LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wt boq. 7 ful. 60-69
  • Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu Heyyamuusaarraa Maal Baranna?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu Heyyamuusaarraa Maal Baranna?
  • Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maqaasaa Isa Guddaadhaaf Jecha
  • ‘Ogummaan Waaqayyoo Hammam Gad Fagaataa!’
  • Namoota Waaqayyoo Ta’uu Keenya Akkamitti Argisiisuu Dandeenya?
  • Rakkina Danda’uudhaan Faayidaa Argachuu Dandeenya
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalinnii?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Kaayyoon Yihowaa ni Raawwatama!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
wt boq. 7 ful. 60-69

Boqonnaa Torba

Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu Heyyamuusaarraa Maal Baranna?

1, 2. (a) Yihowaan Eeden keessatti namoota isarratti ka’an battaluma sanatti utuu balleesseera ta’ee maal taana turre? (b) Yihowaan qophii akkamii nuu godhe?

YAAQOOB: “Barri jireenya koo kunis muraasa, hamaas ture” jechuudhaan dubbateera. (Uumama 47:9) Haaluma wal fakkaatuun Iyoobis, namni “barri isaa gabaabaa dha, rakkinni isaa immoo baay’ee dha” jechuudhaan dubbateera. (Iyoob 14:1) Akkumasaanii baay’ee keenyarras rakkinni ga’eera; dabni nurratti raawwatameera, wanti gaddisiisaanis nurra ga’eera. Haata’u malee, Waaqayyo akka dhalannu gochuunsaa dogoggoradha jechuu miti. Dhugaadha, akkuma Addaamiifi Hewwaan sammuufi qaama gonkummaa qabu hin qabnu; akkasumas Jannata isaan keessa turan keessa hin jirru. Haata’u malee, akkuma isaan isarratti ka’aniin Yihowaan utuu isaan balleesseera ta’ee maaltu ta’a ture? Ilmaan namootaa waan hin jiraanneef, dhukkubni, gaddi, ykn duuti hin jiraatu ture. Nutis hin dhalannu turre. Haata’u malee, ijoolleensaanii gonkummaa kan hin qabne ta’anillee, Waaqayyo oo’asaatiin Addaamiifi Hewwaan ijoollee akka godhataniif yeroo isaanii kenneera. Yihowaan karaa Kiristos wanta Addaamiifi Hewwaan dhaban, jechuunis bara baraaf lafa jannata taaturra akka jiraannuuf qophii nuu godheera.​—Yohannis 10:10; Roomaa 5:​12.

2 Namoonni hamoon erga badanii booda, addunyaa haaraa jechuunis Jannata dhukkubni, gaddi, waraanniifi duuti keessa hin jirre keessa jiraachuun kan nama gammachiisu mitii? (Fakkeenya 2:​21, 22; Mul’ata 21:​4, 5) Haata’u malee, fayyinni keenya nuunis ta’e Yihowaa kan gammachiisu ta’ullee, wanti kana caalaa barbaachisu tokko akka jiru Macaafni Qulqulluun ni ibsa.

Maqaasaa Isa Guddaadhaaf Jecha

3. Kaayyoon Yihowaan lafaafis ta’e ilmaan namootaatiif qabu raawwiisaa argachuusaa wajjin haala wal qabateen wanti bakka guddaan kennamuuf maalidha?

3 Kaayyoon Waaqayyo lafaafi namootaaf qabu raawwiisaa kan argatu haala maqaasaa wajjin wal qabateenidha. Maqaan Yihowaa jedhu hiiknisaa “Akka Ta’u Godha” jechuudha. Kanaafuu, maqaansaa kun Yihowaan uumama cufarratti olaanaa ta’uusaa, karoora kan baasu, karoorasaa kanas galmaan kan ga’u ta’uusaafi Waaqa dhugaa ta’uusaa kan argisiisudha. Yihowaan aangoo guddaa kan qabu waan ta’eef, uumamni cufti nageenyaafi jireenya argachuunsaanii, ulfina maqaasaatiif ta’u argisiisuusaaniirrattiifi isaaf abboomamuusaaniirratti kan hundaa’edha.

4. Kaayyoon Yihowaan lafaaf qabu maal kan dabalatu ture?

4 Yihowaan Addaamiifi Hewwaaniin erga uumee booda hojii isaaniif kenne. Jannata babal’isuudhaan lafa to’annaasaanii jala galchuu qofa utuu hin ta’in, lafa kana sanyiisaaniitiin akka guutan isaaniif ibsee ture. (Uumama 1:​28) Addaamiifi Hewwaan cubbuu hojjechuusaaniitiin qofa kaayyoonsaa kun utuu hin raawwatamin hafaa? Kana taanaan maqaa Yihowaa isa waan hundumaa danda’urratti arrabsoo fiduu danda’a.

5. (a) Addaamiifi Hewwaan ija mukaa hamaafi gaarii ittiin beekanirraa yoo nyaatan yoom du’u turan? (b) Yihowaan kaayyoo lafaaf qabu utuu hin dagatin wanta Uumama 2:17⁠rratti dubbate kan raawwate akkamitti?

5 Yihowaan, Addaamiifi Hewwaan ija mukaa hamaafi gaarii ittiin beekan sana yoo nyaatan ‘gaafuma sana’ akka du’an isaan akeekkachiisee ture. (Uumama 2:​17) Kanaan kan ka’es Yihowaan gaafuma cubbuu hojjetan murtoo du’aa isaanitti muruudhaan wanta dubbate raawwateera. Akka ilaalcha Waaqayyootti Addaamiif Hewwaan kan du’an gaafuma sana ture. Yihowaan kaayyoo lafaaf baase raawwachuuf jecha, qaamaan du’uusaanii dura akka ijoollee godhatan isaaniif heyyame. Haata’u malee, Waaqayyo waggaa 1,000 akka guyyaa tokkootti waan ilaaluuf, Addaam waggaa 930⁠tti du’uunsaa akkuma “guyyaa” tokkootti ilaalama. (2 Phexros 3:8; Uumama 5:​3-5) Kanaafuu, Yihowaan yoom akka adabaman ilaalchisee wanti dubbate dhugaa ta’uunsaa mirkanaa’eera; akkasumas isaan du’uusaaniitiin kaayyoon Yihowaan lafaaf qabu hin gufanne. Haata’u malee, yeroodhaaf hamoota dabalatee namoonni gonkummaa hin qabnes akka jiraatan heyyameera.

6, 7. (a) Akka Ba’uu 9:​15, 16⁠rratti ibsametti, Yihowaan rakkinni hamma bara keenyaatti akka itti fufu kan heyyame maaliifi? (b) Haala Fara’oonii wajjin wal qabateen humni Yihowaa kan mul’ateefi maqaansaa kan beekame akkamitti? (c) Sirni hamaan kun yeroo barbadaa’utti faayidaa akkamiitu argama?

6 Wanti Yihowaan bara Museetti mootii biyya Gibxiitti dubbate, rakkinni yeroodhaaf akka itti fufu maaliif akka heyyame hubannoo dabalataa nuuf kenna. Yeroo Fara’oon Israa’eloonni biyya Gibxii gadhiisanii akka adeeman heyyamuu didetti Yihowaan yeruma sana isa hin balleessine. Yihowaan biyyasaaniitti dha’icha kudhan fiduudhaan humna dinqisiisaa akka qabu argisiiseera. Yihowaan dha’icha isa torbaffaa akka fidu yeroo akeekkachiisetti, salphaadhumatti isaafi sabasaa lafarraa balleessuu akka danda’u Fara’oonitti himee ture. Yihowaan: “Haata’u iyyuu malee ani humna koo sitti argisiisuudhaaf, maqaan koos biyya hundumaa keessatti akka beeksifamuuf ati dhaabattee akka haftu nan godhe” jechuudhaan dubbateera.​—Ba’uu 9:​15, 16.

7 Dhugumayyuu, yeroo Yihowaan Israa’eloota biyya Gibxii baasetti, maqaansaa iddoo hundumaatti beekameera. (Iyaasuu 2:​1, 9-​11) Wantoonni kun kan raawwataman waggoota 3,500 dura ta’us, wanti inni godhe ammayyuu hin irraanfatamne. Maqaasaa isa Yihowaa jedhamu qofa utuu hin ta’in eenyummaansaas beekameera. Kunimmoo Yihowaan, Waaqa waadaa gale eeguufi tajaajiltootasaa oolchuuf tarkaanfii fudhatu ta’uusaa nu hubachiisa. (Iyaasuu 23:14) Humna hundumaa gochuuf isa dandeessisu waan qabuuf, eenyuyyuu kaayyoosaa akka galmaan hin geenye isa dhowwuu hin danda’u. (Isaayaas 14:24, 27) Kanaan kan ka’es, yeroo dhihootti guutummaa sirna Seexanaa barbadeessuudhaan tajaajiltootasaatiif jecha akka tarkaanfii fudhatu abdachuu dandeenya. Tarkaanfiin inni guyyaa sanatti humnasaa isa guddaadhaan fudhatu, maqaansaa bara baraaf akka hin irraanfatamne godha. Faayidaawwan yeroo sanatti argamanis kan dhuma hin qabne ta’u.​—Hisqi’el 38:23; Mul’ata 19:​1, 2.

‘Ogummaan Waaqayyoo Hammam Gad Fagaataa!’

8. Phaawulos wantoota akkamii akka yaadannu nu gorse?

8 Phaawulos ergaa warra Roomaatiif ergerratti: “Egaa karaa Waaqayyoo loogatu jira jenna moo ree?” jechuudhaan gaafateera. Itti dabalees: “Matumaa kun ta’uu hin danda’u” jechuudhaan deebii kenneera. Achiis oo’a Waaqayyoo jabeessee ibsuudhaan, Yihowaan Fara’oon yeroo xinnoodhaaf akka jiraatu maaliif akka heyyame dubbateera. Itti aansuudhaanis, nuti ilmaan namootaa akkuma suphee nama suphee dha’u harka jiruu akka taane ibseera. Itti fufuudhaanis akkas jedhe: “Waaqayyo inni dheekkamsa isaa argisiisuu, humna isaas beeksisuu barbaade, warra akka qodaa dheekkamsaa ta’anii badiisaaf qophaa’an kanaaf, baay’ee obsuu danda’eera yoo ta’e immoo maal ta’inna laata ree? Akkasumas badhaadhummaa ulfina isaa, namoota akka qodaa araaraa ta’an warra inni duraan dursee ulfinaaf qopheesse irratti, mul’isuudhaaf godheera yoo ta’eo? Warri qodaatti fakkeeffamnes nuyi; inni warra Yihudoota duwwaa waame utuu hin ta’in, Yihudoota warra hin ta’in keessaas waameera.”​—Roomaa 9:​14-​24.

9. (a) Warri ‘qodaa dheekkamsaa badiisaaf qophaa’etti’ fakkeeffaman eenyufa’i? (b) Yihowaan namoota isa mormanitti oo’a kan argisiise maaliifi? Bu’aan dhumarratti argamuhoo namoota isa jaallataniif faayidaa kan argamsiisu akkamitti?

9 Waaqayyorratti ka’uun Eedenitti erga jalqabamee kaasee, namoonni Yihowaas ta’e seerasaa morman ‘qodaa dheekkamsaa badiisaaf qophaa’e’ ta’aniiru. Yeroo sanaa kaasee hanga har’aatti Yihowaan obsa argisiiseera. Namoonni hamoon daandiisaattii ga’isaniiru; tajaajiltootasaa ari’ataniiru; Ilmasaallee ajjeesaniiru. Yihowaan tarkaanfii fudhachuurraa of qusachuudhaan, ilmaan namootaa isarraa adda ba’anii ofiin of bulchuuf yaalii gochuunsaanii balaa akkamii akka geessise uumamni hundi akka hubatu yeroo gahaa heyyameera. Duuti Yesus namoonni Yihowaadhaaf abboomaman badiisarraa akka oolan gochuusaarrayyuu ‘hojii Seexanaa diigeera.’​—1 Yohannis 3:8; Ibroota 2:​14, 15.

10. Waggoota 1,900 ta’aniif Yihowaan namoota hamoo balleessuurraa kan of qusate maaliifi?

10 Yesus erga du’aa ka’ee waggoota 1,900 boodallee, Yihowaan namoota ‘qodaa dheekkamsaatti’ fakkeeffaman balleessuurraa of qusachuudhaan obsa argisiiseera. Maaliifi? Sababiin inni tokko, namoota Mootummaa Waaqayyoorratti Yesusii wajjin bulchan walitti qabaa waan tureefidha. Lakkoofsi namoota kanaa 144,000 yeroo ta’u, Phaawulosis namoota kanaan “qodaa araaraa” jedhee waameera. Samiirratti mootota akka ta’aniif jalqaba kan waamaman Yihudoota yeroo ta’an, yeroo boodammoo Waaqayyo namoota Yihudoota hin taane waameera. Yihowaan namoonni kun akka isa tajaajilan hin dirqisiisne. Haata’u malee, namoonni qophiisaatiif dinqisiifannaa qaban Ilmasaa wajjin Mootummaa samiirratti akka bulchan mirga isaanii kenneera. Yeroo ammaatti lakkoofsi namoota kanaa guutuuf baay’ee xinnootu hafa.​—Luqaas 22:29; Mul’ata 14:​1-4.

11. (a) Yeroo ammaatti Yihowaan obsa argisiisuusaatti eenyufaatu faayidaa argachaa jira? (b) Namoonni du’anoo faayidaa kan argatan akkamitti?

11 Haata’u malee namoonni lafarra jiraatanoo abdii akkamii qabu? Obsi Yihowaa ‘tuutni sonaan baay’een’ saba hundumaa keessaa akka walitti qabaman godheera. Yeroo ammaatti lakkoofsisaanii miliyoonaan kan lakkaa’amu ta’eera. Yihowaan namoonni kun badiisa sirna hamaa kanarraa oolanii lafa jannata taaturra bara baraan akka jiraatan waadaa galeera. (Mul’ata 7:​9, 10; Faarfannaa 37:29; Yohannis 10:16) Yeroo Waaqayyo murteessetti, namoonni du’aa ka’anii Mootummaa samiitiif ajajamuudhaan lafarra jiraachuuf carraa argatu. Sagaleen Waaqayyoo Hojii Ergamootaa 24:15⁠rratti, ‘warra qajeelotaafi warra jal’ootaafis du’aa ka’uun akka jiru’ dubbata.​—Yohannis 5:​28, 29.

12. (a) Yihowaan warra hamoo balleessuurraa of qusachuunsaa waa’eesaa maal nu barsiisa? (b) Yihowaan dhimmawwan kanaaf furmaata akkasii kennuusaatti maaltu sitti dhaga’ama?

12 Wantoota kana keessatti jal’inni murtoo raawwatameeraa? Matumaa! Yihowaan haala kaayyoosaa wajjin wal simuun namoota hamoo ykn warra ‘qodaa dheekkamsaatti’ fakkeeffaman balleessuu dhiisuudhaan gara laafina argisiiseera. Kunimmoo hammam oo’aafi jaalala qabeessa akka ta’e kan argisiisudha. Kana malees, yeroo kaayyoonsaa caalaatti ifa nuuf ta’aa adeemu waa’ee Yihowaa waan baay’ee barachuu dandeenyeerra. Kanaan kan ka’es, amalawwansaa garagaraa jechuunis murtoosaa isa qajeelaa, oo’asaa, obsasaafi ogummaasaa hubachuu dandeenyeerra. Akkaataan Yihowaan mormii olaantummaasaarratti ka’eef deebii itti kenne, bulchuuf mirga kan qabu isa ta’uusaafi bulchiinsisaa hundumaarra kan caalu ta’uusaa kan mirkaneessudha. Akkuma Phaawulos nutis akkas jenna: “Badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam guddata! Ogummaan isaa fi beekumni isaa hammam gad fagaata! Akka inni itti murtoo godhu, namni qoree bira hin ga’u! Karaa isaas namni faana dha’ee hin hubatu!”​—Roomaa 11:33.

Namoota Waaqayyoo Ta’uu Keenya Akkamitti Argisiisuu Dandeenya?

13. Rakkinni yeroo nurra ga’u carraa akkamiitu nuu banama? Deebii sirrii laachuuf maaltu nu gargaara?

13 Tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun rakkina guddaa keessa jiru. Waaqayyo hamoota balleessuudhaan ilmaan namootaa deebisee ijaaruuf abdii kenne hanga yoonaatti waan hin raawwanneef rakkinni isaanirra ga’u itti fufa. Haala kanatti aaruu qabnamoo, Seexanni sobduu ta’uusaa argisiisuuf akka carraa nuu banutti ilaaluu qabnaa? Haala kana Seexanni sobduu ta’uusaa mirkaneessuuf itti fayyadamuu kan dandeenyu, jecha kanaa gaditti argamu sammuutti yoo qabanne qofadha: “Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan danda’utti, ati ogeessa ta’i, garaa na ciibsi!” (Fakkeenya 27:11) Seexanni inni Yihowaa arrabsu, namoonni yoo hiyyooman ykn yoo qaamasaaniirra rakkinni ga’e Waaqayyotti mufatu akkasumas isa arrabsu jedha. (Iyoob 1:​9-​11; 2:​4, 5) Yeroo rakkinni nurra ga’utti amanamoo taanee dhaabachuudhaan jechi kun soba ta’uusaa yoo mirkaneessine Yihowaa gammachiisna.

14. Yeroo rakkinni nurra ga’u Yihowaatti yoo amanamne faayidaa akkamii arganna?

14 Yeroo rakkinni nurra ga’u Yihowaatti yoo amanamne, amalawwan gaarii horachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, Yesus erga rakkinni isarra ga’ee booda haala isaan dura hin beekneen “abboomamuu bareera.” Nutis yeroo rakkoon nurra ga’u obsaafi jabina argachuudhaan, dinqisiifannaa daandiiwwan Yihowaatiif qabnu guddifachuu dandeenya.​—Ibroota 5:​8, 9; 12:11; Yaaqoob 1:​2-4.

15. Namoonni kaan rakkina nurra ga’u obsaan danda’uu keenyarraa kan fayyadaman akkamitti?

15 Warri kaan wanta nuti goonu ni ilaalu. Namoonni tokko tokko qajeelummaa jaallachuu keenyaan rakkina nurra ga’u yeroo ilaalan, Kiristiyaanonni dhugaan warra kam akka ta’an hubachuu danda’u. Isaanis nuu wajjin ta’uudhaan namoota eebba bara baraa argatan ta’uu danda’u. (Maatewos 25:34-​36, 40, 46) Yihowaafi Ilmisaa namoonni carraa kana akka argatan barbaadu.

16. Ilaalchi rakkina nurra ga’uuf qabnu tokkummaa keenyaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba?

16 Kanaafuu, haala rakkisaa jireenya keenya keessatti nu mudatu, nama Waaqayyoo ta’uu keenya argisiisuufi jaalalasaa raawwachuuf carraa kan nuu banu goonee ilaaluun keenya baay’ee kan nama jajjabeessu mitii? Kana gochuun keenya, Yihowaafi Kiristosii wajjin tokkummaadhaan deddeebi’uu keenya kan argisiisudha. Yesus namoota Kiristiyaana dhugaa ta’aniif akkas jechuudhaan Yihowaa kadhateera: “Isaan kana [bartootasaa] duwwaadhaaf miti, warra dubbii isaanii dhaga’anii anatti amananiifis immoo nan kadhadha malee. Isaanis tokko haa ta’aniif, yaa abbaa, akka ati ana keessa jirtu anis si keessa akkan jiru, isaanis nu keessa haa jiraataniif, biyyi lafaas ati akka na ergite haa beekuuf kadhachuu koo ti.”​—Yohannis 17:20, 21.

17. Yihowaadhaaf amanamoo yoo taane maal akka argannu abdachuu dandeenya?

17 Yihowaadhaaf amanamoo yoo taane innis baay’ee nu eebbisa. Sagaleensaa akkas jedha: “Egaa utuu hin socho’in jabaadhaatii dhaabadhaa! Itti dadhabuun keessan gooftaa biratti akkasumaan akka hin ta’in beektanii, yeroo hundumaa hojii gooftaa caalchisaa hojjedhaa!” (1 Qorontos 15:58) Itti dabaluudhaanis: “Waaqayyo hojii keessanii fi isa jaallachuu keessan . . .  hin irraanfatu, hin jal’isus” jedha. (Ibroota 6:​10) Yaaqoob 5:​11 akkas jedha: “Warra obsa-qabeeyyii turan sana, nuyi akka warra gammachuu qabaniitti isaan in ilaalla. Iyoob attam akka obse dhageessaniittu; wanta gooftaan ittiin raawwates argitaniittu. Kunis gooftichi gara-laafessa, oo’a-qabeessas ta’uu isaa in argisiisa.” Wanti Iyoob argate maalidha? “Waaqayyo bara jireenya Iyoob isa gara booddee isa gara duraa caalaatti in eebbise.” (Iyoob 42:10-​16) Eeyyee, Yihowaan ‘warra isa barbaadaniif gatii isaanii’ ni kenna. (Ibroota 11:6) Nutis gara fuulduraatti lafa jannata taaturra jireenya bara baraa akka argannu hawwiidhaan eegganna!

18. Wanti gadheen kanaan dura nurra ga’eefi sammuu keenya keessa jiru suuta suutaan maal ta’a?

18 Bulchiinsi Mootummaa Waaqayyoo, waggoota kumaan lakkaa’amaniif balaa ilmaan namootaarra ga’aa turan dhabamsiisa. Gammachuun yeroo sanatti argannu rakkina yeroo ammaatti nurra ga’aa jirurra baay’ee kan caalu ta’a. Yeroo sanatti rakkoowwan kanaan dura nurra ga’an yaadachuudhaan hin jeeqamnu. Addunyaa haaraa keessatti yaanniifi ilaalchi namootaa yeroo hundumaa kan nama gammachiisu waan ta’uuf, wantoonni gadheen dabarsine suutuma suuta sammuu keenya keessaa guutummaatti ni badu. Yihowaan akkas jechuudhaan dubbateera: “Kunoo, ani bantiiwwan waaqaa haaraa [Mootummaa haaraa samiirra ta’uudhaan ilmaan namootaa bulchitu] fi lafa haaraa [hawaasa qajeelaa] nan uuma; wanti dur ta’e hin yaadatamu, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufu.  . . . Isin wanta ani uumutti bara baraan gammadaa, ililchaas!” Addunyaa haaraa Yihowaan fidu keessatti qajeelonni akkas jechuu danda’u: “Amma biyyi lafaa guutummaatti boqonnaa fi gabii in argatte, gammachuudhaanis in ililchite.”​—Isaayaas 14:7; 65:17, 18.

Maree Irra Deebii

• Yihowaan rakkinni akka jiraatu heyyamus maqaasaatiif bakka guddaa akka kennu kan argisiise akkamitti?

• Waaqayyo namoota ‘qodaa dheekkamsaatti’ fakkeeffaman hanga yoonaatti obsuunsaa araarasaa akka argannu kan nu gargaare akkamitti?

• Rakkoon nurra ga’uunsaa carraa akkamii akka nuu banu hubachuu qabna?

[Fakkii fuula 67rra jiru]

Yihowaan “bara jireenya Iyoob isa gara booddee isa gara duraa caalaatti in eebbise”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi