LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 15 ful. 131-ful. 134 key. 4
  • Qulqulluufi Seera Qabeessa Ta’uu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qulqulluufi Seera Qabeessa Ta’uu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Akkaataa Uffannaa fi Miidhaginaa Keenyaaf Xiyyeeffannaa Kennuu kan Qabnu Maaliifi?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Uffannaa Seera Qabeessa Ta’e Uffachuun Keenya Kabaja Waaqayyoof Qabnu Argisiisa
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • Akkaataan Uffannaa Kee Waaqayyoof Ulfina ni Fidaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Yommuu Walgaʼii Deemnu Akka Gaariitti Uffachuu Kan Qabnu Maaliifi?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 15 ful. 131-ful. 134 key. 4

Qayyabannaa 15

Qulqulluufi Seera Qabeessa Ta’uu

Maal gochuu qabda?

Uffannaankee qulqulluufi seera qabeessa haataʼu. Rifeensikee sirriitti kan filame taʼuu qaba. Sirriitti ol jettee dhaabachuu qabda.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Qulqulluufi seera qabeessa taʼuunkee, ilaalcha namoonni wanta itti amantuufi akkaataa itti jiraattuuf qabanirratti jijjiirama fiduu dandaʼa.

QULQULLUUFI seera qabeessa taʼuunkee waaʼeekee wanta ibsu qaba. Yihowaan garaa namaa kan ilaalu taʼus, namoonni garuu yeroo baayʼee “fuula” ykn wanta bakkeedhaan arganirratti hundaaʼanii yaada kennu. (1 Sam. 16:7) Qulqulluufi seera qabeessa yoo taate, namoonni ilaalcha gaarii akka ofiif qabdu waan hubataniif, wanta dubbattu dhaggeeffachuuf kakaʼuu dandaʼu. Akkaataan uffannaakee seera qabeessa taʼuunsaa, jaarmiyaa bakka buute kabachiisuufi Waaqa waaqeffattuuf ilaalcha gaarii akka qabaatan gochuu dandaʼa.

Qajeelfama Hojiirra Oolchuu Qabnu. Macaafni Qulqulluun, qulqulluufi seera qabeessa taʼuu ilaalchisee seera hedduu akkas taʼuu qaba jedhu hin kennine. Haataʼu malee, seerawwan buʼuuraa murtoo gaarii gochuuf nu gargaaran qabateera. Seerri buʼuuraa “waanuma hojjettan hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedhaa!” jedhu wantoota kana walitti qabee ibsa. (1 Qor. 10:31) Qulqulluufi seera qabeessa taʼuu ilaalchisee, seerawwan buʼuuraa warra kam hubachuu qabna?

Tokkoffaa, Macaafni Qulqulluun qaamniifi uffannaan keenya qulqulluu taʼuu akka qabu nutti hima. Yihowaan Seera Israaʼelootaaf kenne keessatti qulqullina ilaalchisee qajeelfama tokko tokko baasee ture. Fakkeenyaaf, luboonni hojiisaanii yommuu hojjetan yeroo murtaaʼetti qaama dhiqachuufi uffatasaanii miiccachuu qabu turan. (Lew. 16:4, 24, 26, 28) Kiristiyaanonni Seera Musee jala hin jiran; haataʼu malee seerawwan buʼuuraa seericha keessatti argaman harʼas ni hojjetu. (Yoh. 13:10; Mul. 19:8) Keessumaa iddoo waaqeffannaatti yommuu argamnu ykn tajaajilarratti yommuu hirmaannu, namoota akka hin mufachiisnetti qaamaafi uffannaan keenya qulqulluu taʼuu qaba; afaan keenyas foolii akka hin godhanne of eeggannoo gochuu qabna. Obboloonni haasaa ykn hojiin argisiisa dhiheessanis gama kanaan fakkeenya gaarii taʼuu qabu. Qulqulluufi seera qabeessa taʼuuf xiyyeeffannaa kennuun keenya, Yihowaafi jaarmiyaasaatiif ulfina akka kenninu argisiisa.

Lammaffaa, Macaafni Qulqulluun akka of qabnuufi amala namni maal naan jedha jedhu akka qabaannu nu jajjabeessa. Phaawulos dubartoonni Kiristiyaana taʼan, “mataa tolfachuutti warqeedhaa fi callee naqachuutti, . . . keessa baʼuudhaan of kuuluu utuu hin taʼin, uffata qajeelaa fakkaatu akka taʼutti uffachuudhaan maal naan jedhuudhaan, of qabuudhaanis haa taʼu! Dubartoota Waaqayyoof in saganna jedhaniif akka taʼuttis wanta gaarii haa argisiisan” jechuudhaan gorseera. (1 Xim. 2:9, 10) Dhiironnis, akkaataa uffannaafi of miidhagsuu ilaalchisee of qabuufi amala namni maal naan jedha jedhu argisiisuu qabu.

Namni of qabu, warra kaan mufachiisuufi xiyyeeffannaa namootaa ofitti harkisuurraa of qusata. Amala namni maal naan jedha jedhu qabaachuun, hubannaa ykn ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaara. Namni akkasii, seera Yihowaan qajeelummaadhaaf baase waan kabajuuf ilaalcha sirrii qabaata. Kana jechuun garuu uffata namatti tolu uffachuu hin dandeenyu jechuu miti; kanaa mannaa akkaataan uffannaafi miidhaginaa keenya keessa baʼaa akka hin taane akka of eeggannu nu gargaara jechuudha. (1 Yoh. 2:16) Bakka waaqeffannaatti yommuu argamnu, akkasumas tajaajilaafi sochiiwwan garabiraarratti yeroo hirmaannu, seerawwan buʼuuraa kana hojiirra oolchuu barbaanna. Guyyoota kaanittis uffannaan keenya akka of qabnuufi amala namni maal naan jedha jedhu qabaachuu keenya kan argisiisu taʼuu qaba. Mana barumsaatti ykn bakka hojiitti karaa alidilee taʼeen dhugaa baʼuuf carraa argachuu dandeenya. Kanaaf yeroo akkasiitti, akka walgaʼii gumii ykn walgaʼii gurguddaadhaaf taʼutti uffachuu baannus, uffannaan keenya qulqulluufi seera qabeessa taʼuu qaba.

Uffannaan hunda keenyaa wal fakkaachuu qaba jechuu akka hin taane beekamaadha. Filannoon namootaa garaagara waan taʼeef, kana akka goonu nurraa hin eegamu. Haataʼu malee yeroo hundaa qajeelfama Macaafa Qulqulluu hordofuu qabna.

Phexros mataa tolfachuufi uffata babbaʼeessa uffachuu kan caalu ‘keessa namummaa isa dhokataa’ akka taʼe ibseera. (1 Phe. 3:3, 4) Garaan ykn keessi namummaa keenyaa jaalala, gammachuu, nagaa, gaarummaafi amantii jabaadhaan yoo guutame, amalawwan kun uffannaa Waaqayyoof ulfina fidan nuu taʼu.

Sadaffaa, Macaafni Qulqulluun akkaataan uffannaafi rifeensa keenya itti filannu seera qabeessa taʼuusaarratti akka yaannu nu jajjabeessa. 1 Ximotewos 2:9⁠rratti, waaʼeen “uffata qajeelaa” ibsameera. Phaawulos asirratti kan ibse waaʼee uffannaa dubartootaa taʼus, seerri buʼuuraa kun dhiiraafis ni hojjeta. Uffannaan tokko qajeelaadha kan jedhamu qulqulluufi seera qabeessa yoo taʼedha. Sooressa taanus taʼuu baannus qulqullina uffannaa keenyaa eeguu dandeenya.

Karaa namoonni qulqulluufi seera qabeessa taʼuu keenya itti ilaalan keessaa inni tokko, akkaataa rifeensa keenya itti qabnudha. Rifeensi keenya qulqulluufi seera qabeessa taʼuu qaba. Aadaan naannoofi akkaataan uumamaa keenya akkaataa rifeensa keenya itti qabnu murteessuu dandaʼu. 1 Qorontos 11:14, 15⁠rratti rifeensa keenya akkamitti qabuu akka qabnu ilaalchisee Phaawulos gorsa kan nuu kenne siʼa taʼu, gorsisaas aadaa naannoofi akkaataa uumamaa keenya tilmaama keessa kan galchedha. Akkaataan namni tokko rifeensasaa itti qabu saala faallaa fakkaachuu akka barbaadu kan argisiisu yoo taʼe garuu, gochi kun seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal faallessu taʼa.—Kes. 22:5.

Dhiironni qulqulluufi seera qabeessa taʼuuf areedasaanii haaddachuu qabu. Obboloonni biyyoota areeda funyaan jalaa guddifachuun beekamaa taʼe keessatti argaman, areeda kana karaa seera qabeessa taʼeen gabaabsanii murachuu qabu.

Arfaffaa, akkaataan uffannaa keenyaafi itti of miidhagsinu biyya lafaa akka jaallannu kan argisiisu taʼuu hin qabu. Yohannis, “Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa jaallachuutti hin hidhaminaa” jechuudhaan nu akeekkachiiseera. (1 Yoh. 2:15-17) Biyyi lafaa kun hawwii cubbuutiin guutameera. Yohannis, isaan keessaa tokko tokko hawwii fooniifi jireenyaan kooruu akka taʼan ibseera. Caqasoota kaanirrattimmoo, hafuurri humnaan namarratti kaʼuu ykn aboodhaaf abboomamuu diduun ibsameera. (Fak. 17:11; Efe. 2:2) Yeroo baayʼee hawwiifi ilaalchi akkasii akkaataa uffannaa keenyaafi itti of miidhagsinuun mulʼata. Kanaan kan kaʼes, akkaataan uffannaasaaniifi itti of miidhagsan seera kan hin qabne, fedhii saalqunnamtii kan kakaasu, keessa baʼaa, gara dhabaa, akkasumas namootaaf dantaa akka hin qabne kan argisiisudha. Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, akkaataa uffannaa Kiristiyaanotaaf hin taane akkasiirraa fagaachuu qabna.

Akkaataa uffannaafi itti of miidhagsinu ilaalchisee biyya lafaa fakkaachuu mannaa, fakkeenya Kiristiyaanota karaa hafuuraa gaʼumsa qaban hordofuun keenya gaarii mitii? Dargaggoonni gara fuulduraatti haasaa sabaa dhiheessuuf kaayyoo qaban, akkaataa uffannaa obboloota haasaa sabaa dhiheessanii ilaaluunsaanii gaariidha. Hundi keenya, fakkeenya obboloota waggaa dheeraadhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilanirraa barumsa argachuu dandeenya.—1 Xim. 4:12; 1 Phe. 5:2, 3.

Shanaffaa, murtoo sirrii gochuuf, “Kristos . . . ofii isaa [akka] hin gammachiifne” yaadachuu qabna. (Rom. 15:3) Wanti caalaatti Yesusiin yaaddessu fedha Waaqayyoo raawwachuu ture. Fedhii mataasaa caalaatti warra kaan gargaaruuf dursa kenna ture. Maarree akkaataan uffannaa keenyaafi itti of miidhagsinu, namoota naannoo tajaajilaa keenyatti argaman kan mufachiisu yoo taʼe maal gochuu qabna? Akkuma Kiristos gad of deebisuun keenya murtoo sirrii gochuuf nu gargaara. Phaawulos, “Nama tokko iyyuu matumaa hin gufachiifnu” jechuudhaan seera buʼuuraa tokko caqaseera. (2 Qor. 6:3) Kanaaf, namoota dhugaa baaneef gufachiisuurraa fagaachuuf, akkaataa uffannaafi rifeensa keenya itti qabnu tokko tokkorratti sirreeffama gochuun nu barbaachisa.

Sirriitti Ol Jedhanii Dhaabachuu. Qulqulluufi seera qabeessa taʼuun, sirriitti ol jedhanii dhaabachuu dabalata. Akkaataan hundi keenya itti dhaabannu tokko taʼuu waan hin dandeenyeef, warra kaan fakkaachuuf carraaqqii gochuu hin qabnu. Akka Macaafni Qulqulluun ibsutti, namni tokko sirriitti ol jedhee dhaabachuunsaa ofiif ulfina akka qabuufi ilaalcha sirrii akka qabu argisiisa. (Lew. 26:13; Luq. 21:28) Haataʼu malee, obboloonni tokko tokko waggaa dheeraadhaaf gugguufanii waan hojjetaniif, waan dulloomaniif ykn sababii dhibee fayyaatiin sirriitti ol jedhanii dhaabachuun isaan rakkisuu ykn wanta itti hirkatanii dhaabatan argachuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Taʼus obboloonni hamma taʼe ol jedhanii dhaabachuu dandaʼan, nama dantaa hin qabne akka hin fakkaannetti yeroo namootaa wajjin dubbatan, ol jedhanii dhaabachuunsaanii barbaachisaadha. Haaluma wal fakkaatuun, namni haasaa dhiheessu tokko darbee darbee harkasaa atiraanosiirra kaaʼuunsaa dogoggora taʼuu baatus, atiraanosiitti hirkatee dhaabachuurraa of qusachuunsaa dhaggeeffattoonni ilaalcha gaarii akka isaaf qabaatan godha.

Barreeffamoota Qulqullinaan Qabuu. Barreeffamoonni tajaajilarratti itti fayyadamnus qulqulluufi seeraan kan qabaman taʼuu qabu.

Macaafa Qulqulluukee akka fakkeenyaatti ilaali. Baayʼeen keenya yommuu Macaafni Qulqulluun nu jalaa moofaʼu haaraa bitachuu hin dandeenyu taʼa. Waggaa dheeraadhaaf kan itti fayyadamne yoo taʼellee, of eeggannoodhaan akka qabame kan argisiisu taʼuu qaba.

Barreeffamoonni boorsaa tajaajilaa keenya keessatti qabannu seeraan kan kaaʼaman taʼuu qaba. Babalʼisaan tokko nama tajaajilarratti argateef caqasa dubbisuuf yommuu jedhu ykn obboleessi tokko gumiidhaaf yommuu haasaa dhiheessu, Macaafa Qulqulluusaa keessaa waraqaan yommuu harcaʼu argitee beektaa? Haalli kun si hin qaanessinee? Waraqaan Macaafa Qulqulluu keessa keesse xiyyeeffannaa namootaa akka hin harkisnetti bakka garabiraa yoo keesse barreeffamootakee seeraan qabatteetta jechuudha. Aadaa tokko tokko keessatti Macaafa Qulqulluu ykn barreeffamoota amantii lafa kaaʼuun, barreeffamoota sanaaf ulfina akka hin kenninetti kan ilaalamu taʼuusaas hin dagatin.

Gama hundumaan, namoota duratti qulqulluufi seera qabeessa taanee argamuun keenya barbaachisaadha. Kunimmoo ilaalcha namoonni nuuf qabanirrattis dhiibbaa qaba. Hunda caalaa, “barsiisichi waaʼee Waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu kun, waan hundumaatti akka namatti tolee mulʼatu gochuu” waan barbaannuuf, dhimma kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennina.—Tit. 2:10.

OF GAMAAGGAMI

  • Wanti itti fayyadamtu hundi qulqulluudhaa?

  • Akkaataan uffannaakeefi itti of miidhagsitu akka of qabduufi amala namni maal naan jedha jedhu akka qabdu ni argisiisaa?

  • Wanti itti fayyadamtu hundi seeraan kan qabamedhaa?

  • Rifeensikee sirriitti kan qabamedhaa?

  • Akkaataan uffannaakeefi itti of miidhagsitu biyya lafaa akka jaallattu kan argisiisudhaa?

  • Akkaataan uffannaakeefi itti of miidhagsitu namoota kan gufachiisudhaa?

GILGAALA: Hojiinkee maaliyyuu yoo taʼe, torban tokkoof guyyaa guyyaatti saanduqa fuula 132⁠rra jiruufi mataduree “Of Gamaaggami” jedhutti fayyadamuudhaan of qori.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi