Boqonnaa Sadii
Sagalee Waaqayyoo Jabeessii Qabadhu
1. (a) Israa’eloonni durii Sagaleen Waaqayyoo dhugaa ta’uusaa kan argan akkamitti ture? (b) Kun xiyyeeffannaa keenya kan harkisu maaliifi?
“ISIN abdii Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokko illee akka hin hafne garaa keessan hundumaan, yaada keessan hundumaanis gaarii gootanii beektu; abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru, isaan keessaa tokko illee lafa bu’ee hin hafne.” (Iyaasuu 23:14-16) Jechoonni kun jechoota Iyaasuun erga Biyyattii Abdachiifamte keessa buufatanii booda jaarsolii Israa’elitti himedha. Eeyyee, abdii Yihowaan kenne kan amanamudha. Jechi kunis ta’e wantoonni Macaafa Qulqulluurratti barreeffaman hundi eegamanii kan turan ‘abdii akka argannuufidha.’—Roomaa 15:4.
2. (a) Macaafni Qulqulluun “geggeessaa hafuura Waaqayyootiin” barreeffame kan jennu maaliifi? (b) Kana beekuun keenya itti gaafatamummaa akkamii nutti fida?
2 Macaafa Qulqulluu barreessisuuf namoota 40 ta’aniin kan gargaarame ta’us, Abbaan barruu macaafa kanaa Yihowaadha. Kana jechuun wanta achirratti argamu hunda kan barreessisiise isadha jechuudhaa? Eeyyee. Kanas kan godhe hafuurasaatiinidha. Phaawulos akkas jedhee dubbateera: “Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; . . . Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan danda’e, hojii gaarii hundumaafis kan qophaa’e akka ta’u in godha.” Namoonni Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffamuusaa amanan, macaafa kanaaf xiyyeeffannaa ni kennu, akkasumas jireenyasaanii wanta inni barsiisuu wajjin wal simsiisanii jiraatu.—2 Ximotewos 3:16, 17; 1 Tasaloniiqee 2:13.
Warri Kaan Macaafa Qulqulluutti Akka Amanan Gargaari
3. Namoota Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyoo ta’uusaa hin amanne gargaaruuf malli gaariin hunda caalu maalidha?
3 Namoonni dhugaa baanuuf muraasni akka keenya Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyoo ta’uusaa hin amanan. Namoota kana akkamitti gargaaruu dandeenya? Yeroo baay’ee malli gaariin hunda caalu yaada Macaafa Qulqulluu keessatti argamu itti argisiisuudha. “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; . . . yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda’a.” (Ibroota 4:12) ‘Sagaleen Waaqayyoo’ seenaa du’e utuu hin ta’in jiraataadha! Abdiin Macaafa Qulqulluu keessatti argamu gara raawwiisaatti adeemaa jira. Ergaan Macaafa Qulqulluu keessatti argamu yaadaafi akeeka garaa namaa qoree waan beekuuf, wanta nuti dhuunfaatti dubbannu caalaatti yaada namootaa jijjiiruu danda’a.
4. Namoonni tokko tokko, ilaalcha qaban akka jijjiiran kan isaan godhe dhugaa Macaafa Qulqulluu ilaalchisee ibsa kenname akkamiiti? Kun kan isaan jijjiire maaliifi?
4 Namoonni hedduun maqaa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti arguunsaanii macaafa kana akka qoran isaan kakaaseera. Warri kaanimmoo kaayyoon jireenyaa maal akka ta’e, Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif akka heyyame, wantoonni bara keenyatti raawwataman hiika maalii akka qaban ykn lafa jannata taaturra bara baraaf jiraachuuf abdii kenname ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu ilaaluudhaan qayyabannaa gochuuf murteessaniiru. Biyyoota namoonni sababii amantiitiin balaa hafuurota hamootiif saaxilamanitti, wanti kana fidu maal akka ta’eefi kanarraa walaba ta’uuf maal gochuun akka danda’amu ilaalchisee ibsa Macaafni Qulqulluun kennu yeroo hubatan, macaafa kana qayyabachuuf fedhiinsaanii kaka’eera. Qabxiiwwan kun namoota garaa qajeelaa qaban kan tuqan maaliifi? Wantoota barbaachisaa ta’an akkasiitiif ragaa amansiisaa kan kennu Macaafa Qulqulluu qofa waan ta’eefidha.—Faarfannaa 119:130.
5. (a) Sababiin namoonni Macaafa Qulqulluutti akka hin amanne isaan godhu maal ta’uu danda’a? (b) Namoota akkasii akkamitti gargaaruu dandeenya?
5 Haata’u malee, namoonni Macaafa Qulqulluutti akka hin amanne yoo nutti himanoo? Maree keenya dhaabuu qabnaa? Sababii nuti dhiheessinu dhaga’uufi nuu wajjin mari’achuuf fedhii qabu taanaan maree keenya dhaabuu hin qabnu. Tarii Macaafa Qulqulluu akka macaafa Saba Kiristiyaanaatti ilaalu ta’a. Seenaan Sabni Kiristiyaanaa of hin arginee taate qabduufi dhimma siyaasaa keessa galuunshee, akkasumas yeroo hundumaa qarshii kan gaafattu ta’uunshee Macaafa Qulqulluu akka jibban isaan godheera ta’a. Namoonni kun Macaafa Qulqulluu akka jibban kan isaan godhe kana ta’uusaa maaliif hin gaafattu? Macaafni Qulqulluun Sabni Kiristiyaanaa daandii biyya lafaa filachuushee akka balaaleffatuufi garaa garummaa isheefi Kiristiyaanummaa dhugaa gidduu jiru ibsuunkee fedhiisaanii kakaasuu danda’a.—Miikiyaas 3:11, 12; Maatewos 15:7-9; Yaaqoob 4:4.
6. (a) Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyoo ta’uusaa akka amantu kan si godhe maalidha? (b) Namoonni kaan, Macaafni Qulqulluun Waaqayyo biraa kan argame ta’uusaa akka hubatan gargaaruuf, sababiiwwan garabiraa kamiin gargaaruu dandeenya?
6 Namoota kaanittimmoo, Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame ta’uusaa kallattiidhaan mari’achiisuun isaan gargaaruu danda’a. Macaafni Qulqulluun sagalee Yihowaa ta’uusaa akka amantu kan si godhe maalidha? Wanta Macaafni Qulqulluun maddasaa ilaalchisee dubbatudhaa? Yookiinimmoo, Macaafni Qulqulluun raajiiwwan hedduu gara fuulduraatti raawwataman ilaalchisee ibsa bal’aa kan kennuufi raajiiwwan kun qaama humna namootaa ol ta’erraa kan dhufan ta’uusaaniitii? (2 Phexros 1:20, 21) Tariimmoo Macaafni Qulqulluun namoota 40 ta’aniin waggoota 1,600 gidduutti kan barreeffameefi kan wal hin faallessine ta’uusaatii? Yookiin, barreeffamawwan bara sanatti barreeffamanirraa haala adda ta’een, yaadawwan saayinsii wajjin wal hin faallessine kan qabate ta’uusaatii? Yookiinimmoo, namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan dogoggorasaanii utuu hin dhoksin barreessuusaaniitii? Macaafa kana balleessuuf carraaqqii cimaan godhamus utuu hin badin hafuusaatii? Ragaan si amansiisu kamiyyuu yoo ta’e, namoota kaan gargaaruuf itti fayyadamuu dandeessa.a
Dubbisa Macaafa Qulqulluu Keenya
7, 8. (a) Macaafa Qulqulluu ilaalchisee dhuunfaa keenyatti maal gochuu qabna? (b) Dubbisa Macaafa Qulqulluu dhuunfaatiin alatti maal gochuu qabna? (c) Kaayyoo Yihowaa hubachuu kan dandeesse akkamitti?
7 Namoonni kaan Macaafa Qulqulluutti akka amanan gargaaruu qofa utuu hin ta’in, nutis guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuuf yeroo ramaduu qabna. Kana gochaa jirtaa? Macaafni Qulqulluun kitaabolii hanga yoonaatti qophaa’anirra baay’ee kan caaludha. Kana jechuun garuu Macaafa Qulqulluu dhuunfaatti yoo dubbifne wanti garabiraan nu hin barbaachisu jechuu miti. Caaffanni Qulqullaa’oon warra kaanirraa gargar ba’uurraa akka fagaannu nu akeekkachiisu. Ofii keenyaan qorannaa gochuudhaan gaaffii hundumaatiif deebii argachuu dandeenya jennee yaaduu hin qabnu. Kiristiyaanota yaada gaarii qaban ta’uu yoo barbaanne, qayyabannaa dhuunfaa gochuufi yeroo hundumaa saba Waaqayyoo wajjin walga’iirratti argamuu nu barbaachisa.—Fakkeenya 18:1, 1899; Ibroota 10:24, 25.
8 Kana ilaalchisee Macaafni Qulqulluun waa’ee nama Itoophiyaa raajii Isaayaas dubbisaa ture tokkoo nutti hima. Ergamaan tokko Filiphoos inni wangeela lallabu namichaan: “Waan dubbisuutti jirtu kana in hubattaa?” jedhee akka isa gaafatuuf itti erge. Namichis gad of qabuudhaan: “Utuu namni anaaf hin ibsin, attamittan hubachuu danda’a?” jedhee deebiseef. Achiis, namichi wanti inni dubbisaa jiru hiika maalii akka qabu akka isaaf ibsu Filiphosiin gaafate. Filiphos nama qofaasaatti Macaafa Qulqulluu dubbisuufi nama Caaffata Qulqullaa’oorratti yaada mataasaa kennu utuu hin ta’in, nama jaarmiyaa Waaqayyoo isa lafarratti argamuu wajjin walitti dhufeenya qabu ture. Filiphos, namichi barumsa Yihowaan karaa jaarmiyaasaa kennamurraa akka fayyadamu gargaaruu kan danda’e kanaaf ture. (Hojii Ergamootaa 6:5, 6; 8:5, 26-35) Haaluma wal fakkaatuun har’as, eenyuyyuu ofiisaatiin kaayyoo Yihowaa sirriitti hubachuu hin danda’u. Hundumti keenyayyuu barumsa Yihowaan karaa jaarmiyaasaa isa lafarratti argamuun dhiheessu argachuun nu barbaachisa.
9. Sagantaan dubbisa Macaafa Qulqulluu hunda keenya gargaaruu danda’u kami?
9 Jaarmiyaan Yihowaa Macaafa Qulqulluu akka hubannu nu gargaaruuf, barreeffamoota Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’an nuu qopheessa. Kana malees, karaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argamanitti yeroo hundumaa sagantaan dubbisa Macaafa Qulqulluu ni dhihaata. Caaffata Qulqullaa’oo dhuunfaatti qayyabachuun bu’aa gaarii argamsiisuu danda’a. (Faarfannaa 1:1-3; 19:7, 8) Yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu dubbisuuf carraaqqii godhi. Wanta hundumaa guutummaatti hubachuu baattus, yaadawwan Caaffata Qulqullaa’oo tokko tokko hubachuunkee bu’aa guddaa qaba. Fakkeenyaaf, guyyaa guyyaadhaan fuula afur ykn shan qofa yoo dubbifte, waggaa tokko keessatti Macaafa Qulqulluu dubbistee fixuu dandeessa.
10. (a) Macaafa Qulqulluu kan dubbiftu yoomi? (b) Dubbisa Macaafa Qulqulluurratti hirmaachuu kan qaban eenyufa’i? Yeroo hundaa dubbisuunoo barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
10 Macaafa Qulqulluu dubbisuu kan dandeessu yoomi? Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuuf daqiiqaa 10 ykn 15 yoo ramadde, faayidaa guddaa argatta. Kana gochuu yoo dadhabdemmoo, sagantaa torban keessatti itti dubbisuu dandeessu baafadhuutii sagantaa baafte sana sirriitti hordofi. Kan fuute/ heerumte yoo taatemmoo, atiifi hiryaan gaa’elaakee sagalee keessan ol kaastanii waliif dubbisuu dandeessu. Ijoollee dubbisuu danda’an yoo qabaattanimmoo, dabaree dabareedhaan sagaleesaanii dhageessisanii dubbisuu danda’u. Jireenya keenya guutuu akka nyaanni nu barbaachisu, dubbisni Macaafa Qulqulluus barsiifata umurii keenya guutuu ta’uu qaba. Namni tokko nyaata gaariifi ga’aa hin nyaatu taanaan balaadhaaf saaxilama. Jireenyi hafuuraa keenyas kanumaa wajjin wal fakkaata; jireenya bara baraa argachuun keenya yeroo hundaa “dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba’u hundumaa” soorachuurratti kan hundaa’edha.—Maatewos 4:4.
Kaayyoo Keenya
11. Yeroo Macaafa Qulqulluu dubbifnu kaayyoon keenya maal ta’uu qaba?
11 Macaafa Qulqulluu yeroo dubbifnu kaayyoon keenya maal ta’uu qaba? Irra fiiguudhaan fuula hedduu dubbisuu utuu hin ta’in, akka gaariitti Waaqayyoon beekuudhaan jaalala isaaf qabnu guddisuufi karaa fudhatama qabuun isa waaqeffachuudha. (Yohannis 5:39-42) Fedhiin keenya barreessaa Macaafa Qulqulluu: “Yaa Waaqayyo, karaa kee akkan beeku godhi, daandii kees na barsiisi!” jedhee wajjin tokko ta’uu qaba.—Faarfannaa 25:4.
12. (a) ‘Beekumsa sirrii’ argachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Namni tokko yeroo Macaafa Qulqulluu dubbisu beekumsa kana argachuuf carraaqqii akkamii gochuu qaba? (b) Wanta Macaafa Qulqulluurraa dubbisnurraa faayidaa argachuuf yaadawwan arfan kamiin gargaaramuu dandeenya. (Saanduqa fuula 30rratti argamu ilaali.) (c) Gaaffiiwwan keeyyata kanarratti argaman yeroo deebistu xuqaawwan kana fakkeenyaan ibsi. Caqasawwan yaannisaanii hin caqasamne baasii ilaali.
12 Yihowaarraa kan barannu waan ta’eef, fedhiin keenya ‘beekumsa dhugaa argachuu’ ta’uu qaba. Beekumsa dhugaa yoo arganne malee, Sagalee Waaqayyoo hojiirra oolchuufis ta’e warra kaaniif sirriitti ibsuu akkamitti dandeenya? (Qolosaayis 3:10; 2 Ximotewos 2:15) Beekumsa sirrii argachuuf of eeggannoodhaan dubbisuu, barumsisaa cimaa yoo ta’emmoo, sirriitti akka nuuf galutti irra deddeebinee dubbisuun nu barbaachisuu danda’a. Kana malees, barumsicharratti yeroo fudhannee xiinxaluufi karaa addaddaatiin irratti yaaduun keenya bu’aa gaarii nuuf argamsiisa. Caqasoota kennaman karaawwan garagaraa afuriin akkamitti ilaaluu akka dandeenyu fuula 30rratti yaanni kennameera. Kutaawwan Caqasa tokko karaa bu’a qabeessa ta’e tokkoon ykn isaa oliin qoruun ni danda’ama. Gaaffiiwwan kanaa gaditti argamaniif yeroo deebii laattu, wanti olitti ibsame kun dhugaa ta’uusaa hubatta.
(1) Yeroo baay’ee Caqasni ati dubbistu, Yihowaan Waaqa akkamii akka ta’e sitti himuu danda’a. Fakkeenyaaf, Faarfannaa 139:13, 14rratti Waaqayyo mucaa gadameessa haadhaa keessa jiruuf akka yaadu akkas jechuudhaan ibsa: “Gadameessa haadha koo keessatti situ na tolche; isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha; gochaan kee waanuma raajii ti, anis kana ba’eessa godhee nan beeka.” Hojiin Yihowaa akkam dinqisiisaadha! Akkaataan uumama namootaa Waaqayyo akka nu jaallatu mirkaneessa.
Yohannis 14:9, 10rratti Yesus namoota kaanii wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu yeroo dubbisnu, utuu Yihowaa ta’ee maal akka godhu hubachaa jirra jechuudha. Kana sammuutti qabachuudhaan, seenaawwan Luqaas 5:12, 13 fi Luqaas 7:11-15rratti ibsamanirraa waa’ee Yihowaa maal baranna?
(2) Caqasni dubbistu karaa Sanyii isa abdachiifamee, Mootummaan Yihowaa inni Yesus Kiristosiin geggeeffamu, olaantummaa Yihowaa akkamitti akka mirkaneessuufi maqaa Yihowaa akkamitti akka qulqulleessu ilaalchisee yaada ijoo Macaafni Qulqulluun ibsuu wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu qalbeeffadhu.
Dhaamsi ijoo Macaafa Qulqulluu macaafa Hisqi’eliifi Daani’elirratti kan ibsame akkamitti? (Hisqi’el 38:21-23; Daani’el 2:44; 4:17; 7:9-14)
Macaafni Qulqulluun Yesus Sanyii isa abdachiifame ta’uusaa kan argisiisu akkamitti? (Galaatiyaa 3:16)
Macaafni Qulqulluun wanta Mootummichi raawwatu kan ibsu akkamitti? (Mul’ata 11:15; 12:7-10; 17:16-18; 19:11-16; 20:1-3; 21:1-5)
(3) Wanta dubbisaa jirtu akkamittan hojiirra oolchuu danda’a jedhii of gaafadhu. Fakkeenyaaf, seera Ba’uutii jalqabee hanga Keessa Deebiitti sabni Israa’el amala addaggummaa akka qabaniifi Waaqayyorratti ka’uusaanii dubbifna. Ilaalchiifi gochisaanii kun balaa isaanirraan ga’uusaa baranna. Kanaafuu, fakkeenyasaanii isa gadhee hordofuu dhiisuudhaan Yihowaa gammachiisuuf kaka’uu qabna. “Wanti kun hundinuu warra kaan qoqqobachuudhaaf isaanitti dhufe, nuyi warra dhumni barichaa irra ga’eef immoo barumsa akka nuuf ta’uuf caafame.”—1 Qorontos 10:11.
Seenaa Qaayin Abeeliin ajjeessuusaa dubbaturraa barumsa maalii arganna? (Uumama 4:3-12; Ibroota 11:4; 1 Yohannis 3:10-15; 4:20, 21)
Gorsi Macaafni Qulqulluun Kiristiyaanota dibamoo samiirra jiraachuuf abdataniif kenname, namoota lafarra bara baraaf jiraachuuf abdataniif ni hojjetaa? (Lakkoobsa 15:16; Yohannis 10:16)
Gumii keessatti ejjennoo gaarii kan qabnu taanus, gorsa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu caalaatti akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu yaaduu kan qabnu maaliifi? (2 Qorontos 13:5; 1 Tasaloniiqee 4:1)
(4) Wanta dubbiste warra kaan gargaaruuf akkamitti akka itti fayyadamuu dandeessu yaadi. Namoonni hundi waa’ee fayyaasaanii ni yaadda’u; kanaafuu, Yesus yeroo Mootummaasaatiin dhufutti maal akka godhu argisiisuuf jecha wanta inni godhe isaanii wajjin dubbisuu dandeenya: “Tuuti sonaan baay’een immoo warra hokkolan, warra jaaman, warra kottaa’an, warra arraba didaa akkasumas kan biraa baay’ee fidanii dhufanii, . . . inni isaan in fayyise.”—Maatewos 15:30.
Seenaa intalli Yaayiros du’aa ka’uushee dubbatuun fayyadamtee eenyufaa gargaaruu dandeessa? (Luqaas 8:41, 42, 49-56)
13. Jaarmiyaa Yihowaa wajjin tokko ta’uudhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuufi qayyabachuu keenya yoo itti fufne bu’aa akkamii arganna jennee abdanna?
13 Yaadawwan arfan olitti ibsaman erga ilaallee booda Macaafa Qulqulluu dubbisuun faayidaa guddaa kan argamsiisu ta’uusaa hin hubannee? Macaafa Qulqulluu dubbisuun salphaa akka hin taane beekamaadha. Haata’u malee, Caaffata Qulqullaa’oo dubbisuun keenya karaa hafuuraa akka jabaannu waan nu gargaaruuf umurii keenya guutuu nu fayyaduu danda’a. Yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu dubbisuun keenya Abbaa keenya Yihowaafi obboloota keenyatti nu dhiheessa. Gorsa ‘sagalee jireenyaa jabeessaa qabadhaa’ jedhus hojiirra oolchuuf nu gargaara.—Filiphisiiyus 2:16.
[Miiljalee]
a Macaafa Qulqulluudhaaf xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaa kan ta’e maaliif akka ta’e ragaa dabalataa argachuuf, birooshuura Kitaaba Namoota Hundaaf Ta’u jedhuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ilaali.
Maree Irra Deebii
• Macaafni Qulqulluun kan barreeffameefi hanga bara keenyaatti eegamee kan ture maaliifi?
• Namoonni kaan Macaafa Qulqulluutti akka amanan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
• Yeroo hundumaa dhuunfaatti Macaafa Qulqulluu dubbisuun bu’a qabeessa kan ta’e maaliifi? Wanta dubbisnurraa faayidaa argachuu yoo barbaanne malawwan arfan kamiin gargaaramuu dandeenya?
[Saanduqa/Fakkii fuula 30rra jiru]
KUTAA MACAAFA QULQULLUU TOKKO YEROO DUBBIFTU WANTOOTA ARMAAN GADITTI IBSAMAN KANARRATTI YAADI
Yihowaan Waaqa akkamii akka ta’e maal akka sitti himu
Dhaamsa ijoo Macaafa Qulqulluu wajjin walitti dhufeenya maalii akka qabu
Jireenyakeerratti dhiibbaa akkamii geessisuu akka qabu
Namoota kaan gargaaruuf akkamitti akka itti fayyadamuu dandeessu