LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wt boq. 2 ful. 14-22
  • Yihowaan Waaqa Dhugaa Waan Ta’eef Ol Ol Isa Godhi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Waaqa Dhugaa Waan Ta’eef Ol Ol Isa Godhi
  • Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Waaqayyo Jaalaladha’
  • Warra Kaanitti Jaalala Argisiisuu
  • ‘Maqaa Yihowaatiin Deddeebi’uu’
  • Waaqa Isa Isin Jaallatu Jaalladhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • ‘Jaalalaan Deddeebiʼuu Kee Itti Fufi’
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Yihowaan Waaqa Jaalalaa Ti
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • ‘Waaqa Keessan Jaalladhaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
wt boq. 2 ful. 14-22

Boqonnaa Lama

Yihowaan Waaqa Dhugaa Waan Ta’eef Ol Ol Isa Godhi

1. Waaqni dhugaa inni tokkichi eenyudha?

WANTOONNI akka waaqoliitti ilaalaman hedduun jiraatanis Macaafni Qulqulluun, ‘Nuuf garuu Waaqayyo tokkichatu jira; innis abbaadha’ jechuudhaan dubbata. (1 Qorontos 8:​5, 6) ‘Waaqni tokkichi’ kunis Yihowaa isa waan hundumaa uumedha. (Keessa Deebii 6:4; Mul’ata 4:​11) Yesus “Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessan” jechuudhaan isa waameera. (Yohannis 20:17) Yesus yaada Museen dur: “Gooftichi Waaqayyo akka ta’e, isa bukkeettis kan biraa akka hin jirre akka beektan” jechuudhaan dubbatee wajjin akka walii galu argisiiseera. (Keessa Deebii 4:​35) Yihowaan meeshaawwan waaqeffannaadhaaf tajaajilan, namoota akka waaqaatti ilaalaman ykn diinasaa kan ta’e Seexana isa “waaqayyicha bara si’anaa” kanarra hedduu caala. (2 Qorontos 4:​3, 4) Haala isaanirraa adda ta’een akkuma Yesus jedhe Yihowaan ‘Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaadha.’​—Yohannis 17:3.

2. Waa’ee Waaqayyoo barachuun keenya jireenya keenya kan tuqu akkamitti?

2 Namoonni dinqisiifannaa qaban amalawwansaa, wantoota inni nuuf godheefi wanta inni nuu gochuuf waadaa gale yeroo hubatan garasaatti dhihaatu. Jaalalli Yihowaadhaaf qaban yeroo guddachaa adeemu isa ol ol gochuuf kaka’u. Akkamitti? Karaan inni tokko waa’eesaa namoota kaanitti himuudhaanidha. Roomaan 10:10, ‘namni afaan isaatiin beeksisee in fayya’ jedha. Karaan inni kaanimmoo jechaanis ta’e gochaan fakkeenyasaa hordofuudhaanidha. Efesoon 5:1, “Akka ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqayyoo fudhadhaa!” jedha. Caalaatti kana gochuuf, Yihowaa sirriitti beekuu nu barbaachisa.

3. Amalawwan Waaqayyoo warri gurguddaan kamfa’i?

3 Macaafni Qulqulluun bakka hedduutti waa’ee amalawwan Waaqayyoo warra gurguddaa dubbata. Amalawwansaa warri gurguddaa ta’an arfan ogummaa, qajeelummaa, humnaafi jaalaladha. ‘Ogummaan kan Waaqayyooti.’ (Iyoob 12:13) “Karaan isaa hundinuus qajeelaa dha.” (Keessa Deebii 32:4) Inni ‘humna-qabeessadha.’ (Isaayaas 40:26) ‘Waaqayyo jaalaladha.’ (1 Yohannis 4:8) Haata’u malee, amalawwansaa gurguddaa ta’an arfan kana keessaa inni hundumaarra caaluufi Waaqa akkamii akka ta’e ibsu amala isa kamidha?

‘Waaqayyo Jaalaladha’

4. Waaqayyo uumama cufaafi wantoota lubbuu qaban hunda akka uumu kan isa kakaase amalasaa isa kamidha?

4 Yihowaan uumama cufa, ergamootaafi namoota akka uumu wanti isa kakaase maal akka ta’e qalbeeffadhu. Kana akka godhu kan isa kakaase ogummaa ykn humnasaa turee? Waaqayyo wantoota kanaan kan fayyadame ta’us, kan isa kakaasan garuu amalawwan kana miti. Murtoonsaa inni qajeelaan warra kaaniif jireenya akka hiru isa hin dirqisiisne. Kanaa mannaa, Waaqayyo jaalalaan kaka’ee gammachuu jireenyarraa argamu warra kaanii hiruu barbaade. Namoonni ajajamoo ta’an bara baraaf akka Jannata keessa jiraataniif qophii akka godhu kan isa kakaase jaalaladha. (Uumama 1:​28; 2:​15) Jaalallisaa kun yakka Addaam cubbuudhaan ilmaan namootaatti fide hundaa balleessuuf qophii akka godhu isa kakaaseera.

5. Akka Macaafa Qulqulluurratti ibsametti, eenyummaan Yihowaa amala isa kamiin ibsame? Maaliif?

5 Kanaafuu, amalawwan Waaqayyoo keessaa inni guddaan jaalaladha jechuudha. Eenyummaan Yihowaa jaalaladha jechuudha. Macaafni Qulqulluun Yihowaadhaan matumaa ogummaadha, qajeelaadha ykn humnadha jedhee hin waamu. Kanaa mannaa, Waaqayyo jaalaladha jedha. Eeyyee jaalalli wanta eenyummaan Yihowaa itti ibsamudha. Amalli kunimmoo seera bu’uuraatiin kan geggeeffamu malee miiraan kan geggeeffamu miti. Jaalallisaa seerawwan bu’uuraa dhugaafi qajeelummaarratti kan hundaa’edha. Jaalalli akkasii kun akka Yihowaan fakkeenyaan argisiisetti jaalala adda ta’edha. Jaalalli kun guutummaatti ofittummaarraa walaba kan ta’eefi yeroo hundumaa hojiidhaan kan mul’atudha.

6. Waaqayyo nurra kan caalu ta’us fakkeenyasaa akka hordofnu kan nu gargaaru maalidha?

6 Amalli Waaqayyoo inni gaariin kun akka fakkeenyasaa hordofnu nu kakaasa. Namoota gadi aanoo, gonkummaa hin qabneefi dogoggora hojjennu waan taaneef, guutummaatti fakkeenya Waaqayyoo hordofuu hin dandeenyu jennee yaaduu dandeenya. Haata’u malee, jaalalli Yihowaa inni guddaan garabiraanimmoo kanaa gaditti ibsameera: Humni keenya kan daangeffame ta’uusaa waan beekuuf gonkummaa nurraa hin eegu. Yeroo ammaatti gonkummaarraa baay’ee akka fagaanne beeka. (Faarfannaa 51:5) Faarfannaan 130:3, 4 kan akkas jedhu kanumaafi: “Yaa Waaqayyo, utuu ati irra-daddarbaa namatti lakkooftee, silaa eenyutu si dura dhaabata, yaa gooftaa? . . . Cubbuu namaaf dhiisuun si bira jira.” Eeyyee, Yihowaan ‘Waaqayyoo isa oo’a-qabeessaa fi araara qabeessa; aariitti suuta jedhaa; gaarummaansaafi amanamummaansaa guddaadha.’ (Ba’uu 34:6) “Yaa gooftaa, ati gaarii dha, jaalala keetiinis namaaf cubbuu isaa in dhiifta.” (Faarfannaa 86:5) Kun akkam kan nama jajjabeessudhaa! Waaqa dinqisiisaa akkasii tajaajiluu, jaalalaafi araarasaa argachuun akkam kan nama gammachiisudhaa!

7. Jaalalli Yihowaa wantoota inni uumerratti kan mul’ate akkamitti?

7 Jaalalli Yihowaa wantoota inni uumerratti mul’ateera. Wantoota baay’ee Yihowaan gammachuu keenyaaf nuu qopheesse kan akka tulluuwwan, bosonawwan, haroowwaniifi garbawwan mimmiidhagoo mee yaadi. Nyaata nama gammachiisu, dhandhama gaarii qabuufi gosa addaddaa qabu hedduu nuu kenneera. Kana malees Yihowaan abaaboowwan urgaa gaarii qabaniifi bineensota mimmiidhagoo addaddaa uumeera. Inni ofiisaatiif wantoota kanatti gammaduun kan isa hin barbaachisne ta’ullee, wantoota ilmaan namootaatiif gammachuu argamsiisan hedduu uumeera. Dhugaadha, biyya lafaa isa hamaafi gonkummaa hin qabne kana keessa yeroo jiraannu, wantoota inni uumetti guutummaatti gammaduu hin dandeenyu. (Roomaa 8:​22) Haata’u malee, wanta Yihowaan Jannata keessatti nuuf qopheesse mee yaadi! Faarfatichi: “Ati harka kee in diriirsita, fedha warra lubbuu qaban hundumaas in quufsita” jechuudhaan nuu mirkaneesseera.​—Faarfannaa 145:16.

8. Karaa Yihowaan jaalala guddaa ilmaan namootaatiif qabu itti argisiise keessaa inni hunda caalu isa kamidha?

8 Karaa Yihowaan jaalala guddaa ilmaan namootaatiif qabu itti argisiise keessaa inni hunda caalu isa kamidha? Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan ibsa: “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” (Yohannis 3:​16) Yihowaan kana kan godhe namoonni gaarii waan ta’aniifidhaa? Roomaa 5:8 akkas jechuudhaan deebii kenna: “Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du’uu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.” Dhugumayyuu, Waaqayyo Ilmisaa inni gonkummaa qabu akka aarsaa nuuf ta’uuf gara lafaatti erguudhaan cubbuufi du’arraa akka nu furu godheera. (Maatewos 20:28) Kunimmoo namoonni Waaqayyoon jaallatan jireenya bara baraa akka argataniif karaa baneera. Kan nama gammachiisu, Waaqayyo namoota fedhasaa raawwachuu barbaadan hundumaaf jaalalasaa bal’iseera. Macaafni Qulqulluun kana ilaalchisee, ‘Waaqayyo nama wal hin caalchisu. Saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaadha’ jedha.​—Hojii Ergamootaa 10:34, 35.

9. Yihowaan Ilmasaa aarsaa godhee nuu kennuunsaa maal gochuuf nu kakaasuu qaba?

9 Yihowaan Ilmasaa aarsaa godhee nuu kennuudhaan jireenya bara baraa akka argannuuf karaa nuu banuunsaa, jireenya keenya ammaa akkamitti akka itti gargaaramnu nu gochuu qaba? Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu guddachuu qaba. Akkasumas, jaalalli kun Yesus isa Waaqayyoon bakka bu’u akka dhaggeeffannu nu kakaasuu qaba. “Egaa warri jiraatan si’achi isa isaaniif jedhee du’ee, du’aa kaafameef [Yesusiif] malee, ofii isaaniitiif akka hin jiraannetti, inni hundumaaf du’eera.” (2 Qorontos 5:​15) Fakkeenya Yesus isa jaalalaafi gaarummaa Yihowaa calaqqisu hordofuun akkam kan nama gammachiisudhaa! Kanammoo jechoota Yesus namoota gad of qabanitti akkas jechuudhaan dubbaterraa hubachuun ni danda’ama: “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna. Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu. Waanjoon koo nama hin dhibu, ba’aan namni anaaf jedhee baatus salphaa dha.”​—Maatewos 11:28-​30

Warra Kaanitti Jaalala Argisiisuu

10. Karaawwan obboloota keenyaaf jaalala itti argisiisnu tokko tokko maalfa’i?

10 Jaalala Yihowaafi Yesus nuuf qaban akka obboloota keenyaaf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaawwan baay’ee jaalala kana itti argisiisuu dandeenyu ilaali: “Jaalalli danda’aa dha, gaarummaas in argisiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksus; jaalalli lafa salphinaa hin ijaajju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu, hin dallanu, waan hamaas nama irratti hin lakkaa’u. Jaalalli qajeelina dhugaatti gammada malee, jal’inatti hin gammadu. Jaalalli karaa tokko illee nama hin lafafu, hunduma isaa in amana, hunduma isaa abdata, hunduma isaas obsa. Jaalalli yoom iyyuu hin badu.”​—1 Qorontos 13:​4-8; 1 Yohannis 3:​14-​18; 4:​7-​12.

11. Obboloota keenyaan alatti eenyufa’itti jaalala argisiisuu qabna? Akkamittiinoo?

11 Obboloota keenyaan alattoo eenyyufa’itti jaalala argisiisuu qabna? Akkamittiinoo? Yesus akkas jedheera: “Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa! Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa!” (Maatewos 28:19, 20) Kunimmoo namoota hanga yoonaatti hidhata amantii keenyaa hin taanetti misiraachoo Waaqayyo addunyaa haaraa keessatti jannata akka fidu ibsu isaanitti himuu kan dabalatudha. Yesus, namoota amantii keenya hordofan qofatti jaalala argisiisuu akka hin qabne akkas jechuudhaan ibseera: “Warra isin jaallatan duwwaa yoo jaallattan gatii maalii argattu ree? Warri sodaa Waaqayyoo hin qabne iyyuu akkanuma in godhu mitii ree? Obboloota keessan duwwaa ho’iftanii nagaa yoo gaafattan, warra kaan caalaa maalfaa gootu? Warri saba Waaqayyoo hin ta’in iyyuu akkanuma in godhu mitii ree?”​—Maatewos 5:​46, 47; 24:14; Galaatiyaa 6:​10.

‘Maqaa Yihowaatiin Deddeebi’uu’

12. Waaqayyoon alatti eenyuyyuu maqaa Yihowaa jedhamuun waamamuu hin danda’u kan jennu maaliifi?

12 Karaan Waaqa isa dhugaa ol ol itti goonu inni kaanimmoo maqaasaa isa Yihowaa jedhamu beekuu, itti fayyadamuufi warra kaan barsiisuudha. Faarfatichi hawwii akkasii akka qabu akkas jechuudhaan ibseera: “Maqaan kee ‘Isa Jiraataa’ [Yihowaa, NW] akka ta’e, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru ta’uu kees haa beekan!” (Faarfannaa 83:18) Hiikni maqaa Yihowaa jedhuu “Akka Ta’u Godha” jechuudha. Inni Kaayyoo Guddaa kan qabuufi kaayyoo baase kanas yeroo hundumaa galmaan kan ga’udha. Ilmaan namootaa kaayyoo qaban galmaan ga’uusaanii mirkanaa’oo ta’uu waan hin dandeenyeef maqaa kanaan waamamuu kan danda’u Waaqa isa dhugaa qofadha. (Yaaqoob 4:​13, 14) Dubbiin afaan koo keessaa ba’u ‘wanta ani fedhe ni hojjeta’ jechuu kan danda’u Yihowaa qofadha. (Isaayaas 55:11) Namoonni hedduun maqaa Waaqayyoofi hiikasaa yeroo jalqabaatiif yeroo Macaafa Qulqulluurraa baratan ni gammadu. (Ba’uu 6:3, NW) Haata’u malee, beekumsa kanarraa faayidaa kan argatan ‘bara baraan maqaa Waaqayyootiin [Yihowaatiin, NW] yoo deddeebi’an’ qofadha.​—Miikiyaas 4:5.

13. Maqaa Yihowaa beekuufi maqaasaatiin deddeebi’uun maalfaa dabalata?

13 Faarfannaan 9:​10 maqaa Waaqayyoo ilaalchisee: “Warri maqaa kee beekan kooluu sitti in galu” jedha. Maqaa Yihowaa jedhamu kan beeke hundi yeruma sana isatti amanama jechuu waan hin taaneef, maqaa kana beekuu caalaa waan dabalatudha. Maqaa Waaqayyoo beekuu jechuun, Yihowaan Waaqa akkamii akka ta’e hubachuu, aangoosaa kabajuu, seerasaatiif abboomamuufi wanta hundumaatti isatti amanamuu jechuudha. (Fakkeenya 3:​5, 6) Kana malees, maqaa Yihowaatiin deddeebi’uu jechuun, isaaf of murteessuu, waaqeffattootasaa keessaa tokko ta’uudhaan jireenya isa bakka bu’uu keenya argisiisu jiraachuufi akka jaalalasaatti jiraachuu jechuudha. (Luqaas 10:27) Kana gochaa jirtaa?

14. Bara baraaf Yihowaa tajaajiluu yoo barbaanne, kana gochuun dirqama keenya ta’uusaa beekuu keenyaan alatti maal gochuu nu barbaachisa?

14 Bara baraaf Yihowaa tajaajiluu yoo barbaanne, kana gochuun dirqama akka ta’e beekuun keenya qofti ga’aa miti. Phaawulos, Ximotewos isa waggoota dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilaa tureen: “Nama Waaqayyoo ta’uudhaaf of qopheessi!” jechuudhaan gorseera. (1 Ximotewos 4:7) Nama Waaqayyoo ta’uuf of qopheessuun dinqisiifannaa isaaf qabnurraa kan maddudha. “Nama Waaqayyoo ta’uu” jechuun, Yihowaaf ulfinaafi kabaja kennuu jechuudha. Isaafis ta’e daandiiwwansaatiif kabaja guddaa kennuudhaan jaalalaan isatti maxxananii jiraachuu argisiisa. Nama Waaqayyoo ta’uun keenya namoonni hundi maqaasaa akka kabajan akka hawwinu nu godha. Maqaa Yihowaatiin bara baraan deddeebi’uuf, namoota Waaqayyoo ta’uun keenya barbaachisaadha.​—Faarfannaa 37:4; 2 Phexros 3:​11.

15. Waaqayyoon qofa akka waaqeffannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Inni ‘Waaqa hinaafaa’ [“isa qofa akka waaqeffannu kan barbaadu,” NW] waan ta’eef, karaa isa biratti fudhatama qabuun Waaqayyoon tajaajiluufi isa qofa waaqeffachuu qabna. (Ba’uu 20:5) Waaqayyoofi biyya lafaa isa Seexanni seerratu ergaan takkaa jaallachuun hin danda’amu. (Yaaqoob 4:4; 1 Yohannis 2:​15-​17) Yihowaan namoota akkamii ta’uu akka barbaannu beeka. (Ermiyaas 17:10) Dhugumaan qajeelummaa kan jaallannu yoo ta’e, sana ilaaluudhaan rakkoowwan nu mudatan akka moonu nu gargaara. Hafuura qulqulluusaatiin nu gargaaruudhaan, hammina isa biyya lafaa guute kana akka moonu nu gargaara. (2 Qorontos 4:7) Kana malees, lafa jannata taaturra bara baraan jiraachuuf abdii qabnu akka cimsannu nu gargaara. Abdii baay’ee nama gammachiisu mitii? Abdii kana waan nuu kenneef Waaqa keenya isa dhugaa kan ta’e Yihowaa guddaa galateeffachuufi fedhiidhaan isa tajaajiluu qabna.

16. Namoota miliyoonaan lakkaa’aman wajjin maal gochuuf fedhii qabaachuu qabda?

16 Addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaa’aman afeerrii faarfatichi akkas jechuudhaan dhiheesse fudhataniiru: “Anaa wajjin guddina Waaqayyoo odeessaa, kottaa walii wajjinis maqaa isaa ol in kaafnaa!” (Faarfannaa 34:3) Yihowaan namoota saba hundumaa keessaa walitti qabaman, namoota lakkoofsisaanii guddachaa adeemu, akkasumas warra guddina Waaqayyoo odeessaniifi maqaasaa ol kaasan keessaa tokko akka taatu si afeera.

Maree Irra Deebii

• Yihowaan Waaqa akkamiiti? Amalawwansaa sirriitti hubachuun keenya faayidaa kan nuuf argamsiisu akkamitti?

• Warra kaanitti jaalala argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

• Maqaa Waaqayyoo beekuufi maqaasaatiin deddeebi’uun maalfaa dabalata?

[Fakkii fuula 14rra jiru]

Yihowaan jaalalasaatiin kaka’ee, ‘harkasaa diriirsuudhaan fedha warra lubbuu qabanii ni quufsa’

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi