Boqonnaa Kudha Sagal
Sagalee Waaqayyoo Ija Jabinaan Dubbachuukee Itti Fufi
1. (a) Bartoonni Yesus misiraachoo akkamii lallabaa turan? Haata’u malee, Yihudoonni tokko tokko deebii akkamii kennan? (b) Gaaffiiwwan akkamii kaasuu dandeenya?
WAGGOOTA 2,000 dura, Ilma Waaqayyoo kan ta’e Yesus Kiristos gara fuulduraatti guutummaa biyya lafaarratti Mootii akka ta’u muudameera. Yesus dhiibbaa namoota amantii qabna jedhaniin yoo ajjeefamellee Yihowaan du’aa isa kaaseera. Kanaan kan ka’es, Yesus karaa itti jireenya bara baraa argannu nuu baneera. Ta’us, bartoonni Yesus misiraachoo kana lallabuunsaanii ari’atama isaanirraan ga’eera. Isaan keessaa tokko tokko kan hidhamaniifi kan reebaman yeroo ta’u, waa’ee Yesus lammata akka hin lallabnes dhowwamanii turan. (Hojii Ergamootaa 4:1-3, 17; 5:17, 18, 40) Bartoonni kun maal godhaniree? Utuu si ta’ee maal goota turte? Ija jabinaan lallabuukee itti fufta turtee?
2. (a) Misiraachoo dinqisiisaan bara keenyatti lallabamuu qabu maalidha? (b) Misiraachoo kana lallabuuf itti gaafatamummaa kan qabu eenyu?
2 Mootii Mootummaa Waaqayyoo kan ta’e Yesus Kiristos, bara 1914tti ‘Diinotasaa gidduutti mo’uuf’ samii keessatti teessoorra taa’e. (Faarfannaa 110:2) Achiis Seexanniifi hafuuronni hamoon gara lafaatti darbataman. (Mul’ata 12:1-5, 7-12) Yeroo sanaa jalqabee, guyyaan gara dhumaa sirna hamaa kanaa jalqabeera. Guyyaan kun yeroo raawwatamuttis Waaqayyo guutummaa sirna Seexanaa ni balleessa. (Daani’el 2:44; Maatewos 24:21) Namoonni badiisa sanarraa oolan lafa jannata taaturra bara baraaf jiraachuuf abdii qabu. Misiraachoo kana fudhatteetta taanaan, namoota kaaniif hiruuf fedhii qabaachuunkee hin oolu. (Maatewos 24:14) Haata’u malee, deebiin namoonni kennan maal ta’uu danda’a?
3. (a) Namoonni ergaa Mootummichaatiif deebii akkamii kennu? (b) Gaaffii isa kam of gaafachuu qabna?
3 Misiraachoo Mootummichaa yeroo lallabdutti namoonni tokko tokko gammachuudhaan kan fudhatan ta’anis, namoonni hedduun garuu ergaa kanaaf dantaa hin qaban. (Maatewos 24:37-39) Warri tokko tokkommoo sitti ga’isuu ykn si mormuu danda’u. Yesus firoottankeellee si mormuu akka danda’an akeekkachiiseera. (Luqaas 21:16-19) Bakka hojiitti ykn mana barumsaatti mormiin sirra ga’uu danda’a. Biyyoota tokko tokkotti hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa mootummaa biyyichaatiin ittisameera. Haalli akkasii yoo si mudate, Sagalee Waaqayyoo ija jabinaan dubbachuukee itti fufuudhaan ‘amantiitti cimtee dhaabattaa’?—1 Qorontos 16:13.
Jabina Keenyatti Amanamuurraa Fagaachuu
4. (a) Ulaagaan tajaajiltoota Waaqayyoo warra amanamoo ta’uu keenya mirkaneessu maalidha? (b) Walga’iiwwanirratti argamuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
4 Namni tokko Yihowaadhaaf amanamaa ta’uu yoo barbaade qophiiwwansaarratti amantaa qabaachuunsaa barbaachisaadha. Qophiiwwansaa kana keessaa inni tokkommoo walga’ii gumiiti. Macaafni Qulqulluun walga’iiwwan kana akka waan salphaatti akka hin ilaalle nu akeekkachiisa. (Ibroota 10:23-25) Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota hidhata amantiisaanii ta’anii wajjin yeroo hundumaa walga’iirratti argamuuf carraaqqii cimaa godhu. Walga’iiwwan kanarratti argamuun keenya beekumsa Caaffata Qulqullaa’oorraa argannu nuu guddisa. Kana malees, hubannaan beekumsa dhugaarratti qabnuufi dandeettiin dhugaa kanaan fayyadamuuf qabnus ni guddata. Obboloota keenya warra waaqeffannaa dhugaa keessa jiranitti dhihaanna, akkasumas jajjabina fedha Waaqayyoo raawwachuuf nu dandeessisu arganna. Yihowaan hafuurasaatiin gargaaramee karaa gumii qajeelfama kan nuuf kennu yeroo ta’u, Yesusis karaa hafuura kanaa nu gidduutti argama.—Maatewos 18:20; Mul’ata 3:6.
5. Hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo ittifamutti, walga’iinsaanii kan gaggeeffamu akkamitti?
5 Walga’iiwwan hundumaarratti ni argamtaa? Barumsa walga’iiwwan kanarraa argattu hojiirra oolchuuf yaalii ni gootaa? Hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo ittifamu, obboloonni tuutaan hiramanii mana dhuunfaatti walga’ii godhu. Iddoofi sa’aatiinsaa kan jijjiiramu waan ta’eef yeroo hundumaa walga’iiwwanirratti argamuun mijaa’aa ta’uu dhiisuu danda’a; kana malees walga’iiwwan tokko tokko galgala godhamuu danda’u. Walga’iiwwan kanarratti argamuun kan namaaf hin mijoofne ykn balaa kan geessisu yoo ta’ellee, obboloonni amanamoo ta’an walga’iiwwan hundarratti argamuuf carraaqqii cimaa godhu.
6. Yihowaatti akka amanamnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuun keenya ija jabinaan lallabuu akka itti fufnu kan nu gargaaru akkamitti?
6 Gargaarsi Waaqayyoo akka nu barbaachisu hubachuudhaan yeroo hundaa garaadhaa kan kadhannu yoo ta’e, amantaan Yihowaarratti qabnu guddachaa adeema. Atoo kana ni gootaa? Yesus yeroo lafarratti tajaajilaa ture irra deddeebi’ee kadhannaa godha ture. (Luqaas 3:21; 6:12, 13; 22:39-44) Galgala fannifamee ajjeeffamuusaa dura turetti, “Qoramatti akka hin galleef dammaqaa, kadhadhaa!” jechuudhaan bartootasaa akeekkachiisee ture. (Maarqos 14:38) Namoonni ergaa Mootummichaatiif dantaa hin qabne yeroo nu mudatan, hinaaffaan tajaajila keenyaaf qabnu hira’chaa adeemuu danda’a. Yeroo namoonni nutti ga’isan ykn ari’atama nurraan ga’an, rakkina kanarraa ooluuf jecha tajaajila keenya dhaabuuf qoramuu dandeenya. Haata’u malee, hafuurri Waaqayyoo ija jabinaan lallabuu keenya akka itti fufnu akka nu gargaaruuf yoo kadhanne qorumsa kanaan hin mo’amnu.—Luqaas 11:13; Efesoon 6:18-20.
Seenaa Namoota Ija Jabinaan Dhugaa Ba’anii
7. (a) Seenaan macaafa Hojii Ergamootaarratti argamu xiyyeeffannaa keenya kan harkisu maaliifi? (b) Barumsichi akkamitti nu fayyaduu akka danda’u ibsuudhaan, gaaffiiwwan dhuma keeyyata kanaarratti dhihaatan deebisi.
7 Seenaan macaafa Hojii Ergamootaa keessatti argamu xiyyeeffannaa hunda keenyaa kan harkisudha. Ergamoonni Yesusiifi bartoonni garabiraan jaarraa jalqabaatti turan, rakkoowwan isaan mudatan mo’uudhaan ija jabina akka qabaniifi Yihowaadhaaf amanamoo ta’uusaanii argisiisaniiru. Mee amma gaaffiiwwaniifi caqasawwan kanatti aananii dhihaatanitti gargaaramuudhaan seenaawwan kana keessaa muraasasaanii haa ilaallu. Kana yeroo goonuttis seenaa dubbisaa jirturraa akkamitti faayidaa argachuu akka dandeessu yaadi.
Ergamoonni namoota barumsa sadarkaa olaanaa baratan turanii? Namoota uumamasaaniitiin wanti fedhe yoo dhufe hin sodaanne turanii? (Yohannis 18:17, 25-27; 20:19; Hojii Ergamootaa 4:13)
Phexros Yihudoota mana murtii olaanaa keessa turaniifi Ilma Waaqayyootti faradanii turanitti ija jabinaan akka dubbatu kan isa dandeessise maalidha? (Maatewos 10:19, 20; Hojii Ergamootaa 4:8)
Ergamoonni Yaa’ii warra Yihudootaa duratti dhihaachuusaanii dura maal gochaa turan? (Hojii Ergamootaa 1:14; 2:1, 42)
Warri yaa’ii Yihudootaa maqaa Yesusiin lallabuusaanii akka dhaaban yeroo isaan ajajanitti, Phexrosiif Yohannis maal jedhan? (Hojii Ergamootaa 4:19, 20)
Ergamoonni mana hidhaatii erga gadhiifamanii booda gargaarsa argachuuf kadhannaa kan dhiheessan gara eenyuutti ture? Kadhannaan isaan dhiheessan ari’atamni sun akka dhaabatuufimoo maaliif ture? (Hojii Ergamootaa 4:24-31)
Mormitoonni hojii lallabaa dhaabsisuuf yeroo carraaqqii godhanitti Yihowaan ergamootaaf gargaarsa kan kenne karaa kamiini? (Hojii Ergamootaa 5:17-20)
Ergamoonni mana hidhaatii kan hiikaman maaliif akka ta’e hubachuusaanii kan argisiisan akkamitti? (Hojii Ergamootaa 5:21, 41, 42)
Bartoonni hedduun sababii ari’atamaatiin yeroo bittimmaa’anittillee maal gochuusaanii itti fufan? (Hojii Ergamootaa 8:3, 4; 11:19-21)
8. Bartoonni jaarraa jalqabaa tajaajilarratti hirmaachuusaaniitiin bu’aa nama gammachiisu akkamiitu argame? Nutihoo hojii kanarratti hirmaachuu kan dandeenye akkamitti?
8 Hojiin Misiraachoo lallabuu bu’aa malee hin hafne. Duuka buutonni 3,000 ta’an Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti cuuphamaniiru. “Warri gooftaatti amanan, dhiironnis dubartoonnis, ittumaa baay’atan.” (Hojii Ergamootaa 2:41; 4:4; 5:14) Yeroo boodas, duuka buutotarratti ari’atama cimaa geessisaa kan ture namni biyya Tarsheesh inni Saa’ol jedhamu Kiristiyaana ta’uudhaan ija jabinaan waa’ee dhugaa lallabuu jalqabeera. Yeroo boodas Phaawulos jedhamee waamameera. (Galaatiyaa 1:22-24) Hojiin jaarraa jalqabaati jalqabame hin dhaabanne. Hojiin kun guyyoota gara dhumaa kanatti caalaatti babal’achuudhaan biyya lafaa hunda ga’eera. Nutis hojii kanarratti hirmaachuuf mirga kan arganne yommuu ta’u, yeroo kana goonuttis fakkeenya dhugaa baatota amanamummaadhaan tajaajilaa turanirraa barumsa argachuu dandeenya.
9. (a) Phaawulos carraawwan akkamiitiin fayyadamee dhugaa ba’a ture? (b) Atoo ergaa Mootummichaa warra kaaniin ga’uuf karaawwan kamiin fayyadamta?
9 Phaawulos waa’ee Yesus Kiristos dhugaasaa yeroo baratetti maal godhe? “Ergasii utuu hin turin . . . Yesus kun ilma Waaqayyoo ti jedhee lallabe.” (Hojii Ergamootaa 9:20) Gaarummaa Waaqayyoo kan dinqisiifate yeroo ta’u, misiraachoo argate kana namni hundinuu argachuu akka qabu hubatee ture. Phaawulos nama Yihudii waan tureef akka aadaa bara sana turetti dhugaa ba’uudhaaf gara mana sagadaa dhaqa ture. Manaa gara manaatti dhaquudhaan kan lallabe yeroo ta’u, gabaattis ragaa quubsaa dhiheessuudhaan namootaa wajjin ni mari’ata ture. Gara naannoowwan tajaajilaa haaraa dhaquudhaanis misiraachoo kana lallabuuf akka fedhii qabu argisiiseera.—Hojii Ergamootaa 17:17; 20:20; Roomaa 15:23, 24.
10. (a) Phaawulos yeroo dhugaa ba’u ija jabina qofa utuu hin ta’in nama hubannaa, qabu ta’uusaa kan argisiise akkamitti? (b) Nutis firoottan keenyaaf, namoota wajjin hojjennuufi wajjin barannuuf yeroo dhugaa baanu amala phaawulos calaqqisuu kan dandeenyu akkamitti?
10 Phaawulos ija jabina qofa utuu hin ta’in nama hubannaas qabu ture. Nutis akkumasaa ta’uu qabna. Yeroo Yihudoota argatu, waadaa Waaqayyo abbootiisaaniitiif galerratti hundaa’uudhaan isaan mari’achiisa ture. Yeroo Giriikota argatummoo wanta isaan beekan kaasuudhaan isaan haasofsiisa ture. Yeroo tokko tokkos akkamitti dhugaa akka bare muuxannoo mataasaatiin fayyadamuudhaan dhugaa ba’a ture: “Hojii wangeelaatiin kennaa isaa keessaa hirmaachuudhaaf, wangeelaaf jedhee kana hundumaa nan godha” jechuudhaan dubbateera.—1 Qorontos 9:20-23; Hojii Ergamootaa 22:3-21.
11. (a) Phaawulos namoota isa mormanii wajjin ammaa amma walitti falmuu mannaa maal godheera? (b) Nutihoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu yeroo haalli akkamii nu mudatudha? Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? (c) Humna ija jabinaan dubbachuu keenya itti fufuuf nu dandeessisu eessaa argachuu dandeenya?
11 Phaawulos namoota isa mormanii wajjin ammaa amma falmuu mannaa naannoo garabiraa dhaqee yeroo lallabes qaba ture. (Hojii Ergamootaa 14:5-7; 18:5-7; Roomaa 12:18) Haata’u malee, matumaa misiraachoo kanatti qaana’ee hin beeku. (Roomaa 1:16) Gidiraafi reebichi namoonni isa morman isarratti raawwatan isa gammachiisuu baatus, wangeela kana lallabuusaa akka itti fufu ‘Waaqayyo ija jabina isaaf kenneera.’ Akkas jechuudhaan dubbateera: “Wangeelli karaa koo guutummaatti akka lallabamuuf . . . gooftichi na bukkee dhaabatee na jabeesse.” (1 Tasaloniiqee 2:2; 2 Ximotewos 4:17) Mataa gumii kan ta’e Yesus, bara keenyatti hojii akka hojjetamu dubbatame akka hojjennuuf humna nu barbaachisu nuu kennuusaa itti fufeera.—Maarqos 13:10.
12. Ija jabeeyyii ta’uu keenya akkamitti argisiisuu dandeenya? Kana gochuuf wanti nu kakaasu maalidha?
12 Akkuma Yesusiifi tajaajiltoonni Waaqayyoo warri amanamoo ta’an jaarraa jalqabaatti godhanitti, nutis Sagalee Waaqayyoo ija jabinaan lallabuuf sababii quubsaa qabna. Kana jechuun garuu warra kaaniif hin yaannu ykn warra ergaa kana dhaga’uu hin barbaanne dirqamaan akka dhaga’an goona jechuu miti. Haata’u malee, namoonni dantaa waan dhabaniif lallabuu keenya hin dhaabnu; ykn waan nu mormaniif hin callisnu. Akkuma Yesus godhe nutis, biyya lafaa kana bulchuuf mirga kan qabu Mootummaa Waaqayyoo qofa ta’uusaa ni beeksisna. Yihowaa isa uumama cufarratti olaantummaa qabu cina dhaabannee waan dubbannuufi ergaan nuti lallabnus kan keenya utuu hin ta’in kansaa waan ta’eef ija jabinaan dubbanna. Yihowaa jajachuuf wanti nu kakaasu jaalala isaaf qabnu ta’uu qaba.—Filiphisiiyus 1:27, 28; 1 Tasaloniiqee 2:13.
Maree Irra Deebii
• Hanga danda’ametti namoota hundumaatti ergaa Mootummichaa himuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Haata’u malee deebiin namootaa maal ta’uu danda’a jennee eeguu qabna?
• Yihowaa kan tajaajillu jabina keenyaan akka hin taane akkamitti argisiisuu dandeenya?
• Macaafa Hojii Ergamootaarraa barumsa gaarii akkamii arganna?
[Fakkii fuula 173rra jiru]
Akkuma jaarraa jalqabaa, Dhugaa Baatonni Yihowaa Sagalee Waaqayyoo ija jabinaan lallabu