Tokkummaan Kristiyaanota Dhugaa Gidduu Jiru Akkamitti—Argame?
1 Saboota miliyoona ja’aa ol ta’an, biyyoota 234 keessatti argamaniifi afaan 380 dubbatan gidduutti tokkummaan akkasii akka jiraatu kan godhe maalidha? Waaqeffannaa Yihowaa qofadha. (Mik. 2:12; 4:1-3) Dhugaa Baatonni Yihowaa Kristiyaanota dhugaa gidduu tokkummaan akka jiruu muuxannoosaaniirraa arguu danda’aniiru. ‘Tiksee keenya isa tokko’ jalatti ‘karra tokko’ taanee, hafuura addunyaa kanaa isa wal hiru ofirraa facisuuf murteessineerra.—Yoh. 10:16; Efe. 2:2.
2 Kaayyoon Waaqayyoo inni dhugaan, ergamootaafi ilmaan namootaa hunda waaqeffannaa dhugaatiin tokko gochuudha. (Mul. 5:13) Yesus barbaachisummaa kanaa waan beekeef, bartootasaa gidduutti tokkummaan kun akka jiraatuuf cimsee kadhateera. (Yoh. 17:20, 21) Hundi keenya tokkummaan gumii Kristiyaanaa keessatti akka jiraatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Tokkummaan Argamuu Kan Danda’u Akkamitti? Sagalee Waaqayyoofi hafuurasaa malee gonkumaa tokkummaan argamuu hin danda’u! Wanta Macaafa Qulqulluurraa dubbisne hojiirra oolchuun keenya, hafuurri Waaqayyoo dhowwaa tokko malee jireenya keenya keessatti akka hojjetu godha. Kunis, “tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf” nu gargaara. (Efe. 4:3) Kunis jaalalaan obsa akka walitti argisiisnu nu kakaasa. (Qol. 3:13, 14; 1 Phe. 4:8) Guyyaa guyyaan sagalee Waaqayyoorratti xiinxaluudhaan tokkummaa kana ni deeggeertaa?
4 Hojiin lallabaafi bartoota taasisuu nutti kennames tokko nu godheera. Tajaajila Kristiyaanummaarratti warra kaanii wajjin yeroo hirmaannu, ‘yaada tokkoon amantii karaa wangeelaa argameef’ ‘dubbii dhugaa kana keessatti hidhata isaanii taana.’ (Filp. 1:27; 3 Yoh. 8) Yoo akkas goone, tokkummaan jaalalaa gumii ni jabaata. Yeroo dhihootti namni wajjin hin tajaajille yoo jiraate, torban kanatti waliin tajaajiluuf maaliif beellama hin qabattu?
5 Kutaa tokkummaa obbolummaa biyyoolessaa dhugaa keessa tokko ta’uun keenya eebba akkamiitii! (1 Phe. 5:9) Yeroo dhihootti namoonni kumaatamaan lakkaa’aman, tokkumaa kana walga’ii biyyoolessaa “Waaqayyoof ulfina kennaa” jedhurratti arganiiru. Hundi keenya, dinqisiifannaa tokkummaa kanaaf qabnu, sagalee Waaqayyoo guyyaa guyyaan dubbisuudhaan, waldhabiinsa nu gidduutti uumamu jaalalaan hiikuudhaafi “yaada tokkoon” misraachicha lallabuudhaan ga’ee keenya haa raawwannu!—Rom. 15:6.