Qayyabannaa 40
Odeeffannoo Sirrii
KIRISTIYAANNI tokko odeeffannoo sirrii hin taane kan dabarsu akkamitti? Oduun tokko dhugaa ykn soba taʼuusaa utuu hin mirkaneessin warra kaanirraa dhagaʼee waan dubbateef taʼuu dandaʼa. Yookiin, wanta dubbise dogoggoraan waan hubateef dhimma sana arbeessee dubbachuu dandaʼa. Wantoota xixinnoo taʼanittillee odeeffannoo sirrii dabarsuuf kan carraaqnu yoo taʼe, dhaggeeffattoonni ergaa keenya isa barbaachisaa taʼe amanuun isaan hin rakkisu.
Tajaajilarratti. Obboloonni tokko tokko beekumsa baayʼee akka hin qabne waan itti dhagaʼamuuf tajaajila jalqabuun isaan sodaachisa. Haataʼu malee, obboloonni kun waaʼee dhugaa beekumsa buʼuuraa argataniin qofallee akka gaariitti dhugaa baʼuu akka dandaʼan hubatu. Kana gochuu kan dandaʼan akkamitti? Kana gochuuf wanti barbaachisu akka gaariitti qophaaʼuudha.
Tajaajila baʼuukee dura, mataduree namootaa wajjin irratti mariʼachuu yaadde akka gaariitti hubadhu. Gaaffiiwwan namoonni haasofsiistu kaasuu dandaʼu jettee yaaddu dursii tilmaami. Achiis, Macaafa Qulqulluurraa deebii quubsaa argachuuf qorannoo godhi. Kana yoo goote, utuu hin sodaatin deebii sirrii kennuu dandeessa. Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf jettaa? Taanaan, akka gaariitti barumsicharra deebiʼi. Yaada caqasawwan Macaafa Qulqulluu gaaffiiwwan sanaaf deebii taʼanis sirriitti hubadhu.
Namni haasofsiistu ykn namni wajjin hojjettu gaaffii irratti hin yaanne yoo si gaafatehoo? Deebiisaa sirriitti hin beektu taanaan, tilmaamaan deebii hin kennin. “Namni qajeelaan deebii kennuu isaa dura irratti in yaada.” (Fak. 15:28) Kitaabni Riiziniingi Firoom za Iskiriipcharsi jedhamu ykn buukleetiin “Baayibil Toppiksi foor Diskashin” jedhamu deebii kennuuf si gargaaruu dandaʼa. Barreeffamoota kana hin qabanne taanaan yeroo garabiraa qorannoo gootee akka deebii kennituuf itti himuu dandeessa. Namni kun gaaffii kana kan gaafate beekumsa argachuuf yoo taʼe, deebii sirrii amma argatutti obsaan eeggachuun itti hin ulfaatu. Kana yoo goote gad of deebisuu keetti si dinqisiifachuu dandaʼa.
Babalʼistoota muuxannoo qabanii wajjin tajaajiluunkee, dandeettii Dubbii Waaqayyoo qajeeltootti hojjechuuf qabdu guddifachuuf si gargaaruu dandaʼa. Caqasawwan warra kam akka caqasaniifi caqasawwan kana akkamitti akka ibsan qalbeeffadhu. Yaada ykn gorsa sii kennan hunda gad of deebisuudhaan fudhadhu. Apholos bartuu hinaaffaa qabu kan ture siʼa taʼu, gargaarsa warra kaaniirraa faayidaa argateera. Luqaas, Apholos “nama arraba qajeelu,” “macaafotas gaarii godhee kan beeku,” “hafuura gubaa” kan qabu, akkasumas ‘waaʼee Yesus qajeeltootti kan lallabuufi kan barsiisu akka ture’ ibseera. Haataʼu malee, wantoonni Apholos hin hubanne tokko tokko jiru turan. Phrisqiilaafi Aqiilaan yommuu kana hubatan, “ofittis isa fudhatanii, caalchisanii karaa Waaqayyoo isa hubachiisan.”—HoE. 18:24-28.
‘Dubbicha Isa Amanamaa Sanatti Jabaatanii Qabamuu.’ Gumiin, “utubaa fi demdemoo dhugaa” waan taʼeef, yommuu walgaʼiirratti kutaa dhiheessinu mirga arganneef bakka guddaa akka kenninu argisiisuu qabna. (1 Xim. 3:15) Dhugaa barsiisuu akka dandeenyutti, ergaa caqasoonni itti fayyadamnu dabarsan sirriitti hubachuun keenya barbaachisaadha. Yaada naannoo caqasichaa jiruufi kaayyoo caqasichi itti barreeffame tilmaama keessa galchuu qabna.
Yommuu haasaa dhiheessitu yaada dogoggoraa yoo dubbatte, dhaggeeffattoonnis irra deebiʼanii isuma dubbachuunsaanii hin oolu. ‘Hundumti keenya baayʼee akka irraa kaannu’ beekamaadha. (Yaq. 3:2) Haataʼu malee, odeeffannoo sirrii dabarsuu amaleeffachuunkee si fayyada. Obboloonni dhiiraa Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti kutaa dhiheessan hedduun, yeroo booda jaarsa taʼuunsaanii hin oolu. Dhiirota itti gaafatamummaa guddaan akkasii kennameefirraa wanta “baayʼeetu barbaadama.” (Luq. 12:48) Jaarsi gumii tokko utuu itti hin yaadin gorsa dogoggora taʼe kennuusaatiin miseensonni gumii rakkinaaf yoo saaxilaman, Waaqayyo jaarsa kanatti ni gadda. (Mat. 12:36, 37) Kanaaf, jaarsi tokko “akka barsiisicha ofii fudhatetti dubbicha isa amanamaa sanatti jabaatee qabamuun isa irra jira.”—Tit. 1:9.
Haasaankee “Dubbii sirrii,” dhugaa Macaafa Qulqulluu wajjin kan walsimu taʼuu qaba. (2 Xim. 1:13) Taʼus, yaanni kun si sodaachisuu hin qabu. Macaafa Qulqulluu dubbistee hin xumurre taanaan, dubbisuukee itti fufi. Hammasitti garuu, qabxiiwwan yeroo barsiistu itti fayyadamtu hubachuuf si gargaaraniifi armaan gaditti kennaman qalbeeffadhu.
Jalqaba akkas jedhii of gaafadhu: ‘Yaanni kun wantan kanaan dura Macaafa Qulqulluurraa baradhee wajjin walsimaa? Dhaggeeffattoonni Yihowaatti akka amanaman kan kakaasumoo, ogummaa biyya lafaatiif bakka guddaa kennuudhaan namoonni ogummaa kanaan akka geggeeffaman kan jajjabeessudha?’ Yesus, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedheera. (Yoh. 17:17; Kes. 13:1-5; 1 Qor. 1:19-21) Achiis, barreeffamoota qorannaa gochuuf gargaaraniifi hojjetaan amanamaaniifi ogeessi qopheessetti akka gaariitti fayyadami. Wantoonni kun ergaa caqasichaa sirriitti hubachuuf qofa utuu hin taʼin, gorsa caqasoota kanarratti argaman akkamitti hojiirra oolchuun akka dandaʼamu ibsuufis si gargaaru. Haasaankee ‘Dubbii sirriirratti’ kan hundaaʼeefi qajeelfama hojjetaa amanamaan kennuu wajjin kan walsimu yoo taʼe, akkaataan caqasootaafi faayidaa gorsa kana hojiirra oolchuun argamsiisu itti ibsitu sirrii taʼa.
Odeeffannoon Tokko Sirrii Taʼuusaa Mirkaneessuu. Qabxiiwwan tokko tokko fakkeenyaan ibsuu ykn akkamitti hojiirra oolchuun akka dandaʼamu ifa gochuu yoo barbaadde, oduu sabqunnamtiirraa ykn bakka garabiraadhaa argatteefi muuxannootti fayyadamuu dandeessa. Odeeffannoowwan kun sirrii taʼuusaanii akkamitti beekuu dandeessa? Malli inni tokko, bakka amansiisaa taʼee kan argamaniifi yeroon kan itti hin darbine taʼuusaanii mirkaneessuudha. Odeeffannoon lakkoofsaa wajjin wal qabate saffisaan waan gegeddaramuuf, odeeffannoon gama saayinsiitiin argames yaadawwan haaraadhaan waan bakka buufamuuf, beekumsi namoonni waaʼee seenaafi afaanota bara durii ilaalchisee qaban guddachaa waan adeemuuf, hubannaan isaan dhimma kanarratti qaban ni jijjiirama. Odeeffannoo gaazexaa, televijiinii, raadiyoo ykn Intarneetiirraa argatetti fayyadamuu barbaannaan, of eeggannoo gochuu qabda. Fakkeenyi 14:15, “Namni wallaalaan dubbii hundumaa amana, namni hubataan garuu lafa dhaqu in ilaallata” jechuudhaan gorsa kenna. Kanaaf, ‘Odeeffannoo kana bakka amansiisaa taʼeen argadhee? Odeeffannoon kun sirrii taʼuusaa bakka garabiraadhaa mirkaneessuu nan dandaʼaa?’ jedhii of gaafadhu. Amansiisaa taʼuusaa yoo shakkite itti hin fayyadamin.
Odeeffannoon argatte sirrii taʼuufi dhiisuusaa mirkaneessuudhaan alattis, odeeffannoo kana haasaakee keessatti akkamitti akka itti fayyadamtu of eeggannoodhaan irratti yaadi. Yaadawwan ykn lakkoofsawwan madda garabiraarraa argattetti yommuu fayyadamtu, madda irraa fudhattee wajjin kan walsiman taʼuusaanii mirkaneessi. Qabxiiwwan kana caalaatti jabeessuuf yommuu carraaqqii gootu, jecha “namoonni tokko tokko” jedhu, jecha “namoonni baayʼeen” jedhutti, jecha “namoonni hedduun” jedhu, jecha “namoonni hundi” jedhutti, jecha “yeroo tokko tokko” jedhu, jecha “yeroo hundaa” jedhutti jijjiirtee hin dubbatin. Odeeffannoowwan lakkoofsa, balʼina ykn cimina dhimma tokkoo ibsan arbeessuunkee amanamummaankee akka shakkamu gochuu dandaʼa.
Yeroo hunda wanta sirrii taʼe kan dubbattu yoo taʼe, namoonni nama dhugaadhaaf dhaabate godhanii si ilaalu. Kunimmoo, Dhugaa Baatonni Yihowaa maqaa gaarii akka qabaatan godha. Hunda caalaammoo, Yihowaa isa “Waaqa dhugaa” taʼeef ulfina argamsiisa.—Far. 31:5, hiika bara 1899.