LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/04 ful. 1
  • Gargaarsa Kennuu Dandeessaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gargaarsa Kennuu Dandeessaa?
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Afeeruu Ni Dandeessaa?
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Gargaarsa Yeroosaatti Argamu
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • ‘Amantii Keessa Jabaatanii Akka Dhaabatan’ Isaan Gargaaraa
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Wanta Gaarii Gochuudhaaf Warra Hinaaftan Ta’aa!
    Tajaajila Mootummaa—2003
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2004
km 11/04 ful. 1

Gargaarsa Kennuu Dandeessaa?

1 Yihowaan yoomiyyuu taanaan, karaa itti tajaajiltootasaa warra amanamoo gargaaru barbaada. (2 Sen. 16:9; Isa. 41:​10, 13) Isaayaas, tiksee hoolotasaa kunuunsuun Isa fakkeessuudhaan akkas jedhee barreesseera: “Ilmoolees harka isaatiin walitti in sassaaba, kaasuutti isaan in baata, haadhotii hoolotaa warra hoosisanis suuta jedhee in oofa.” (Isa. 40:11) Yihowaa isa jaalalaan kaka’ee namaaf yaadu fakkaachuu kan itti dandeenyu karaawwan tokko tokko haa ilaallu.

2 Warra Haaraa Ta’an Gargaaraa: Warri haaraa ta’an walitti dhufeenya keenya isa nama jajjabeessurratti akka argaman afeeruudhaan isaan gargaaruu dandeenya. (Fak. 13:20) Obboleessi tokko yeroo gumiirratti argamuu jalqabetti warri kaan akkamitti akka isa simatan yommuu dubbatu akkas jedheera: “Maatiin tokko yeroo baay’eedhaaf qayyabannaa maatiisaaniirratti akkan argamu godhaniiru. Yeroon guddina argisiisaa dhufemmoo, abbaan manaafi haati manaa dargaggoonni qajeelchitoota ta’an tokko guyyaa guutuu isaanii wajjin akkan tajaajilu yeroo hundumaa na afeeru turan.” Itti dabalees akkas jedheera: “Yeroo hundumaa waa’ee hafuuraa waliin haasofna turre. Kiristiyaana ta’uu koo dura, Jimaataafi Sambadduraa ganama bashannanaaf nan ba’an ture. Haata’u malee, yeroon obboloota kanaa wajjin dabarse fedhi bashannanaa koo naaf guuteera.” Jaalalli gumichi obboleessa kanatti argisiise, amantaadhaan jabaatee akka dhaabatu isa gargaareera; amma obboleessi kun maatii Bet’el keessaa tokko ta’ee tajaajilaa jira.​​—⁠Qol. 2:​6, 7.

3 Wal Jajjabeessaa: Obboloonni keenya rakkoon ennaa isaan mudatu isaan gargaaruuf carraa akka qabnu hubanna ta’a. Babal’isaa humna dhabeessa ta’e tokkoo wajjin bilbilaan lallabuuf, ykn nama qayabisiistu gara manasaatti geessitee sii wajjin akka qayyabsiisu haala mijeessuu dandeessaa laata? Haati ykn abbaan ijoollee xixiqqoo qaban tajaajilarratti yommuu hirmaatan gargaarsa ni barbaadduu laata? Namoonni deddeebii gaaffii gochuuf ykn tajaajila gara biraarratti hirmaachuuf sodaataniifi gargaarsa kee barbaadan jiruu laata? Jaalalli obboloota keenyaaf qabnu isaan jajjabeessuuf karaa akka barbaadnu nu kakaasa.​​—⁠Rom. 14:⁠19.

4 Warra kaaniif yaaduudhaan Yihowaa kan fakkaannu yoo ta’e, wal jajjabeessina; gumichi jaalalaan akka walitti dhihaatu goona, akkasumas Abbaa keenya isa samiitiif ulfina fidna.​​—⁠Efe. 4:​16.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi