LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 52 ful. 265-ful. 267 key. 4
  • Gorsa Buʼa Qabeessaa Taʼe

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gorsa Buʼa Qabeessaa Taʼe
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Miira Ariifannaatiin Lallabaa!
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Yaadawwan Ijoo Macaafota Tiitoos, Filemoniifi Ibrootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 52 ful. 265-ful. 267 key. 4

Qayyabannaa 52

Gorsa Buʼa Qabeessaa Taʼe

Maal gochuu qabda?

Ragaa amansiisaa dhiheessuu ykn gorsa bakka amanamaa taʼerraa argame caqasuudhaan namoonni wanta baratan hojiirra akka oolchan jajjabeessi. Akkas gochuun garaadhaa dubbachuu gaafata.

Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi?

Gorsi buʼa qabeessa taʼe, namoonni harʼa bor utuu hin jedhin tarkaanfii Yihowaa gammachiisu akka fudhatan kakaasa.

JAARSOLIIN gumii, “barsiisa sirrii sanaan gorsuu” kan dandaʼan taʼuu qabu. (Tit. 1:9) Yeroo tokko tokko haala rakkisaa taʼe hiikuuf, gorsa kennuun isaan barbaachisa taʼa. Gorsi isaan kennan qajeelfama Macaafa Qulqulluu wajjin kan walsimu taʼuunsaa barbaachisaadha. Kanaaf jaarsoliin qajeelfama, “gorsuutti . . . of kenni!” jedhu hordofuu qabu. (1 Xim. 4:13) Mareen keenya, kallattiidhaan jaarsolii ykn obboloota mirga kana argachuuf carraaqanirratti kan xiyyeeffatu taʼus, yeroo tokko tokko, warri ijoolleesaanii, obboloonnimmoo namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisan gorsuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Yeroo akkasiittis, qajeelfamni kun hojiirra ooluu dandaʼa.

Yeroo Itti Gorsa Kennuun Barbaachisu. Yeroo itti gorsa kennuun barbaachisu hubachuuf, dhimmawwan Macaafa Qulqulluu keessatti gorsi itti kenname tokko tokko qoruun keenya gaariidha. Phexros ergamaan, jaarsoliin itti gaafatamummaa karra hoolota Waaqayyoo akka eegan isaaniif kenname sirriitti akka raawwatan gorseera. (1 Phe. 5:1, 2) Phaawulosis, dhiironni warri gara ijoollee, “akka of qaban” akka gorsu Tiitoositti himeera. (Tit. 2:6) Phaawulos, Kiristiyaanonni ‘waan dubbattanitti akka walii galan,’ akkasumas namoota obboloota gargar baasuu barbaadanirraa akka fagaatan jabeessee gorseera. (1 Qor. 1:10; Rom. 16:17; Filp. 4:2) Phaawulos wanta gaarii raawwataniif Kiristiyaanota Tasaloniiqee kan galateeffate taʼus, qajeelfama isaaniif kenname hojiirra oolchuusaanii caalchisanii akka itti fufan gorseera. (1 Tas. 4:1, 10) Phexros, “fedha foonii . . . irraa fagaadhaa!” jechuudhaan Kiristiyaanota hidhatasaa taʼan gorseera. (1 Phe. 2:11) Yihudaanis, namoonni Waaqayyo malee jiraataniifi gocha ciiggaasisaa raawwatan dhiibbaa geessisaa waan turaniif, obboloonnisaa ‘amantiidhaaf akka lolan’ gorseera. (Yih. 3, 4) Kiristiyaanonni hundi, gowwoomsaa cubbuutiin mata-jabeeyyii akka hin taanetti akka wal jajjabeessan gorfamaniiru. (Ibr. 3:13) Phexros Yihudoota Kiristositti hin amanneen, “Adaba dhaloota jalʼaa kanatti dhufu jalaa oolaa!” jechuudhaan gorseera.—HoE. 2:40.

Yeroo akkasiitti amalawwan gorsa garaa namaa tuqu kennuuf barbaachisan kamfaʼi? Namni tokko namoota utuu hin dirqisiisin ykn utuu isaanitti hin dheekkamin gorsa hojiidhaaf nama kakaasu kennuu kan dandaʼu akkamitti?

‘Jaalalaan.’ ‘Jaalalaan’ kakaanee gorsa hin kenninu taanaan, namni gorsa kenninuuf waan isa ceephaanu itti fakkaachuu dandaʼa. (Film. 9) Haalli hatattamaan tarkaanfii akka fudhannu nu dirqisiisu yommuu uumamu, akki itti dubbannu kana kan argisiisu taʼuu akka qabu beekamaadha. Yeroo akkasiitti laaffisanii gorsa kennuun ergichi humna akka dhabu gochuu dandaʼa. Karaa haalli sun akka nu yaaddesse argisiisuun dubbachuunis barbaachisaadha. Jaalalaan dubbachuun dhaggeeffattoota tarkaanfiidhaaf akka kakaasu beekamaadha. Phaawulos, waaʼeesaafi waaʼee namoota isaa wajjin tajaajilanii warra Tasaloniiqeetiif yommuu barreessu, “Tokkon tokkon keessan akka abbaan itti ijoollee isaa ilaalutti isin ilaaluu keenya gaarii gootanii in beektu” jedheera. (1 Tas. 2:11) Eeyyee, Kiristiyaanonni ilaaltota olaanaa taʼan kun obbolootaaf jaalalaan gorsa kennu turan. Atis wanti dubbattu, dhaggeeffattoota keetiif garaadhaa akka yaaddu kan argisiisu haataʼu.

Malaan dubbadhu. Karaa dhaggeeffattoonni gorsakee akka hin fudhanne godhuun hin dubbatin. Haataʼu malee, “fedha Waaqayyoo hundumaa” dhaggeeffattoota keetti himuurraa duubatti hin jedhin. (HoE. 20:27) Namoonni gorsa isaaniif kennamu dinqisiifatan, wanta sirrii taʼe akka raawwatan gaarummaadhaan waan itti himteef qofa hin dallanan ykn si hin jibban.—Far. 141:5.

Yeroo baayʼee gorsa kennuukee dura wantoota tokko tokko adda baaftee caqasuufi garaadhaa namoota galateeffachuunkee gaariidha. Wantoota gaarii obboloonni Yihowaa gammachiisuuf raawwatanirratti yaadi. Amantiisaanii isa hojiidhaan argisiifamu, jaalala isa garaa guutuudhaan akka tajaajilan isaan kakaasuufi carraaqqii isaan rakkina obsaan moʼuuf godhan caqasuu dandeessa. (1 Tas. 1:2-8; 2 Tas. 1:3-5) Kunis, obbolootakee akka dinqisiifattuufi haalasaanii akka isaaniif hubattu akka itti dhagaʼamu waan godhuuf, gorsa sana booda kennituuf gammachuudhaan fudhatu.

“Obsa Hundumaan.” Gorsi, “obsa hundumaan” kennamuu qaba. (2 Xim. 4:2) Kun maal gochuu dabalata? Obsi dogoggora ykn wanta nama dheekkamsiisu dandaʼanii dabarsuu dabalata. Namni obsa qabu, dhaggeeffattoonni gorsa inni isaaniif kennu akka hojiirra oolchan ni abdata. Kana yaadatti qabachuudhaan gorsa kan kennitu yoo taʼe, dhaggeeffattoonni waaʼeesaanii wanta gaarii akka yaaddu itti dhagaʼama. Obboloonnikee Yihowaa tajaajiluuf wanta humnisaanii dandaʼu hunda akka godhan akka amantu kan itti dhagaʼamu yoo taʼe, wanta sirrii taʼe raawwachuuf caalaatti humna argatu.—Ibr. 6:9.

“Barsiisa Sirrii Sanaan.” Jaarsi tokko, “barsiisa sirrii sanaan gorsuu” kan dandaʼu akkamitti? “Barsiisicha ofii fudhatetti dubbicha isa amanamaa sanatti jabaatee [qabamuudhaan]” kana gochuu dandaʼa. (Tit. 1:9) Ilaalcha keerratti utuu hin taʼin, Dubbii Waaqayyoorratti hundaaʼii gorsa kenni. Gorsa kennitu ilaalchisee hubannaa argachuuf, Macaafa Qulqulluu akka qajeelfamaatti itti fayyadami. Dhimma gorsa irratti kennitu ilaalchisee, wanta Macaafni Qulqulluun jedhu hojiirra oolchuun faayidaa akkamii akka qabu yaadannoo barreeffa dhu. Gorsa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu fudhachuu diduun, ammas taʼe gara fuulduraatti rakkina akkamii akka geessisu yaadatti qabachuudhaan, namni si dhageeffachaa jiru tarkaanfii sirrii taʼe fudhachuunsaa barbaachisaa akka taʼe amansiisuuf itti fayyadami.

Dhaggeeffattoonni maal gochuufi akkamitti kana gochuu akka dandaʼan akka gaariitti ibsiif. Gorsikee guutummaatti Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe taʼuusaa ibsiif. Murtoo gochuu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun hamma tokko mirga kan kennu yoo taʼe, daangaan mirga kanaa hanga maaliitti akka taʼe ibsiif. Achiis, gorsa sana hojiirra oolchuuf tarkaanfii akka fudhatan xumura haasaa keerratti dhaggeeffattoota jajjabeessi.

‘Ija jabina guddaadhaan.’ Namni tokko gorsa garaa namaa tuqu kennuuf, “amantii . . . ija jabina guddaa” akka qabu argisiisu qabaachuu qaba. (1 Xim. 3:13) Namni tokko ija jabina guddaadhaan akka dubbatu kan isa godhu maalidha? Obboloonnisaa wanta tokko akka raawwatan yommuu gorsu, ofiisaatiifis “hojii gaarii hojjechuudhaaf fakkeenya” taʼee argamuu qaba. (Tit. 2:6, 7; 1 Phe. 5:3) Akkas kan godhu yoo taʼe, dhaggeeffattoonni namni gorsa isaaniif kennu wanta ofiisaatii hin goone akka raawwatan isaanirraa eegaa akka hin jirre hubatu. Akkuma inni fakkeenya Kiristos fudhachuuf carraaqu, isaanis fakkeenyasaa fudhachuu akka dandaʼan hubatu.—1 Qor. 11:1; Filp. 3:17.

Gorsi Dubbii Waaqayyoofi jaalalarratti hundaaʼee kenname buʼaa gaarii akka argamsiisu beekamaadha. Namoonni warra kaan gorsuuf itti gaafatamummaan kennameef, itti gaafatamummaasaanii kana dhimmanii raawwachuu qabu.—Rom. 12:8.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Jaalalaafi obsa qabaadhu; akkasumas garaa guutuudhaan dubbadhu.

  • Gorsikee Dubbii Waaqayyoorratti kan hundaaʼe haataʼu.

  • Gorsuu qofa utuu hin taʼin fakkeenya gaarii taʼuufis carraaqqii godhi.

GILGAALA: Ergaa Phaawulos Filemoniif barreesse dubbisi. Wantoota armaan gadii qalbeeffadhu: (1) garaadhaa galateeffachuu, (2) Phaawulos maalirratti hundaaʼee waaʼee Oneesimos akka gaafate, (3) hojjetaansaa Oneesimos garasaatti yommuu deebiʼu Filemon akkamitti isa simachuu akka qabu amansiisuuf mala Phaawulos itti fayyadame, akkasumas (4) Filemon wanta sirrii taʼe akka raawwatu amantii Phaawulos qabu. Atis, yommuu gorsa kennitu fakkeenya kana fudhachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe qalbeeffadhu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi