Qayyabannaa 17
Maaykiroofooniitti Fayyadamuu
OBBOLOONNI keenya yeroosaanii aarsaa godhanii walgaʼiirratti argamuuf carraaqqii godhu. Kanaaf, barumsa dhihaaturraa faayidaa akka argataniif, wanta dubbatamaa jiru sirriitti dhagaʼuu qabu.
Bara durii Israaʼel keessatti meeshaan elektiriikii sagalee guddisu hin jiru ture. Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuusaanii dura Museen Dachaa Mooʼaab keessatti walitti isaan qabee yommuu itti dubbate, dhaggeeffattoonni miliyoonaan lakkaaʼaman sagaleesaa dhagaʼuu kan dandaʼan akkamitti ture? Tarii Museen mandaricha keessatti namoonni fageenya murtaaʼeera dhaabatanii wanta inni dubbate sirriitti akka dabarsan godhee taʼuu dandaʼa. (Kes. 1:1; 31:1) Israaʼeloonni biyyoota Yordaanosirraa gara lixaatti argaman qabatanii baayʼee utuu hin turin, Iyaasuun sabicha fuullee Tulluu Geriiziimiifi Tulluu Ebaalitti kan walitti qabe siʼa taʼu, yeroo kanatti Lewwoonni dachaa tulloota kana lamaan gidduutti argamu keessa akka dhaabatan hin godhin hin oolle. Sabni sunis eebbaafi abaarsa sana dhagaʼee deebii kenneera. (Iya. 8:33-35) Bara sanatti, namoonni wanta dubbatamu dhagaʼanii warra kaanitti dabarsan akka turan, akkasumas akkaataan taaʼumsa lafichaa sagaleen akka gaariitti akka dhagaʼamu gochuurratti shoora guddaa akka qabu hin shakkisiisu.
Naannoo waggaa 1,500 boodas, Yesusiin dhaggeeffachuuf ‘tuutni sonaan baayʼeen walitti qabamanii’ turan. Yeroo kanatti Yesus bidiruurra taaʼee bidiruttii gara gidduu bishaaniitti erga butatee booda isaanitti dubbachuu jalqabe. (Mar. 4:1, 2) Yesus bidiruurra taaʼee dubbachuu kan filate maaliif ture? Bishaan ciisu, sagaleen namaa akka gaariitti akka dhagaʼamu waan godhuuf taʼuu dandaʼa.
Hanga jalqaba jaarraa 20ffaatti, sagaleen nama haasaa dhiheessu tokkoo akka gaariitti dhagaʼamuufi dhiisuunsaa, baayʼina namoota wanta dubbatame dhagaʼaniin madaalama ture. Haataʼu malee, tajaajiltoonni Yihowaa bara 1920 jalqabee meeshaa elektiriikii sagalee guddisuun fayyadamuu jalqaban.
Meeshaa Sagalee Guddisu. Meeshaan akkasii, qulqullina sagalee nama tokkoo utuu hin jijjiirin sagaleesaa dachaa baayʼeedhaan guddisuu dandaʼa. Kanaaf, namni haasaa dhiheessu, hanga qoonqoonsaa isa dhukkubutti iyyuun isa hin barbaachisu. Kunimmoo dhaggeeffattoonni barumsa dhihaachaa jiru rakkina tokko malee akka hordofan gargaara.
Walgaʼiiwwan gurguddaa Dhugaa Baatonni Yihowaa godhanirratti meeshaan sagalee guddisu akka jiraatu gochuuf carraaqqiin ni godhama. Kana malees, obboloonni haasaa dhiheessan, walgaʼii geggeessan ykn waltajjiirraa dubbisan meeshaawwan sagalee guddisaniifi Galmawwan Mootummaa keessatti argamanitti fayyadamu. Gumii tokko tokko keessattimmoo, obboloonni walgaʼiirratti yommuu deebii kennan maaykiroofooniitti fayyadamu. Gumiinkee meeshaa sagalee kan qabu yoo taʼe, akkamitti akka itti fayyadamtu baradhu.
Qajeelfama Buʼuuraa Tokko Tokko. Meeshaawwan sagaleetti akka gaariitti fayyadamuuf, qabxiiwwan armaan gadii yaadatti qabadhu: (1) Yeroo baayʼee maaykiroofooniin afaankeerraa seentiimeetira 10 hanga 15 fagaachuu qaba. Baayʼee yoo itti siqxe wanti dubbattu sirriitti utuu hin dhagaʼamin hafuu dandaʼa. Baayʼee yoo irraa fagaattemmoo wanta dubbattu dhagaʼuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. (2) Maaykiroofoonichi kallattii afaankeetiin malee, afaankeerraa jalʼatee kaaʼamuu hin qabu. Fuulakee gara mirgaatti ykn gara bitaatti yoo naannessite, afaankee kallattii maaykiroofooniitiin hamma taʼutti hin dubbatin. (3) Sagalee yeroo namootaa wajjin mariʼattu dhageessisturra hamma tokko caaluun dubbadhu. Taʼus garmalee iyyuu hin qabdu. Meeshaan sagalee guddisu, sagaleenkee namoota sirraa fagaatanii jiraniitti akka dhagaʼamu gochuu dandaʼa. (4) Qoonqoo xaxxaragachuun yoo si barbaachise ykn yoo si qufaasise ykn yoo si haxxiffachiise maaykiroofooniirraa garagali.
Yommuu Haasaa Dhiheessitu. Gara waltajjiitti yommuu baatu obboleessi maaykiroofoonii sii sirreessu jira. Yeroo kanatti, fuulakee gara dhaggeeffattootaatti garagalchii sirriitti ol jedhii dhaabadhu. Waraqaa yaadannookee atiraanosiirra kaaʼi; achiis maaykiroofoonichi waraqaa sana ilaaluu akka si hin dhowwine mirkaneeffadhu.
Dubbachuu yommuu jalqabdu sagaleenkee akka gaariitti dhagaʼamuufi dhiisuusaa mirkaneeffadhu. Garmalee iyyitee dubbattaa? Yookiinimmoo jechoonni afaankee keessaa baʼan tokko tokko akka dhukaʼuu taʼuu? Akkas taanaan, seentiimeetira lamaa hanga shaniitti irraa fagaachuu qabda. Waraqaa yaadannoo yommuu ilaaltu, kallattii maaykiroofooniitiin ykn xinnoo irraa ol jettee malee, maaykiroofooniirraa gad jettee dubbachuu ykn dubbisuu hin qabdu.
Yommuu Waltajjiirraa Dubbistu. Fuullikee gara dhaggeeffattootaa taʼuu akka dandaʼutti, Macaafa Qulqulluu ykn barreeffama garabiraa ol kaastee qabachuunkee gaariidha. Maaykiroofoonichi fuulakee dura waan dhaabatuuf, barreeffama dubbistu gara sii mijaaʼutti qabuun si barbaachisa. Kana jechuun, hanga tokko fuulakee gar tokkotti jalʼisuu qabda jechuudha. Akkas yoo goote, yommuu dubbistu sagaleenkee kallattiidhaan gara maaykiroofooniitti seena.
Obboloonni hedduun Qayyabannaa Masaraa Eegumsaarratti dubbisan, maaykiroofoonii dhaabatutti fayyadamu. Kunis, akka barbaadanitti hafuura akka baafataniifi miira barbaachisaa ergaa sanaaf taʼuun akka dubbisan isaan gargaara. Walgaʼiirratti dubbisni gaʼee guddaa akka qabu hin dagatin. Dhaggeeffattoonni barumsicharraa faayidaa guddaa argachuu kan dandaʼan, barreeffamichi sirriitti yoo dubbifame qofadha.
Yommuu Walgaʼiirratti Yaada Kennitu. Gumii keessatti dhaggeeffattoonni yaada kennuuf maaykiroofooniitti kan fayyadaman yoo taʼe, sagalee gaʼaafi akka gaariitti dhagaʼamuun dubbachuun barbaachisaa akka taʼe hubachuu qabu. Yommuu yaada kennitu, barreeffama qayyabatamu ykn Macaafa Qulqulluu harkatti qabadhu. Akkas gochuunkee, utuu hin rakkatin barreeffamicha ilaalaa maaykiroofooniidhaan dubbachuuf si gargaara.
Gumiiwwan tokko tokkottimmoo, obboloonni namoota yaada kennaniif maaykiroofoonii akka qaban ni ramadamu. Akkas taanaan, deebii kennuuf yommuu carraa argattu, obboleessi maaykiroofoonii naannessu bakka ati teesse argee dafee sii fiduu akka dandaʼutti harkakee baasii eegi. Maaykiroofoonichi harkatti kan qabatamu yoo taʼe dafii harkaa fudhadhu. Sirriitti hamma qabattutti dubbachuu hin jalqabin. Yaadakee yommuu xumurtu dafii deebisi.
Yommuu Hojiin Argisiisa Dhiheessitu. Hojiin argisiisarratti maaykiroofooniitti fayyadamuun dursanii qophaaʼuu gaafata. Maaykiroofoonicha harkatti qabachuun hin barbaachisu yoo taʼe, Macaafa Qulqulluufi yaadannookee qabachuuf harkakee lamaanitti fayyadamuu dandeessa. Maaykiroofoonii harkatti qabatamuun kan fayyadamtu yoo taʼemmoo, rakkina tokko malee asiif achi sochoʼuu dandeessa; haataʼu malee yeroo kanatti namni sii wajjin jiru akka sii qabu gochuun si barbaachisa taʼa. Akkas yoo goote utuu hin rakkatin Macaafa Qulqulluu baafachuu dandeessa. Kanaaf, atiifi namni sii wajjin kutaa dhiheessu maaykiroofooniitti sirriitti fayyadamuuf dursitanii shaakaluu qabdu. Keessumaa yommuu waltajjiirraa dubbattu, dugdakee gara dhaggeeffattootaatti garagalchuu akka hin qabne yaadadhu.
Walgaʼii Tajaajilaarratti hojiin argisiisni namoota hedduu hirmaachisuufi waltajjiirra asiifi achi sosochoʼuu gaafatu jiraachuu dandaʼa. Kanaaf maaykiroofoonii hedduun barbaachisuu dandaʼa. Meeshaawwan kun dursanii qophaaʼuu ykn yommuu namoonni hojiin argisiisicharratti hirmaatan waltajjiitti ol baʼuuf jedhan itti kennamuu qabu. Haataʼu malee, maaykiroofoonota kana bakka sirrii kaaʼuufi yeroo barbaachisaa taʼetti itti fayyadamuun qindoominaan hojjechuu gaafata. Hojiin argisiisichi dhihaachuusaa dura shaakala godhamu ilaaluun, karaa sirrii taʼeen maaykiroofooniitti fayyadamuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe qajeelfama kennuuf gargaara. Shaakala kana waltajjiirratti gochuun hin dandaʼamu yoo taʼe, obboloonni hojiin argisiisicharratti hirmaatan waan taʼe tokko qabatanii akkamitti maaykiroofooniitti fayyadamuun akka dandaʼamu shaakaluunsaanii gaariidha. Sana booda namoonni hojiin argisiisicharratti hirmaatan waltajjiirraa yommuu buʼan, funyoon maaykiroofoonii akka wal hin xaxnetti of eeggannoodhaan kaaʼuu qabu.
Kaayyoon walgaʼii keenyaa inni guddaan, maree Dubbii Waaqayyoorratti goonuun wal jajjabeessuu waan taʼeef, karaa sirrii taʼeen maaykiroofooniitti fayyadamuuf xiyyeeffannaa kennuun keenya barbaachisaadha. (Ibr. 10:24, 25) Maaykiroofooniitti akka gaariitti fayyadamuu barachuudhaan, kaayyoo kana galmaan gaʼuurratti gaʼee keenya raawwachuu dandeenya.