LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 16 ful. 135-ful. 138 key. 5
  • Tasgabbaa’uu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Tasgabbaa’uu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yaada Seensaa Fedhii Kakaasu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Miira Ho’aa Qabaachuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Dhaggeeffattoota Ilaaluu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Hubannaa Dhaggeeffattootaa Kan Guddisu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 16 ful. 135-ful. 138 key. 5

Qayyabannaa 16

Tasgabbaa’uu

Maal gochuu qabda?

Akkaataan itti dhaabattu, sochiinkeefi dubbiinkee sodaa akka hin qabne, akkasumas amanannaa akka qabdu kan argisiisu haataʼu.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Tasgabbiidhaan kan dubbattu yoo taʼe, dhaggeeffattoonni wanta dubbatturratti malee, waaʼeekee hin yaadan.

NAMNI yeroo baayʼee haasaa hin dhiheessine tasgabbiidhaan dubbachuun akka isa rakkisu beekamaadha. Babalʼisaan tokko tajaajilarratti namoota jalqabaa muraasa yommuu haasofsiisu sodaan itti dhagaʼamuu dandaʼa. Ermiyaas raajii taʼee akka taʼu hojiin yommuu kennameef, “Kunoo, ani mucaa waanan taʼeef attamitti akka dubbatan hin beeku” jedhee ture. (Er. 1:5, 6) Yihowaan akkuma Ermiyaasiin gargaare siinis ni gargaara. Suutuma suutas, dandeettii tasgabbiidhaan dubbachuu guddifachaa adeemta.

Namni haasaa dhiheessu tasgabbii qaba kan jedhamu sodaa malee dubbachuu yoo dandaʼedha. Tasgabbii akka qabu sochii qaamasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Sirriitti ol jedhee dhaabatee dubbata. Sochiin harkasaa wanta dubbatuu wajjin adeema. Sagaleesaa ni toʼata; miirasaas sirriitti ibsa.

Amalawwan namni tasgabbiidhaan haasaa dhiheessuu dandaʼu qabu tokko akka hin qabne yoo sitti dhagaʼameyyuu, fooyyessuu akka dandeessu yaadadhu. Akkamitti? Jalqaba namni haasaa dhiheessu sodaan kan itti dhagaʼamuufi tasgabbaaʼuun kan isa rakkisu maaliif akka taʼe haa ilaallu. Sababiinsaa akkaataa qaamni keenya itti uumamee wajjin kan wal qabate taʼuu dandaʼa.

Haala rakkisaa si mudate tokko, karaa buʼa qabeessa taʼeen moʼuu barbaaddee, furmaata argachuu akka hin dandeenye yoo sitti dhagaʼame ni dhiphata. Kanaan kan kaʼes, qaamnikee adireenaaliinii dabalataa akka maddisiisu sammuunkee ajaja kenna. Adireenaaliiniin yommuu dhagnakee keessa tamsaʼu, rukuttaan onneekee dabaluu, akkaataan itti hafuura baafattu jijjiiramuu, si dafqisiisuu ykn harkiifi jilbikee kirkiruu, akkasumas sagaleenkee hollachuu dandaʼa. Haalli akkasii kan uumamu, qaamnikee humna dabalataa wanta si mudate moʼuuf isa gargaaru maddisiisuu waan barbaaduufidha. Wanti ulfaataa sitti taʼu garuu, karaa sirrii taʼeen humna kanatti fayyadamtee miira hoʼaadhaan dubbachuu dandaʼuudha.

Sodaa Sitti Dhagaʼamu Hirʼisuu Kan Dandeessu Akkamitti? Hamma tokko sodaan yoo sitti dhagaʼame akka waan haaraatti hin ilaalin. Haataʼu malee, tasgabbaaʼuufi sodaa sitti dhagaʼamu hirʼisuuf, haalasaa malaan toʼachuun si barbaachisa. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

Akka gaariitti qophaaʼi. Yeroo gaʼaa ramadii haasaakee akka gaariitti qophaaʼi. Barumsa dhiheessitu sirriitti hubadhu. Qabxiiwwan haasaakeetiif taʼan situ filata yoo taʼe, dhaggeeffattoonni waaʼee barumsichaa hammam akka beekaniifi kaayyoo haasichaa tilmaama keessa galchuu qabda. Akkas gochuunkee qabxiiwwan caalaatti barbaachisaa taʼan filachuuf si gargaara. Jalqabarratti akkas gochuun yoo sitti ulfaate, obboleessa haasaa dhiheessuudhaan muuxannoo qabu mariisisi. Qabxiiwwan filattuufi dhaggeeffattootakee sirriitti akka gamaaggamtu si gargaaruu dandaʼa. Barumsa dhaggeeffattoota fayyadu yoo qophoofteefi barumsicha yaadatti yoo qabatte, hawwiin haasicha dhiheessuuf qabdu sodaa sitti dhagaʼamu moʼuuf si gargaara.

Seensa keetiif xiyyeeffannaa guddaa kenni. Maal jettee akka jalqabdu beekuu qabda. Haasaakee erga jalqabdee booda sodaan sitti dhagaʼamu suutuma suuta hirʼachaa adeema.

Tajaajilaaf yommuu qophooftus akkasuma gochuu qabda. Ergaa isaanitti himtu qofa utuu hin taʼin, waaʼee namoota dhugaa baatuufiis yaaduu qabda. Yaada seensaakee akka gaariitti qophaaʼi. Babalʼistoota muuxannoo qabanirraas barumsa argadhu.

Haasaa yommuu dhiheessitu yaadasaa tokko tokkoon barreeffachuunkee caalaatti akkan tasgabbaaʼu na gargaara jettee yaadda taʼa. Haataʼu malee, akkas gochuunkee yeroo haasaa dhiheessitu caalaatti akka sodaattu si gochuu dandaʼa. Obboloonni haasaa dhiheessan tokko tokko yaadannoo dheeraa kan qabatan siʼa taʼu, warri kaanimmoo yaadannoo gabaabaa qabatu. Taʼus barumsicharratti xiyyeeffachuufi sodaa sitti dhagaʼamu hirʼisuuf kan si gargaaru, yaadasaa tokko tokkoon barreeffachuukee utuu hin taʼin, barumsa dhaggeeffattoota fayyadu akka qophoofte amanuukeeti.

Sagaleekee ol kaasii haasicha shaakali. Shaakalli akkasii, haasaa qophoofte jechootaan qindeessitee ibsuu akka dandeessu si gargaara. Yommuu shaakaltu, akkaataa itti dhiheessitu sammuutti waan qabattuuf haasicha salphaatti yaadachuu dandeessa. Dhugaa barumsicha keessatti argamu yaadaa shaakali. Dhaggeeffattootakee yaadaan ilaali. Kuticha teessee kan dhiheessitu yoo taʼe taaʼii shaakali; dhaabattee kan dhiheessitu yoo taʼemmoo dhaabadhuu shaakali.

Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu. Yihowaan kadhannaa akkasii ni dhagaʼaa? Eeyyee, “Akka fedha isaatti yoo isa kadhanne inni nuuf in dhagaʼa; akka kanatti isa in amananna.” (1 Yoh. 5:14) Yihowaadhaaf ulfina fiduufi namoonni Dubbiisaarraa faayidaa akka argatan gargaaruuf fedhii yoo qabaatte, kadhannaakee akka dhagaʼu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Kana beekuunkee, kutaakee akka gaariitti dhiheessuuf jabina akka argattu si gargaara. Kana malees, akaakuu ija hojii hafuuraa kan akka jaalala, gammachuu, nagaa, garraamummaafi of dhowwuu fakkaataan qabaachuunkee, kutaakee tasgabbiidhaan dhiheessuuf si gargaara.—Gal. 5:22, 23.

Muuxannookee guddifadhu. Hirmaannaa tajaajilarratti gootu guddisaa yommuu adeemtu, sodaan sitti dhagaʼamu hirʼachaa dhufa. Gumiirratti al baayʼee yaada kan kennitu yoo taʼe, namoota duratti haasaa dhiheessuun sitti salphata. Yeroo baayʼee haasaa kan dhiheessitu yoo taʼe, sodaan yommuu haasaa dhiheessuuf jettu sitti dhagaʼamu hirʼachaa dhufuu dandaʼa. Yeroo baayʼee haasaa dhiheessuuf carraa argachuu barbaaddaa? Taanaan, namoonni kutaa fudhatanii hafan yoo jiraatan, isaaniin bakka buutee dhiheessuuf yeroo hunda qophii godhi.

Wantoota olitti ibsaman hunda erga raawwattee booda, ammas tasgabbii akka hin qabne yoo sitti dhagaʼame sababiisaa hubachuuf yaalii gochuunkee gaarii taʼa. Wantoota sodaa kanaaf sababii taʼan adda baastee beekuufi sodaa kana moʼuun akkamitti akka dandaʼamu hubachuunkee tasgabbiidhaan akka dubbattu si gargaara. Sodaan sitti dhagaʼame sochii qaamaa ykn sagalee keerraa mulʼachuu dandaʼa.

Sodaa Qaama Keerraa Mulʼatu. Tasgabbii akka qabduufi akka hin qabne akkaataa itti dhaabattuufi sochii harka keerraa beekuun ni dandaʼama. Mee harka keerraa haa jalqabnu. Harka duubaatti maranii dhaabachuu, harka gad diriirsanii dhaabachuu, atiraanosii cichanii qabachuu, ammaa amma kiisii keessa galchuufi baasuu, qulfii kootii qollofuufi hiikuu, maddii, funyaan, fullee ijaa, saʼaatii, irsaasii, qubeelaa ykn waraqaa yaadannoo qaqqabuufi sochiin harkaa utuu itti hin yaadin godhamu, mallattoowwan tasgabbii akka hin qabne argisiisan keessaa tokko tokkodha.

Kana malees, bakka miilli dhaabate jijijjiiruu, iddoo tokko dhaabatanii oliif gad jechuu, goganii dhaabachuu, jalʼatanii dhaabachuu, ammaa amma hidhii gororaan jiisuu, gorora lilliqimsuufi dafanii dafanii hafuura baafachuun, sodaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Yeroo hunda carraaqqii yoo goote mallattoowwan sodaa akka qabdu argisiisan kana toʼachuu dandeessa. Yeroo tokkotti isa tokko qofa fooyyessuu yaali. Rakkinnikee maal akka taʼe erga hubattee booda, rakkina kana hambisuuf maal gochuu akka qabdu dursii irratti yaadi. Carraaqqii akkasii yoo goote, sochii qaamaa gootuun tasgabbii akka qabdu argisiisuu dandeessa.

Sodaa Sagalee Keerraa Mulʼatu. Sodaan kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, sagaleenkee qallachuu ykn hollachuu dandaʼa. Tarii irra deddeebitee qoonqoo xaxxaragatta ykn saffisaan dubbatta taʼa. Sagaleekee toʼachaa dubbachuuf carraaqqii cimaa yoo goote, rakkoowwaniifi barsiifata gadhee kana moʼuu dandeessa.

Sodaan yoo sitti dhagaʼame gara waltajjiitti baʼuukee dura akka gaariitti qilleensa gara keessatti fudhadhu. Guutummaan qaamakee akka of gadhiisu godhi. Sodaa sitti dhagaʼamerratti yaaduu mannaa, faayidaa barumsi sun qaburratti xiyyeeffadhu. Dubbachuu jalqabuukee dura, yeroo muraasaaf dhaggeeffattoota ilaaluudhaan nama sitti hin ulfaanne tokko ilaalaa akka seequu taʼi. Seensakee suuta jettee erga dubbattee booda, miira hoʼaadhaan dubbachuukee itti fufuu dandeessa.

Wanta Eeguu Qabdu. Sodaa sitti dhagaʼamu hunda hambisuun dandaʼa jettee hin yaadin. Obboloonni haasaa dhiheessuudhaan muuxannoo waggaa dheeraa qaban hedduunillee waltajjiitti baʼuuf yommuu jedhan sodaan itti dhagaʼama. Taʼus sodaa isaanitti dhagaʼamu akkamitti akka toʼatan beeku. Obboloota muuxannoo qaban akkasii keessa tokko, “Ammayyuu sodaan kan natti dhagaʼamu taʼus, sodaa kana toʼachuu nan dandaʼa” jedheera.

Sodaa qaama keerraa mulʼatu hambisuuf garaadhaa yoo carraaqxe, dhaggeeffattoonni tasgabbiidhaan akka dubbattu hubatu. Yeroo kanati keessa keetti sodaan kan sitti dhagaʼamu yoo taʼes, dhaggeeffattoonni beekuu hin dandaʼan.

Adireenaaliiniin qaamakee keessa tamsaʼu akka sodaatte kan argisiisu qofa utuu hin taʼin, humnas kan sii dabalu taʼuusaa hin dagatin. Humna kanatti fayyadamiitii miira hoʼaadhaan dubbadhu.

Wantoota kana hunda shaakaluuf hamma haasaan sii kennamutti hin eegin. Maree namootaa wajjin gooturratti, tasgabbiifi miira sirrii taʼeen dubbachuu baradhu. Kana gochuunkee haasaa yommuu dhiheessituttis taʼe yommuu tajaajiltu, amantiidhaan akka dubbattu si gargaara.

TASGABBIIDHAAN DUBBACHUUF:

  • Akka gaariitti qophaaʼi.

  • Sagaleekee ol kaasii shaakali.

  • “Wanta yaada sitti taʼu [kadhannaadhaan] Waaqayyotti gatii dhiisi.”—Far. 55:22.

  • Yeroo hunda tajaajilarratti hirmaadhu, walgaʼiirratti yaada kenni, namoota kutaa fudhatanii hafan bakka buutee dhiheessuuf qophaaʼi.

  • Wantoota sodaadhaaf sababii taʼan hubadhu, karaa itti sodaakee moʼuu ykn toʼachuu dandeessu baradhu.

GILGAALA: Jiʼa tokkoof torban torbaniin, Qayyabannaa Masaraa Eegumsaafi Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumiirratti al tokko caalaa deebii kennuu yaali. Walgaʼii tokkorratti, yeroo lama ykn yeroo sadii deebii yommuu kennitu, sodaan jalqabarratti sitti dhagaʼamaa ture hirʼachuusaa qalbeeffadhu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi