Qayyabannaa 34
Karaa Nama Jajjabeessuun Dubbachuu
ERGAAN akka labsinu nuu kenname misiraachoodha. Yesus, “Duraan dursee wangeelli saba hundumaatti lallabamuun in taʼa” jedheera. (Mar. 13:10) Innumtiyyuu, hojii “misraachoo mootummaa Waaqayyoo” dursa fudhatee hojjeteera. (Luq. 4:43) Ergaan, ergamoonni Yesus lallabaa turanis “wangeela Waaqayyoo” fi “Wangeela Kristos” jedhameera. (1 Tas. 2:2; 2 Qor. 2:12) Ergaan akkasii kan nama jajjabeessudha.
‘Ergamaa bantii waaqaa walakkaa balaliʼuufi’ “wangeela isa bara baraa” labsuu wajjin haala walsimuun, “Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf!” jennee namoota akeekkachiisna. (Mul. 14:6, 7) Waaʼee Waaqa dhugaa, waaʼee maqaasaa, waaʼee amalawwansaafi waaʼee hojiiwwansaa warra dinqisiisoo, akkasumas isa biratti kan itti gaafatamnu taʼuu keenyaafi wanta inni nurraa barbaadu namoota hundaatti himna. Misiraachoon kun, Yihowaan namoota hamoo isaaf ulfina hin kennineefi jireenya namoota kaanii balleessan akka balleessus ni dubbata. Taʼus, namoota lallabnuufitti faraduuf mirga hin qabnu. Hawwiin keenya namoonni hedduun ergaa Macaafa Qulqulluu dhagaʼanii tarkaanfii fudhachuudhaan akka fayyadaman gargaaruudha.—Fak. 2:20-22; Yoh. 5:22.
Waaʼee Rakkinaa Waan Baayʼee Hin Dubbatin. Jireenyi namootaa rakkinaan kan guutame waan taʼeef waaʼee rakkinaa dubbachuun keenya hin oolu. Rakkina namoota naannoo tajaajilaa keenyatti argaman yaaddessu tokko kaasnee maree jalqabuu dandeenya. Haataʼu malee, waaʼee rakkinaa waan baayʼee dubbachuun faayidaa hin qabu. Namoonni yeroo hunda oduu nama hin gammachiisne waan dhagaʼaniif, waaʼee rakkinaa qofa yoo isaanitti himne nu dhaggeeffachuu dhiisuu dandaʼu. Akkuma maree jalqabdeen dhugaa nama jajjabeessuufi Dubbii Waaqayyoo keessatti argamurratti akka xiyyeeffatan godhi. (Mul. 22:17) Namni haasofsiiste maree sana itti fufuu kan hin barbaanne yoo taʼellee, dhimma inni irratti yaaduu dandaʼu tokko itti himteetta jechuudha. Akkas gochuunkee yeroo garabiraa xiyyeeffannaadhaan akka si dhaggeeffatu gochuu dandaʼa.
Haaluma wal fakkaatuun, yeroo haasaa dhiheessitu odeeffannoo waaʼee rakkinaa ibsu balʼinaan argachuu waan dandeesseef qofa waaʼee dhimma kanaa waan baayʼee hin dubbatin. Namni haasaa dhiheessu dadhabina namoonni biyya bulchan qaban, waaʼee yakkaafi humnaan namarratti kaʼuu, amalli gadheen babalʼachuusaa ilaalchisee waan baayʼee dubbata taanaan, dhaggeeffattoonni abdii kutachuu dandaʼu. Waaʼee rakkinaa caqasuu kan qabdu, haasaa dhiheessituuf baayʼee kan barbaachisu yoo taʼe qofadha. Utuu hin baayʼisin wantoota akkasii caqasuun haasaan sun yeroo sanaaf barbaachisaa taʼuusaa akka hubatan isaan gargaara. Akkas gochuunkee, madda rakkina kanaafi yaanni furmaataa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu faayidaa kan qabu taʼuusaa akka hubatan godha. Hamma dandaʼametti waaʼee rakkinaa waan baayʼee hin dubbatin.
Yeroo baayʼee yaadawwan waaʼee rakkinaa ibsan haasaa tokko keessaa guutummaatti baasuun kan hin dandaʼamne siʼa taʼu, akkas gochuunis barbaachisaa miti. Namni haasaa dhiheessu tokko haasaasaa keessatti wanta gaariis taʼe wanta gadhee caqasuu dandaʼa. Wanti baayʼee barbaachisaa taʼe garuu, guutummaan haasichaa kan nama jajjabeessu akka taʼu gochuudha. Kana gochuuf maal akka itti dabaltuufi maal akka irraa hirʼistu, akkasumas qabxii isa kam caalaatti akka jabeessitu murteessuu qabda. Yesus Lallabasaa isa Gaaraarratti, dhaggeeffattoonnisaa fakkeenya Fariisota warra of hin arginee taʼan akka hin hordofne erga akeekkachiisee booda, fakkeenya yaada kana caalaatti ifa godhu caqaseera. (Mat. 6:1, 2, 5, 16) Haataʼu malee, Yesus amala gadhee geggeessitoonni amantii sun qabanirratti xiyyeeffachuu mannaa, Waaqa dhugaa beekuufi daandiisaarra deddeebiʼuun barbaachisaa taʼuusaa balʼinaan ibseera. (Mat. 6:3, 4, 6-15, 17-34) Kana gochuunsaas, haasaansaa baayʼee kan nama jajjabeessu akka taʼu godheera.
Akkaataan Itti Dubbattu Kan Nama Jajjabeessu Haataʼu. Hojii Kiristiyaanotaaf kenname tokko ilaalchisee gumiirratti haasaa akka dhiheessitu kutaan yoo sii kenname, karaa dhaggeeffattoota abdii kutachiisuun utuu hin taʼin, karaa isaan jajjabeessuun dubbadhu. Namoota hojiidhaaf kakaasuuf fakkeenya taʼi. (Rom. 2:21, 22; Ibr. 13:7) Jaalalaan malee, aariidhaan hin dubbatin. (2 Qor. 2:4) Namoonni hidhata amantiikee taʼan Yihowaa gammachiisuu akka barbaadan kan amantu yoo taʼe, amanannaan isaanirratti qabdu haasaakeerraa mulʼachuunsaa hin oolu; kunimmoo faayidaa guddaa qaba. Phaawulos obbolootarratti amanannaa akkasii akka qabu akkamitti akka ibse, 1 Tasaloniiqee 4:1-12; 2 Tasaloniiqee 3:4, 5fi Filemon 4, 8-14, 21rraa ilaali.
Yeroo tokko tokko, jaarsoliin gocha dogoggora taʼe ilaalchisee akeekkachiisa kennuun isaan barbaachisa taʼa. Haataʼu malee, gad of deebisuunsaanii gaarummaadhaan obboloota akka gargaaran isaan kakaasa. (Gal. 6:1) Akkaataan itti dubbatan namoota gumii keessatti argaman akka kabajan kan argisiisu taʼuu qaba. (1 Phe. 5:2, 3) Macaafni Qulqulluun, keessumaa dargaggoonni jaarsolii gumii taʼan wanta kanaaf xiyyeeffannaa akka kennan gorsa. (1 Xim. 4:12; 5:1, 2; 1 Phe. 5:5) Balleessaa hubachiisuun, gorsuuniifi qajeelchuun yoo barbaachise, yaanni isaan kennan Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. (2 Xim. 3:16) Namni haasaa dhiheessu, wanta itti amanu akka isaaf deggeru gochuuf, caqasa tokko yaadasaa wajjin walsimsiisuu ykn caqasicha karaa jalʼisee dhiheessuu hin qabu. Cubbuurraa fagaachuu, rakkina moʼuu, akkasumas daandii dogoggora taʼerraa deebiʼuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼeefi faayidaa abboommii Yihowaa eeguun qabu ilaalchisee gorsa cimaa kennuun yoo barbaachise, akkaataan itti dubbannu kan nama hin mufachiisne taʼuu qaba.—Far. 119:1, 9-16.
Yommuu haasaa qophooftu, qabxiiwwan gurguddaafi guutummaa haasichaa akkamitti akka xumurtu xiyyeeffannaadhaan irratti yaadi. Yeroo baayʼee yaanni xumurarratti dubbatamu dafee hin irraanfatamu. Maarree, yaanni xumurarratti dubbattu kan nama jajjabeessudhaa?
Yommuu Namoota Hidhata Amantiikee Taʼanii Wajjin Dubbattu. Tajaajiltoonni Yihowaa walgaʼii Kiristiyaanaarratti carraa itti waliin haasaʼan argachuusaaniitti ni gammadu. Yeroon akkasii karaa hafuuraa jajjabina argachuuf nu gargaara. Macaafni Qulqulluun bakka waaqeffannaa keenyatti yommuu argamnu akka ‘wal jajjabeessinu’ nu gorsa. (Ibr. 10:25) Haasaafi yaada walgaʼiirratti kennamuun qofa utuu hin taʼin, walgaʼii duraafi booda waliin haasaʼuudhaanis wal jajjabeessuu dandeenya.
Wantoota nu yaaddessanirratti mariʼachuun keenya sirrii taʼus, caalaatti kan wal jajjabeessinu wantoota hafuuraarratti yoo mariʼannedha. Mareen akkasiimmoo, muuxannoo tajaajilarratti arganne walitti himuu dabalata. Akka waliif yaannu argisiisuun keenyas kan nama jajjabeessudha.
Biyyi lafaa dhiibbaa akka nurraan hin geenye of eeggannoo gochuun nu barbaachisa. Phaawulos Kiristiyaanota Efesooniif yommuu barreesse, “Namni adduma addaan soba of keessaa baasee, dhugaa namatti haa dubbatu!” jedheera. (Efe. 4:25) Soba of keessaa baasanii dhugaa dubbachuun, namootaafi wantoota biyyi lafaa akka waaqaatti ilaalu jajuurraa fagaachuus ni dabalata. Yesusis, ‘gowwoomsaa soorumaarraa’ of eeguun barbaachisaa taʼuusaa dubbateera. (Mat. 13:22) Kanaaf, yeroo waliin haasofnu qabeenyi wanta nama hawwisiisu akka taʼe goonee dubbachuudhaan, warri kaan hawwii qabeenyaatiin akka gowwoomfaman gochuurraa of eeguu qabna.—1 Xim. 6:9, 10.
Phaawulos, wal jajjabeessuu ilaalchisee gorsa kennerratti, obboleessi tokko “dubbii amantiitti dadhabaa” waan taʼeef ykn mirga Kiristiyaanonni qaban guutummaatti waan hin hubanneef, wantoota tokko tokko gochuurraa yoo of qusate isatti faraduu ykn isa tuffachuurraa of qusachuun barbaachisaa taʼuusaa dubbateera. Maree caalaatti nama jajjabeessu gochuuf, akkaataa guddina namootaafi guddina isaan gama hafuuraatiin godhan hubachuu qabna. ‘Gufuu dura kaaʼuudhaan obboleessa [obboleettii] tokko gufachiisuun’ baayʼee nama gaddisiisa.—Rom. 14:1-4, 13, 19.
Karaa namoota rakkina guddaa, kan akka dhibee fayyaa qaban jajjabeessuun dubbachuun keenya, namoota haala akkasii keessatti argaman baayʼee gammachiisa. Namni rakkina akkasii qabu walgaʼiirratti argamuun carraaqqii guddaa gochuu isa gaafata. Namoonni rakkinasaa beekan, “Amma akkam sitti jira?” jedhanii isa gaafachuu dandaʼu. Namni kun warri kaan akka isaaf yaadan beekuusaatti akka gammadu beekamaadha. Haataʼu malee, waaʼee dhukkubaa kaasanii balʼinaan irratti mariʼachuu mannaa, carraaqqii inni gochaa jiru dinqisiifachuufi isa galateeffachuun caalaatti isa jabeessuu dandaʼa. Jaalalli inni Yihowaadhaaf qabu utuu hin qabbanaaʼin rakkina isa mudate moʼuuf carraaqqii inni godhu hubatteettaa? Deebii inni gumiirratti kennurraa jajjabina argatteettaa? Rakkina inni qabu utuu hin taʼin, jabina inni qabu ykn gumicha gargaaruuf carraaqqii inni gochaa jiru caqasuunkee gaarii taʼinnaa?—1 Tas. 5:11.
Mareen keenya caalaatti kan nama jajjabeessu akka taʼu gochuuf, waaʼee dhimma kanaa Yihowaan ilaalcha akkamii akka qabu tilmaama keessa galchuun keenya gaariidha. Israaʼel durii keessatti, Yihowaan namoota inni muudeefi maannaa isaaniif kennametti guungumanirratti dheekkameera. (Lak. 12:1-16; 21:5, 6) Jaarsolii kabajuufi nyaata hafuuraa karaa hojjetaa amanamaafi ogeessaa nuu dhihaatu dinqisiifachuun keenya fakkeenya kenname kanarraa barumsa akka arganne argisiisa.—1 Xim. 5:17.
Obboloota hidhata amantii keenyaa taʼanii wajjin yommuu mariʼannu yaada nama jajjabeessu hin dhabnu. Haataʼu malee, namni tokko warra kaan kan ceephaʼu yoo taʼe, oduu sana maree nama jajjabeessutti jijjiiruuf carraaqqii gochuu qabna.
Namootaaf yommuu dhugaa baanu, haasaa yommuu dhiheessinu ykn obboloota hidhata amantii keenya taʼanii wajjin yommuu mariʼannu, wanti afaan keenya keessaa baʼu “dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhagaʼuufis ayyaana kan kennu” akka taʼu gochuuf hubannaa kan qabnu haa taanu.—Efe. 4:29.