi; yookiin immoo meeshaawwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran keessaa isa tokko irraa mata dureewwan boqonnaa tokko tokko ibsiif. Barreeffamoota kanneen akka kaardii teessoo, waraqaa afeerrii ykn tiraaktii xalayicha keessa kaaʼuu dandeessa

  • Xalayaan kee gabaabaa haa taʼu. Hamma namni sun dubbisuu nuffutti dheerachuu hin qabu.—Xalayaa akka fakkeenyaatti barreeffamee fi fuula 8 irra jiru ilaali

  • Dogoggora kan hin qabnee fi sirriitti kan dubbifamu taʼuu isaa mirkaneessi. Akkasumas akka michuu tokkoof taʼutti, malaanii fi karaa ulfina qabun barreeffamuu isaa mirkaneeffachuuf irra deebiʼii dubbisi

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi