LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/04 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Sadaasa 8 Jalqabu
  • Torban Sadaasa 15 Jalqabu
  • Torban Sadaasa 22 Jalqabu
  • Torban Sadaasa 29 Jalqabu
  • Torban Muddee 6 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2004
km 11/04 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Sadaasa 8 Jalqabu

Faarfannaa 80 (180)

Daq. 10: Beeksisa gumiifi beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman.

Daq. 15: Walga’ii Tajaajilaarraa Faayidaa Guutuu Argadhaa. Kitaaba Tajaajila Keenya Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu ful. 71-72⁠rratti hundaa’ee, maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Walga’iin Tajaajilaa, akka tajaajiltoota Kiristiyaanaatti guddina argisiisuuf karaawwan shanan kamiin nu gargaara? Sagantaa Tajaajila Mootummaa dhiheenyatti ba’anirraa fakkeenya kenni. Dursanii qophaa’uun faayidaawan maalii qaba? Yeroo hundumaa walga’iirratti argamuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Walga’ii kanarratti argamuufhoo deeggarsa Macaafa Qulqulluu isa kamtu jira?

Daq. 20: “Miira Ariifannaa Keessan Eegaa!” Yaada Masaraa Eegumsaa Amajjii 15, 2000, ful. 12-​13⁠rra jiru dabalii dhiheessi.

Faarfannaa 7 (19) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Sadaasa 15 Jalqabu

Faarfannaa 21 (46)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Yaadni seensaa ful. 4⁠rra jiru naannoo keessanitti bu’a qabeessa yoo ta’e, isatti gargaaramuudhaan Masaraan Eegumsaa Fulbaana 1fi Dammaqaan! Fulbaana 2004 akkamitti akka raabsamu argisiisuuf hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Yaada seensaa kan biraas gargaaramuu dandeessa ta’a.

Daq. 15: Gammachuu Kennuudhaan Argamu Dhandhamtee Beektaa? Haasawaa Masaraa Eegumsaa Sadaasa 1, 2004, ful. 19-​23⁠rratti hundaa’ee kan dhihaatu.

Daq. 20: “Walga’iin Koonyaa Waaqayyoo Wajjin Deddeebi’uuf Nu Kakaaseera.” Jaarsaan kan dhihaatu. Gaaffiiwwan 1-6 barumsicha keessatti argamaniin gargaaramiitii, mata dureewwan walga’ichaa isa guyyaa jalqabaarratti dhaggeeffattootaa wajjin mari’adhu. Gaaffiiwwan hundumaarratti mari’achuu akka dandeessuuf yeroo sii ramadame qoqqoodi. Caqasiwwan yaadnisaanii hin kaa’amne kan caqasaman deebisaa salphaatti argachuu akka dandeessaniifi. Yeroo ramadame gidduutti hundasaanii dubbisuu hin dandeessu ta’a. Yaadiwwan kennaman waan baranne hojiirra oolchuudhaan faayidaa argannurratti kan xiyyeeffatan ta’uu qabu.

Faarfannaa 65 (152) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Sadaasa 22 Jalqabu

Faarfannaa 69 (160)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa.

Daq. 15: Akka gumiitiif barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 20: “Walga’iin Koonyaa Waaqayyoo Wajjin Deddeebi’uuf Nu Kakaaseera.” Jaarsaan kan dhihaatu. Qajeelfama keeyyatawwan ja’aan jalqabaatiif kenname hordofuudhaan, gaaffiiwwan 7-14 jiranitti gargaaramiitii sagantaan walga’ichaa isa guyyaa lammaffaarratti dhaggeeffattootaa wajjin mari’adhaa.

Faarfannaa 28 (58) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Sadaasa 29 Jalqabu

Faarfannaa 85 (191)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Sadaasaa akka deebisan yaadachiisi. Masaraan Eegumsaa Fulbaana 15 akkamitti akka raabsamu hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.

Daq. 10: Saanduqa Gaaffii. Haasawaa jaarsaan dhihaatu.

Daq. 25: “Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu​​—⁠Kutaa 3.” Gaaffiiwwan kennamaniin gargaarami. Keeyyata 3⁠rratti erga mari’attanii booda, birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu barumsa 5, key. 1⁠rratti qayyabannaan Macaafa Qulqulluu ennaa geggeeffamu kan argisiisu hojiin argisiisni gabaabaan akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisichi kan dhihaatu dursanii keeyyaticha akka dubbisaniifi gaaffiisaarratti akka mari’atanitti yaadameeti. Inni qayyabannicha geggeessuufi baratichi Isaayaas 45:18 fi Lallaba 1:4 dubbisanii irratti mari’atu. Inni qayyabannicha geggeessu, caqasoonni dubbifaman yaada ibsamuu wajjin walitti dhufeenya maalii akka qaban baratichi akka dubbatu kakaasuuf gaaffiiwwan salphaa isa gaafata.

Faarfannaa 29 (62) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Muddee 6 Jalqabu

Faarfannaa 23 (48)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Barreeffamoota ji’a Muddeetti raabsaman dubbadhu. Kitaabni Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu jedhamu akkamitti akka raabsamu kan argisiisu, hojiin argisiisni tokko ykn lama akka dhihaatu godhi.

Daq. 20: “Gargaarsa Kennuu Dandeessaa?” Babal’istoota warra kaanirraa gargaarsa ykn jajjabina argachuusaaniitiin galateeffatan tokko ykn lamaaf gaaffiifi deebii godhi.

Daq. 15: “Walga’iin Koonyaa Waaqayyoo Wajjin Deddeebi’uuf Nu Kakaaseera.” Jaarsaan kan dhihaatu. Qajeelfama keeyyatawwan ja’aan jalqabaatiif kenname hordofuudhaan, gaaffiiwwan 15-18⁠rratti argamaniin gargaaramiitii sagantaan walga’ichaa isa Guyyaa Sadaffaarratti dhaggeeffattootaa wajjin mari’adhaa.

Faarfannaa 95 (213) fi kadhannaa xumuraa.

[Miiljalee]

 Yaada seensaa daqiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi