MATA DUREE QOʼANNAA 12
FAARFANNAA 119 Amantii Qabaachuu Qabna
Amantiidhaan Deddeebiʼuu Keessan Itti Fufaa
“Ijaan arguudhaan utuu hin taʼin, amantiidhaan deddeebina.”—2 QOR. 5:7.
YAADA IJOO
Murtoowwan guguddaa yeroo goonu amantiidhaan deddeebiʼuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?
1. Phaawulos ergamaan jireenyasaa duubatti deebiʼee yeroo yaadu kan gammade maaliifi?
PHAAWULOS ergamaan yeroo taʼe tokkotti ajjeefamuuf akka jedhu hubatee ture; taʼus jireenya dabarsetti gammaduuf sababii gaʼaa qaba ture. Duubatti deebiʼee erga yaadee booda, “Dorgommicha irratti hamma dhumaatti fiigeera, amantiis eegeera” jedheera. (2 Xim. 4:6-8) Phaawulos tajaajilasaa ilaalchisee murtoo gaarii godheera; Yihowaan akka isatti gammadus mirkanaaʼaa ture. Nutis murtoo gaarii gochuu fi Waaqayyo biratti fudhatama argachuu barbaanna. Maarree, kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?
2. Amantiidhaan deddeebiʼuu jechuun maal jechuudha?
2 Phaawulos waaʼee ofiisaa fi waaʼee Kiristiyaanota amanamoo kan biroo yeroo dubbatu, “Ijaan arguudhaan utuu hin taʼin, amantiidhaan deddeebina” jedheera. (2 Qor. 5:7) Phaawulos maal jechuusaati? Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi ‘deddeebiʼuu’ jedhu yeroo tokko tokko akkaataa jireenyaa namni tokko filatu argisiisa. Namni tokko ijaan arguudhaan kan deddeebiʼu yoo taʼe murtoo kan godhu wanta ilaalu, wanta dhagaʼuu fi miira isatti dhagaʼamu qofarratti hundaaʼeeti. Namni amantiidhaan deddeebiʼu garuu murtoo kan godhu amanannaa Yihowaarratti qaburratti hundaaʼuudhaani. Gochisaa gorsa Yihowaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu hordofuun yeroo ammaatti faayidaa akka isaaf argamsiisu, gara fuulduraattimmoo Yihowaan akka isa badhaasu akka amanu argisiisa.—Far. 119:66; Ibr. 11:6.
3. Amantiidhaan deddeebiʼuun faayidaa akkamii argamsiisa? (2 Qorontos 4:18)
3 Dhugaadha, hundi keenyayyuu yeroo tokko tokko wanta arginu, wanta dhageenyuu fi miira nutti dhagaʼamurratti hundoofnee murtoo ni goona. Haa taʼu malee, dhimmoota barbaachisoo taʼanirratti wanta arginu ykn wanta dhageenyu qofarratti hundoofnee murtoo yoo goone rakkinarra buʼuun keenya hin oolu. Maaliif? Wanti arginuu fi wanti dhageenyu yeroo tokko tokko nu dogoggorsuu waan dandaʼuufi. Rakkinni akkasii yoo nu mudachuu baatellee wanta arginu qofaan kan deddeebinu yoo taʼe fedhii Waaqayyoo ykn gorsasaa dagachuu dandeenya. (Lal. 11:9; Mat. 24:37-39) Amantiidhaan kan deddeebinu yoo taʼe garuu murtoo “Gooftaa biratti fudhatama qabu” gochuun keenya hin oolu. (Efe. 5:10) Gorsa Waaqayyoo dhagaʼuun nagaa sammuu fi gammachuu dhugaa nuuf argamsiisa. (Far. 16:8, 9; Isa. 48:17, 18) Amantiidhaan deddeebiʼuu keenya yoo itti fufne jireenya barabaraa arganna.—2 Qorontos 4:18 dubbisi.
4. Namni tokko amantiidhaan ykn ijaan arguudhaan deddeebiʼaa akka jiru adda baafachuu kan dandaʼu akkamitti?
4 Amantiidhaan ykn ijaan arguudhaan deddeebiʼaa akka jirru beekuu kan dandeenyu akkamitti? Hundi keenya akkana jennee of gaafachuun keenya gaariidha: Murtoo kanan godhu maalirratti hundaaʼeeni? Wantootan ijaan argurratti hundaaʼeeni moo gorsa Yihowaarratti hundaaʼeeni? Mee kallattiiwwan amantiidhaan deddeebiʼuun itti nu barbaachisu sadi haa ilaallu: Hojii yeroo filannu, hiriyaa gaaʼelaa yeroo filannuu fi qajeelfamni tiʼookraasii yeroo nuuf kennamu. Kallattiiwwan sadan kanarratti murtoo gaarii gochuuf wantoota tilmaama keessa galchuu dandeenyu ilaalla.
HOJII YEROO FILANNU
5. Hojii yeroo filannu maal tilmaama keessa galchuu qabna?
5 Hundi keenya wanta ofii keenyaafis taʼe maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuu barbaanna. (Lal. 7:12; 1 Xim. 5:8) Hojiin tokko tokko mindaa gaarii argamsiisa. Namni tokko wanta baasii guyyaa guyyaatiif isa barbaachisu akka argatuu fi gara fuulduraatiif maallaqa muraasa akka qusatu kan isa dandeessisu taʼuu dandaʼa. Mindaan hojii tokko tokkoof kaffalamu garuu xinnoo waan taʼeef wanta maatii keenyaaf barbaachisu guutuuf qofa gargaara. Hojii tokko jalqabuuf ykn dhiisuuf yeroo murteessinu maallaqa hammamii akka nuuf argamsiisu tilmaama keessa akka galchinu beekamaadha. Haa taʼu malee, namni tokko tilmaama keessa kan galchu kana qofa yoo taʼe ijaan arguudhaan deddeebiʼaa akka jiru argisiisa.
6. Hojii yeroo filannu amantiidhaan deddeebiʼuu kan dandeenyu akkamitti? (Ibroota 13:5)
6 Amantiidhaan kan deddeebinu yoo taʼe hojiin tokko michummaa Yihowaa wajjin qabnurratti dhiibbaa akkamii akka godhus tilmaama keessa galchina. Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Hojiin kun sochiiwwan Yihowaan jibburratti akkan hirmaadhu na taasisaa?’ (Fak. 6:16-19) ‘Waaqeffannaa koorratti dhiibbaa ni godhaa?’ ‘Tariimmoo yeroo dheeraadhaaf maatii koorraa akkan fagaadhu na taasisaa?’ (Filp. 1:10) Gaaffilee kana eeyyee jennee yoo deebisne hojii argachuun ulfaataa yoo taʼellee hojii sana fudhachuu dhiisuun keenya ogummaadha. Amantiidhaan waan deddeebinuuf murtoo Yihowaan wanta nu barbaachisu karaa taʼe tokkoon akka nuuf guutu akka amannu argisiisu goona.—Mat. 6:33; Ibroota 13:5 dubbisi.
7-8. Obboleessi Ameerikaa Kibbaa keessa jiraatu tokko amantiidhaan akka deddeebiʼu kan argisiise akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
7 Obboleessi Ameerikaa Kibbaa keessa jiraatuu fi Haaviyeera jedhamu amantiidhaan deddeebiʼuun barbaachisaa taʼuusaa hubateera. “Hojii mindaa dachaa naaf argamsiisuu fi hojjechuun na gammachiisu jalqabuuf iyyata galcheen ture” jedheera. Taʼus Haaviyeer qajeelchaa taʼuuf baayʼee hawwa ture. Itti fufuudhaan akkana jedheera: “Gaafannoodhaaf waamameen ture. Yihowaan wanta naaf wayyu akka beeku waanan amanuuf gaafannoo sanaaf dhihaachuu koo dura akka na gargaaru nan kadhadhe. Hojii koorratti guddina argachuu barbaadee kanan ture taʼus, hojiin kun galma hafuuraa koorra gaʼuuf na hin gargaaru yoo taʼe hin barbaadu jedheen murteesse.”
8 Haaviyeer akkana jedheera: “Gaafannoo sanarratti hogganaan dhaabbatichaa yeroo baayʼee saʼaatii dabalataa hojjechuun akka na barbaachisu natti hime. Anis tajaajila kootiin kan kaʼe akkas gochuu akkan hin dandeenye gaarummaadhaanan itti hime.” Haaviyeer hojii kana hin fudhanne. Torbee lama booda qajeelchaa taʼee tajaajiluu jalqabe. Achiis wagguma sana gara boodaatti hojii tajaajilasaatiif taʼu argate. Akkana jedheera: “Yihowaan kadhannaa koo dhagaʼee hojii qajeelchaa taʼuuf na dandeessisu akkan argadhu na gargaareera. Hojii Yihowaa fi obboloota koo caalaatti tajaajiluuf yeroo dabalataa naaf argamsiisu argachuu kootti baayʼeen gammada.”
Hojiirratti guddina yoo argatte murtoon gootu Yihowaan wanta siif wayyu akka beeku akka amantu kan argisiisudhaa? (Keeyyata 7-8 ilaali)
9. Muuxannoo Tireezor irraa maal baratte?
9 Hojiin amma hojjechaa jirru amantiidhaan akka deddeebinu nu gargaaraa akka hin jirre yoo hubanne maal gochuu qabna? Mee muuxannoo Tireezor isa Koongoo keessa jiraatuu haa ilaallu. Akkana jedheera: “Hojiin koo inni haaraan hojiin yeroo dheeraadhaaf hawwaa turedha. Mindaa koo isa kanaan duraarra dachaa sadi argachaan ture; namoonnis baayʼee na kabaju turan.” Haa taʼu malee, Tireezor yeroo baayʼee saʼaatii dabalataa waan hojjetuuf gumiirraa ni hafa ture. Akkasumas yeroo tokko tokko namoonni isa wajjin hojjetan akka isaaniif sobu dhiibbaa irratti godhu turan. Tireezor hojii kana dhaabuu kan barbaade taʼus hojii dhabuun dandaʼa jedhee yaaddaʼee ture. Maarree maaltu isa gargaare? Akkana jedheera: “Anbaaqom 3:17-19 madda galii koo yoon dhabellee Yihowaan karaa taʼe tokkoon wanta na barbaachisu akka naaf guutu akkan hubadhu na gargaareera. Kanaafuu hojicha nan dhaabe.” Tireezor dhumarratti akkana jedheera: “Hojjettoonni baayʼeen namni tokko hojii mindaa gaarii argamsiisu argachuuf jecha jireenya maatii fi jireenya hafuuraasaa dabalatee wanta kamiyyuu aarsaa ni godha jedhanii yaadu. Hariiroon Yihowaa fi maatii koo wajjin qabu eegee itti fufuu kootti baayʼeen gammada. Waggaa tokko booda Yihowaan hojii gaarii jireenya madaalamaa jiraachuu fi sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuuf yeroo dabalataa naaf argamsiisu akkan argadhu na gargaare. Yihowaadhaaf dursa yoo kennine yeroo muraasaaf rakkinni maallaqaa nu mudachuu kan dandaʼu taʼus inni nu kunuunsa.” Eeyyee, gorsaa fi waadaa Yihowaan galetti yoo amanamne amantiidhaan deddeebiʼuu keenya itti fufuu ni dandeenya; innis nu eebbisa.
HIRIYAA GAAʼELAA YEROO FILANNU
10. Hiriyaa gaaʼelaa yeroo filannu wanti ijaan arguudhaan akka deddeebinu nu taasisu maalidha?
10 Gaaʼelli kennaa Yihowaati; gaaʼela dhaabbachuu barbaaduunis waanuma jirudha. Obboleettiin takka obboleessa tokkotti heerumuuf yeroo yaaddu amalasaa, bifasaa, maqaa inni qabu, qabeenyasaa, itti gaafatamummaa maatii keessatti qabuu fi akkaataa inni itti ishii qabu tilmaama keessa galchiti taʼa.b Wantoonni kun barbaachisoodha. Haa taʼu malee, wantoota kana qofarratti kan xiyyeeffattu yoo taʼe ijaan arguudhaan deddeebiʼaa jirti.
11. Hiriyaa gaaʼelaa yeroo filannu amantiidhaan deddeebiʼuu kan dandeenyu akkamitti? (1 Qorontos 7:39)
11 Yihowaan obboleettotaa fi obboloota hiriyaa gaaʼelaa yeroo filatan gorsasaa hordofanitti baayʼee gammada. Fakkeenyaaf, gorsa nama tokko wajjin wal qorachuu jalqabuusaanii dura “umurii dargaggummaa irra [darbuu]” akka qaban ibsu hojiirra oolchu. (1 Qor. 7:36) Nama hiriyaa gaaʼelaa isaaniif taʼu yeroo filatan adda durummaadhaan amaloota Yihowaan abbaan manaa ykn haati manaa gaariin qabaachuu akka qaban dubbaterratti xiyyeeffatu. (Fak. 31:10-13, 26-28; Efe. 5:33; 1 Xim. 5:8) Namni Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane tokko miira addaa akka isaaniif qabu yoo argisiise gorsa 1 Qorontos 7:39 irratti argamuu fi “Gooftaadhaan qofa” jedhu hojiirra oolchu. (Dubbisi.) Yihowaan eenyuyyuu caalaa karaa miiraa akka isaan kunuunsu amanuudhaan amantiidhaan deddeebiʼuusaanii itti fufu.—Far. 55:22.
12. Fakkeenya Roozaarraa maal baratte?
12 Mee muuxannoo qajeelchituu Kolombiyaa keessa jiraattuu fi Roozaa jedhamtuu haa ilaallu. Bakka hojii ishiitti namni Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane tokko miira addaa akka ishiidhaaf qabu argisiisuu jalqabe. Roozaanis isa jaallattee turte. Akkana jetteetti: “Nama baayʼee gaarii fakkaata. Hojii tola ooltummaarratti ni hirmaata, barsiifata gadhees hin qabu. Akkaataa inni itti na qabu jaalladheen ture. Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu dhiisuusaatiin alatti wantan abbaa manaarraa eegu hunda qaba.” Itti fufuudhaan akkana jetteetti: “Isa diduun baayʼee natti ulfaatee ture. Yeroo sanatti kophummaan kan natti dhagaʼamuu fi heerumuu kanan barbaadu taʼus obboloota keessaa nama naaf taʼu argachuu hin dandeenyen ture.” Taʼus Roozaan wanta argitu qofarratti hin xiyyeeffanne. Murtoon kun michummaa Yihowaa wajjin qabdurratti dhiibbaa akkamii akka godhu xiinxalte. Kanaafuu, hariiroo nama sana wajjin qabdu hundumaa addaan kutte; akkasumas sochiiwwan tiʼookraasiirratti caalaatti hirmaachuu jalqabde. Sana booda utuma baayʼee hin turin Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa irratti affeeramte; amma qajeelchituu addaa taatee tajaajilaa jirti. Roozaan, “Yihowaan garaan koo gammachuu guddaadhaan akka guutamu godheera” jetteetti. Keessumaa wantoota baayʼee hawwinu tokko tokko ilaalchisee amantiidhaan deddeebiʼuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa; taʼus akkas gochuun nu hin gaabbisiisu.
QAJEELFAMNI TIʼOOKRAASII YEROO NUUF KENNAMU
13. Qajeelfamni tiʼookraasii yeroo nuuf kennamu amantiidhaan deddeebiʼuuf maaltu nu kakaasa?
13 Yeroo baayʼee jaarsolii gumii keenyaarraa, ilaaltota olaanaa aanaarraa, waajjira dameerraa ykn Qaama Olaanaarraa waaqeffannaa keenya ilaalchisee qajeelfamni tiʼookraasii nuuf kennama. Haa taʼu malee, sababii itti qajeelfamni tokko nuuf kenname hubachuun yoo nutti ulfaatehoo? Kan nutti mulʼatu dhiibbaa qajeelfamni sun nurraan geessisu qofa taʼuu dandaʼa. Dadhabina obboloota qajeelfama sana nuuf kennanii irrattillee xiyyeeffachuu dandeenya.
14. Qajeelfamni tiʼookraasii yeroo nuuf kennamu amantiidhaan deddeebiʼuuf maaltu nu gargaara? (Ibroota 13:17)
14 Amantiidhaan kan deddeebinu yoo taʼe jaarmiyicha geggeessaa kan jiru Yihowaa akka taʼee fi haala nuti keessa jirru akka beeku ni amanna. Kanaafuu dafnee ajajamna; kanas kan goonu ilaalcha gaarii qabaachuudhaani. (Ibroota 13:17 dubbisi.) Ajajamuun keenya tokkummaa gumiitiif gumaacha akka godhu ni hubanna. (Efe. 4:2, 3) Obboloonni dura buutota taʼan dadhabina kan qaban taʼus Yihowaan ajajamuu keenyaaf akka nu eebbisu ni amanna. (1 Sam. 15:22) Yihowaan yeroonsaa yommuu gaʼu wanta sirreeffamuu qabu hunda ni sirreessa.—Mik. 7:7.
15-16. Obboleessi tokko qajeelfama isaaf kenname ilaalchisee shakkii kan qabu taʼus amantiidhaan deddeebiʼuuf maaltu isa gargaare? (Fakkichas ilaali.)
15 Mee muuxannoo faayidaa amantiidhaan deddeebiʼuun qabu addeessu tokko haa ilaallu. Peeruu keessatti Afaan Ispeen baayʼinaan kan dubbatamu taʼus namoonni baayʼeen afaanota naannichaa dubbatu. Afaanota kana keessaa tokko Kiichuwaadha. Waggoota hedduudhaaf obboloonnii fi obboleettonni Afaan Kiichuwaa dubbatan naannoo tajaajilaasaanii keessatti namoota afaan kana dubbatan barbaadaa turaniiru. Haa taʼu malee, seera mootummaan baase hordofuuf mala ittiin namoota barbaadanirratti sirreeffamni ni godhame. (Rom. 13:1) Kanaan kan kaʼes obboloonni tokko tokko sirreeffamni kun hojii lallabaa naannoo sanatti hojjetamutti gufuu taʼinnaa laata jedhanii yaaddaʼanii turan. Obboloonni sirreeffama kana hojiirra waan oolchaniif Yihowaan carraaqqii namoota Afaan Kiichuwaa dubbatan argachuuf godhan isaaniif eebbiseera.
16 Keevan inni gumii Afaan Kiichuwaatiin geggeeffamu keessatti jaarsa taʼee tajaajilu obboloota sirreeffamni kun isaan yaaddesse keessaa tokkodha. Akkana jedheera: “‘Amma namoota Afaan Kiichuwaa dubbatan akkamitti argachuu dandeenya?’ jedheen yaade.” Maarree Keevan maal godhe? Akkana jedheera: “Yaada Fakkeenya 3:5rra jirun yaadadhe. Waaʼee Musees nan yaade. Museen Israaʼelota Gibxii keessaa akka baasu qajeelfamni isaaf kennamee ture; qajeelfamni isaaf kenname garuu Israaʼelonni warra Gibxii jalaa miliquun baayʼee akka isaanitti ulfaatu kan godhu fakkaata ture. Taʼus ajajameera; Yihowaanis ajajamuusaatiif karaa ajaaʼibsiisaa taʼeen isa eebbiseera.” (Bau. 14:1, 2, 9-11, 21, 22) Keevan akkaataa itti lallaburratti sirreeffama gochuuf fedhii qaba ture. Maarree buʼaansaa maal ture? Akkana jedheera: “Yihowaan akkamitti akka nu eebbise yeroon argu baayʼee na ajaaʼibe. Kanaan dura tajaajilarratti saʼaatii dheeraadhaaf deemnee yeroo tokko tokko nama Afaan Kiichuwaa dubbatu tokko ykn lama qofa arganna turre. Amma garuu naannoowwan namoonni Afaan Kiichuwaa dubbatan jiranirratti xiyyeeffanna. Kanaan kan kaʼes namoota mariisisnu, deddeebii gaaffii fi qoʼattoota Kitaaba Qulqulluu hedduu argachuu dandeenyeerra. Lakkoofsi namoota walgaʼii keenyarratti argamaniis dabaleera.” Eeyyee, amantiidhaan kan deddeebinu yoo taʼe Yihowaan yeroo hundumaa nu badhaasa.
Obboloonni namoonni tajaajilarratti argatan baayʼeen naannoowwan namoonni Afaan Kiichuwaa dubbatan itti argaman akka isaanitti himan hubataniiru (Keeyyata 15-16 ilaali)
17. Mata duree kanarraa maal baratte?
17 Karaawwan barbaachisoo sadiin amantiidhaan deddeebiʼuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalleerra. Haa taʼu malee, bashannana filannu, barumsaa fi ijoollee guddisuu ilaalchisee murtoo yeroo goonu dabalatee kallattiiwwan jireenyaa keenya hundumaarratti amantiidhaan deddeebiʼuu keenya itti fufuu qabna. Murtoo akkamiiyyuu yeroo goonu wanta ijaan arginu qofarratti utuu hin taʼin, hariiroo Yihowaa wajjin qabnu, gorsasaa fi waadaa inni nu kunuunsuuf galerrattis hundaaʼuu qabna. Akkas yoo goone “baraa hamma bara baraatti maqaa Waaqa keenya Yihowaatiin ni deddeebina.”—Mik. 4:5.
FAARFANNAA 156 Amantiidhaan
a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.
b Keeyyanni kun hiriyaa gaaʼelaa kan barbaadan obboleettota akka taʼanitti kan ibsu taʼus, gorsi kenname obboloota fuudhuu barbaadaniifis ni hojjeta.