Iji Keessan Dhimma Isa Guddaa Irratti Akka Xiyyeeffatu Godhaa
“Maqaan kee [Yihowaa, NW] akka taʼe, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru taʼuu kees haa beekan!”—FAR. 83:18.
1, 2. (a) Dhimmi guddaan ilmaan namootaa hunda ilaallatu isa kami? (b) Dhimma kanaaf dinqisiifannaa qabaachuun keenya hammam barbaachisaa dha?
NAMOOTA yeroo harʼaatti jiran hedduudhaaf qarshiin dhimma guddaa dha. Qabeenya kuufachuu ykn wanta qaban akka hin dhabne gochuu irratti xiyyeeffataniiru. Kaan immoo dhimmoota maatii, fayyaa ykn wantoota galmaan gaʼuu barbaadan kaaniif bakka guddaa kennu.
2 Haa taʼu malee, dhimmi hundi keenya bakka guddaa kennuufii qabnu ol aantummaan Yihowaa mirkaneeffamuu isaa ti. Dhimma guddaa kana akka hin daganne of eeggachuu qabna. Tarii, wantoota jireenya guyyaa guyyaa keessatti raawwannuun muddamnee ol aantummaan Waaqayyoo hammam bakki guddaan kennamuufii akka qabu dagachuu dandeenya. Yookiin qorumsi nu irra gaʼu dhimma guddaa kana akka nutti dukkaneessu heyyamna taʼa. Karaa biraatiin immoo, dinqisiifannaan ol aantummaan Yihowaa mirkaneeffamuu isaatiif qabnu guddachaa yommuu adeemu, rakkoowwan jireenya guyyaa guyyaa keessatti nu mudatan damdamachuuf caalaatti gaʼumsa qabaanna. Dinqisiifannaan akkasii caalaatti gara Yihowaatti akka dhihaannu nu taasisa.
BAAYʼEE BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
3. Seexanni bulchiinsa Waaqayyoo irratti gaaffii yeroo kaase maal jechuu isaa ture?
3 Gochi Seexanaa, ol aantummaan Yihowaa qajeelaa taʼuu isaa irratti gaaffiin akka kaʼu godheera. Bulchiinsi Waaqayyoo jalʼaa akka taʼee fi Yihowaan wanta baayʼee gaarii taʼe uumamawwan isaa akka dhowwate dubbachuudhaan mormii kaaseera. Diyaabilos, ilmaan namootaa yoo ofiin of bulchan caalaatti gammachuu argachuu akka dandaʼan dubbachuu isaa ture. (Uma. 3:1-5) Akkasumas Seexanni namni kam iyyuu garaa isaatii Waaqayyoof amanamaa hin taʼu, jechuunis yoo dhiibbaan isa irra gaʼe bulchiinsa Yihowaa deggeruu dhiisa jechuu isaa ti. (Iyo. 2:4, 5) Yihowaan, mormii Seexanni kaaseef furmaata kennuuf jecha, jireenyi bulchiinsa Waaqayyoo isa qajeelaadhaa ala taʼe maal akka fakkaatu namoonni ifatti akka hubataniif yeroo isaaniif kenneera.
4. Dhimmi ol aantummaa ilaalchisee kaʼe furmaata argachuu kan qabu maaliifi?
4 Yihowaan himanni Seexanaa sun soba akka taʼe akka beeku hin shakkisiisu. Maarree, Waaqayyo dhimma kanaaf yeruma sana furmaata kennuu mannaa, Seexanni wanta dubbate akka mirkaneessu kan isaaf heyyame maaliifi? Deebiin gaaffii kanaa uumamawwan yaaduu dandaʼan hunda kan ilaallatu dha. (Faarfannaa 83:18 dubbisi.) Hiriyoota gaaʼelaa jalqabaa dabalatee namoonni hedduun isaan booda jiran yeroo sanaa kaasee bulchiinsa Yihowaa irratti mormii kaasaniiru. Tarii kun namoonni tokko tokko himanni Diyaabilos dhugaa taʼuu fi dhiisuu isaa akka shakkan godhee taʼuu dandaʼa. Namoonni ykn maleekonni gaaffii kaʼe kanaaf hamma deebii argatanitti, walitti buʼiinsi saboota, gosoota, sanyiiwwan, maatiiwwanii fi namoota gidduutti uumamaa jiru ittuma fufa. Ol aantummaan Yihowaa erga mirkanaaʼee booda garuu, uumamni hundi bara baraaf bulchiinsa Yihowaa isa qajeelaa jalatti bula. Uumama cufa irrattis nagaan deebiʼee dagaaga.—Efe. 1:9, 10.
5. Ol aantummaa Yihowaa wajjin haala wal qabateen Yihowaa cinaa dhaabachuu irratti gahee akkamii qabna?
5 Ol aantummaan Waaqayyoo sirrii taʼuun isaa ni mirkanaaʼa; bulchiinsi Seexanaa fi ilmaan namootaa immoo milkaaʼina dhaba, akkasumas ni bada. Bulchiinsi Waaqayyoo inni mootummaa Masiihichaatiin geggeeffamu immoo milkaaʼina kan argatu siʼa taʼu, namoonni amanamoon ilmaan namootaa bulchiinsa Waaqayyoo deggeruu akka dandaʼan mirkaneessu. (Isa. 45:23, 24) Namoota amanamoo ol aantummaa Yihowaa deggeran keessaa tokko taʼuu ni barbaaddaa? Akka barbaaddu hin shakkisiisu. Amanamummaa keenya eeggachuudhaaf iji keenya dhimma isa guddaa irratti akka xiyyeeffatu gochuu fi dhimmi kun hammam barbaachisaa akka taʼe yaaduu qabna.
OL AANTUMMAAN YIHOWAA MIRKANAAʼUUN ISAA FAYYINA KEENYA NI CAALAA
6. Ol aantummaan Yihowaa mirkanaaʼuun isaa hammam barbaachisaa dha?
6 Akkuma olitti ibsame ol aantummaan Yihowaa mirkanaaʼuun isaa dhimma guddaa ilmaan namootaa ilaallatu dha. Gammachuu namni kam iyyuu jireenya isaa keessatti argatu kan caalu dha. Kun taʼuun isaa fayyinni keenya gatii akka hin qabnee fi Yihowaan waaʼee keenya akka hin yaanne argisiisaa? Matumaa. Maaliif?
7, 8. Ol aantummaan Waaqayyoo mirkanaaʼuun isaa raawwii waadaa isaa kan dabalatu akkamitti?
7 Yihowaan ilmaan namootaa baayʼee kan jaallatu siʼa taʼu, iddoo guddaa isaaniif kenna. Fayyina bara baraa akka argannuuf dhiiga Ilma isaa nuu kennuuf illee fedhii qabaateera. (Yoh. 3:16; 1 Yoh. 4:9) Utuu Yihowaan waadaawwan gale raawwachuu baatee, Diyaabilos Waaqayyo akka sobuu fi uumamawwan isaa wanta gaarii akka dhowwatu, akkasumas karaa sirrii hin taaneen akka isaan qabu dubbachuuf sababa argata ture. Akkasumas mormitoota warra akkana jedhanii gaafatan gammachiisa ture: “Nan argama jedhee kan inni abdii kenne eessa jira? Guyyaa abbootiin keenya duʼanii jalqabee wanti hundi jalqaba uumamaatii kaasee akkuma jirutti itti fufeera.” (2 Phe. 3:3, 4) Kanaafuu, Yihowaan ol aantummaan isaa mirkanaaʼuun isaa fayyina ilmaan namootaa ajajamoo taʼanii kan dabalatu akka taʼe beeka! (Isaayaas 55:10, 11 dubbisi.) Kana malees, jaalalli Yihowaa ol aantummaa isaa argisiisa. Kanaaf, yeroo hundumaa akka inni tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan jaallatu, iddoo guddaa akka isaaniif kennuu fi akka isaan dinqisiifatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Bau. 34:6.
8 Ol aantummaa Yihowaatiif beekamtii kennuun keenya fayyina keenyaaf iddoo akka nuti hin kennine ykn isa duratti gatii akka nuti hin qabne kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, ol aantummaa fi fayyinaaf ilaalcha sirrii qabaachuu keenya argisiisa. Iji keenya dhimma isa guddaa kana irratti akka xiyyeeffatu gochuu fi bulchiinsa Yihowaa isa qajeelaa deggeruu yoo barbaanne ilaalcha sirrii akkasii qabaachuun keenya barbaachisaa dha.
ILAALCHA SIRRII QABAACHUU ILAALCHISEE BARUMSA ARGANNU
9. Iyoobii wajjin haala wal qabateen wanti Seexanni barbaade maal ture? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
9 Ilaalcha sirrii qabaachuun barbaachisaa akka taʼe kitaabota Kitaaba Qulqulluu bara durii keessaa tokko kan taʼe Kitaaba Iyoob keessatti ibsameera. Iyoob irra rakkinni cimaan yoo gaʼe Waaqayyoon ni gana jechuudhaan gaaffiin Seexanni kaase kitaaba kana irratti ibsameera. Seexanni, Waaqayyo Iyoobitti rakkina akka fidu yaada dhiheesse. Kan kana raawwate Yihowaan taʼuu baatus, “wanti inni qabu hundinuu harka kee keessa jira” jechuudhaan Seexanni akka isa qoru heyyame. (Iyoob 1:7-12 dubbisi.) Iyoob yeroo gabaabaa gidduutti hojjetoota, horii fi ijoollee isaa kurnan dhabe. Seexanni waan Waaqayyo rakkina kana hunda Iyoobitti fide fakkeessuudhaan kana raawwate. (Iyo. 1:13-19) Achiis Seexanni dhukkuba baayʼee cimaa taʼeen Iyoobiin rukute. (Iyo. 2:7) Wanti haati manaan isaa fi namoonni michoota ofiin jedhan sadan dubbatan immoo rakkinni isaa kun akka itti caalu godheera.—Iyo. 2:9; 3:11; 16:2.
10. (a) Iyoob Waaqayyoof amanamaa akka taʼe argisiisuuf maal godhe? (b) Iyoob dogoggora akkamii raawwate?
10 Buʼaan isaa maal ture? Himanni Seexanni kaase guutummaatti soba taʼuun isaa mirkanaaʼeera. Iyoob Waaqayyotti dugda garagalchuu dideera. (Iyo. 27:5) Taʼus, Iyoob yeroodhaaf ilaalcha dogoggoraa qabaatee ture. Qajeelaa taʼuu isaa mirkaneeffachuu isaa irratti kan xiyyeeffate taʼuu isaa irra iyyuu, sababii itti rakkinni isa irra gaʼe beekuu barbaadee ture. (Iyo. 7:20; 13:24) Tarii rakkina isa irra gaʼeen kan kaʼe, kana gaafachuun isaa sirrii dha jenna taʼa. Waaqayyo garuu, ilaalchi Iyoob sirreeffamuu akka qabu hubatee ture. Yihowaan maal isaan jedhe ree?
11, 12. Yihowaan Iyoob maal akka dinqisiifatu isa gargaare? Iyoob hoo maal godhe?
11 Wanti Waaqayyo Iyoobitti dubbate kitaaba Iyoob keessatti boqonnaawwan afur, jechuunis boqonnaa 38 hanga 41tti barreeffamee argama. Taʼus, Waaqayyo sababa itti rakkinni isa irra gaʼe Iyoobitti akka hime iddoo tokkotti iyyuu hin ibsamne. Yihowaan, Iyoobiin kan haasofsiise sababa itti rakkinni isa irra gaʼe isaaf ibsuudhaan, qulqulluu of taasisuuf hin turre. Kanaa mannaa, Iyoob guddina Waaqayyoo wajjin yeroo wal bira qabamu hammam xinnoo akka taʼe akka hubatu isa gargaaruu barbaadee ti. Iyoob dhimmi guddaan yaaddessaa taʼe akka jiru akka hubatu isa gargaareera. (Iyoob 38:18-21 dubbisi.) Kun immoo deebisee ilaalcha sirrii akka qabaatu godheera.
12 Yihowaan, rakkinni kun hundi Iyoob irra gaʼee utuu jiruu kallattiidhaan gorsa akkanaa isaaf kennuun isaa akka inni gara jabeessa taʼe argisiisaa? Waaqayyo gara jabeessa hin turre; Iyoobis akkasitti hin yaanne. Iyoob rakkinni hedduun kan isa irra gaʼe taʼu illee xumura irratti dinqisiifannaadhaan akkana jedheera: “Awwaaraa fi daaraa keessa taaʼee, yaada garaa koo nan geddaradha.” Buʼaan kun kan argame waan Yihowaan gorsa ifa taʼee fi isa jajjabeessu isaa kenneef ture. (Iyo. 42:1-6) Kana duras, Iyoob sirreeffama Eliihuu isa umuriidhaan isaa gadi ture irraa isaaf kenname fudhatee ture. (Iyo. 32:5-10) Iyoob, gorsa Waaqayyoo fudhatee erga ilaalcha isaa irratti sirreeffama godhee booda, Yihowaan Iyoob qorumsa jalatti amanamummaa isaa akka eege warra kaaniif mirkaneesseera.—Iyo. 42:7, 8.
13. Gorsi Yihowaan Iyoobiif kenne qorumsi isa irra gaʼe erga darbee yeroo dheeraa booda illee kan isa gargaare akkamitti?
13 Gorsi Yihowaan Iyoobiif kenne rakkinni isa irra gaʼe erga darbee booda illee kan isa fayyadu ture. Akkamitti? Yihowaan ‘bara jireenya Iyoob isa gara booddee isa gara duraa caalaa kan eebbise’ taʼus, haala duraan turetti deebiʼuuf yeroo itti fudhatee akka ture beekamaa dha. Iyoob yeroo booda ‘ilmaan torbaa fi intaloota sadii godhateera.’ (Iyo. 42:12-14) Iyoob ijoollee harka Seexanaatiin duʼan sana baayʼee akka yaadu hin shakkisiisu. Yeroo muraasaaf immoo rakkinoota isa irra gaʼan ilaalchisee wantoota gaddisiisoo hedduu yaadachaa turee taʼa. Rakkinni kun hundi maaliif akka isa irra gaʼe yeroo booda akka gaariitti kan hubate taʼus, darbee darbee hamma kana qoramuun maaliif akka isa barbaachise yaaduun isaa hin oolu. Wanti inni yaade maal iyyuu yoo taʼe, gorsa Waaqayyo isaaf kenne irratti xiinxaluu dandaʼa ture. Kana gochuun isaa ilaalcha sirrii akka qabaatuu fi jajjabina akka argatu isa gargaara.
Rakkina keenya irratti xiyyeeffachuu dhiisnee dhimma isa guddaa irratti xiyyeeffachuu ni dandeenyaa? (Keeyyata 14 ilaali)
14. Seenaa Iyoob irraa barumsa akkamii arganna?
14 Nutis taanaan seenaa Iyoob irraa ilaalcha sirrii qabaachuu ilaalchisee barumsa gaarii arganna; akkasumas jajjabina argachuu dandeenya. Hunda caalaa immoo, Yihowaan seenaan kun akka nuuf barreeffamu kan godhe, ‘jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuu fi barumsa akka irraa argannuufi.’ (Rom. 15:4) Kana irraa maal baranna? Barumsi guddaan argannu kana dha: Xiyyeeffannaa dhimma isa guddaa kana irratti, jechuunis ol aantummaan Yihowaa mirkaneeffamuu isaa irratti qabnu akka hin dhabneef, jireenya keenya irratti gar malee xiyyeeffachuu hin qabnu. Akkasumas, akkuma Iyoob rakkina keessatti illee jabaannee dhaabachuun keenya dhimma guddaa kana keessatti shoora ol aanaa qaba.
15. Qorumsi yeroo nu irra gaʼutti amanamoo taʼuun keenya buʼaa maalii argamsiisa?
15 Gatii guddaa amanamoo taʼuun keenya qabu irratti xiinxaluun keenya kan nu jajjabeessu maaliifi? Qorumsi nu irra gaʼu kaayyoo tokko waan qabuufi. Qorumsi kun Yihowaan nutti gadduu isaa kan argisiisu utuu hin taʼin, ol aantummaa Waaqayyoo akka deggerru argisiisuuf carraa nuu bana. (Fak. 27:11) Jabaannee dhaabachuun keenya “ejjennoo Waaqayyo duratti fudhatama qabu” nuuf argamsiisa; akkasumas abdii keenya nuuf jabeessa. (Roomaa 5:3-5 dubbisi.) Seenaan Iyoob jabaatee dhaabachuu isaa ibsu “Yihowaan jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa” taʼuu isaa argisiisa. (Yaq. 5:11) Kanaafuu, Yihowaan nuunis taʼe namoota ol aantummaa isaa deggeran hunda akka eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kana beekuun keenya ‘obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaannee dhaabachuuf’ nu gargaara.—Qol. 1:11.
XIYYEEFFANNAA HIN HIHHIRAMNE QABAACHUU
16. Barbaachisummaa ol aantummaan Yihowaa mirkanaaʼuun isaa qabu of yaadachiisuu kan qabnu maaliifi?
16 Ol aantummaan Yihowaa mirkanaaʼuu isaa irratti xiyyeeffachuun nutti ulfaachuu akka dandaʼu beekamaa dha. Rakkoowwan nu irra gaʼan darbee darbee humna keenyaa ol akka taʼan nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Rakkoowwan xixiqqoon illee gar malee kan irratti xiyyeeffannu yoo taʼe, sammuu keenya keessaa baʼuu dhiisuu dandaʼu. Kanaafuu, yeroo haalawwan rakkisoo taʼan nu mudatan, barbaachisummaa ol aantummaa Waaqayyoo deggeruun qabu of yaadachiisuun keenya baayʼee barbaachisaa dha.
17. Hojii Yihowaa irratti yeroo hundumaa hirmaachuun dhimma isa guddaa irratti xiyyeeffachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
17 Yeroo hundumaa hojii Yihowaan nuu kenne irratti kan hirmaannu yoo taʼe dhimma isa guddaa irratti xiyyeeffachuu keenya itti fufuu dandeenya. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatuun Reenii jedhamtu tokko dhukkuba kantara dhiigaatiin dararamaa kan turte siʼa taʼu, utuu wal irraa hin kutin dhukkubbii cimaan ishii rakkisa ture; kaansarii wajjinis walʼaansoo gochaa turte. Manneen yaalaa keessatti yeroo walʼaanamaa turtetti, hojjettoota hospitaalaa, namoota dhukkubsatanii fi namoota ishii gaafachuu dhufaniif dhugaa baateetti. Mana yaalaa tokkotti, torban lamaa fi walakkaa gidduutti tajaajila irratti saʼaatii 80 dabarsuu dandeesseetti. Reeniin yeroo duʼuu jala geessetti illee ol aantummaa Yihowaa irratti xiyyeeffachuu irraa duubatti hin jenne. Kun immoo, wantoota ishii yaaddessan tokko tokko dagachuuf ishii gargaareera.
18. Muuxannoon obboleettii tokkoo ol aantummaa Yihowaa deggeruun faayidaa akka qabu kan argisiisu akkamitti?
18 Guyyaa guyyaadhaan rakkoowwan garaa garaa yeroo nu irra gaʼanittis, ol aantummaa Yihowaa irratti xiyyeeffachuu akka barbaannu hin shakkisiisu. Janiifar gara biyya ishiitti deebiʼuuf guyyaa sadiif buufata xiyyaaraa turuun ishii barbaachisee ture. Guyyaan xiyyaarri itti deemu irraa jalaan jijijjiiramaa ture. Kophummaan waan itti dhagaʼamee fi waan dadhabdeef salphaatti gadduu dandeessi turte. Ishiin garuu, karaa namoota akkuma ishii haala rakkisaa kana keessa jiraniif dhugaa baʼuu itti dandeessu argachuuf kadhatte. Buʼaa akkamii argatte ree? Namoota hedduudhaaf dhugaa baʼuu fi barreeffamoota hedduu raabsuu dandeesseetti. Akkana jetteetti: “Yihowaan haalli rakkisaan yoo na mudate illee, akka na eebbisee fi karaa buʼaa gaarii argamsiisuun maqaa isaa beeksisuuf cimina akka naaf kenne natti dhagaʼama.” Dhuguma iyyuu, Janiifar kaayyoo Yihowaa irratti xiyyeeffachuu dandeesseetti.
19. Tajaajiltoonni Yihowaa ol aantummaa Yihowaa deggeruu wajjin haala wal qabateen ejjennoo akkamii fudhachuu qabu?
19 Ol aantummaa Yihowaa dinqisiifachuun, amantii dhugaa amantii sobaa irraa kan adda baasu dha. Sabni Waaqayyoo bara duriitii kaasee ol aantummaa isaa deggeraa turaniiru. Nutis waaqeffannaa dhugaa kan deggerru waan taaneef, tokkoon tokkoon keenya ilaalcha Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kana qabaachuuf carraaquu qabna.
20. Yihowaan carraaqqii ati ol aantummaa isaa deggeruuf gootu yommuu argu maaltu isatti dhagaʼama?
20 Yihowaan carraaqqii ati amanamummaadhaan tajaajiluu fi qorumsa keessa jabaattee dhaabachuudhaan ol aantummaa isaa deggeruuf gootuuf iddoo guddaa akka kennu matumaa hin shakkin. (Far. 18:25) Mata dureen itti aanu, garaa guutuudhaan ol aantummaa Yihowaa deggeruu kan qabdu maaliif akka taʼee fi akkamitti ol aantummaa isaa deggeruu akka dandeessu ibsa.