Miira Ariifannaa Keessan Eegaa!
1 Yesus lafarratti hojii abbaasaa raawwachuuf yeroon inni qabu gabaabaa ta’uusaa beeka ture. (Yoh. 9:4) Kanaafuu, tajaajilasaa miira ariifannaatiin raawwateera; bartoonnisaas akkasuma akka godhaniif leenjiseera. (Luq. 4:42-44; 8:1; 10:2-4) Yesus wantoota fooniitiif bakka lammaffaa kenna ture. (Mat. 8:20) Kanaafuu, hojii Yihowaan kenneef raawwachuu danda’eera.—Yoh. 17:4.
2 Yeroonsaa Gabaabaadha: Misiraachoo “guutummaa biyya lafaatti” lallabuufis yeroon hafe gabaabaadha. (Mat. 24:14) Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu bara dhumaa keessa akka jirru argisiisu. Yeroo dhihootti ‘warri Waaqayyoon beekuu hin barbaadin, warri wangeela gooftaa keenya Yesusiif hin abboomaminis badiisa bara baraatiin in adabamu.’ (2 Tas. 1:6-9) Guyyaan firdii sun haala dinqisiisaa ta’een akkuma tasaa dhufa. (Luq. 21:34, 35; 1 Tas. 5:2, 3) Namoonni balaa isaanitti dhufaa jiru kanaaf dammaqoo ta’u qabu. Ammayyuu yeroon waan jiruuf namoonni surraa Yihowaa akka argataniif gargaaruuf itti gaafatamummaan nurra jira.—Sef. 2:2, 3.
3 Hamma Dandeenyu Gochuu: Tajaajiltoonni Waaqayyoo ‘yeroon si’anaa kun dhumuuf akka jedhu’ waan beekaniif, hojii lallabaatiif dursa kennu. (1 Qor. 7:29-31; Mat. 6:33) Warri tokko tokko hirmaannaa tajaajilarratti qaban guddisuuf jecha carraa maallaqa isaaniif argamsiisu ykn dhimmawwan dhuunfaasaanii dhiisaniiru. (Mar. 10:29, 30) Warri kaanimmoo qorumsi isaanirra ga’uyyuu, ‘yeroo hundumaa hojii gooftaa caalchisanii hojjechaa’ jiru. (1 Qor. 15:58) Baay’eensaaniimmoo, waggoota kurnan hedduudhaaf utuu asiifi achi hin jedhin misiraachicha ifatti lallabaa turaniiru. (Ibr. 10:23) Yihowaan carraaqqii Mootummaasaa deeggaruuf godhamu kana hundaaf iddoo guddaa kenna.—Ibr. 6:10.
4 Jireenyi keenya hojii lallabaa dabalatee waaqeffannaa Yihowaarratti akka xiyyeeffatu gochuun keenya, guyyaa Yihowaa dhihoo goonee ilaaluuf nu gargaara. Biyya lafaa Seexanni bulchu kanaan akka hin xuroofneef nu gargaara; amala gaarii qabannee jiraachuuf murtoo goones nuu jabeessa. (2 Phe. 3:11-14) Dhugumaan, tajaajila keenya miira ariifannaatiin raawwachuun keenya, lubbuu keenyas ta’e kan warra nu dhaggeeffatanii oolchuu danda’a.—1 Xim. 4:16.