LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/09 ful. 1
  • Miira Ariifannaatiin Lallabaa!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Miira Ariifannaatiin Lallabaa!
  • Tajaajila Mootummaa—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Miira Ariifannaa Keessan Eegaa Jiraadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Hojii Lallabaa Irratti Miira Ariifannaa Qabaachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • ‘Guyyaan Yihowaa Inni Guddaan Dhi’aateera’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Miira Ariifannaa Keessan Eegaa!
    Tajaajila Mootummaa—2004
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2009
km 12/09 ful. 1

Miira Ariifannaatiin Lallabaa!

1. Yeroo keenyatti gorsa Phaawulos isa kamiif xiyyeeffannaa kennuu qabna?

1 ‘Dubbicha lallabi, miira ariifannaatiin tajaajili.’ (2 Xim. 4:2, NW) Gorsi Phaawulos yeroo keenyaaf baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Jechoonni kun jireenya keenyarrattis ta’e kan warra kaaniirratti dhiibbaa geessisuu kan danda’an akkamitti?

2. Namoota misraachoo hin dhageenye dhimminee kan barbaannu maaliifi?

2 Lubbuu Namootaa Wajjin Kan Walqabatedha: Namoonni miliyoonaan lakkaa’amaniifi addunyaa mararra jiraatan misraachoo fayyina isaanii argamsiisu dhaga’uu qabu. (Rom. 10:13-15; 1 Xim. 4:16) Naannoo tajaajilaa irra deddeebi’amee hojjetame keessaa namoonni baay’een argamaa jiru. Guyyaa ykn sa’aatii kan biraatti gara mana namootaa yoo dhaqne namoota addaddaa argachuu dandeenya. Namoota barbaaduuf carraaqqii akkasii gochuun keenya, yaada garaa qulqulluu kan nuuf argamsiisu ta’uusaarrayyuu, dhiiga namootaatti gaafatamuurraa nu oolcha.—HoE. 20:26.

3. Yeroo tajaajilarratti dabarsinu akka gaariitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa mormii cimaan isaanirra ga’aa kan ture ta’uyyuu, ‘barsiisasaaniitiin Yerusaalemin waliin ga’anii’ turan. (HoE. 5:28) Nutoo akkumasaanii guutummaatti ‘dhugaa ba’uuf’ kutanneerraa? (HoE. 10:42) Yommuu tajaajilarra jirru yeroo keenyatti akka gaariitti fayyadamnaa? Obboloonni nuu wajjin jiran deddeebii gaaffii yeroo godhan, hammasitti dursa fudhannee namoota nu bira darban ni haasofsiisinaa?

4. Miira ariifannaatiin lallabuun dammaqoo taanee jiraachuuf kan nu gargaru akkamitti?

4 Caalaatti Dammaqoo Ta’uuf Nu Gargaara: Dhumni sirna biyya lafaa yeroo dhihaachaa jiru kanatti, dammaqinaan eeguu qabna. (1 Tas. 5:1-6) Yeroo hunda waa’ee abdii Mootummichaa kan dubbannu yoo ta’e, ba’aa sirni biyya lafaa kun nutti fiduun dhiphachuurraa oolla. (Luq. 21:34-36) Guyyaa Yihowaa ‘eeggachuun’ keenyammoo, hirmaannaa hojii lallabaa lubbuu baraarsaa ta’e kanarratti goonu dabaluuf nu kakaasa.—2 Phe. 3:11, 12.

5. Lubbuudhaaf bakka guddaa kan kenninu ta’uun keenya tajaajilaaf kan nu kakaasu akkamitti?

5 Yeroo miira ariifannaatiin lallabnu, ilaalcha Yihowaan lubbuudhaaf qabu akka qabnu argisiisna: “Inni namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka geddaratan malee, garri tokko iyyuu akka badan waan hin barbaanneef obsaan isiniif in danda’a.” (2 Phe. 3:9; His. 33:11) Naannoo tajaajilaa keenya keessatti hanga danda’ame namoota hedduu haasofsiisuudhaan, hundumtuu Yihowaadhaaf ulfina akka fidan gargaaruuf haa murteessinu!—Far. 109:30.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi