LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 27 ful. 174-ful. 178 key. 2
  • Jecha Ofiitiin Dubbachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jecha Ofiitiin Dubbachuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Tooriitti Fayyadamuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Haasaa Sabaa Qophaaʼuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Miira Ho’aa Qabaachuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Toorii Qopheessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 27 ful. 174-ful. 178 key. 2

Qayyabannaa 27

Jecha Ofiitiin Dubbachuu

Maal gochuu qabda?

Yaadasaa akka gaariitti qophaaʼii dubbadhu malee, jechoota itti fayyadamtu sammuutti qabachuuf hin yaalin.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Jecha ofiitiin dubbachuun, dhaggeeffattoonni xiyyeeffannaadhaan akka dhaggeeffataniifi hojiidhaaf akka kakaʼan gochuurratti gaʼee guddaa qaba.

HAASAAKEE qophaaʼuuf baayʼee itti dhamaateetta. Haasaankee hubannaa kan dabaluufi ragaa amansiisaa akka qabaatu gooteetta. Haasichas siʼaayinaan dhiheessita. Haataʼu malee, yaanni dhaggeeffattootaa kan hiramuufi darbanii darbanii qofa kan dhaggeeffatan yoo taʼe, haasaakeerraa faayidaa argachuu hin dandaʼan. Xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa hin jiran taanaan, garaasaanii tuquu hin dandeessu.

Sababiin rakkina kanaa maal taʼuu dandaʼa? Wantoonni rakkina kanaaf sababii taʼan addaddaa yoo jiraatanis, sababiin inni guddaan namni haasaa dhiheessu haasicha jechasaatiin utuu hin dhiheessin hafuusaati. Kana jechuun, haasaasaa irra deddeebiʼee tooriirraa dubbisee dhiheessa ykn akkaataa inni itti haasicha dhiheessu gogaa taʼa jechuudha. Sababiin rakkina kanaa akkaataa haasichi itti qophaaʼee wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya qabaachuu dandaʼa.

Yaada haasaakee tokko tokkoon erga barreessitee booda yaada sana gara tooriitti jijjiiruu yoo yaalte, jecha keetiin dhiheessuun si rakkisuu dandaʼa. Maaliif? Sababiinsaa, jechoota itti fayyadamtu dursitee waan filatteefidha. Haasicha tooriirraa kan dhiheessitu yoo taʼeyyuu, jechoota yommuu yaadasaa barreessitu itti fayyadamte yaadachuuf yaalii gochuunkee hin oolu. Yaanni barreessinu jechoota yeroo dubbannu itti fayyadamnurraa adda waan taʼuuf, akkaataan hima sana itti ijaarrus ulfaataa taʼa. Kanaaf, haasaankee yaada barreeffamaan dhihaate fakkaata jechuudha.

Yaada haasaakee guutummaatti barreessuu mannaa, malawwan armaan gadiitti fayyadami: (1) Matadureesaafi qabxiiwwan gurguddaa mataduricha balʼinaan ibsan filadhu. Haasaa gabaabaadhaaf qabxiin gurguddaan lama gaʼuu dandaʼa. Haasaa dheeraanimmoo, qabxiiwwan gurguddaa afur ykn shan qabaachuu dandaʼa. (2) Qabxiiwwan gurguddaa jalatti caqasa, fakkeenyaafi yaada ijoo qabxiiwwan gurguddaa sana ibsuuf gargaaran barreeffadhu. (3) Haasicha akkam jettee jalqabuu akka dandeessu yaadi. Hima seensaaf si gargaaru tokko ykn lama barreeffadhu. Yaada xumura haasaa keerratti dubbattus qophaaʼi.

Haasaa dhiheessuukee dura qophii gochuun baayʼee barbaachisaadha. Haa taʼu malee guutummaa haasichaa sammuutti qabachuuf hin yaalin. Jecha keetiin dubbachuu akka dandeessutti, haasaakee yommuu qophooftu yaadasaarratti malee jechootarratti hin xiyyeeffatin. Yaanni haasichaa akka gaariitti hamma wal sii qabatutti irra deddeebitee qophaaʼuu qabda. Haasaankee karaa nama amansiisuun kan qindaaʼeefi kan irratti yaadame yoo taʼe, yaadasaa duraa duubaan dhiheessuu dandeessa.

Faayidaasaarratti Yaadi. Faayidaan jecha ofiitiin dubbachuun qabu inni guddaan, barumsicha karaa salphaatti namaa galuun dhiheessuuf kan nama gargaaru taʼuusaati. Haasaan akkasiimmoo, dhaggeeffattoota hojiidhaaf kan kakaasu taʼuusaarrayyuu kan namatti tolu taʼa.

Jecha keetiin yoo dubbatte, rakkina tokko malee dhaggeeffattoota ilaaluu dandeessa. Hima yaadannoo keerra jiru hunda ilaaluuf yaalii gochuu dhiisuunkee, dhaggeeffattoonni wanta dubbachaa jirtu akka beektuufi garaadhaa akka itti amantu akka isaanitti dhagaʼamu godha. Akkas yoo goote, miira hoʼaafi haala maree fakkaatuun dubbachuu, akkasumas garaa dhaggeeffattootaa tuquu dandeessa.

Jecha ofiitiin dubbachuun, haasaa tokkorratti akka barbaachisummaasaatti sirreeffama gochuufis ni gargaara. Haasaan tokko karaa sirreeffamni irratti godhamuu hin dandeenyeen hin qophaaʼu. Fakkeenyaaf, haasaa dhiheessuukee yeroo muraasa dura oduu haaraa barumsichaa wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya qabu dhageesse haa jennu. Oduu kana haasicha keessatti caqasuunkee gaarii mitii? Yookiinimmoo haasaa utuu dhiheessaa jirtuu, dhaggeeffattoota gidduudhaa ijoollee barattoota taʼan hedduu argite haa jennu. Barumsichi akka isaan ilaallatu hubachiisuuf, fakkeenya itti fayyadamturratti ykn barumsicha karaa itti hojiirra oolchuu dandaʼan ibsuurratti sirreeffama gochuunkee gaariidha.

Faayidaan jecha ofiitiin dubbachuun qabu garabiraanimmoo, nama haasaa dhiheessu kan kakaasu taʼuusaati. Dhaggeeffattoonni xiyyeeffannaadhaan si hordofaa akka jiran yommuu hubattu, miirrikee waan kakaʼuuf yaada sana balʼinaan ibsuuf ykn qabxiiwwan tokko tokko irra deebiʼuudhaan jabeessitee dubbachuuf kakaata. Dhaggeeffattoonni xiyyeeffannaadhaan si hordofaa akka hin jirre yoo hubatte garuu, dammaqinaan akka si hordofan gochuuf mala garabiraa barbaadda.

Of Eeggannoo Godhi. Jecha ofiitiin dubbachuun rakkinas akka qabu hubadhu. Rakkinni inni tokko saʼaatii dabarsuudha. Haasaa keerratti yaada hedduu yoo dabalte, haasicha saʼaatii sii ramadametti xumuruun si rakkisuu dandaʼa. Kutaan hundi daqiiqaa meeqatti akka dhumu yaadannoo keerratti yoo barreessite rakkina kana hambisuu dandeessa. Kanaaf daqiiqaa ramadde hunda eegi.

Keessumaa rakkinni obboloota haasaa dhiheessuudhaan muuxannoo qaban mudatummoo, garmalee ofitti amanamuudha. Obboloonni tokko tokko, yaadawwan tokko tokko walitti funaananii dubbachuudhaan yeroo isaaniif ramadame guutuu akka dandaʼan itti dhagaʼama. Haataʼu malee, amala gad of deebisuu qabaachuufi sagantaa barumsaa Yihowaan qopheesserratti hirmaachaa akka jirru hubachuun keenya, kutaa nuu kennamu hunda kadhannaa gochuudhaan akka qophoofnu nu kakaasuu qaba.—Isa. 30:20; Rom. 12:6-8.

Wanti namoota jechasaaniitiin haasaa dhiheessuudhaan muuxannoo hin qabne yaaddessu inni tokko, waanan dubbachuu barbaadu nan irraanfadha jedhanii sodaachuudha. Sodaan akkasii, mala akka gaariitti haasaa dhiheessuuf si gargaaru kana guddifachuurraa duubaatti akka jettu si gochuu hin qabu. Kanaaf akka gaariitti qophaaʼi, Yihowaan hafuurasaatiin akka si gargaarus kadhadhu.—Yoh. 14:26.

Obboloonni kaanimmoo jechoota itti fayyadamaniif garmalee waan dhiphataniif, jecha ofiitiin dubbachuu sodaatu. Jecha keetiin yommuu dubbattu haasaakee karaa namatti toluufi maree fakkaatuun dhiheessuunkee, dhaggeeffattoonni jechoota filachuufi seera caaslugaa sirriitti eeguu dadhabuu keerratti akka hin xiyyeeffanne godha. Namoonni yaada jecha salphaatti namaa galuufi hima hubachuun nama hin rakkisneen dhihaate fudhachuun isaanitti salphata. Akka gaariitti yoo qophoofte utuu hin rakkatin yaadasaa sirriitti ibsuu dandeessa; kana gochuu kan dandeesse yaadasaa guutummaatti sammuutti waan qabatteef utuu hin taʼin, barumsisaa waan sii galeefidha. Guyyaa guyyaadhaan namootaa wajjin yommuu mariʼattu akka gaariitti dubbachuu yoo amaleeffatte, yommuu haasaa dhiheessitus hin rakkattu.

Yaadannoo Hammamii Qabachuu Qabda? Muuxannoo argachaa yommuu adeemtu, haasaakee qabxii gabaabaadhaan ibsuu barachaa dhufta. Qabxiiwwan kanaafi caqasawwan itti fayyadamtu salphaatti arguu akka dandeessutti, kaardii ykn waraqaa xinnoorratti barreeffachuu dandeessa. Yeroo baayʼee, yaada gabaabaa tajaajilarratti itti fayyadamtu sammuutti qabachuu dandeessa. Mataduree tokkorratti qophooftee yommuu deddeebii gaaffii gootummoo, yaadannoo gabaabaa barreeffattee Macaafa Qulqulluu keessa kaaʼachuu dandeessa. Tariimmoo yaadawwan gaggabaaboo buukleetii, “Baayibil Tooppiiksi foor Diiskashin” ykn kitaaba Riiziniingi Firoom za Iskiriipcharsi jedhamanirra jiranitti fayyadamuu dandeessa.

Torban muraasa gidduutti kutaawwan gumii hedduufi haasaa sabaa akka dhiheessitu yoo ramadamte garuu, yaadannoo balʼaa qabachuun si barbaachisa taʼa. Maaliif? Kutaawwan sii kennaman hunda dhiheessuukee dura yaadasaa irra deebiʼuuf akka si gargaaruufidha. Haataʼu malee yommuu haasaa dhiheessitu, keeyyata hundaarratti yaadannookee ilaaluuf yaalii yoo goote, kuticha jecha keetiin dhiheessuun si rakkisuu dandaʼa. Yaadannoo balʼaatti kan fayyadamtu yoo taʼe, jechoota ijoo taʼan muraasaafi caqasawwan itti fayyadamtu salphaatti argachuu akka dandeessutti dursii mallattoo irratti godhi.

Yeroo baayʼee namni haasaa dhiheessuudhaan muuxannoo qabu haasaasaa jechasaatiin akka dhiheessu kan eegamu taʼus, malawwan haasaa garabiraa itti makuunsaas gaarii taʼuu dandaʼa. Seensaafi xumura haasichaarratti dhaggeeffattoota ilaalaa yaadawwan tokko tokko jechoota filatamaniifi qindeeffamaniin dubbachuun barbaachisaa waan taʼeef, hima muraasa sammuutti qabachuun gaariidha. Haqa qabatamaa taʼe, lakkoofsota, yaadawwan bakka garabiraadhaa fudhataman ykn caqasawwan yommuu caqastu, kallattiidhaan dubbisuunkee gaarii taʼa.

Yommuu Namootaaf Ibsa Kennuun Barbaachisu. Al tokko tokko utuu itti hin yaadiin waaʼee amantii keenyaa ibsa akka kenninu gaafatamuu dandeenya. Tarii namni tajaajilarratti haasofsiisne mormii kaasee taʼuu dandaʼa. Firoottan keenyarraa, namoota wajjin hojjennurraa ykn mana barumsaatti haalli wal fakkaatu nu mudachuu dandaʼa. Abbootiin taayitaas, amantii keenyaafi ejjennoo qabnu ilaalchisee ibsa akka kenninu nu gaafachuu dandaʼu. Macaafni Qulqulluun, “Waaʼee abdii isin keessa jiruuf, nama isin gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii gaʼu deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaaʼoo taʼaa! Deebiin keessanis arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis haa taʼu!” jechuudhaan nu gorsa.—1 Phe. 3:15, 16.

Akka Hojii Ergamootaa 4:19, 20⁠rratti ibsametti, Phexrosiifi Yohannis yaaʼii warra Yihudootaatiif deebii akkamii akka kennan qalbeeffadhu. Ejjennoosaanii hima lamaan ibsaniiru. Yaaʼichis gaaffii ergamoonni kun kaasanirratti yaaduu akka qabu dubbachuudhaan deebii kennaniiru. Yeroo boodammoo, Isxifaanos sobaan himatamee yaaʼii kana duratti dhihaatee ture. Deebii amansiisaa Isxifaanos battaluma sanatti kenne Hojii Ergamootaa 7:2-53⁠rraa dubbisi. Isxifaanos yaadasaa akkamitti qindeesse? Duraa duuba seenaan sun itti raawwatameen yaadasaa ibseera. Bakka barbaachisaa taʼetti, sabni Israaʼel mata jabeeyyii taʼuusaanii jabeessee ibsuu jalqabe. Dhumarratti, yaaʼiin warra Yihudootaa mata jabeeyyii taʼuudhaan Ilma Waaqayyoo akka ajjeesisan ibseera.

Utuu itti hin yaadin waaʼee amantiikee ibsa akka kennitu yommuu gaafatamtu deebii gaarii kennuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa? Fakkeenya Nahimiiyaa isa gaaffii Artashaastaa Mootichi isaa dhiheesseef deebii kennuusaa dura garaasaatti kadhannaa godhe hordofi. (Nah. 2:4) Achiis, yeruma sana deebii kennitu sammuukeetti qindeessuu yaali. Qabxiiwwan armaan gaditti dhihaatan akka kaʼumsaatti itti fayyadamuu dandeessa: (1) Qabxii irratti ibsa kennitu tokko ykn lama filadhu (yaadawwan kitaaba Riiziniingi Firoom za Iskiriipcharsi jedhamurra jiranitti fayyadamuu barbaadda taʼa). (2) Caqasawwan yaada kaasteef ragaa taʼan filadhu. (3) Namni gaaffii sii dhiheesse obsaan akka si dhaggeeffatutti, akkamitti malaan ibsa kennuu akka dandeessu yaadi. Sana booda deebii kenni.

Haala rakkisaa akkasii keessatti wanta gochuu qabdu yoo wallaalte maal gochuu qabda? Yesus bartootasaatiin, “Akka itti dubbattan yookiis maal akka jettan hin yaaddaʼinaa; wanti isin dubbachuuf jirtan yeroo sanatti isiniif in kennama. Hafuura abbaa keessaniitu isin keessaa dubbata malee, isintu dubbata miti” jedheera. (Mat. 10:19, 20) Kana jechuun garuu akka Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa, dandeettii “ogummaadhaan dubbachuutu” sii kennama jechuu miti. (1 Qor. 12:8) Barumsa Yihowaan karaa gumii Kiristiyaanaa tajaajiltootasaatiif kennu yeroo hunda kan hordoftu yoo taʼe, yeroo barbaachisutti hafuurri qulqulluun yaada si barbaachisu akka yaadattu si gargaaruu dandaʼa.—Isa. 50:4.

Jecha ofiitiin dubbachuun faayidaa akka qabu beekamaadha. Yommuu gumiirratti kutaa dhiheessitu akkasitti dubbachuu yoo shaakalte, utuu itti hin yaadin gaaffiin yeroo sii dhihaatu deebii kennuun si hin rakkisu. Kanaaf, mala haasaa kanatti fayyadamuu shaakaluurraa duubatti hin jedhin. Jecha keetiin dubbachuu barachuunkee, tajaajilarratti caalaatti buʼa qabeessa akka taatu, gumiirratti haasaa dhiheessuuf mirga yoo argattemmoo, dhaggeeffattoonni xiyyeeffannaadhaan akka si hordofan gochuufi garaasaanii tuquuf si gargaara.

KANA GOCHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

  • Jecha ofiitiin dubbachuun faayidaa akka qabu amanuu qabda.

  • Haasaakee guutummaatti barreessuu mannaa toorii qopheeffadhu.

  • Haasaakee yommuu qophooftu, qabxiiwwan gurguddaa hunda kopha kophaatti sammuutti qabadhu. Yaadasaa duraa duubaan sammuutti qabadhu malee jechootarratti hin xiyyeeffatin.

GILGAALA: (1) Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa yommuu qophooftu, himoota hunda utuu hin taʼin jechoota ijoo taʼan qofa jala muruu shaakali. Jecha keetiin deebisi. (2) Kutaa Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti sii kenname yommuu qophooftu, ijoo barumsichaafi qabxiiwwan gurguddaa lama ykn sadii irra deebii shaakali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi