Walga’iin Koonyaa Waaqayyoo Wajjin Deddeebi’uuf Nu Kakaaseera
Walga’iin Koonyaa “Waaqayyoo Wajjin Deddeebi’aa” jedhu, qajeelfama Yihowaa isa: “Karichi isa kana, isa irra adeemaa!” jedhu addeessa! (Isa. 30:21) Qajeelfama nuu kenname hojiirra oolchuun keenya ‘akkamitti akka deddeebinu haleellee ilaallachuuf’ nu gargaara. (Efe. 5:15) Waan barannerratti xiinxaluun keenyas ‘dhugaatti qabamnee akka jiraannu’ nu godha.—3 Yoh. 3.
Walga’ii koonyaa waggaa kanaatiif qophaa’uufi irra deebisaarratti hirmaachuuf gaaffiiwwan kanaa gadi jiraniifi waraqaa yaadannoo keetti gargaarami.
1. Henook yeroo rakkisaa keessa jiraatuyyuu Waaqayyoo wajjin deddeebi’uu kan danda’e akkamitti? (Ibr. 11:1, 5, 6; Yih. 14, 15; “Yeroo Jeequmsaan Guutame Kana Keessa Waaqayyoo Wajjin Deddeebi’aa”)
2. Seerri bu’uuraa Luqaas 16:10rra jiru kutaa jireenya keenya isa kamfaarratti hojiirra oola? (“ ‘Wantoota Baay’ee Xixinnoo Ta’anitti Amanamummaa’ Ni Argisiiftuu?”)
3. (a) Hose’aa boqonnaa 6 hanga 9rratti barumsawwan hojiirra oolaniifi Waaqayyoo wajjin deddeebi’uuf nu gargaaran afur caqasi. (Hos. 6:6, 7; 7:14; 8:7) (b) Hose’aa boqonnaa 10 hanga 14rraa, barumsawwan dabalataa Waaqayyoo wajjin deddeebi’uuf nu gargaaran akkamii arganna? (Simpooziyamii: “Raajiin Hose’aa Waaqayyoo Wajjin Akka Deddeebinu Nu Gargaara”)
4. Abbaan manaafi haadha manaa Kiristiyaana ta’an gaa’elasaanii cimsuuf maal gochuu danda’u? (Fak. 12:4; Efe. 5:29; “ ‘Waan Waaqayyo Walitti Qabsiise’ Namni Gargar Hin Baasin”)
5. Walga’iiwwan keenya warra qulqulluu ta’aaniif bakka guddaa akka laannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Lal. 5:1; Isa. 66:23; “Walga’iiwwan Keenya Warra Qulqulluu Ta’aaniif Ulfina Kennuu”)
6. (a) Hojii lallabaarratti hirmaannaa gaarii gochuu keenya mirkaneessuuf, kutaawwan barbaachisoo ta’an sadan kamfaatu gamaaggamuu qabna? (Isa. 52:7; Zak. 8:23; Mar. 6:34) (b) Buukleetii Misraachoo Saba Hundaatiif Ta’u jedhurraa, keessumaa yaadni caalaatti bu’a qabeessa ta’ee argatte isa kami? (“Misraachoo Saba Hundumaatiif Ta’u”; “Namoota Afaan Garabiraa Dubbatan Gargaaruu”)
7. Namoonni haaraan ergaa Mootummattii sodaa tokko malee lallabuu akka danda’an gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? (Abo. 7:17; “Namoonni Hedduun Akka Nuu Wajjin Tajaajilan Gargaaruu”)
8. ‘Guyyaan Waaqayyoo inni guddaan dhihaachuusaa’ amanuu keenya kan argisiisnu akkamitti? (Sef. 1:14; “Amantiidhaan Malee, Ijaan Arguudhaan Hin Deddeebinu”)
9. (a) Warra kaan gufachiisuun waan cimaa kan ta’e akkamitti? (Mar. 9:42-48) (b) Akka hin gufanne of eeguu kan dandeenyu akkamitti? (Far. 119:165) (c) Warra kaan gufachiisuurraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti? (1 Qor. 10:24; “ ‘Ofis Ta’e Warra Kaan Gufachiisuurraa’ Fagaadhaa”)
10. Hiriyaa gaa’elaa yemmuu barbaadnu, wal’aansa fayyaa ennaa barbaannuufi daldalarratti yeroo hirmaannu murtoo sirrii ta’e gochuu kan dandeenyu akkamitti? (Far. 26:4; Mat. 6:25; 1 Xim. 6:9; “Dandeettii Hubannaa keessan Eeggadhaa”)
11. (a) Warri kaan Yesusin simachuusaanii ilaalchisee wanti xiyyeeffannaan kennamuufii qabu maalidha? (Luq. 10:42; 24:32) (b) Akkaataa nuunis ta’e warra kaan gammachiisuun bashannanuu kan dandeenyu akkamitti? (1 Qor. 10:31-33; “Bashannana Nama Jajjabeessu”)
12. Faarfannaan 23ffaan akka jedhutti, hoolota Yihowaa ta’uu keenyaan eebbawwan akkamii arganna? Itti gaafatamummaa maalitummoo nurra jira? (1 Qor. 10:21; “Yihowaan Tiksee Keenyadha”)
13. Kiristiyaanonni ‘yeroo isaaniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjechuu’ ilaalchisee gorsa kennameef hojiirra oolchuu kan danda’an akkamitti? (Efe. 5:16; “Yeroo Isiniif Kenname Utuu Hin Dabarsin Itti Hojjedhaa”)
14. (a) “Yeroon firdii” Mul’ata 14:7rra jiru maal kan dabalatudha? (b) Baabilon Guddittii keessaa dhugumaan ba’uu keenya kan argisiisnu akkamitti? (“ ‘Dammaqinaan Eegaa!’—Yeroon Firdii Ga’eeraa”) (c) Birooshuura isa haaraarraa yaada isa kamtu si tuqe?
15. Amalawwan ‘karaa isa qajeelaarraa akka hin kaanneef’ nu gargaaran sadii caqasi. (2 Phe. 2:15; “ ‘Karaa Isa Qajeelaa Dhiistanii Akka Hin Baane’ Of Eeggadhaa”)
16. Dargaggoonni “daandii namoota jal’ootaa irraa” fagaachuu kan danda’an akkamitti? (Fak. 4:14; “Dargaggootaa—Karaa Qajeelummaarra Deddeebi’aa”)
17. (a) Jabaannee akka dhaabannu fakkeenyi Phaawulos kan nu gargaaru karaa kamfa’iini? (HoE. 14:19, 20; 16:25-33) (b) Namoota waaqeffannaa dhugaa morman sodaachuun kan hin barbaachisne maaliifi? (Diraamaafi haasawaa “Yeroo Har’aatti, Mormiin Jiraatus Guutummaatti Dhugaa Ba’aa”)
18. Namoonni Waaqayyoo wajjin deddeebi’an eebbawwan akkamii argatu? (“Waaqayyoo Wajjin Deddeebi’uun Ammas Ta’e Bara Baraaf Eebba Argamsiisa”)
Abbaa keenya isa samiirraa wajjin bara baraaf deddeebi’uu akka dandeenyuuf, gorsa ‘sagalee nu booddeedhaan nutti dubbatu’ fudhachuuf murtoo haa goonu.—Isa. 30:21; Yoh. 3:36.