LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Sadaasa ful. 28-29
  • ‘Tokkummaa Hafuuraa Eegaa’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Tokkummaa Hafuuraa Eegaa’
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Matadureewwan Yaada Walfakkaataa Qaban
  • TOKKUMMAA EEGUUF “CARRAAQQII CIMAA GODHAA”
  • ‘Waaqayyo Tokkichi’ Maatiisaa Walitti Qabaa Jira
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Tokkummaan Kiristiyaanotaa Waaqayyoof Ulfina Fida
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Tokkummaan Kristiyaanota Dhugaa Gidduu Jiru Akkamitti—Argame?
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • “Waaqni Keenya Yihowaan Yihowaa Tokko Dha”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Sadaasa ful. 28-29
Obbolootaa fi obboleettota mana nama tokkootti waliin nyaachaa jiran.

‘ Tokkummaa Hafuuraa Eegaa’

PHAAWULOS ergamaan akkana jechuudhaan Kiristiyaanota Efesoon jajjabeesseera: “Jaalalaan wal dandaʼaa; hidhaa nagaa isa tokko godhuun tokkummaa hafuuraa eeguuf carraaqqii cimaa godhaa.”—Efe. 4:2, 3.

‘Tokkummaan’ qabnu kun tokkummaa hafuuraati. Kana jechuun tokkummaa kana kan arganne “hafuura” Waaqayyoo isa hojiirra jiruun kan kaʼedha. Haa taʼu malee, akkuma Phaawulos ibse tokkummaan kun eegamuu qaba. Eenyutu eeguu qaba? Kiristiyaanonni hundi “tokkummaa hafuuraa eeguuf” gaʼeesaanii raawwachuu qabu.

Kana fakkeenyaan ibsuuf, namni tokko konkolaataa haaraa siif kenne haa jennu. Konkolaataa kana haala gaariidhaan qabuun itti gaafatamummaa eenyuuti? Deebiinsaa ifadha. Konkolaataa sana seeraan qabuu dhiisuu keetiin kan kaʼe yoo cabe, nama konkolaataa sana siif kenne komachuu hin dandeessu.

Haaluma walfakkaatuun, tokkummaan Kiristiyaanaa keenya kennaa Waaqayyoo taʼus, tokkoon tokkoon keenya tokkummaa kana eeguuf itti gaafatamummaan nurra jira. Obboleessa ykn obboleettii tokko wajjin hariiroon qabnu gaarii miti yoo taʼe, ‘Dhimmicha furuudhaan tokkummaa hafuuraa eeguuf gaʼee koo baʼaan jiraa?’ jennee of gaafachuu qabna.

TOKKUMMAA EEGUUF “CARRAAQQII CIMAA GODHAA”

Akkuma Phaawulos jedhe yeroo tokko tokko tokkummaa hafuuraa eeguuf carraaqqii guddaa gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Keessumaa obboleessi ykn obboleettiin tokko yoo nu mufachiisan akkas gochuun keenya barbaachisaadha. Tokkummaa keenya ni eegna jechuun yeroo hundumaa yeroo rakkinni uumamu hundatti nama sana haasofsiisuu qabna jechuudhaa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa. ‘Akkas gochuun tokkummaan keenya akka eegamu godhamoo, rakkinichi caalaatti akka itti hammaatu godha?’ jedhii of gaafadhu. Yeroo tokko tokko kan wayyu dhimmicha callisanii bira darbuu ykn dhiifama gochuudha.—Fak. 19:11; Mar. 11:25.

Fakkiiwwan garaagaraa: Obboleessi tokko wanta isa mufachiise callisee bira darbuuf filachaa jira. 1. Obboleessi kan biraan isatti iyyaa jira. 2. Wanta obboleessi sun godherratti yaadaa jira. 3. Kitaaba Qulqulluu dubbisee irratti xiinxalaa jira.

‘Dhimmicharratti haasaʼuun tokkummaan keenya akka eegamu godhamoo, rakkinichi caalaatti akka itti hammaatu godha?’ jedhii of gaafadhu

Akkuma Phaawulos barreesse ‘jaalalaan wal dandaʼuu’ keenya itti haa fufnu. (Efe. 4:2) Barreeffamni qorannaa tokko akka ibsetti gaaleen kun, “haalduree tokko malee isaan simachuu” jedhamees hiikamuu dandaʼa. Kana jechuun obboloonni keenya akkuma keenya cubbamoota akka taʼan amannee fudhanna jechuudha. Dhugaadha, “namummaa haaraa” uffachuuf carraaqqii ni goona. (Efe. 4:23, 24) Taʼus, namni guutummaatti kana gochuu dandaʼu hin jiru. (Rom. 3:23) Dhugaa kana amannee yoo fudhanne warra kaan wajjin wal dandeenyee jiraachuun, dhiifama gochuunii fi ‘tokkummaa hafuuraa eeguun’ nuuf salphata.

Warra nu mufachiisaniif dhiifama yoo goonee fi yoo irraanfanne gumii keessatti “hidhaa nagaa isa tokko godhu” qabaanna. Jechi Afaan Giriikii Efesoon 4:3 irratti “hidhaa isa tokko godhu” jedhamee hiikame, Qolosaayis 2:19 irratti “ribuu” jedhamee hiikameera. Ribuun tishuu cimaa lafeewwan walitti qabee jirudha. Haaluma walfakkaatuun, nagaan obboloota keenya wajjin qabnuu fi jaalalli isaaniif qabnu garaagarummaa akkamiiyyuu yoo qabaanne, isaanitti dhihaannee jiraachuuf nu gargaara.

Kanaafuu, obboleessi tokko yoo si mufachiise, yoo si gaddisiise ykn yoo si aarse isa qeequu mannaa isa hubachuuf yaali. (Qol. 3:12) Hundi keenya mudaa waan qabnuuf atis yeroo taʼe tokkotti nama tokko mufachiistee beekta taʼa. Kana yaadachuun kee “tokkummaa hafuuraa eeguuf” gaʼee kee akka raawwattu si gargaara.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi