LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 10 ful. 115-ful. 117 key. 4
  • Miira Ho’aa Qabaachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Miira Ho’aa Qabaachuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Miira Hoʼaadhaan Barsiisaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Hubannaa Dhaggeeffattootaa Kan Guddisu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Miira Hoʼaa Qabaachuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Jecha Ofiitiin Dubbachuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 10 ful. 115-ful. 117 key. 4

Qayyabannaa 10

Miira Ho’aa Qabaachuu

Maal gochuu qabda?

Haasaakee akka gaariitti dhiheessuudhaan dinqisiifannaa barumsichaaf qabdu argisiisi.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Miira hoʼaadhaan dubbachuunkee, dhaggeeffattoonni xiyyeeffannaadhaan akka si dhaggeeffataniifi tarkaanfii akka fudhatan isaan kakaasa. Miira hoʼaadhaan yoo dubbatte dhaggeeffattoonnis miira wal fakkaatu qabaatu.

MIIRA hoʼaadhaan dubbachuun haasaan tokko kan namatti tolu akka taʼu godha. Haasaan tokko hubannaa namootaa guddisuuf barbaachisaa taʼus, xiyyeeffannaa dhaggeeffattootaa harkisuu kan dandaʼu miira hoʼaadhaan yoo dhihaatedha. Akkaataa guddinaa ykn amala akkamiiyyuu yoo qabaatte, miira hoʼaa qabaachuu dandeessa.

Karaa Miirakee Ibsuun Dubbadhu. Yesus dubartii Samaariyaa tokkoo wajjin yommuu dubbate, namoonni “hafuuraa fi dhugaadhaan” Yihowaa waaqeffachuu akka qaban ibseera. (Yoh. 4:24) Waaqeffannaansaanii dinqisiifannaa qabaniifi dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamuu wajjin haala walsimuun kan dhihaatu taʼuu qaba. Dinqisiifannaan namni tokko qabu dubbiisaarraa mulʼachuunsaa hin oolu. Kanaan kan kaʼes, qophii Yihowaan jaalalaan kakaʼee nuu godhe hawwii guddaadhaan namootatti hima. Miirri fuulasaarraa mulʼatu, sochiin qaamaa inni godhuufi sagaleensaa wanta isatti dhagaʼamu kan argisiisu taʼa.

Namni Yihowaa jaallatuufi wanta dubbatutti amanu, miira hoʼaadhaan akka hin dubbanne wanti isa dhowwu maal taʼuu dandaʼa? Maal akka dubbatu qophaaʼuunsaa qofti gaʼaa miti. Yaannisaa guutummaatti barumsichatti qabamuufi miira hoʼaadhaan dubbachuu qaba. Fakkeenyaaf, haasaa waaʼee furii Yesus Kiristos ibsu dhiheessa haa jennu. Haasicha yommuu dhiheessu, dhimma kana ilaalchisee wanta baayʼee beekuunsaa qofti gaʼaa miti; kanaa mannaa faayidaa furiin Kiristos isaafis taʼe dhaggeeffattootaaf argamsiisuuf dinqisiifannaa qabaachuu qaba. Jalqaba waaʼee qophii dinqisiisaa kanaa yommuu barate Yihowaafi Yesus Kiristosiin hangam dinqisiifatee akka ture yaadachuun isa barbaachisa. Abdii guddaa furiin kun ilmaan namootaatiif argamsiise, jechuunis gammachuu barabaraafi fayyaa guutuu lafa jannata taatu keessatti argamurratti yaaduu qaba! Kanaaf, jalqaba garaansaa kanaan tuqamuu qaba jechuudha.

Macaafni Qulqulluun, Izraa inni Israaʼel keessatti barreessaafi barsiisaa ture, “Seera Waaqayyoo qoree baruuf ittiin hojjechuufi . . . seerraticha . . . namoota Israaʼel barsiisuuf of in kenne [“garaasaa qopheeffate,” hiika bara 1899]” jedha. (Izraa 7:10) Nutis barumsicha qofa utuu hin taʼin, garaa keenya yoo qopheeffanne miira hoʼaadhaan dubbachuu dandeenya. Dhugaa kana miira hoʼaadhaan kan dubbannu yoo taʼe, namoonni nu dhaggeeffatan dhugaadhaaf jaalala akka qabaatan isaan gargaaruu dandaʼa.

Waaʼee Dhaggeeffattootakee Yaadi. Miira hoʼaadhaan dubbachuuf wanti barbaachisu garabiraanimmoo, wanti dubbattu dhaggeeffattoota akka fayyadu garaadhaa amanuudha. Kana jechuun, yommuu haasaakee qophooftu qabxiiwwan gaggaarii walitti qabachuu qofa utuu hin taʼin, karaa garaa dhaggeeffattootaa tuquun dhiheessuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhachuu qabda jechuudha. (Far. 32:8; Mat. 7:7, 8) Dhaggeeffattoonni barumsicha dhaggeeffachuu kan qaban maaliif akka taʼe, akkamitti akka isaan fayyaduufi faayidaa barumsichaa akka hubatan karaa isaan gargaaruun haasaakee akkamitti dhiheessuu akka dandeessu yaadi.

Yaada barumsichaa guutummaatti hanga hubattutti qayyabadhu. Barumsichi haaraa taʼuu baatus, karaa adda taʼeen dhiheessuu dandeessa. Yaadawwan dhaggeeffattoonni walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qaban akka jabeeffatan, qophiiwwansaa akka dinqisiifatan, dhiibbaa sirni hamaan kun isaanirraan gaʼu akka moʼan ykn tajaajilasaaniitti buʼa qabeeyyii akka taʼan gargaaran yoo qophoofte, haasaakee miira hoʼaadhaan dhiheessuu dandeessa.

Kutaankee namootaaf dubbisuu kan gaafatu yoo taʼehoo? Kutaakee miira hoʼaadhaan dubbisuun, jechoota sirriitti waamuufi jechoota gareedhaan dubbisuu caalaa gaafata. Kanaaf, barumsicha akka gaariitti qayyabadhu. Macaafa Qulqulluurraa kan dubbistu yoo taʼe, qorannoo dabalataa irratti godhi. Ijoon barumsichaa isa kam akka taʼe, akkasumas siifi dhaggeeffattootaaf faayidaa akkamii akka qabu hubadhu; dhaggeeffattonni yaada ijoo kana akka hubatan karaa isaan gargaaruun dubbisi.

Tajaajilaaf qophaaʼaa jirtaa? Taanaan, mataduree namootaa wajjin irratti mariʼattuufi caqasawwan itti fayyadamuu yaadde irra deebiʼii ilaali. Wantoota namoota haasofsiistu yaaddessanis tilmaama keessa galchi. Oduu akkamii dhagaʼaniiru? Rakkina akkamiitu isaan mudate? Wanta isaan yaaddessuuf Macaafa Qulqulluurraa furmaatasaa itti argisiisuu akka dandeessu yoo hubatte, namoota haasofsiisuu waan hawwituuf miira hoʼaadhaan dubbachuunkee hin oolu.

Haasaakee Miira Hoʼaadhaan Dhiheessi. Haasaakee karaa miʼaa qabuun dhiheessuunkee miira hoʼaadhaan akka dubbattu argisiisa. Kunimmoo fuula keerraa ifatti mulʼachuu qaba. Barumsichatti akka amantu karaa argisiisuun malee, nama akkasumaan yaada gogaa dubbatu fakkaachuu hin qabdu.

Gama kanaan ilaalcha sirrii qabaachuun barbaachisaadha. Namoonni tokko tokko wanta beekan hunda dubbachuu barbaadu. Namni tokko garmalee miira hoʼaadhaan kan dubbatu yoo taʼe, dhaggeeffattoonni waaʼee barumsichaa utuu hin taʼin waaʼeesaa yaadu; kanaaf namoota karaa kanaan haasaa dhiheessan dhimma kana isaan hubachiisuun barbaachisaadha. Warra sodaatanimmoo, miira hoʼaadhaan akka dubbatan jajjabeessuun gaariidha.

Akka gaariitti dhaggeeffattoota ilaalaa miira hoʼaadhaan kan dubbattu yoo taʼe miirri kun isaanirraas ni mulʼata. Apholos miira hoʼaadhaan waan dubbateef, nama arraba qajeelu jedhamee ibsameera. Hafuura gubaadhaan kan dubbattu yoo taʼe, haasaakee miira hoʼaadhaan dhiheessuudhaan dhaggeeffattoota hojiidhaaf kakaasuu dandeessa.—HoE. 18:24, 25; Rom. 12:11.

Miira Hoʼaa Barumsichaaf Taʼu. Jalqabaa hanga dhumaatti miira hoʼaadhaan dubbachuudhaan dhaggeeffattoota akka hin nuffisiisne of eeggannoo gochuu qabda. Dhaggeeffattoonni yoo nuffan, gorsi barumsicha hojiirra akka oolchaniif kennitu waaʼee utuu hin baasin hafa. Kunis akkaataa itti haasaa dhiheessitu jijijjiiruu akka dandeessutti qophaaʼuunkee barbaachisaa akka taʼe argisiisa. Akkaataan itti dubbattu, nama dantaa hin qabne akka si fakkeessu hin godhin. Qabxiiwwan barbaachisaa taʼan of eeggannoodhaan yoo filatte, haasicha fedhii guddaadhaan dhiheessita. Haataʼu malee, qabxiiwwan tokko tokko warra kaan caalaa miira hoʼaadhaan dhihaachuu waan qabaniif, qabxiiwwan kana haasaakee keessatti qindeessitee kaaʼuufi akka gaariitti dhiheessuu qabda.

Keessumaa qabxiiwwan gurguddaan miira hoʼaadhaan dhihaachuu qabu. Haasaankee qabxii gurguddaa sadarkaa sadarkaadhaan balʼachaa gara xumuraatti deemu qabaachuu qaba. Yeroo baayʼee dhaggeeffattoota kakaasuuf kan si gargaaru qabxiiwwan gurguddaa kanadha. Erga isaan amansiistee booda, hojiidhaaf isaan kakaasuufi faayidaa barumsicha hojiirra oolchuun qabu isaan hubachiisuu qabda. Miira hoʼaadhaan dubbachuunkee garaa dhaggeeffattootaa tuquuf si gargaara. Haasaa tokko miira hoʼaadhaan dhiheessuuf sababii gaʼaan jiraachuu qaba. Kanaaf qabiyyeen barumsichaa, haasicha miira hoʼaadhaan dhiheessuurratti gaʼee guddaa qaba jechuudha.

KANA GOCHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

  • Barumsa dhiheessitu qofa utuu hin taʼin garaakees qopheeffadhu; taanaan barumsicha miira hoʼaadhaan dhiheessuu dandeessa.

  • Qabxiiwwan dhiheessuuf jettu akkamitti dhaggeeffattoota fayyaduu akka dandaʼan yaadi.

  • Qabxiiwwan miira adda taʼeen dhiheessuu qabdu filadhu.

  • Akkaataan itti dubbattu miira hoʼaa akka qabdu kan argisiisu haataʼu. Wanti sitti dhagaʼamu fuulakeerraa mulʼachuu qaba. Miira jabaadhaan dubbadhu.

GILGAALA: Iyaasuu boqonnaa 1 fi 2 erga qortee booda, seenaawwan boqonnaa kana keessatti argaman yommuu dubbistu eessattiifi akkamitti miira hoʼaadhaan dubbisuu akka dandeessu yaadi. Achiis, bakka sirrii taʼetti miira hoʼaadhaan sagaleekee ol kaasii shaakali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi