LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 44 ful. 236-ful. 239 key. 5
  • Karaa Bu’a Qabeessa Ta’een Gaaffiitti Fayyadamuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Karaa Bu’a Qabeessa Ta’een Gaaffiitti Fayyadamuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gaaffiitti Fayyadamuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Gaaffiiwwanitti Akka Gaariitti Fayyadamuu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Yihowaan Akka Si Gaafatu Ni Heyyamtaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • “Eenyu Iyyuu Akka Nama Kanaatti Matumaa Dubbatee hin Beeku”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 44 ful. 236-ful. 239 key. 5

Qayyabannaa 44

Karaa Bu’a Qabeessa Ta’een Gaaffiitti Fayyadamuu

Maal gochuu qabda?

Kaayyookee galmaan gaʼuuf gaaffiitti fayyadami. Kaayyoonkee dhaggeeffattoonni deebii akka sii kennan ykn garaasaaniitti deebii akka kennan gochuu taʼuu dandaʼa. Wanti gaafattuufi akki itti gaafattu, buʼaa gaarii akka argattu ykn akka hin arganne gochuu dandaʼa.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Karaa buʼa qabeessa taʼeen gaaffiitti fayyadamuun, dhaggeeffattoonni barumsa dhihaachaa jirurratti akka hirmaatan godha. Namni tokko yommuu barsiisu gaaffii irratti yaadame kan gaafatu yoo taʼe, deebiin inni argatu waaʼee dhaggeeffattootaa waan baayʼee hubachuuf isa gargaara.

GAAFFII yommuu gaafattu dhaggeeffattoonni garaasaanii keessatti ykn siif deebii kennuunsaanii waan hin oolleef, barumsa dhihaachaa jirurratti akka hirmaatan itti dhagaʼama. Gaaffiin, namootaa wajjin maree jalqabuufis taʼe marichi karaa nama gammachiisuun akka itti fufu gochuuf gargaara. Haasaa yommuu dhiheessitus taʼe yommuu barsiistu, fedhii nama tokkoo kakaasuuf, dhimma sanarratti akka yaadu ykn wanta dubbattu caalaatti ifa gochuuf gaaffiitti fayyadamuu dandeessa. Akka gaariitti gaaffiitti kan fayyadamtu yoo taʼe, namoonni akka si dhaggeeffatan qofa utuu hin taʼin sammuusaanii akka hojjechiisan jajjabeessaa jirta jechuudha. Kanaaf, yommuu gaaffii gaafattu kaayyoo tokko qabaadhu; gaaffii kanas karaa kaayyookee galmaan gaʼuuf si gargaaruun gaafadhu.

Maree Jalqabuuf. Namoonni tajaajilarratti haasofsiistu fedhii yoo qabaatan, yaadasaanii akka ibsan jajjabeessi.

Dhugaa Baatonni baayʼeen, “. . .  jettee yaaddee beektaa?” jedhanii gaafachuudhaan namootaa wajjin maree gaarii gochuu dandaʼaniiru. Gaaffii dhimma namoota baayʼee yaaddessu kan filatan yoo taʼe, tajaajilasaaniitti akka gammadan beekamaadha. Gaaffichi nama sanaaf haaraa taʼullee, waaʼee dhimma sanaa beekuuf fedhii akka qabaatu gochuu dandaʼa. Gaaffiiwwan, “Waaʼee . . .  maaltu sitti dhagaʼama?,” “Waaʼee . . .  maal yaadda?,” akkasumas “. . .  jette amantaa?” jedhan gaafachuudhaan maree jalqabuun ni dandaʼama.

Filiphos inni Wangeela lallabu, namni Itoophiyaa inni abbaa taayitaa mana mootummaa ture raajii Isaayaas yommuu dubbisu dhagaʼee, “Waan dubbisuutti jirtu kana in hubattaa?” jedhee isa gaafate. (HoE. 8:30) Filiphos gaaffii kana gaafachuunsaa, dhugaa waaʼee Yesus Kiristos dubbatu nama kanaaf ibsuuf karaa isaa baneera. Kiristiyaanonni yeroo ammaatti argamanis gaaffii wal fakkaatu gaafachuudhaan namoota dhugaa Macaafa Qulqulluu hubachuu barbaadanii wajjin maree gaarii gochuu dandaʼaniiru.

Namoonni baayʼeen, yaadasaanii akka ibsan carraa yoo kenniteef isaanis wanta dubbattu dhaggeeffachuuf fedhii qabaachuunsaanii hin oolu. Kanaaf, gaaffii erga gaafattee booda deebiisaanii xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. Deebiin nama tokkoof kennitu tuffii utuu hin taʼin gaarummaa kan argisiisu taʼuu qaba. Wanti akka galateeffattu si godhu yoo jiraate galateeffachuurraa duubatti hin jedhin. Yeroo tokko barsiisota seeraa keessaa tokko, “ogummaadhaan akka inni deebiseef yommuu arge” Yesus, “Ati mootummaa Waaqayyoottii fagoo miti” jechuudhaan isa galateeffateera. (Mar. 12:34) Wanta namni haasofsiistu dubbatetti amanuu baattus, yaadasaa waan sii ibseef isa galateeffachuu dandeessa. Tarii wanti inni dubbate, dhugaa Macaafa Qulqulluu yommuu itti himtu wanta tilmaama keessa galchuu qabdu akka hubattu si gargaaruu dandaʼa.

Yaada Barbaachisaa Taʼe Beeksisuuf. Yommuu haasaa dhiheessitus taʼe nama tokkoo wajjin yommuu mariʼattu, gaaffii yaada barbaachisaa taʼe tokkotti geessutti fayyadamuuf yaalii godhi. Haataʼu malee, gaaffiin gaafattu wanta dhaggeeffattoota yaaddessu taʼuu qaba. Gaaffii dhaggeeffattoonni wanta tokko beekuu akka hawwaniifi akka irratti yaadan godhu gaafachuus ni dandeessa. Gaaffii tokko gaafattee xinnoo yoo turte, dhaggeeffattoonni wanta ittaansitee dubbattu hawwiidhaan eeggachuu dandaʼu.

Yeroo tokko Miikiyaas raajichi gaaffii hedduu gaafatee ture. Yihowaan waaqeffattootasaarraa maal akka barbaadu erga gaafatee booda, gaaffiiwwan sanaaf yaadawwan deebii taʼuu dandaʼu jedhamanii yaadaman dabalataa afur isaan gaafateera. Gaaffiiwwan kun hundi, namoonni ergaasaa dubbisan deebii inni xumurarratti kennuuf sammuusaanii akka qopheessan kan gargaaran turan. (Mik. 6:6-8) Atoo yommuu barsiistu gaaffiiwwan akkasiitti fayyadamuu dandeessaa? Gaaffiiwwan akkasiitti fayyadamuuf yaali.

Dhimma Tokkorratti Akka Yaadan Gochuuf. Yaada tokko karaa nama amansiisuun ibsuuf, gaaffiitti fayyadamuun ni dandaʼama. Miilkiyaas 1:2-10⁠rratti akka ibsametti, Yihowaan saba Israaʼelitti dheekkamuusaa argisiisuuf mala kanatti fayyadameera. Jalqaba, “Ani isin nan jaalladhe” isaaniin jedheera. Haataʼu malee, sabni sun jaalalasaa hubachuu waan dadhabaniif, “Esaawuun obboleessa Yaaqoob mitii ree?” jedhee isaan gaafateera. Achiis, Yihowaan haala Edoom akka ragaatti caqasuudhaan hojiinsaanii gadhee waan taʼeef akka isaan jibbe dubbateera. Sabni Israaʼel jaalala inni isaanitti argisiiseef dinqisiifannaa utuu hin qabaatin hafuusaanii ibsuuf, fakkeenyaafi gaaffiitti fayyadameera. Gaaffiiwwan tokko tokko akka waan luboonni gantoota taʼan gaafatanitti dhihaataniiru. Kaan garuu gaaffii Yihowaan lubootaaf dhiheesse turan. Marichi karaa miira namaa tuquun kan dhihaate ture; ragaan dhihaate kan hin haalamne, ergaansaas kan hin irraanfatamnedha.

Obboloonni haasaa dhiheessan tokko tokko, karaa wal fakkaatuun gaaffiiwwanitti fayyadamu. Dhaggeeffattoonni deebii akka kennan kan hin eegamne taʼullee, gaaffii gaafattu garaasaaniitti waan deebisaniif, akka waan isaan mariisisaa jirtuutti itti dhagaʼama.

Macaafa Qulqulluu yommuu qayyabsiisnu gaaffii baratichi deebisu gaafanna. Baratichi jecha mataasaatiin yoo deebise caalaatti akka fayyadamu beekamaadha. Baratichi yaadasaa caalaatti akka hubatu gargaaruuf, gaarummaadhaan gaaffiiwwan dabalataa isa gaafadhu. Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼee yaadawwan furtuu taʼaniif deebii akka kennu jajjabeessi. “Wanti irratti mariʼachaa jirru, wanta hanga ammaatti qayyabannee wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba? Barumsi kun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Jireenya keenyarratti jijjiirama akkamii fiduu qaba?” jettee isa gaafachuus ni dandeessa. Dhimmicha ilaalchisee ilaalchakee ibsuu ykn ibsa balʼaa irratti kennuu mannaa, mala kanatti fayyadamuunkee caalaatti buʼa qabeessa taʼa. Karaa kanaan baratichi, ‘sammuusaatti’ fayyadamee Waaqayyoon akka waaqeffatu isa gargaaruu dandeessa.—Ibr. 5:14.

Baratichi yaadawwan tokko tokko yoo hubachuu dadhabee abdii hin kutatin. Tarii wanta itti himaa jirtu wanta kanaan dura waggoota hedduudhaaf itti amanaa turee wajjin wal bira qabee ilaalaa jira taʼa. Yaada sana karaa garabiraa ibsuunis isa gargaaruu dandaʼa. Haataʼu malee, yeroo tokko tokko waaʼee dhimma sanaa hundeesaatii kaasanii ibsuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Caqasawwan hedduutti fayyadami. Fakkeenyatti fayyadamuudhaan ibsuuf yaali. Kana malees, gaaffii salphaa ragaa dhiheessiterratti akka yaadu isa gargaaru gaafadhu.

Miirasaa Akka Ibsu Gochuuf. Namoonni yeroo baayʼee gaaffii isaaniif dhihaateef yommuu deebii kennan miirasaanii isa dhugaa hin ibsan. Deebii ati barbaaddu yoo hubatan isuma sitti himuu dandaʼu. Kanaaf, hubannaan barbaachisaadha. (Fak. 20:5) Akkuma Yesus, “Kana amantaa ree?” jettee gaafachuu dandeessa.—Yoh. 11:26.

Yesus, bartoonnisaa hedduun wanta inni dubbatetti mufatanii isa dhiisanii yommuu deeman, wanta ergamootasaatti dhagaʼamu hubachuuf, “Isinis immoo adeemuu in barbaadduu?” jedhee isaan gaafate. Phexrosis, “Si dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waaʼee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qabaʼo. Nuyi isa tokkicha qulqulluu Waaqayyoo akka ati taate amanneerra, beekneerras” jechuudhaan wanta isaanitti dhagaʼamu dubbateera. (Yoh. 6:67-69) Yeroo garabiraattimmoo Yesus, “Namoonni ilma namaatiin eenyu jedhu?” jedhee bartootasaa gaafatee ture. Achiis, “Isinoo, eenyu anaan jettu?” jechuudhaan gaaffii waan garaasaanii keessa jiru akka dubbatan isaan jajjabeessu gaafate. Phexrosis, “Ati Masiihicha, ilma Waaqayyoo jiraataa ti” jedhee deebiseef.—Mat. 16:13-16.

Yommuu Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu dhimma tokko tokko ilaalchisee yaada baratichi qabu hubachuuf mala akkasiitti fayyadamuunkee gaarii taʼuu dandaʼa. “Ijoolleen sii wajjin baratan (namoonni sii wajjin hojjetan) waaʼee dhimma kanaa ilaalcha akkamii qabu?” jettee isa gaafachuu dandeessa. Achiis, “Atoo maaltu sitti dhagaʼama?” jettee isa gaafachuu dandeessa. Namni tokko dhugumaan maaltu akka itti dhagaʼamu sirriitti yoo hubatte, akka gaariitti isa gargaaruu dandeessa.

Yaadasaa Jabeessuuf. Gaaffii gaafachuun qabxiiwwan tokko tokko jabeessuufis ni gargaara. Akka Roomaa 8:31, 32⁠rratti ibsametti, Phaawulos mala akkasiitti fayyadameera. Akkas jedheera: “Waaqayyo gara keenya erga taʼee, eenyutu nu irratti kaʼa jenna ree? Waaqayyo ilma isaa utuu hin mararsiifatin hunduma keenyaaf dabarsee erga kennee, waan hundumaas immoo ilma isaa wajjin tola nuuf hin kennuu ree?” Gaaffiin lamaanuu gaalee ergaa guutuu dabarsu booda akka gaafatame qalbeeffadhu.

Isaayaas raajichi tarkaanfii Yihowaan mootii Baabilonirratti fudhatu erga ibsee booda: “Waaqayyo gooftaan maccaa murtoo godheera, eenyutu isa hambisa ree? Harki isaas ol fuudhameera, eenyutu isa gad deebisa ree?” jechuudhaan murtoo kanarratti amantii cimaa akka qabu ibseera. (Isa. 14:27) Akkaataan gaaffiiwwan kun itti dhihaatan, yaannisaa kan hin shakkisiisne taʼuusaa argisiisu. Gaaffiiwwan kun deebii kan barbaadan miti.

Ilaalcha Dogoggoraa Saaxiluuf. Kana malees, gaaffiin irratti yaadamee dhihaatu ilaalcha dogoggora taʼe saaxiluurratti gaʼee guddaa qaba. Yesus nama dhukkubsate fayyisuusaa dura Fariisotaafi barsiisota Seera muraasa, “Guyyaa Sanbataatti fayyisuun seera moo, seera miti?” jedhee isaan gaafatee ture. Namicha erga fayyisee boodammoo, “Isin keessaa mucaan isaa yookiis horiin isaa boolla bishaanii keessa yoo duraa buʼe, guyyaa Sanbataatti iyyuu achumaan kan hin baafne jiraa ree?” jechuudhaan gaaffii garabiraa isaan gaafatee ture. (Luq. 14:1-6) Gaaffii kana yommuu isaan gaafate garuu deebii akka kennan isaanirraa hin eegne; namni deebii isaaf kennuu dandaʼes hin turre. Gaaffiiwwan kun ilaalcha dogoggoraa isaan qaban saaxilaniiru.

Kiristiyaanonni dhugaallee, yeroo tokko tokko ilaalcha dogoggoraa qabaachuu dandaʼu. Jaarraa jalqabaatti Kiristiyaanonni Qorontos keessa turan tokko tokko, waldhabiinsa gidduusaaniitti uumame hiikuu utuu dandaʼanii obbolootasaanii yaaʼii duratti dhiheessu turan. Phaawulos rakkinni kun furmaata akka argatu kan godhe akkamitti? Ilaalchasaanii akka sirreessan gargaaruuf, gaaffiiwwan dhimma sana wajjin walitti dhufeenya qaban hedduu isaan gaafateera.—1 Qor. 6:1-8.

Atis shaakala gochuudhaan, karaa buʼa qabeessa taʼeen gaaffiitti fayyadamuu barachuu dandeessa. Haataʼu malee, keessumaa maanguddoota, namoota hin beekneefi abbootii taayitaa yommuu haasofsiistu isaan kabajuu akka qabdu hin dagatin. Dhugaa Macaafa Qulqulluu karaa namatti toluun warra kaanitti himuuf gaaffiiwwanitti fayyadami.

KANA GOCHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

  • Namootaa wajjin maree jalqabuuf, gaaffii dhimma caalaatti isaan yaaddessu ilaallatu gaafadhu.

  • Yaada barbaachisaa taʼe dubbachuukee dura, gaaffii hawwiidhaan dhaggeeffachuuf isaan kakaasu gaafadhu.

  • Namoonni, yaanni dubbattu maalirratti akka hundaaʼe ibsuuf, qabxiin dhiheessitu kan nama amansiisu akka taʼuufi akkamitti akka isaan fayyadu akka hubatan gargaaruuf gaaffiitti fayyadami.

  • Baratichi wanta barate akka irra deebiʼu qofa utuu hin taʼin, wanta barateef ilaalcha qabu akka ibsu gochuuf gaaffiitti gargaarami.

GILGAALA: (1) Naannoo tajaajilaakee tilmaama keessa galchuudhaan, gaaffiiwwan namootaa wajjin maree gaarii gochuuf si gargaaran hedduu qopheessi. (2) Phaawulos ejjennoo Yihudoonniifi namoonni saba Waaqayyoo hin taʼin Waaqayyo duratti qaban ibsuuf, akkamitti gaaffiiwwanitti akka fayyadame hubachuuf yoo barbaadde Roomaa boqonnaa 3 dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi