LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 30 ful. 186-ful. 189 key. 4
  • Namootaaf Akka Yaannu Argisiisuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namootaaf Akka Yaannu Argisiisuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dandeettii Namootaa Wajjin Mariʼachuuf Qabnu Fooyyessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Garaa Namootaa Tuquuf Carraaqii Gochuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Faayidaa Barumsichaa Ifa Gochuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Bartoota Gochuudhaan Isa Hunda Caalu Fakkaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 30 ful. 186-ful. 189 key. 4

Qayyabannaa 30

Namootaaf Akka Yaannu Argisiisuu

Maal gochuu qabda?

Yommuu namoonni yaadasaanii ibsan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu, nageenyasaaniitiif akka yaaddus argisiisi.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Kun, jaalala Yihowaan nutti argisiise karaa itti calaqqisnu siʼa taʼu, garaa namootaa tuquufis nu gargaara.

ERGAA Macaafa Qulqulluu yeroo namootatti himnu, kaayyoon keenya beekumsa akka argatan gargaaruu qofa utuu hin taʼin, garaasaaniis tuquu qabna. Karaan itti kana gochuu dandeenyu keessaa inni tokko, namoota nu dhaggeeffataniif akka yaannu argisiisuudha. Namootaaf akka yaannu karaa addaddaa argisiisuu dandeenya.

Ilaalcha Dhaggeeffattootaa Tilmaama Keessa Galchi. Phaawulos aadaafi ilaalcha dhaggeeffattootasaa tilmaama keessa galcha ture. Akkas jechuudhaan ibseera: “Yihudoota biratti, warra Yihudootaa buufachuudhaaf akka Yihudiin taʼe; warra seera jala jiran biratti, ofii kootii seera jala yoon jiraachuu dhaabaadhe iyyuu, warra seera jala jiran sana buufachuudhaaf akka nama seera jala jiruun taʼe. Warra seericha hin qabne biratti, isaan buufachuudhaaf akka nama seericha hin qabneen taʼe; haa taʼu iyyuu malee, seera Kristos jala waanan jiruuf, ani seera Waaqayyoo hin dhabne. Warra amantiitti xobbee taʼan biratti, warra amantiitti xobbee taʼan buufachuudhaaf akka nama xobbee taʼeera; karaadhuma hundumaan namoota muraasa illee oolchuudhaaf, namoota hundumaa biratti waan fakkaatu hundumaa taʼeera. Hojii wangeelaatiin kennaa isaa keessaa hirmaachuudhaaf, wangeelaaf jedhee kana hundumaa nan godha.” (1 Qor. 9:20-23) Nuhoo, yeroo harʼaatti “namoota hundumaa biratti waan fakkaatu hundumaa” taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

Namoota haasofsiisuukee dura wantoota tokko tokko hubachuuf yaalii yoo goote, fedhiifi ilaalchisaanii maal akka taʼe hubachuunkee hin oolu. Hojiinsaanii maal akka taʼe tilmaamuu dandeessaa? Wanta waaʼee amantiisaanii ibsu argiteettaa? Haala maatiisaanii ilaalchisee waan hubatte qabdaa? Wanta hubatterraa kaʼuudhaan akkaataa dhiheenyaakee karaa isaaniif taʼuun jijjiiruu dandeessaa?

Akkaataan dhiheenyaakee caalaatti buʼa qabeessa akka taʼu gochuuf, namoota naannoo tajaajilaakeetti argaman akkam jettee haasofsiisuu akka qabdu dursii qophaaʼi. Naannoo tokko tokkotti kana gochuun, namoota biyya alaatii dhufan tilmaama keessa galchuu dabalata. Namoonni akkasii naannoo keetti argamu taanaan, karaa buʼa qabeessa taʼeen akkamitti isaaniif dhugaa baʼuu dandeessa? Waaqayyo, “namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka gaʼu” waan barbaaduuf, kaayyoonkee namoota argitu hundaaf ergaa Mootummichaa karaa buʼa qabeessa taʼeen dabarsuu taʼuu qaba.—1 Xim. 2:4.

Xiyyeeffannaadhaan Dhaggeeffadhu. Yihowaan waan hundumaa kan beeku taʼuusaarrayyuu, wanta namoonni dubbatan ni dhaggeeffata. Miikiyaas raajichi, Yihowaan ergamoonnisaa dhimma tokkoof yaada furmaataa akka kennan yommuu isaan gaafatu mulʼataan argee ture. Achiis, ergamaan yaada furmaataa dhiheesse tokko yaada sana ofumasaatiif akka raawwatu isa ergeera. (1 Mot. 22:19-22) Abrahaam tarkaanfii Sodoomirratti fudhatamu ilaalchisee sodaa itti dhagaʼame yommuu ibsu, Yihowaan gaarummaadhaan isa dhaggeeffateera. (Uma. 18:23-33) Nuhoo tajaajilarratti namoota dhageeffachuudhaan fakkeenya Yihowaa fudhachuu kan dandeenyu akkamitti?

Namoonni yaadasaanii akka ibsan jajjabeessi. Gaaffii sirrii taʼe erga gaafattee booda, deebii akka kennan yeroo kenniif. Yommuu dubbatan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. Akkas yoo goote sodaa malee dubbachuuf kakaʼu. Wanti baayʼee isaan yaaddessu akka jiru deebiisaaniirraa yoo hubatte, gaaffii dabalataa malaan gaafachuudhaan caalaatti waaʼeesaanii baruuf carraaqi. Kana jechuun garuu waaʼee jireenyasaanii tokko tokkoon qoruu qabda jechuu miti. Sababiin itti isaan galateeffattu yoo jiraates galateeffachuurraa duubatti hin jedhin. Yaadasaaniitti walii galuu baattullee, wanta isaan dubbachuu barbaadan akka hubatte itti himi.—Qol. 4:6.

Haataʼu malee, haalli namootaaf akka yaannu itti argisiisnu daangaasaa akka hin darbine of eeggannoo gochuu qabna. Namootaaf ni yaanna jechuun dhimma dhuunfaasaanii keessa seenna jechuu miti. (1 Phe. 4:15) Namni saala faallaa taʼe qabu, gaarummaa itti argisiisnu dogoggoraan akka hin hubanne of eeggannoo gochuu qabna. Nama tokkotti hangam gaarummaa argisiisuu qabna yaanni jedhu biyyaa gara biyyatti, akkasumas namaa gara namaatti garaagarummaa waan qabuuf hubannaa qabaachuun nu barbaachisa.—Luq. 6:31.

Xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf dursanii qophaaʼuun gaariidha. Wanti dubbachuu barbaannu ifa nuu taʼuunsaa, rakkina tokko malee wanta namoonni dubbatan dhaggeeffachuuf nu gargaara. Kunis, akka tasgabbaaʼaniifi nuu wajjin mariʼachuuf fedhii akka qabaatan gochuu dandaʼa.

Namoota dhaggeeffachuun keenya akka isaan kabajnu argisiisa. (Rom. 12:10) Akkasumas yaadasaanii akka kabajnuufi miirasaaniitiif akka of eeggannu argisiisa. Wanta dubbannu xiyyeeffannaadhaan akka dhaggeeffatan isaaniinis kakaasuu dandaʼa. Dubbiin Waaqayyoos, “dhagaʼuutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa” akka taanu kan nu gorsu kanaafi.—Yaq. 1:19.

Guddina Akka Argisiisan Gargaari. Namootaaf yaaduun keenya, warra fedhii qaban yommuu argannu, deebinee dhaquudhaan dhugaa Macaafa Qulqulluu isa hunda caalaa isaan barbaachisu akka itti himnu nu kakaasa. Deebitee dhaquuf yommuu yaaddu, waaʼeesaanii wantoota kanaan dura hubatte tilmaama keessa galchi. Dhimma isaan yaaddessurratti qophaaʼii dhaqi. Akkasumas, wanti barachaa jiran akkamitti akka isaan fayyadu sirriitti akka hubatan gargaari.—Isa. 48:17.

Namni haasofsiisaa jirtu wanti ykn rakkinni isa yaaddessu akka jiru yoo sitti hime, carraa kanatti fayyadamuudhaan misiraachicha itti himi. Akkuma Yesus godhe, nuyis namoota dhiphatan arginee callisnee bira darbuu hin qabnu. (Mar. 6:31-34) Ariifattee, ‘Maaliif akkas hin gootu?’ jechuu ykn gorsa itti hin yaadamne kennuurraa of qusadhu. Akkas yoo goote, garaadhaa waaʼeesaa akka hin yaanne itti dhagaʼamuu dandaʼa. Kanaa mannaa iddoosaa of kaaʼuu yaali. (1 Phe. 3:8) Achiis barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼanii qophaaʼanitti fayyadamtee qorannoo gochuudhaan gorsa rakkina isa mudate moʼuuf isa gargaaru kennuufii dandeessa. Nama kanaaf yaaduunkee utuu hin barbaachisin iccitiisaa namootatti himuurraa akka of qusattu si godha.—Fak. 25:9.

Keessumaa namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnuuf garaadhaa akka yaannu argisiisuu qabna. Wanta namoota Macaafa Qulqulluu qayyabatan barbaachisu sammuutti qabachuudhaan kadhannaadhaan qayyabannaa sana qophaaʼi. ‘Karaa hafuuraa guddina argisiisuusaanii itti fufuuf tarkaanfii akkamii fudhachuutu isaan barbaachisa?’ jedhii of gaafadhu. Namni qayyabsiistu, Macaafni Qulqulluuniifi barreeffamoonni “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qopheessu dhimma sana ilaalchisee maal akka jedhan akka hubatu gargaari. (Mat. 24:45) Yeroo tokko tokko ibsa kennuun qofti gaʼaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu tokko tokko akkamitti hojiirra oolchuun akka dandaʼamu itti argisiisuun si barbaachisa taʼa.—Yoh. 13:1-15.

Namoonni akka fedha Yihowaatti akka jiraatan yommuu gargaarru hubannaa qabaachuun nu barbaachisa. Akkaataan guddinaafi dandeettiin namootaa addadda waan taʼuuf, saffisni isaan karaa hafuuraa itti guddatanis garaagaradha. Wanta humnasaaniitii ol taʼe irraa hin eegin. (Filp. 4:5) Jijjiirama akka godhan hin dirqisiisin. Dubbii Waaqayyoofi hafuurasaatiin kakaʼanii jijjiirama akka godhan gargaari. Yihowaan namoonni dirqamaan utuu hin taʼin, garaasaaniitii kakaʼanii akka isa tajaajilan barbaada. (Far. 110:3) Haalli murtoo akka godhan dirqisiisu yoo isaan mudate, ilaalcha mataakee itti himuu ykn isaaniif murteessuurraa of qusadhu.—Gal. 6:5.

Isaan Gargaari. Yesus wantoota karaa hafuuraa dhaggeeffattootasaa barbaachisanirratti kan xiyyeeffate taʼus, wanta karaa foonii isaan barbaachisuufis xiyyeeffannaa kenneera. (Mat. 15:32) Namoota karaa foonii gargaaruuf haalli keenya nuu heyyamuu baatus, karaa itti isaan gargaaruu dandeenyu hedduu qabna.

Rakkina namootaa akka kan ofiitti ilaaluun keenya garaadhaa akka isaanii yaannu nu kakaasa. Fakkeenyaaf namni haasofsiisaa jirtu haalli qilleensaa akka isaaf hin mijoofne yoo hubatte, iddoo mijaaʼaa taʼe filachuu ykn maree sana yeroo garabiraa akka itti fuftan itti himuu dandeessa. Ollaankee ykn namni Macaafa Qulqulluu qayyabachuu barbaadu yoo dhukkubsate ykn mana yaalaa yoo ciise, kaardii isaaf erguudhaan ykn xalayaa gabaabaa barreessuudhaan ykn dhaqxee gaafachuudhaan akka isaaf yaaddu argisiisi. Dandaʼamnaan, nyaata geessuufii ykn wanta isa barbaachisu garabiraa gochuufii dandeessa.

Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabatan karaa hafuuraa guddachaa yommuu adeeman, hiriyootasaanii durii wajjin waan walitti hin dhihaanneef, kophummaan itti dhagaʼamuu dandaʼa. Kanaaf akka hiriyaatti itti dhihaadhu. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu boodas taʼe yeroo garabiraa, yeroo itti waliin haasoftan mijeessi. Hiriyoota gaarii akka qabaatan jajjabeessi. (Fak. 13:20) Walgaʼiirratti akka argaman, akkasumas walgaʼii kanarraa guutummaatti akka fayyadamaniif isaanii wajjin taaʼuufi ijoolleesaanii qabuudhaan isaan gargaari.

Garaadhaa Akka Isaaniif Yaaddu Argisiisi. Garaadhaa namootaaf yaaduun, muuxannoodhaan kan argamu utuu hin taʼin amala garaadhaa maddudha. Garaadhaa namootaaf yaaduun keenya karaa addaddaa mulʼachuu dandaʼa. Akkaataan itti dhaggeeffannuufi itti dubbannu hammam garaadhaa akka isaanii yaannu argisiisa. Amalli kun gaarummaafi jaalala isaanitti argisiisnuunis mulʼachuu dandaʼa. Utuu hin dubbatiniifi utuu waa hin godhinillee haalaafi miira fuula keenyarraa mulʼachuu dandaʼa. Dhugumaan garaadhaa namootaaf kan yaannu yoo taʼe kana salphaatti hubachuu dandaʼu.

Garaadhaa namootaaf kan yaannu, jaalalaafi araara argisiisuudhaan Abbaa keenya isa samii fakkaachuu waan barbaannuufidha. Kunis, dhaggeeffattoonni keenya Yihowaatti akka dhihaataniifi ergaa inni akka labsinu nu ajaje akka fudhatan isaan kakaasa. Kanaaf, yommuu misiraachicha labsitu seera buʼuuraa, ‘waan warra kaanitti tolus ilaali malee, waan sitti tolu duwwaa hin ilaalin’ jedhu hojiirra oolchuuf carraaqqii godhi.—Filp. 2:4.

GARAADHAA NAMOOTAAF AKKA YAANNU ARGISIISUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Namni tokko yommuu dubbatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. Yaadaafi miirasaa waan sii ibseef galateeffadhu. Yaadasaa hubachuuf gaaffii tokko tokko isa gaafadhu.

  • Erga mariʼattanii booda waaʼee namichaa yaadi. Utuu hin turin deebiʼii dhaqi.

  • Dhimma isa yaaddessuu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu itti argisiisi.

  • Wanta ammas taʼe gara fuulduraatti isa barbaachisu tilmaama keessa galchuudhaan isa gargaari.

GILGAALA: (1) Walgaʼiin gumii jalqabamuusaa dura nama achitti argame tokkoof akka yaaddu argisiisuu yaali. Nagaa isa gaafachuu qofa utuu hin taʼin, caalaatti isaa wajjin wal baruuf carraaqi. Yeroo hundumaa namootaaf akka yaaddu argisiisi. (2) Nama tajaajilarratti argattuuf garaadhaa akka yaaddu argisiisi. Dhugaa baʼuun qofti gaʼaa waan hin taaneef, namicha caalaatti beekuuf carraaqi. Wanti dubbattus taʼe wanti gootu, waaʼee nama sanaa wanta beektuu wajjin kan walsimu taʼuu qaba. Carraawwan kana gochuuf si dandeessisan barbaadi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi