Qayyabannaa 53
Haasaa Dhaggeeffattoota Jajjabeessu
TAJAAJILTOONNI Waaqayyoo rakkinni akkamiiyyuu yoo isaanirra gaʼe, gumii Kiristiyaanaarraa jajjabina argachuu qabu. Kana galmaan gaʼuufimmoo, keessumaa haasaafi gorsi jaarsoliin kennan kan nama jajjabeessu taʼuu qaba. Jaarsoliin, “Akka iddoo qilleensa jabaa jalaa itti baqatanii, akka daʼoo bubbee jalaa itti baqatanii, akka bishaan lafa gogaa keessa yaaʼuu, akka gaaddisa kattaa guddaa isa lafa dheebotaa keessa jiruu” taʼuu qabu.—Isa. 32:2.
Jaarsa yoo taate, haasaan dhiheessitu boqonnaa kan namaaf argamsiisuufi kan nama jajjabeessudhaa? Namoota amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluuf carraaqan kan jajjabeessudhaa? Namoonni hedduun dantaa kan hin qabneefi mormitoota taʼaniyyuu, Kiristiyaanonni fedha Waaqayyoo raawwachuusaanii akka itti fufan humna kan isaaniif kennudhaa? Dhaggeeffattoonni dhiphatan, rakkina dinagdee cimaa qaban ykn dhukkuba fayyuu hin dandeenyeen rakkatan jiruu? Taanaan, ‘dubbii afaankee keessaa baʼuun isaan jajjabeessuu’ dandeessa.—Iyo. 16:5.
Haasaa yommuu dhiheessitu obboloonni Yihowaafi qophiiwwan inni godherraa abdiifi jajjabina akka argatan gargaaruuf carraa qabdutti fayyadami.—Rom. 15:13; Efe. 6:10.
Wanta Yihowaan Godhe Isaan Yaadachiisi. Karaan itti warri kaan jajjabina akka argatan gargaaruun itti dandaʼamu inni guddaan, Yihowaan bara duriitti sabasaa yeroo rakkinaatti akkamitti akka gargaare ibsuudha.—Rom. 15:4.
Israaʼeloonni, Biyyattii Abdachiifameefi saboota diinota taʼaniin qabamtetti galuusaanii dura, Iyaasuu akka ‘gorsuufi’ akka ‘jajjabeessu’ Yihowaan Museetti himee ture. Museen kana kan godhe akkamitti? Bakka Iyaasuun jirutti, Museen yeroo sabni sun biyya Gibxii keessaa baʼe wanta Yihowaan isaaniif godhe hunda Israaʼeloota yaadachiisee ture. (Kes. 3:28; 7:18) Yihowaan warra Amoorotaa akka moʼan isaan gargaaruusaas ibseera. Achiis, “Cimi! Ija jabaadhus!” jedhee Iyaasuu gorseera. (Kes. 31:1-8) Atoo wanta Yihowaan isaaniif godhe isaan yaadachiisuudhaan obbolootakee ni jajjabeessitaa?
Yeroo tokko tokko obboloonni rakkina guddaa isaanirra gaʼeen abdii waan kutataniif, eebbawwan Mootummaan Yihowaa fidu akka argatan amanuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Kanaaf, abdiin Yihowaan kenne raawwatamuunsaa akka hin oolle isaan hubachiisi.—Iya. 23:14.
Biyyoota tokko tokko keessatti obboloonni misiraachicha akka hin lallabne dhowwamaniiru. Yeroo akkasiitti, jaarsoliin jaalalaan kakaʼanii wanta ergamoota Yesus Kiristosiin mudatetti fayyadamuudhaan obbolootasaanii jajjabeessuu dandaʼu. (HoE. 4:1–5:42) Kana malee, seenaa macaafa Asteerirratti argamuufi Yihowaan rakkina sabasaarra gaʼeef akkamitti akka furmaata kenne itti himuudhaan isaan jajjabeessuu dandaʼu.
Yeroo tokko tokko, namoonni walgaʼiiwwan gumiirratti argamaniifi tarkaanfii hin fudhanne jiraachuu dandaʼu. Jireenya gadhee waan dabarsaniif, Waaqayyo matumaa cubbuusaanii akka isaaniif hin dhiisne itti dhagaʼama taʼa. Yeroo kanatti, wanta Yihowaan Minaasee Mootichaaf godhe itti himuu dandeessa. (2 Sen. 33:1-16) Yookiinimmoo, waaʼee namoota magaalaa Qorontos ishee durii keessa turaniifi akkaataa jireenyaasaanii jijjiiranii Kiristiyaanota taʼuudhaan, Waaqayyo duratti akka qajeelotaatti ilaalaman itti himuu dandeessa.—1 Qor. 6:9-11.
Namoonni, rakkinni kan nurra gaʼe Waaqayyo duratti fudhatama waan dhabneefidha jedhanii yaadan tokko tokko jiruu? Taanaan, rakkina Iyoobirra gaʼeefi hanga dhumaatti Waaqayyoof amanamaa taʼuusaatiin eebbawwan akkamii akka argate isaan yaadachiisuu dandeessa. (Iyo. 1:1-22; 10:1; 42:12, 13; Far. 34:19) Michoonni Iyoob warri sobaan isa jajjabeessuu dhufan, cubbuu raawwatte qabda jedhaniinii turan. (Iyo. 4:7, 8; 8:5, 6) Haala kanarraa faallaa taʼeen Phaawulosiifi Barnaabaas garuu, bartoonni ‘amantiisaaniitti akka ciman isaan gorsaniiru; gidiraa baayʼee keessa darbuudhaan mootummaa Waaqayyootti galuun nuuf in taʼa’ jechuudhaanis isaan jajjabeessaniiru. (HoE. 14:21, 22) Harʼas, Kiristiyaanonni hundi gidiraa baayʼee keessa darbuufi amantiitti cimanii dhaabachuunsaanii, Waaqayyo duratti gatii guddaa akka qabu itti himuudhaan isaan jajjabeessuu dandeessa.—Fak. 27:11; Mat. 24:13; Rom. 5:3, 4; 2 Xim. 3:12.
Dhaggeeffattoonni, Yihowaan waadaa gale jireenyasaanii keessatti akkamitti akka isaaniif raawwate akka yaadan jajjabeessi. Ati wanta muraasa qofa yoo isaan yaadachiiste, Yihowaan akkuma waadaa galetti wantoota dhuunfaatti isaanii godhe hedduu yaadachuu dandaʼu. Faarfannaan 32:8, “Waan gochuun siif taʼu sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif taʼu sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin toʼadha” jedha. Yihowaan kanaan dura karaa irra deeman akka itti argisiise ykn akka isaan jajjabeesse akka hubatan gargaaruudhaan, gara fuulduraattis rakkinni akkamiiyyuu yoo isaan mudate rakkina kana akka moʼan kan isaan gargaaru taʼuusaa akka yaadatan gochuu dandeessa.—Isa. 41:10, 13; 1 Phe. 5:7.
Wanta Waaqayyo Nuu Gochaa Jirutti Akka Gammaddu Argisiisi. Obboloota jajjabeessuuf yommuu carraaqxu, wanta Yihowaan yeroo harʼaatti nuu gochaa jiru akka yaadan godhi. Wantoota kanatti akka gammaddu karaa argisiisuun kan dubbattu yoo taʼe, dhaggeeffattoonnikees miira akkasii qabaachuu dandaʼu.
Yihowaan buʼaa baʼii jireenyaa akka moonu kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ibsi. Daandii jireenyaa isa hundarra caalu nutti argisiiseera. (Isa. 30:21) Sababii yakki, murtoo jalʼaan, hiyyummaan, dhukkubniifi duuti itti jiraate, akkasumas rakkoowwan kana hundumaa akkamitti akka hambisu nuu ibseera. Tokkummaa obbolummaa jaalala qabu keessa akka jiraannu godheera. Mirga kadhannaa isa hundarra caalu nuu kenneera. Dhugaa Baatotasaa akka taanuufis mirga nuu kenneera. Kiristos samiirratti mootii akka taʼeefi badiisni sirna moofaa kanaa saffisaan dhihaachaa akka jiru akka hubannu nu gargaareera.—Mul. 12:1-12.
Eebbawwan kana malees, walgaʼii gumii, walgaʼii addaa, walgaʼii aanaafi walgaʼii koonyaa caqasuu dandeessa. Qophiiwwan kanaaf dinqisiifannaa guddaa akka qabdu karaa argisiisuun kan dubbattu yoo taʼe, warri kaanis mirga obbolootasaanii wajjin walgaʼuuf argataniif bakka guddaa akka kennan jajjabeessuu dandeessa.—Ibr. 10:23-25.
Gabaasni carraaqqii tajaajilarratti goonu ibsus, eebba Yihowaa akka arganne kan argisiisu waan taʼeef jajjabina nuu kenna. Jaarraa jalqabaatti Phaawulosiifi Barnaabaas yommuu gara Yerusaalem dhaqan, warri saba Waaqayyoo hin taʼin gara Waaqayyootti akka deebiʼan itti himuunsaanii ‘amantoota achi jiran baayʼee gammachiisee’ ture. (HoE. 15:3) Atis muuxannoo nama jajjabeessu dubbachuudhaan obboloota gammachiisuu dandeessa.
Wanta isaan godhaniif yoo isaan dinqisiifannes obboloonni ni jajjabaatu. Hirmaannaa tajaajilarratti godhaniif isaan galateeffadhu. Obboloota sababii dullumaafi dhukkubaatiin sochii baayʼee gochuu hin dandeenyeefi amanamummaadhaan jabaatanii dhaabatan galateeffadhu. Yihowaan jaalala obboloonni kun isaaf qaban akka hin irraanfanne isaan yaadachiisi. (Ibr. 6:10) Amantiin qoramee ilaalame Waaqayyo duratti gatii guddaa qaba. (1 Phe. 1:6, 7) Eeyyee, obboloonni wantoota kana akka yaadatan gochuun barbaachisaadha.
Waaʼee Abdii Gara Fuulduraa Miira Hoʼaadhaan Dubbadhu. Abdiiwwan Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti kennaman namoota Yihowaa jaallataniif jajjabinaa guddaa argamsiisu. Dhaggeeffattoonni hedduun waaʼee abdiiwwan kanaa yeroo baayʼee dhagaʼanii taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, waaʼee abdiiwwan kanaa dinqisiifannaadhaan kan dubbattu yoo taʼe, abdiiwwan kun isaaniif akka dhugooman, raawwiisaanii akka argatan akka amananiifi garaansaanii dinqisiifannaadhaan akka guutamu gochuu dandeessa. Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa argatte hojiirra oolchuunkee, karaa dhaggeeffattoota jajjabeessuun akka dubbattu si gargaaruu dandaʼa.
Sabasaa jajjabeessuufi humna kennuudhaan Yihowaa wajjin kan wal qixxaatu hin jiru. Haataʼu malee, atis fakkeenyasaa fudhachuudhaan warra kaan jajjabeessuu dandeessa. Gumiidhaaf haasaa dhiheessuuf carraa yoo argatte, gorsa kana hojiirra oolchuuf carraaqqii godhi.