Beeksisa
◼ Barreeffamawwan raabsaman, Sadaasa: Birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu. Muddee: Kitaaba, Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu jedhamu. Akka filannoottimmoo: Kitaaba, Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyootimoo kan Namaati? ykn Lafa Jannata Taaturra Bara Baraaf Jiraachuu Ni Dandeessa jedhamu raabsuun ni danda’ama.
◼ Sassaabaan ilaaltuu olaanaa ykn namni inni ramade, Muddee 1 ykn utuu baay’ee isarraa hin fagaatin herrega gumii qoruu qaba. Qarshiin suphaafi ijaarsaaf baankii kaa’ame yoo jiraates akka qoramu qophiin godhamuu qaba. Kun godhamee yoo raawwate, gabaasa herregaa itti aanutti gumiif beeksifamuu qaba.
◼ Gumiiwwan jildiiwwan Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! 2004, ajaja barreeffamaa itti aanutti gaafachuu danda’u. Jildiiwwan nubira ga’anii hanga isiniif erginutti, waraqaa akaakuufi baay’ina barreeffamootaa qabaterratti “Kan Dhihootti Ergaman” jedhamee barreeffama. Jildiiwwan kun ajaja addaatiin argamu.
◼ Waajjirri damee teessoofi lakkoofsa bilbilaa ilaaltonni olaanaafi barreessitoonni yeroo ammaa qaban qabaachuunsaa barbaachisaadha. Jijjiiramni teessoo yoo jiraate, Koreen Tajaajilaa Gumii, teessoo haaraa Sassaabaa Ilaaltota Olaanaafi Barreessitootaa, foormii (S-29) jedhamurratti guutee mallatteessuudhaan atattamaan waajjira dameetti erguu qaba. Kun jijjiirama lakkoofsa bilbilaas kan dabalatudha.
◼ BARREEFFAMAWWAN HAARAA HARKAA QABNU: Ingiliffa: dx03; Afaan Oromoo: T-26; Spaaniishii: kitaaba Waaqayyootti Dhihaadhaa jedhamu; Tigriffa: Jaallee Waaqayyoo.
◼ AMMAS KAN NU HARKATTI ARGAMAN: Afaan Arabaa: Lafarra Jannata Keessa Bara Baraaf Jiraachuu Ni Dandeessa, Karaa Jannataatti Nama Geessu (tiraaktii); Ingiliffa: Hiika Addunyaa Haaraa bi-12, T-13, T-15, T- 24; Afaan Faransaay: Hiika Addunyaa Haaraa bi-12; Tigriffa: Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
◼ Dh. K. D. jechuun dhaloota Kiristos dura jechuudha.
◼ Dh. K. B. jechuun dhaloota Kiristos booda jechuudha.