Boqonnaa Ja’a
Gaaffii Ejjennoo Hunda Keenyaaf Dhihaate
1, 2. (a) Seexanni Eeden keessatti gaaffii akkamii kaase? (b) Wanti inni dubbatehoo kana kan argisiisu akkamitti?
GAAFFIIN ejjennoo ilmaan namootaarratti dhihaate siinis kan dabalatudha. Kana ilaalchisee ejjennoon ati fudhattu, jireenya bara baraa argachuufi dhabuukee kan murteessudha. Gaaffiin kun yeroo Eeden keessatti Waaqayyorratti ka’uun jalqabametti kan ka’edha. Yeroo sanatti Seexanni Hewwaaniin: “Dhuguma Waaqayyo, ‘Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa hin nyaatinaa!’ isiniin jedhee?” jedhe gaafate. Isheenis muka isa iddoo dhaabaa jiru ilaalchisee Waaqayyo “Ija isaa irraa hin nyaatinaa, . . . Kanaa achi in duutu’ jedheera” jettee deebisteef. Achiis Seexanni jireenyi Addaamiifi Hewwaan Waaqayyoof abboomamuurratti kan hundaa’e akka hin taane dubbachuudhaan sobaan Yihowaarratti himata dhiheesse. Kana gochuudhaanis Seexanni Yihowaan uumamasaa wanta gaarii ta’e, jechuunis dandeettii ofiisaaniitiin sadarkaa ejjennoo baafachuu isaan dandeessisu isaan dhowwate jedhee dubbate. Seexanni: “Isin ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyo[o] akka isin taatan, Waaqayyo in beeka” jechuudhaan falme.—Uumama 3:1-5.
2 Seexanni akkas jechuunsaa, namoonni seera Waaqayyootiif abboomamuu mannaa murtoo mataasaanii utuu godhanii gaariidha jechuusaa ture. Kana jechuudhaanis akkaataa Waaqayyo uumamasaa bulchurratti mormii kaase. Kunimmoo gaaffii guddaa ‘Dhuguma Waaqayyo uumama cufa bulchuuf mirga qabaa?’ jedhu kaase. Gaaffiin ka’e: Bulchiinsi ilmaan namootaatiif gaarii ta’e isa kami? Bulchiinsa Yihowaamoo bulchiinsa isarraa adda ba’e wayyaa? kan jedhudha. Yihowaan Addaamiifi Hewwaaniin yerumasana balleessuu ni danda’a ture. Haata’u malee, kun gaaffii olaantummaarratti ka’eef karaa sirrii ta’een deebii argamsiisuu hin danda’u. Waaqayyo ilmaan namootaatiif yeroo ga’aa heyyamuudhaan, isarraas ta’e seerasaarraa adda ba’anii ofiin of bulchuun balaa akkamii akka geessisu akka ilaalan godheera.
3. Gaaffiin Seexanni lammatarratti kaase maalidha?
3 Mormiin Seexanni mirga Yihowaan uumamasaa bulchuuf qaburratti kaase Eeden keessatti qofa hin dhaabanne. Namoonni kaan Yihowaadhaaf amanamoo ta’anii dhaabachuusaaniirrattis gaaffii kaaseera. Kunis gaaffii lammataa isa jalqabaa wajjin walitti dhufeenya qabu ta’e. Himannisaa kunis ijoollee Addaamiifi Hewwaaniin, ergamoota Waaqayyoo hundaafi Ilma Yihowaa isa angafallee kan dabalatu ture. Fakkeenyaaf, Seexanni bara Iyoobitti namoonni Yihowaa kan tajaajilan, isas ta’e bulchiinsasaa waan jaallataniif utuu hin ta’in, ofittummaa waan qabaniifidha jechuudhaan mormii kaase. Utuu rakkinni isaanirra ga’ee, ofittummaadhaan gara fedha mataasaaniitti deebi’u jechuudhaan falme.—Iyoob 2:1-6; Mul’ata 12:10.
Seenaan Maal Mirkaneesse?
4, 5. Namoonni karaa jireenyasaanii ofiisaaniitiin geggeeffachuusaanii ilaalchisee seenaan maal mirkaneesse?
4 Gaaffii olaantummaarratti ka’ee wajjin haala wal qabateen qabxiin inni guddaan kanadha: Waaqayyo namoonni isarraa adda ba’anii ofiin of bulchuudhaan akka isaaniif mijaa’utti utuu hin ta’in, faayidaasaaniitiif jecha seerawwansaa warra qajeelummaarratti hundaa’an jalatti akka jiraataniif isaan uume. Ermiyaas raajichi akkas jechuudhaan dubbateera: “Yaa Waaqayyo! Namni akeeka jireenya isaatii of harka galfachuu, karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin dandeenye ani beeka. Yaa Waaqayyo! Ati akka ana hin balleessinetti firdii kee isa qajeelaadhaan na ifadhu [sirreessi, NW] malee, dheekkamsa keetiin ana hin adabin!” (Ermiyaas 10:23, 24) Kanaafuu, Sagaleen Waaqayyoo: “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!” jechuudhaan nu gorsa. (Fakkeenya 3:5) Waaqayyoo, namoonni lubbuudhaan jiraachuuf seerawwan uumamaa inni baase hundaaf akka abboomaman qofa utuu hin ta’in, hawaasa tokkummaa qabu argamsiisuuf jecha seerawwan amalaa inni baaseefis akka ajajamaniif isaan uume.
5 Kanarraa hubachuun akka danda’amutti, Waaqayyo namoonni bulchiinsasaatiin alatti rakkina tokko malee ofiin of bulchuu akka hin dandeenye beeka ture. Ilmaan namootaa bulchiinsasaatiin alatti ofiin of bulchuuf, bulchiinsa siyaasaa, diinagdeefi amantii addaddaa yaalaniiru. Garaa garummaan kunimmoo walitti bu’iinsa walirraa hin cinne fiduudhaan walirratti ka’uu, waraanaafi du’a fideera. “Yeroon inni tokko warra kaan irratti mo’ee isaan miidhus jira.” (Lallaba 8:9) Seenaa ilmaan namootaa keessatti wanti raawwatames kanadha. Akkuma Sagalee Waaqayyoo keessatti ibsametti, namoonni hamooniifi warri nama gowwoomsan “isa gadhee irraa gara isa caalaa gadheetti gad in adeemu.” (2 Ximotewos 3:13) Jaarraa 20ffaa kanatti ilmaan namootaa gama saayinsiitiinis ta’e gama industiriitiin guddina cimaa yoo argisiisanillee, rakkoowwan kanaan dura arganii hin beekne arganiiru. Dhugumayyuu, jechi Ermiyaas 10:23rratti ilmaan namootaa karaa jireenyaasaanii ofiisaaniitiin akka geggeeffataniif hin uumamne jedhu dhugaa ta’uunsaa mirkanaa’eera.
6. Yeroo dhihootti Waaqayyo bulchiinsa namootaa kan balleessu akkamitti?
6 Rakkinni cimaaniifi yeroo dheeraa fudhate, namoonni Waaqayyorraa adda ba’anii ofiin of bulchuunsaanii gonkumaa akka isaaniif mijaa’uu hin dandeenye mirkaneesseera. Gammachuu, tokkummaa, fayyaafi jireenya kan namaaf argamsiisu bulchiinsa Waaqayyoo qofadha. Sagaleen Waaqayyoo, yeroo Yihowaan bulchiinsa ilmaan namootaa kanaaf obsa itti fixatu dhihaachuusaa dubbata. (Maatewos 24:3-14; 2 Ximotewos 3:1-5) Yeroo dhihootti dhimma namootaa gidduu galuudhaan, biyya lafaa bulchuuf mirga kan qabu isa ta’uusaa mirkaneessa. Raajiin Macaafa Qulqulluu akkas jechuudhaan dubbata: “Bara mootota sanaatti Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebi’ee matumaa hin badne, isa mo’ichi isaas saba biraatti hin darbine dhaabuuf jira; inni mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.”—Daani’el 2:44.
Badiisarraa Oolanii Addunyaa Haaraatti Galuu
7. Yeroo bulchiinsi Waaqayyoo bulchiinsa namootaa balleessu badiisarraa kan oolan eenyufa’i?
7 Yeroo bulchiinsi Waaqayyoo bulchiinsa namootaa balleessu badiisarraa kan oolan eenyufa’i? Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan deebii kenna: “Warri gara-qajeelonni [namoonni mirga Waaqayyo uumamasaa bulchuuf qabu deggeran] biyya keessa in jiraatu, namoonni balleessaa hin qabnes isa keessatti in hafu. Warri jal’oonni garuu biyyicha keessaa in balleeffamu; warri hin amanamnes isa keessaa in buqqifamu.” (Fakkeenya 2:21, 22) Haaluma wal fakkaatuun, Faarfatichi akkas jechuudhaan dubbateera: “Inni jal’aan yeroo xinnoo booddee achitti hin argamu, . . . Warri qajeelonni biyya in qabaatu, yeroo hundumaafis keessa in taa’u.”—Faarfannaa 37:10, 29.
8. Waaqayyo olaantummaasaa akkamitti mirkaneessa?
8 Sirni Seexanaa kun erga badee booda, Waaqayyo addunyaa haaraa walirratti ka’uun, waraanni, hiyyummaan, rakkinni, dhukkubniifi duuti waggoota kuma hedduudhaaf ilmaan namootaa gabrummaa jala galchaa turan keessa hin jirre hundeessa. Macaafni Qulqulluun eebbawwan namoota ajajamoo ta’an eeggatu akkas jechuudhaan ibsa: “Inni [Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!” (Mul’ata 21:3, 4) Waaqayyo bulchaa keenya ta’uuf mirga kan qabu ta’uusaa, karaa Mootummaasaa isa samiirratti hundeesseen mirkaneessa.—Roomaa 16:20; 2 Phexros 3:10-13; Mul’ata 20:1-6.
Gaaffii Ka’eef Deebii Akkamii Kennan?
9. (a) Namoonni Yihowaadhaaf amanamoo ta’an sagaleesaatiif ilaalcha akkamii qabu turan? (b) Nohi amanamaa ta’uusaa kan argisiise akkamitti? Fakkeenyasaarraahoo faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Seenaa ilmaan namootaa keessatti, namoonni amanamummaadhaan Yihowaa cina dhaabataniifi olaantummaasaa deggeran turaniiru. Jireenyisaanii Yihowaa dhaggeeffachuufi isaaf abboomamuurratti kan hundaa’e ta’uusaa hubataniiru. Nohi namoota akkasii keessa tokko ture. Kanaafuu Yihowaan Nohiin: “Yeroon uumamni foon uffate hundinuu fuula koo duraa itti raawwatee dhumu ga’eera, . . . markaba tolchi” jedhe. Nohis qajeelfama Waaqayyootiif abboomameera. Namoonni bara sana turan garuu akeekkachiisni isaaniif kennamullee, wanti haaraa ta’e hin dhufu jechuudhaan akkuma duriitti jiraachuusaanii itti fufan. Haata’u malee, Nohi markaba guddaa hojjeteera; akkasumas warra kaaniif daandiin Yihowaa qajeelaa ta’uusaa lallabuusaa itti fufeera. Macaafni Qulqulluun itti fufuudhaan: “Nohi akkuma Waaqayyo isa abboometti kana hundumaa hojjetee in raawwate” jedha.—Uumama 6:13-22; Ibroota 11:7; 2 Phexros 2:5.
10. (a) Abrahaamiifi Saaraan olaantummaa Yihowaa akka deggeran kan argisiisan akkamitti? (b) Fakkeenya Abrahaamiifi Saaraarraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
10 Abrahaamiifi Saaraanis wanta inni isaan abboome hundumaa raawwachuufi olaantummaa Yihowaa degeruudhaan fakkeenya gaarii ta’u. Magaalaa soorettii Ur biyya Kaldootaa keessa jiraatu turan. Haata’u malee, Yihowaan Abrahaam biyya garabiraa inni kanaan dura hin beekne akka dhaqu yeroo isatti himu, “Akkuma Waaqayyo isatti dubbatetti ka’ee in adeeme.” Saaraanis biyya keessa jiraachaa turte sanatti, mana gaarii, hiriyootaafi firoottan baay’ee akka qabdu homaa hin shakkisiisu. Haata’u malee, wanti biyya sanatti ishee eeggatu maal akka ta’e beekuu baattus, Yihowaadhaafis ta’e abbaa manaasheetiif abboomamuudhaan gara biyya Kana’aan dhaqxeetti.—Uumama 11:31–12:4; Hojii Ergamootaa 7:2-4.
11. (a) Museen olaantummaa Yihowaa kan deggere haala akkamii keessattidha? (b) Fakkeenyi Musee nu fayyaduu kan danda’u akkamitti?
11 Namoota olaantummaa Yihowaa deggeran keessaa inni tokkommoo Museedha. Kanas kan godhe haala baay’ee rakkisaa ta’e keessatti, jechuunis Mootii biyya Gibxii Fara’oonii wajjin wal falmuudhaani. Kana jechuun garuu Museen nama of tuulu ture jechuu miti. Kanaa mannaa, akka gaariitti dubbachuu akka hin dandeenye isatti dhaga’ameera. Haata’u malee Yihowaadhaaf abboomameera. Museen gargaarsa Yihowaatiifi obboleessasaa Aaroniin, irra deddeebi’ee sagalee Yihowaa Fara’oonitti himeera. Israa’eloonni tokko tokko wanta Museen hojjetu yoo balaaleffatanillee, inni garuu amanamummaadhaan dhaabachuudhaan wanta Yihowaan isa abboome hunda raawwateera; Israa’eloonnis karaasaa gabrummaa biyya Gibxii jalaa ba’aniiru.— Ba’uu 7:6; 12:50, 51; Ibroota 11:24-27.
12. (a) Yihowaadhaaf amanamoo ta’uu jechuun, seera barreeffamaan qophaa’e eeguurra caalaa kan gaafatu ta’uusaa maaltu argisiisa? (b) Amanamummaa akkasii ilaalchisee hubannaan arganne yaada 1 Yohannis 2:15rra jiru hojiirra akka oolchinu nu gargaaruu kan danda’u akkamitti?
12 Namoonni Yihowaadhaaf amanamoo turan hundi, wanti isaanirraa barbaadamu seera barreeffamee taa’e eeguu qofadha jedhanii sababii hin dhiheessine. Haati manaa Phooxifaaraa Yoseef ishee wajjin akka ejju yeroo isa sossobdetti, abboommiin Waaqayyoo hin ejjin jedhu barreeffamaan hin jiru ture. Haata’u malee, Yoseef seera gaa’elaa Yihowaan Eeden keessatti hundeesse beeka ture. Haadha manaa nama garabiraa wajjin saalquunnamtii raawwachuun Waaqayyoon akka hin gammachiisne beeka ture. Yoseef akka warra Gibxii ta’uuf Waaqayyo hammam akka isaaf heyyame baruuf yaalii hin goone. Wantoota Yihowaan sanaan dura ilmaan namootaatti dubbateefi godherratti xiinxaluudhaan, wanta jaalala Waaqayyoo ta’uusaa hubate raawwateera.—Uumama 39:7-12; Faarfannaa 77:11, 12.
13. (a) Haala Iyoobiin (b) Ibroota sadaniin wal qabateen Seexanni sobduu ta’uunsaa kan mirkanaa’e akkamitti?
13 Namoonni sirriitti Yihowaa beekan qorumsi guddaan yoo isaanirra ga’ellee isa hin ganan. Seexanni, nama Waaqayyoo biratti fudhatamaa ture Iyoobillee qabeenyaasaafi fayyaasaa utuu dhabee Waaqayyoon ni gana jedhee sobaan himata irratti dhiheessee ture. Iyoob rakkoon kun hundi maaliif akka isarra ga’e beekuu baatus, Seexanni sobduu ta’uusaa mirkaneesseera. (Iyoob 2:9, 10) Waggoota baay’ee boodas Seexanni, mootiin Baabilon dargaggoonni Ibrootaa sadii fakkii inni dhaabeef yoo sagaduu didan ibidda keessa akka isaan buusu akka isaan sodaachisu isa kakaasee ture. Dargaggoonni kunis, mootichaaf ajajamuufi abboommii Yihowaa isa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu balaaleffatu keessaa tokko akka filataniif yeroo dirqamanitti, Yihowaa akka tajaajilaniifi olaantummaasaa akka deggeran sodaa tokko malee dubbataniiru. Waaqayyoof amanamuun lubbuusaaniirra akka caalu argisiisaniiru.—Daani’el 3:14-18.
14. Gonkummaa kan hin qabne taanus, Yihowaadhaaf amanamoo ta’uu keenya akkamitti argisiisuu dandeenya?
14 Fakkeenyawwan kanarraa ilaaluun akka danda’amutti, namni tokko Yihowaadhaaf amanamaa ta’ee jiraachuuf gonkummaa qabaachuu qabaa? Matumaa akkas jechuu miti! Macaafni Qulqulluun Museen yeroo itti dogoggore akka qabu nutti hima. Yihowaan kanatti kan gadde ta’us, Museen akka isa hin tajaajille hin dhowwine. Bartoonni Yesusis dadhabbii mataasaanii qabu turan. Yihowaan gonkummaa kan hin qabne ta’uu keenya tilmaama keessa galchuudhaan, haala akkamii keessattiyyuu ta’e jennee fedhasaa raawwachuurraa duubatti hin jennu taanaan nutti gammada. Dadhabbiidhaan yoo dogoggora hojjenne garuu, garaa keenyaa qalbii geddarachuufi dogoggora sana lammata akka hin hojjenne of eeggachuu qabna. Kana gochuudhaanis, wanta Yihowaan gaariidha jedhe akka jaallannuufi wanta inni gadheedha jedhemmoo akka jibbinu argisiisna. Gatii aarsaa Yesus isa cubbuu balleessuu danda’urratti amantii qabaachuudhaan, Waaqayyo duratti yaada garaa qullaa’aa argachuu dandeenya.—Amos 5:15; Hojii Ergamootaa 3:19; Ibroota 9:14.
15. (a) Ilmaan namootaa keessaa guutummaatti Waaqayyoof amanamaa ta’uusaa kan argisiise eenyudha? Kunoo maal mirkaneesse? (b) Wanta Yesus godherraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
15 Kana jechuun garuu namoonni olaantummaa Yihowaatiif guutummaatti abboomamuu hin danda’an jechuudhaa? Deebiin kanaa waggoota 4,000 ta’aniif ‘dhoksaa guddaa’ ta’ee ture. (1 Ximotewos 3:16) Addaam gonkummaa qabaatee kan uumame ta’us, nama Waaqayyoo ta’uutti fakkeenya gaarii hin taane. Eenyutu ta’uu danda’aree? Ijoolleesaa warra cubbamoo ta’an keessaas kana gochuu kan danda’u hin jiru. Namni kana gochuu danda’e Yesus Kiristos qofadha. (Ibroota 4:15) Wanti Yesus raawwate, Addaam utuu barbaadee guutummaatti amanamummaasaa eegee jiraachuu akka danda’u mirkaneessa. Rakkoonsaa haalli itti Waaqayyo namoota uume dogoggora waan qabuuf miti. Kanaafuu, Yesus Kiristos seera Waaqayyootiif abboomamuu qofa utuu hin ta’in, Yihowaan uumama cufarratti olaantummaa akka qabu amanuudhaan nama Waaqayyoo akka taanuufis fakkeenya gaarii nuu ta’eera.—Keessa Deebii 32:4, 5.
Deebiin Keenya Maalidha?
16. Olaantummaa Yihowaa deggeruu ilaalchisee yeroo hundumaa dammaqoo ta’uu kan qabnu maaliifi?
16 Tokkoon tokkoon keenya gaaffii olaantummaa uumama cufarratti ka’eef deebii kennuu qabna. Yihowaa akka deggerru yoo argisiisne, Seexanni rakkina baay’ee nurraan ga’a. Hanga sirni hamaan inni seerratu kun badutti karaa hundumaatiin dhiibbaa nurraan ga’uusaa ittuma fufa. Kanaafuu, of eeggannoo gochuu keenya dhaabuu hin qabnu. (1 Phexros 5:8) Amalli keenya, gaaffii olaantummaa Yihowaarratti ka’eefi gaaffii lammataa namoonni yoo rakkatan amanamoo hin ta’an jedhurratti garee isa kam cina akka dhaabanne argisiisa. Amanamoo ta’uu dhiisuun biyya lafaarratti waan babal’ateef qofa amanamoo ta’uu akka waan salphaatti yoo ilaalle balaa ofitti fiduu dandeenya. Amanamummaa ofii eeguun, akkaataa jireenya keenya hundaatiin seerawwan bu’uuraa Yihowaan baase hojiirra oolchuuf carraaqqii gochuu gaafata.
17. Sobaafi hannarraa fagaachuu kan qabnu maddisaanii eenyu waan ta’eefidha?
17 Fakkeenyaaf, Seexana isa “abbaa sobaa” hordofuu hin dandeenyu. (Yohannis 8:44) Wanti goonu hundi dhugaa ta’uu qaba. Yeroo baay’ee sirna seexanaa kana keessatti dargaggoonni warrasaanii ni sobu. Haata’u malee, dargaggoonni Kiristiyaana ta’an soba akkasiirraa fagaachuudhaan, himanni Seexanni sabni Waaqayyoo yeroo qorumsi isaanirra ga’u amanamummaasaanii hin eegan jechuudhaan dhiheesse soba ta’uusaa mirkaneessu. (Iyoob 1:9-11; Fakkeenya 6:16-19) Hojiin daldalaa namni tokko Waaqa isa dhugaa cina dhaabachuu mannaa “abbaa sobaa” cina akka dhaabate argisiisus jira. Daldala akkasiirraa fagaachuu qabna. (Miikiyaas 6:11, 12) Kana malees, namni tokko rakkadhe jedhee yoo hateefi inni jalaa hatames sooressa yoo ta’ellee, hanni matumaa fudhatama hin qabu. (Fakkeenya 6:30, 31; 1 Phexros 4:15) Naannoo jiraannutti hanni beekamaa yoo ta’e, ykn wanti hatame xinnoo yoo ta’ellee, hanni seera Waaqayyoo wajjin kan wal faallessudha.—Luqaas 16:10; Roomaa 12:2; Efesoon 4:28.
18. (a) Dhuma Bulchiinsa Kiristos isa Waggaa Kumaatti namoota hundarra qorumsa akkamiitu ga’a? (b) Ammumaa amala akkamii qabaachuuf carraaqqii gochuu qabna?
18 Bulchiinsa Kiristos isa Waggaa Kumaa keessatti, Seexanniifi hafuuronni hamoon bakka namootarratti dhiibbaa geessisuu hin dandeenye jechuunis gara lafa jalaatti darbatamu. Yeroo sanatti aara galfii guddaa arganna! Waggaa kuma booda garuu yeroo xinnoodhaaf ni hiikama. Achiis Seexanniifi duuka buutonnisaa namoota sadarkaa gonkummaarra ga’aniifi Waaqayyoof amanamoo ta’anirratti dhiibbaa guddaa geessisa. (Mul’ata 20:7-10) Yeroo sana jiraachuuf utuu carraa arganne, gaaffii olaantummaa Waaqayyoorratti ka’eef deebii akkamii laanna? Ilmaan namootaa yeroo sanatti argaman hundi gonkummaa waan qabaataniif, wanta kamittillee amanamummaa argisiisuu diduun ta’e jedhamee waan godhamu waan ta’uuf, badiisa bara baraa geessisa. Kanaafuu, yeroo sanatti amanamoo taanee jiraachuuf qajeelfama Yihowaan yeroo ammaatti karaa Sagaleesaas ta’e karaa jaarmiyaasaa nuu kennuuf ajajamuun keenya baay’ee barbaachisaadha! Kana gochuun keenya, Yihowaan uumama cufarratti olaantummaa akka qabuufi nutis dhugumaan nama Waaqayyoo ta’uu keenya argisiisa.
Maree Irra Deebii
• Gaaffii guddaan hunduma keenyaaf dhihaate maalidha? Gaaffiin kun kan nu ilaallatu akkamitti?
• Karaawwan namoonni bara duriitti turan Yihowaadhaaf amanamummaa adda ta’e itti argisiisan tokko tokko kamfa’i?
• Yeroo hundumaa amala keenyaan Yihowaadhaaf ulfina kennuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?