LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 12 ful. 121-ful. 123 key. 2
  • Sochii Qaamaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sochii Qaamaa
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Miira Hoʼaa Qabaachuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Bifa Mariitiin Dhiheessuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Jaalala Qabaachuu fi Miira Namootaa Hubachuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa: Kitaabni Qulqulluun dhugaatii yommuu dhuganitti waaʼee burcuqqoo ol kaasuu hin ibsu erga taʼee, Dhugaa Baatonni Yihowaa gocha akkasii irraa kan of qusatan maaliifi?
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 12 ful. 121-ful. 123 key. 2

Qayyabannaa 12

Sochii Qaamaa

Maal gochuu qabda?

Harka, gatiittii ykn guutummaa qaamakee sochoosuudhaan yaada, miira ykn ilaalchakee ibsi.

Ija, afaaniifi mataakee sochoosuudhaan, dubbiinkee akka humna qabaatu gochuufi miira sitti dhagaʼamu ibsuu dandeessa.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Sochiin qaamaa, haasaakee caalaatti jabeessuufi miidhagsuuf gargaara. Kunis, caalaatti miira hoʼaadhaan akka dubbattuufi sagaleenkee miirakee akka ibsu godha.

AADAA tokko tokko keessatti namoonni sochii qaamaatti akka gaariitti fayyadamu; iddoo tokko tokkottimmoo haallisaa kanarraa adda taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee namoonni hundi warra kaanii wajjin yommuu mariʼatan ykn yommuu haasaa dhiheessan, miira fuulasaaniirraa mulʼatu dabalatee sochii qaamaa tokko tokko gochuunsaanii hin oolu.

Yesusiifi bartoonnisaa sochii qaamaatti ni fayyadamu turan. Gaaf tokko namni tokko haatikeefi obboloonnikee si barbaadu jedhee itti himuuf gara Yesus dhufe. Macaafni Qulqulluun Yesusis, “Haati koo eenyu? Obboloonni koos eenyufaʼi?” jedhee erga gaafatee booda, “Harka isaas gara bartoota isaatiitti qabee, ‘Kunoo ti haati koo, obboloonni koos!ʼ” jedhee akka dubbate ibsa. (Mat. 12:48, 49) Hojiin Ergamootaa 12:17fi 13:16, Phexrosiifi Phaawulos sochii qaamaatti fayyadamuusaanii kan ibsu siʼa taʼu, Macaafni Qulqulluun seenaa kanaa wajjin wal fakkaatan hedduu qabateera.

Sagaleedhaan qofa utuu hin taʼin, sochii qaamaattis fayyadamanii yaadaafi miira ofii ibsuun ni dandaʼama. Namni haasaa dhiheessu mala kanatti karaa sirrii taʼeen hin fayyadamu taanaan, haasichaaf dantaa waan hin qabne isa fakkeessuu dandaʼa. Haataʼu malee sochii qaamaatti akka gaariitti fayyadamuun, haasichi caalaatti buʼa qabeessa akka taʼu gochuurratti shoora guddaa qaba. Yeroo bilbilaan haasoftullee akka barbaachisummaasaatti sochii qaamaa kan gootu yoo taʼe, ergaankee barbaachisaa akka taʼeefi dhimma sana ilaalchisee wanta sitti dhagaʼamu sagalee keerraa hubachuun ni dandaʼama. Kanaaf, yommuu dubbattus taʼe yommuu dubbistu, yommuu dhaggeeffattoonni si ilaalanis taʼe yommuu Macaafa Qulqulluu baasanii si hordofan, sochii qaamaa argisiisuunkee barbaachisaadha.

Sochiin qaamaa argisiistu kan qayyabatame fakkaachuu hin qabu. Kolfa ykn dheekkamsa namoota kaanirraa hin baranne. Kanaaf, sochiin qaamaa wanta sitti dhagaʼamu kan argisiisu taʼuu qaba. Sochiin kun itti dhiphattee utuu hin taʼin, keessa keetii yoo dhufe caalaatti gaarii taʼa.

Sochiin qaamaa bakka lamatti kan hiramu siʼa taʼu, isaanis yaada tokko kan ibsan ykn kan jabeessan jedhamuudhaan beekamu. Ibsitoonni gocha kan ibsan ykn hangaafi kallattii kan argisiisanidha. Qabxii sochii qaamaa jedhurratti akka hojjettu kutaan yommuu sii kennamu, sochii qaamaa tokko ykn lama qofa argisiisuun gaʼaadha jettee hin yaadin. Guutummaa haasaakee keessatti karaa sirrii taʼeen sochii qaamaa garaagaraatti fayyadamuu yaali. Akkas gochuun kan si rakkisu yoo taʼe, kallattii, fageenya, balʼina, iddoo ykn jechoota kallattii taaʼumsaa argisiisaniif xiyyeeffannaa kennuunkee gaarii taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, namoonni waaʼeekee maaltu akka itti dhagaʼamu yaaduudhaan dhiphachuu mannaa, yaannikee barumsichatti akka qabamu gochuudhaan haasaafi sochiin qaamaa argisiistu kan uumamaan argatte akka taʼu gochuunkee barbaachisaadha. Namni tokko utuu hin dhiphatin kan dubbatu yoo taʼe sochii qaamaa argisiisuun isa hin rakkisu.

Sochiin qamaa jabeessitoota jedhamanimmoo, namni haasaa dhiheessu miiraafi amantii jabaa akka qabu kan argisiisanidha. Ergaasaa jabeessuuf, ifa gochuufi caalaatti humna akka qabaatu gochuuf gargaaru. Sochiin qaamaa jabeessuu argisiisu baayʼee barbaachisaadha. Haataʼu malee, sochiin qaamaa kun barsiifata gadhee sitti taʼuu waan dandaʼuuf, of eeggannoo gochuu qabda. Irra deddeebitee sochii qaamaa wal fakkaatu kan argisiistu yoo taʼe, haasaakee miidhagsuu mannaa xiyyeeffannaa namootaa garakeetti harkisuu dandaʼa. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa gama kanaan wanti fooyyessuu qabdu akka jiru yoo sitti hime, yeroo muraasaaf sochii qaamaa ibsitoota taʼanitti fayyadami. Yeroo boodammoo, sochii qaamaa jabeessitoota taʼanitti fayyadamuu dandeessa.

Sochii qaamaa jabeessitoota taʼanitti hammam fayyadamuu akka qabduufi warra kamitti utuu fayyadamtee gaarii akka taʼu murteessuuf, miira dhaggeeffattootaa tilmaama keessa galchi. Dhaggeeffattootatti quba qabuun isaan mufachiisuu dandaʼa. Aadaa tokko tokko keessatti dhiirri tokko wanta isa dinqisiise ibsuuf harkasaa afaanirra yoo kaaʼate amala durbaa akka argisiisetti ilaalamuu dandaʼa. Biyyoota tokko tokkottimmoo, dubartiin harka facaastee kan dubbattu yoo taʼe, ulfina kan namaaf hin kennine ishee fakkeessuu dandaʼa. Kanaaf, biyyoota akkasiitti obboleettonni sochii qaamaa ibsa fuulaan argisiifamutti fayyadamuunsaanii gaarii taʼa. Biyya kamittiyyuu, namni tokko namoota muraasa duratti sochii qaamaa arbeeffame argisiisa taanaan, taʼe jedhee namoota kolfisiisuu akka barbaadetti ilaalamuu dandaʼa.

Muuxannoo argachaa yommuu adeemtuufi sodaa malee dubbachuu yommuu jalqabdu, jabeessitoonni sochii qaamaa itti fayyadamtu miirakee kan ibsaniifi dhimma sanatti akka amantu kan argisiisan taʼu. Wantoonni kun haasaankee buʼa qabeessa akka taʼu godhu.

Ibsa Fuulakeerraa Mulʼatu. Yeroo baayʼee miirri sitti dhagaʼamu qaamawwankee warra kaan caalaa fuulakeerraa mulʼata. Iji, afaaniifi mataankee miirawwan kana argisiisuurratti gaʼee mataasaanii qabu. Homaa utuu hin dubbatin, dantaa dhabuun, jibbi, burjaajaʼuun, dinqisiifannaan ykn gammachuun fuulakeerraa ifatti mulʼachuu dandaʼa. Ibsi fuulaan argisiifamu akkasii wanti dubbatamaa jiru caalaatti akka ifa taʼu godha. Waaqayyo naannoo fuula keenyaatti ribuuwwan 30 ol taʼan nuu uumeera. Yommuu seeqxu qofallee ribuuwwan kana keessa walakkaasaaniitti fayyadamta.

Yommuu waltajjiirraa haasaa dhiheessitus taʼe yommuu tajaajilarratti hirmaattu, ergaa isaan gammachiisu namootatti himaa jirta. Fuula ifaa argisiisuun keemmoo, kana akka hubatan isaan gargaara. Ibsi fuulakeerraa hin mulʼatu taanaan garuu, dhaggeeffattoonni garaadhaa akka dubbattu shakkuu dandaʼu.

Kana malees, fuula ifaa argisiisuunkee gaarummaadhaan isaan haasofsiisaa akka jirtu akka itti dhagaʼamu godha. Keessumaa yeroo namoonni nama hin beekne haasofsiisuu sodaatan kanatti akkas gochuunkee barbaachisaadha. Kanaaf fuula ifaa argisiisuunkee namoonni akka hin sodaanneefi ergaakee akka dhaggeeffatan isaan gargaara.

QABXIIWWAN YAADATTI QABATAMUU MALAN

  • Sochiin qaamaa buʼa qabeessa kan taʼu miira keenya sirriitti yoo ibsedha. Wanta warri kaan godhan ilaali; taʼus isaan fakkaachuu hin yaalin.

  • Barumsichi hamma sii galutti qayyabadhu. Yaannikees akka isatti qabamu godhi; seenaa sana yaadaan ilaali, achiis sagalee, harkaafi fuulakeetti fayyadamii miirakee ibsi.

GILGAALA: (1) Uumama 6:13-22 dubbisi. Seenaa waaʼee markaba ijaaruufi bineensota gara markabichaatti galan walitti qabuu dubbatu jecha mataa keetiin ibsi. Waaʼee seenichaa balʼinaan ibsuuf hin dhiphatin; waanuma yaadattu qofa dubbadhu. Kana yommuu gootu sochii qaamaa ibsitoota taʼanitti fayyadami. Namni tokko si ilaalee yaada akka sii kennu godhi. (2) Waaʼee Mootummaa Waaqayyoofi eebba Mootummichi fidu akka waan nama tokkoof dhugaa baʼaa jirtu godhii dubbadhu. Ibsi fuulakee wanta dubbachaa jirtuuf maaltu akka sitti dhagaʼamu kan argisiisu akka taʼu godhi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi