Boqonnaa Tokko
Tokkummaan Waaqeffannaa Yeroo Keenyatti Argamu Hiika Maalii Qaba?
1, 2. (a) Yeroo keenyatti sochii dinqisiisaa akkamiitu taasifamaa jira? (b) Namoonni garaa qajeelaa qaban abdii gammachiisaa akkamii qabu?
ADDUNYAA maratti tokkummaa waaqeffannaa argamsiisuuf sochiin nama dinqisiisu taasifamaa jira. Waaqeffannaan kun namoota gosa garagaraa, qomoo addaddaa qaban, akkasumas namoota afaan garaagaraa dubbataniifi miliyoonaan lakkaa’aman tokko gochaa jira. Waggaa waggaanis namoonni hedduun gara waaqeffannaa kanaatti dhufaa jiru. Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman kunis, Macaafa Qulqulluu keessatti ‘dhugaa baatota’ Yihowaafi “tuuta sonaan baay’ee” jedhamanii waamamaniiru. Isaanis “halkanii fi guyyaa mana qulqullummaa isaa keessatti isaaf [Waaqayyoof] in hojjetu.” (Isaayaas 43:10-12; Mul’ata 7:9-15) Kana kan godhan maaliifi? Yihowaan Waaqa dhugaa isa tokkicha ta’uusaa waan beekaniifidha. Beekumsisaanii kunimmoo jireenyasaanii ulaagaa Yihowaan qajeelummaadhaaf baasee wajjin wal simsiisuuf isaan kakaasa. Kana malees, “guyyoota gara dhumaa” addunyaa hamaa Waaqayyo yeroo dhihootti balleessuufi addunyaa haaraa jannata taatuun bakka buufamu keessa kan jiraannu ta’uusaa barataniiru.—2 Ximotewos 3:1-5, 13; 2 Phexros 3:10-13.
2 Sagaleen Waaqayyoo akkas jedha: “Inni jal’aan yeroo xinnoo booddee achitti hin argamu, . . . Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu, isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.” (Faarfannaa 37:10, 11) “Warri qajeelonni biyya in qabaatu, yeroo hundumaafis keessa in taa’u.” (Faarfannaa 37:29) “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!”—Mul’ata 21:4.
3. Tokkummaan waaqeffannaa argamuu kan danda’u akkamitti?
3 Namoonni yeroo ammaatti waaqeffannaa dhugaatiin tokko ta’an, addunyaa haaraa keessatti jiraattota warra jalqabaa ta’u. Jaalalli Waaqayyoo maal akka ta’e barataniiru; jaalalasaa kana raawwachuufis wanta danda’an hundaa gochaa jiru. Jaalala Waaqayyoo barachuufi raawwachuu ilaalchisee Yesus akkas jedheera: “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.” (Yohannis 17:3) Yohannisis: “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata” jechuudhaan barreesseera.—1 Yohannis 2:17.
Tokkummaa Waaqeffannaa Jechuun Maal Jechuudha?
4. (a) Tokkummaan waaqeffannaa namoonni hedduun bara keenyatti itti walitti qabamaa jiran maal argisiisa? (b) Macaafni Qulqulluun walitti qabamuu kana ilaalchisee maal jedha?
4 Tokkummaan waaqeffannaa bara keenyatti namoonni hedduun itti walitti qabamaa jiran maal argisiisa? Badiisa sirna hamaa kanaatti dhihaachuu keenyaafi utuu baay’ee hin turinis Waaqayyo addunyaa haaraa akka fidu kan argisiisudha. Namoonni hedduun akka walitti qabaman ilaalchisee raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti dubbataman yeroo raawwataman argineerra. Raajiiwwan kana keessaas inni tokko akkas jedha: “Bara booddeetti [guyyoota gara dhumaa kanatti] tulluun manni Waaqayyoo irra jiru, [waaqeffannaansaa inni dhugaaniifi inni ol ka’aan] tulloota hundumaa keessaa [waaqeffannaa isa kamirrayyuu] akka isa caaluutti jabaatee in dhaabata; . . . sabni hundinuus gara isaatti in yaa’u. Sabni lafa irraas baay’atanii in dhufu; Xiyoon keessaa seerri, Yerusaalem keessaas dubbiin Waaqayyoo waan ba’uuf, ‘Karaa isaa akka inni nu barsiisuuf, nus daandii isaa irra akka adeemnuuf, kottaa gara tulluu mana Waaqayyootti, gara mana Waaqayyoo isa kan Yaaqoobitti ol in baanaa!’ in jedhu.”—Miikiyaas 4:1, 2; Faarfannaa 37:34.
5, 6. (a) Saboonni gara Yihowaatti deebi’aa kan jiran akkamitti? (b) Gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna?
5 Saboonni lafarratti argaman hundi gara mana Waaqeffannaa Yihowaa isa hafuuraatti kan walitti hin qabamne ta’anillee, namoonni saba hundumaa keessaa baba’aniifi miliyoonaan lakkaa’aman garuu kana gochaa jiru. Namoonni kun kaayyoo Yihowaa isa jaalalarratti hundaa’eefi amalawwansaa warra gaarii ta’an yeroo baratan garaansaanii baay’ee tuqama. Gad of qabuudhaan wanta Waaqayyo isaanirraa barbaadu baruuf carraaqqii godhu. Isaanis akkuma Faarfatichaa: “Ati Waaqayyo koo ti, egaa fedha kee gochuu na barsiisi!” jedhanii kadhatu.—Faarfannaa 143:10.
6 Saba baay’ee Yihowaan tokkummaa waaqeffannaa keessatti walitti qabaa jiru keessaa tokko yeroo taatu sitti mul’ataa? Barumsa Sagaleesaarraa argatteef deebiin ati laattu Maddisaa dhugumaan Yihowaa ta’uusaa akka amantu kan argisiisudhaa? Hammam ‘daandiisaarra adeemaa’ jirtaa?
Tokkummaan Kun Akkamitti Argama?
7. (a) Dhumarratti tokkummaan waaqeffannaa sadarkaa akkamiirra ga’a? (b) Yeroo ammaatti namni tokko Yihowaa waaqeffachuunsaa ariifachiisaa kan ta’e maaliifi? Namoonni kaanis akka isa waaqeffatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
7 Kaayyoon Yihowaa ergamoonni samiifi namoonni hundi waaqeffannaa dhugaatiin tokko akka ta’anidha. Wanti lubbuu qabu hundi guyyaa Waaqa dhugaa qofa itti waaqeffatu hawwii guddaadhaan eegna. (Faarfannaa 103:19-22) Isa dura garuu Yihowaan namoota fedhasaa isa qajeelaa raawwachuu didan hundaa ni balleessa. Haata’u malee, gara fuulduraatti tarkaanfii maalii akka fudhatu gaarummaasaatiin dursee himuudhaan namoonni bakka kamittiyyuu argaman akkaataa jireenyaasaanii jijjiiruuf carraa akka argatan gochaa jira. (Isaayaas 55:6, 7) Kanaan kan ka’es, yeroo har’aatti “saba hundumaatti, gosa hundumaatti, afaan dubbatamu hundumaatti, nama hundumaattis” labsiin ariifachiisaan akkas jedhu labsamaa jira: “Yeroon firdii isaa waan ga’eef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf! Isa waaqa, lafa, galaana, burqituu bishaanii uumeefis sagadaa!” (Mul’ata 14:6, 7) Afeerrii kana fudhatteettaa? Taanaan, Waaqa isa dhugaa akka beekaniifi akka isa waaqeffataniif namoota kaan afeeruuf mirga argatteetta jechuudha.
8. Barumsawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu erga barannee booda, guddina akkamii gochuuf carraaquu qabna?
8 Yihowaan, namoonni akka isatti amanan dubbachaa dhimma dhuunfaasaanii hordofan akka isa waaqeffatan hin barbaadu. Waaqayyo namoonni ‘fedhasaa sirriitti akka hubataniifi’ kanas jireenyasaaniitiin akka argisiisan barbaada. (Qolosaayis 1:9, 10) Namoonni dinqisiifannaa qaban barumsa bu’uuraa Macaafa Qulqulluu erga argatanii booda guddina argisiisuudhaan ga’eessota ta’uu barbaadu. Fedhiinsaanii caalaatti Yihowaa beekuu, Sagaleesaa bal’inaafi gadi fageenyaan hubachuu, akkasumas beekumsa kana jireenyasaanii keessatti guutummaatti hojiirra oolchuudha. Amalawwan Abbaa keenya isa samii calaqqisuufi ilaalchasaa qabaachuudhaan isa fakkaachuuf carraaqqii godhu. Kunimmoo, hojii lubbu baraarsaa Yihowaan qopheesseefi yeroo har’aatti hojjetamaa jirurratti hirmaachuuf akka mala barbaadan isaan kakaasa. Atoo fedhii akkasii qabdaa?—Maarqos 13:10; Ibroota 5:12–6:3.
9. Yeroo har’aatti tokkummaa dhugaan kan argame karaawwan kamiini?
9 Macaafni Qulqulluun namoonni Yihowaa tajaajilan hundi saba tokkummaa qaban ta’uun akka nurra jiru dubbata. (Efesoon 4:1-3) Addunyaa wal hire keessa kan jiraannuufi gonkummaa dhabuu keenyaa wajjin waldhaansoo kan wal qabnu taanus, tokkummaan akkasii kun yeroo har’aatti jiraachuu qaba. Yesus bartoonnisaa hundi tokkummaa dhugaa akka qabaataniifi tokkummaa kanattis akka gammadan kadhateera. Kana jechuun maal jechuudha? Jalqaba, Yihowaafi Ilmasaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaatu jechuudha. Lammaffaarrattimmoo, waliisaanii wajjin tokkummaa qabu jechuudha. (Yohannis 17:20, 21) Yihowaan karaa gumii Kiristiyaanaa qajeelfama kennuudhaan tokkummaa kana akka argatan gochaa jira.
Wantoonni Tokkummaadhaaf Gargaaran Maalfa’i?
10. (a) Gaaffiiwwan gurguddaa tokko tokkoof deebii argachuuf jecha, yeroo Macaafa Qulqulluu keenyaan fayyadamnu bu’aa maalii arganna? (b) Gaaffiiwwan kanaa gaditti dhihaataniif deebii kennuudhaan, wantoota tokkummaadhaaf gargaaran hubachuuf yaalii godhi.
10 Yaadawwan ijoo tokkummaa waaqeffannaa kanaaf gargaaran torba kanaa gaditti ibsamaniiru. Gaaffiiwwan dhihaatan yeroo deebistu, qabxiiwwan kun walitti dhufeenya ati Yihowaafi Kiristiyaanotaa wajjin qabdu akkamitti akka tuqan yaadi. Caqasawwan yaannisaanii hin caqasamne baastee yaadawwan ijoo ta’anii wajjin waliin yoo ilaalteefi irratti yaadde, ogummaa Waaqayyoofi hubannaa argachuuf sigargaaru. Amalawwan kunimmoo hunda keenyaaf kan barbaachisanidha. (Fakkeenya 5:1, 2; Filiphisiiyus 1:9-11) Tuqaawwan kana tokko tokkoon ilaali.
(1) Yihowaan wanti gaariiniifi wanti gadheen maal akka ta’e murteessuuf akka mirga qabu ni amanna. “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha.”—Fakkeenya 3:5, 6.
Yeroo murtoo goonu, gorsaafi qajeelfama Yihowaa gaafachuu kan qabnu maaliifi? (Faarfannaa 146:3-5; Isaayaas 48:17)
(2) Sagalee Waaqayyoo isa ittiin geggeeffamnu qabna. “Dubbii Waaqayyoo isa nuyi lallabnu yeroo argattan, akka dubbii namaatti utuu hin ta’in akka dubbii Waaqayyootti fudhattaniittu; innoo, dhuguma dubbii Waaqayyoo ti. Waaqayyos isin warra amantan keessatti in hojjeta.”—1 Tasaloniiqee 2:13.
Wanta akka sirrii ta’e nutti “dhaga’amu” qofa hojjechuun keenya balaa maalii qaba? (Fakkeenya 14:12; Ermiyaas 10:23, 24; 17:9)
Dhimma tokko ilaalchisee gorsa Macaafni Qulqulluun kennu hin beeknu taanaan maal gochuu qabna? (Fakkeenya 2:3-5; 2 Ximotewos 3:16, 17)
(3) Hundi keenyayyuu maaddii nyaata hafuuraa tokkorraa sooranna. “Ani Waaqayyo ilmaan kee hundumaa nan barsiisa.” (Isaayaas 54:13) “Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa! Akka jara tokkotti amala ta’e, nuyi walitti qabamuu keenya hin dhiifnu; guyyaan gooftaa [guyyaan badiisaa] dhi’aachaa akka adeemu in argitu, kanaaf ittuma caalchifnee wal jajjabeessina.”—Ibroota 10:24, 25.
Namoonni qophiiwwan nyaata hafuuraa Yihowaan qopheesserraa guutummaatti sooratan faayidaa maalii argatu? (Isaayaas 65:13, 14)
(4) Geggeessaan keenya Yesus Kiristos malee nama miti. “Isin garuu ‘Barsiisaa guddaa’ ofiin hin jechisiisinaa! Barsiisaan keessan inni guddaan tokkicha; isin immoo hundumti keessan obboloota. Lafa irratti nama akka abbaatti hin waammatinaa! Abbaan keessanoo tokko, innis isa waaqa irraa ti. Geggeessaa amantii ofiin hin jechisiisinaa! Geggeessaan keessanoo Kristosuma.”—Maatewos 23:8-10.
Nu keessaa eenyuyyuu sababii warra kaanirra ni caalla jennee akka yaannu nu godhu qabnaa? (Roomaa 3:23, 24; 12:3)
(5) Abdiin ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo qofa ta’uusaa amanna. “Egaa yommuu kadhattan, ‘Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu; mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!’ jedhaa. Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa!”—Maatewos 6:9, 10, 33.
‘Yaada keenya mootummaa Waaqayyootti hidhuun’ keenya tokkummaa keenya eeguuf kan nu gargaaru akkamitti? (Miikiyaas 4:3; 1 Yohannis 3:10-12)
(6) Hafuurri Qulqulluun waaqeffattoonni Yihowaa amalawwan tokkummaadhaaf barbaachisan akka horatan gargaara. “Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaa dha, of dhowwuu dhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru.”—Galaatiyaa 5:22, 23.
Ija hojii hafuuraa horachuuf hafuurri Waaqayyoo akka nu gargaaru yoo barbaanne maal gochuu qabna? (Hojii Ergamootaa 5:32)
Hafuura Waaqayyoo qabaachuun keenya walitti dhufeenya obboloota keenyaa wajjin qabnu kan tuqu akkamitti? (Yohannis 13:35; 1 Yohannis 4:8, 20, 21)
(7) Waaqeffattoonni dhugaa hundi hojii misiraachoo Mootummichaa lallabuurratti hirmaatu. “Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa.”—Maatewos 24:14.
Hojii lallabaa kanarratti guutummaatti hirmaachuuf kan nu kakaasuu qabu maalidha? (Maatewos 22:37-39; Roomaa 10:10)
11. Dhugaa Macaafa Qulqulluurraa baranne yoo hojiirra oolchine bu’aa maalii arganna?
11 Tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffachuun keenya isatti dhihaachuufi namoota hidhata amantii keenya ta’anii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf nu gargaara. Faarfannaan 133:1 akkas jedha: “Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!” Biyya lafaa isa ofittummaa, amala addaggummaafi jal’inaan guutamerraa fagaachuudhaan namoota dhugumaan Yihowaa jaallataniifi seerasaatiif abboomamanii wajjin walitti qabamuun akkam kan nama gammachiisudha!
Wantoota Akka Wal Qoodnu Nu Godhanirraa Fagaachuu
12. Hafuura Waaqayyorraa fagaannee fedha ofiitiin geggeeffamuurraa of qusachuu kan qabnu maaliifi?
12 Tokkummaan keenya kun akka hin banneef wantoota akka wal qoonnu nu godhanirraa fagaachuu qabna. Wantoota akka wal hirru nu godhan keessaa amalli inni tokko Waaqayyoofi seerasaarraa fagaachuudhaan fedha ofiitiin geggeeffamuuf hawwuudha. Yihowaan maddi fedhii kanaa Seexana ta’uusaa nutti himuudhaan kanarraa akka fagaannu nu gargaara. (2 Qorontos 4:4; Mul’ata 12:9) Seexanni, Addaamiifi Hewwaan wanta Waaqayyo jedhe didanii murtoo fedhasaatiin faallaa ta’e akka godhan dhiibbaa isaanirratti godheera. Kunis isaanirrattis ta’e nurratti rakkina guddaa fideera. (Uumama 3:1-6, 17-19) Biyyi lafaa kun Waaqayyoofi seerasaarraa fagaachuudhaan hafuura fedha ofiitiin geggeeffamuun guutameera. Kanaafuu hafuura kanarraa of eeguu qabna.
13. Addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatu keessa jiraachuuf qophaa’uufi dhiisuu keenya kan argisiisu maalidha?
13 Fakkeenyaaf, abdii dinqisiisaa Yihowaan biyya lafaa isa hamaa kana samiifi lafa haaraa ‘qajeelummaan keessa buufatutti’ jijjiiruuf kenne yaadi. (2 Phexros 3:13) Abdiin kun, yeroo qajeelummaan buufatu keessa jiraachuuf akka qophoofnu nu kakaasuu hin qabuu? Kunimmoo Gorsa Macaafa Qulqulluu akkas jedhu hojiirra oolchuu kan dabalatudha: “Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa jaallachuutti hin hidhaminaa; namni tokko biyya lafaa jaallachuutti yoo hidhame, Waaqayyo abbaa jaallachuun isa keessa hin jiru.” (1 Yohannis 2:15) Kanaafuu, hafuura biyya lafaa isa Waaqayyorraa adda ba’anii fedha ofiitiin of geggeessuurraa, waa’ee ofiitiif garmalee dhiphachuu, akkasumas amala gadhee inni argisiisuufi hammeenyasaarraa fagaanna. Foon keenya inni cubbamaan dhiibbaa akkamiiyyuu yoo nurraan ga’e, Yihowaa dhaggeeffachuufi isaaf abboomamuuf carraaqqii goona. Akkaataan jireenyaa keenya, yaanniifi fedhiin keenya jaalala Waaqayyoo raawwachuu akka barbaannu kan argisiisu ta’uu qaba.—Faarfannaa 40:8.
14. (a) Yeroo ammaatti daandii Yihowaa barachuuf carraa argannetti fayyadamuufi daandii kana hordofuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Caqasawwan keeyyaticharratti ibsaman hiika maalii nuuf qabu?
14 Guyyaan Yihowaan namoota sirna hamaa kanaafi daandiisaa hordofuu barbaadan hundaa itti balleessu fagoo miti. Yihowaan namoota hanga yoonaatti biyya lafaatti cichanii jiraachuuf carraaqqii godhan, jechuunis namoota jaalalasaa barachuufi gochuu akka hin dandeenyetti yaannisaanii hirame oolchuuf jecha guyyaa firdiisaa yeroo garabiraatti hin dabarsu. Yeroon itti tarkaanfii fudhannu ammadha. (Luqaas 13:23, 24; 17:32; 21:34-36) Tuutni sonaan baay’een carraa kanaan fayyadamanii, qajeelfama Yihowaan karaa Sagaleesaafi jaarmiyaasaa qopheesse tokkummaadhaan hordofanii gara addunyaa haaraatti yeroo adeeman ilaaluun kan nama gammachiisu mitii? Waa’ee Yihowaa yeroo barachaa adeemnu caalaatti isa jaallachuufi isa tajaajiluu barbaanna.
Maree Irra Deebii
• Waaqeffannaa ilaalchisee kaayyoon Yihowaa maalidha?
• Barumsawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu erga barannee booda, guddina akkamii gochuuf carraaqqii gochuu qabna?
• Waaqeffattoota Yihowaa wajjin tokkummaa qabaachuu yoo barbaanne dhuunfaatti maal gochuu dandeenya?
[Fakkii fuula 4rra jiru]
“Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu, isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu”