Boqonnaa Kudha Saddeet
‘Isaan Kan Biyya Lafaa Miti’
1. (a) Yesus galgala ajjeefamuusaa dura turetti waa’ee bartootasaa maal jedhee kadhate? (b) ‘Kan biyya lafaa ta’uu dhiisuun’ baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
YESUS galgala ajjeefamuusaa dura turetti bartootasaatiif kadhateera. Seexanni dhiphina guddaa akka isaanitti fidu waan beekuuf, akkas jechuudhaan Abbaasaatti kadhannaa dhiheesseera: “Isa hamaattii akka isaan eegduuf malee, biyya lafaa keessaa akka isaan baaftuuf si hin kadhadhu. Akkuma ani kan biyya lafaa hin ta’in, isaanis kan biyya lafaa miti.” (Yohannis 17:15, 16) Biyya lafaarraa adda ta’uun baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Biyya lafaa kan seerratu Seexana waan ta’eefidha. Kiristiyaanonnimmoo kan biyya lafaa isa Seexanni bulchu kanaa ta’uu hin barbaadan.—Luqaas 4:5-8; Yohannis 14:30; 1 Yohannis 5:19.
2. Yesus kan biyya lafaa akka hin taane kan argisiise karaawwan kamiini?
2 Yesus kan biyya lafaa hin turre jechuun, inni warra kaaniif jaalala hin qabu ture jechuu miti. Kanaa mannaa, warra dhukkubsatan fayyiseera; warra du’an kaaseera; akkasumas waa’ee Mootummaa Waaqayyoo namoota barsiiseera. Kanarra darbees lubbuusaa ilmaan namaatiif kenneera. Haata’u malee, fedhaafi hojii namoota seera Waaqayyoo hin eegneefi hafuura addunyaa Seexanaa hin jaallatu ture. Kanaan kan ka’es, utuu wal hin fuudhin saalquunnamtii gochuurraa, qabeenyaaf bakka guddaa kennuufi beekamaa ta’uuf hawwuurraa akka fagaatan akeekkachiiseera. (Maatewos 5:27, 28; 6:19-21; Luqaas 20:46, 47) Maarree, Yesus siyaasa biyya lafaa kanarraa fagaachuunsaa nu dinqisiisuu qabaa? Inni Yihudii yoo ta’ellee, walitti bu’iinsa siyaasaa warra Roomaafi Yihudoota gidduu ture keessa hin galle.
“Mootummaan Inni Kan Kootii Mootummaa Biyya Lafa Kanaa Miti”
3. (a) Geggeessitoonni amantii Yihudii Philaaxos duratti waa’ee Yesus maal jedhanii himata sobaa dhiheessan? Kana kan godhan maaliif ture? (b) Yesus mootii namootaa ta’uu akka hin barbaanne kan argisiisu maalidha?
3 Geggeessitoonni amantii Yihudii Yesusiin qabanii gara bulchaa biyya Roomaa kan ta’e Philaaxositti yeroo geessan wanta ta’e hubadhu. Namoonni kun Yesus of hin arginee ta’uusaanii waan saaxileef baay’ee isatti aaranii turan. Bulchaan biyya Roomaa isarratti tarkaanfii akka fudhatu kakaasuuf akkas jechuudhaan himata dhiheessan: “Namni kun saba keenya karaa irraa kaachisuu isaa, mootii warra Roomaatiif gibira baasuun hin ta’u jedhee ittisuu isaa, ani Kristos mootii dha ofiin jechuu isaa qorree bira geenyeerra.” (Luqaas 23:2) Sana dura Yesus yeroo sabni mootii isa gochuuf yaalan didee waan tureef himanni kun soba ture. (Yohannis 6:15) Yesus gara fuulduraatti samiirratti Mootii akka ta’u beeka ture. (Luqaas 19:11, 12) Kana malees, mootii kan isa godhu Yihowaa malee namoota miti.
4. Yesus gibira kaffaluu ilaalchisee ilaalcha akkamii qaba ture?
4 Yesus utuu hin qabamin guyyoota sadii dura, Fariisonni haala gibira kaffaluu wajjin wal qabateen dogoggora isa dubbachiisuuf yaalii godhanii turan. Haata’u malee inni akkas isaaniin jedhe: “Horii ittiin bittanii gurgurtan tokko anatti argisiisaa; bifa eenyuutu, caaffata eenyuutus horicha irra jira?” Yeroo isaan “Kan mooticha warra Roomaa ti” jedhan, innimmoo deebisee: “Yoos immoo mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta’u, Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa!” isaaniin jedhe.—Luqaas 20:20-25.
5. (a) Yesus yeroo qabametti bartootasaatiif barumsa akkamii kenne? (b) Yesus kana maaliif akka godhe kan ibse akkamitti? (c) Dhumarrattoo Yesusitti maaltu faradame?
5 Yesus namoonni warra aangoo qabanirratti akka ka’an hin barsiisne. Loltoonniifi namoonni kaan Yesusiin qabuu yeroo dhufanitti Phexros billaa luqqifatee gurra nama tokkoo kute. Yesus garuu akkas jedhe: “Billaa kee mann’ee isaatti deebisi; warri billaa luqqifatan hundinuu billaadhaan in badu.” (Maatewos 26:51, 52) Guyyaa itti aanutti Yesus kana maaliif akka godhe Philaaxositti akkas jechuudhaan dubbate: “Mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti; utuu mootummaa biyya lafa kanaa ta’ee, akka ani warra Yihudootaatti hin kennamneef, namoonni koo anaaf in lolu turan.” (Yohannis 18:36) Philaaxos, Yesus ‘yakka tokkollee’ akka hin raawwanne kan amane ta’us dhiibbaa saba sanaa waan sodaateef Yesus akka fannifamu godheera.—Luqaas 23:13-15; Yohannis 19:12-16.
Bartoonni Qajeelfama Yesus Hordofu
6. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa hafuura biyya lafaarraa akka fagaataniifi namoota akka jaallatan kan argisiisan akkamitti?
6 Bartoonni Yesus kan biyya lafaa ta’uu dhiisuuf wanta isaanirraa barbaadamu hubataniiru. Kana jechuun hafuuraafi gocha biyya lafaa isa Waaqayyorraa adda ba’erraa fagaachuu jechuudha. Kunimmoo, bashannana sarkasiifi tiyaatrii warra Roomaa isa gara jabinaafi amala addaggummaa argisiisurraa fagaachuus kan dabalatu ture. Bartoonni Yesus bashannana akkasiirraa waan fagaataniif akka waan namoota jibbaniitti ilaalamu turan. Haata’u malee, bartoonni kun namoota jibbuu mannaa, warri kaan qophii Waaqayyo fayyinaaf qopheesserraa akka fayyadaman gargaaruuf ciminaan hojjetaniiru.
7. (a) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa kutaa biyya lafaa ta’uu dhiisuusaaniitiin maaltu isaanirra ga’e? (b) Namoota aangoorra turaniifis ta’e gibira kaffaluudhaaf ilaalcha akkamii qabu turan? Maaliif?
7 Bartoonni Yesusis akkuma inni ari’atamaa ture namoota aangoo qabaniifi oduu sobaa dhaga’aniin ari’atamaniiru. Haata’u malee, Dh.K.B. bara 56tti Phaawulos Kiristiyaanota biyya Roomaatti argamaniif akkas jechuudhaan barreesseera: “Namni hundinuu warra biyya bulchuudhaaf aboo qabaniif haa abboomamu! Fedha Waaqayyoo malee aboo qabachuun hin danda’amu.” Kana jechuun garuu mootummaa namootaa kan hundeesse Yihowaadha jechuu miti; kanaa mannaa hanga Mootummaansaa qofti guutummaa biyya lafaa bulchutti mootummoonni kun akka jiraatan heyyameera jechuudha. Kanaafuu, Phaawulos Kiristiyaanonni namoota aangoo qaban akka kabajaniifi gibira akka kaffalan gorsa kennuunsaa sirrii ture.—Roomaa 13:1-7; Tiitoos 3:1, 2.
8. (a) Kiristiyaanonni namoota aangoo qabaniif abboomamuu kan qaban hanga maaliitti? (b) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa fakkeenya Kiristos kan hordofan akkamitti?
8 Haata’u malee, Kiristiyaanonni namoota aangoo siyaasaa qabaniif ni abboomamu jechuun daangaa tokko malee abboomamu jechuu miti. Seerri namootaa seera Yihowaa wajjin yeroo walitti bu’u, tajaajiltoonni Yihowaa seera Isaatiif abboomamu. Kitaabni Oon Za Rood Tuu Sivilaayizeeshin—E Woorlid Histirii jedhamu Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa ilaalchisee maal akka jedhe qalbeeffadhu: “Kiristiyaanonni hojiiwwan namoonni lammii Roomaa ta’an hojjetan tokko tokko hojjechuu hin barbaadan turan. Kiristiyaanonni . . . loltuu waraanaa ta’uu akka gocha amantiisaanii wajjin wal faallessutti ilaalu turan. Aangoo siyaasaa kan hin qabanne yeroo ta’u, moototas hin waaqeffatan turan.” Yaa’iin warra Yihudootaa bartoonni lallabuusaanii akka dhaaban yeroo ‘cimsee isaan abboometti’ “Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira” jechuudhaan deebii kennaniiru.—Hojii Ergamootaa 5:27-29.
9. (a) Kiristiyaanonni Yerusaalem keessa turan Dh.K.B. bara 66tti gara tulluutti kan baqatan maaliif ture? (b) Kana gochuunsaanii fakkeenya gaarii kan ta’e karaa kamiini?
9 Bartoonni Yesus walitti bu’iinsa siyaasaafi waraanarraa guutummaatti walaba turan. Yihudoonni biyya Yihudaatti argaman Dh.K.B. bara 66tti mootii biyya Roomaarratti ka’an. Waraanni warra Roomaas yeruma sana Yerusaalemiin marse. Kiristiyaanonni magaalattii keessa turan maal godhan? Gorsa Yesus magaalattii dhiisanii akka baqataniif isaanii kennee ture yaadatan. Waraanni warra Roomaa yeroo xinnoodhaaf achii gadhiisee yeroo adeemetti, Laga Yordaanos qaxxaamuranii gara tulluu Pheelaatti baqatan. (Luqaas 21:20-24) Walitti bu’iinsa biyya lafaa keessa galuurraa of qusachuunsaanii Kiristiyaanota amanamoo isaan booda turaniif fakkeenya gaarii ta’eera.
Kiristiyaanonni Bara Dhumaa Kana Keessa Jiran Siyaasa Keessa Hin Galan
10. (a) Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo dheeraadhaaf hojii isa kam hojjetaniiru? Maaliif? (b) Dhimmawwan akkamii keessatti hirmaachuurraa of qusataniiru?
10 Bara dhumaa kana keessattis namoonni fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa hordofanii, siyaasa keessa galuurraa of qusachuudhaan seenaa gaarii galmeessisan jiruu? Eeyyee, Dhugaa Baatonni Yihowaa kana godhaniiru. Bara dhumaa kana keessa Dhugaa Baatonni kun namoota qajeelummaa jaallataniif nagaa, badhaadhinaafi gammachuu fiduu kan danda’u Mootummaa Waaqayyoo qofa ta’uusaa lallabaniiru. (Maatewos 24:14) Haata’u malee, walitti bu’iinsa saboota gidduutti taasifamaa ture keessa galuurraa of eeganiiru.
11. (a) Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasarraa fagaachuunsaanii gochawwan luboonni raawwatanii wajjin kan wal faallessu akkamitti? (b) Dhugaa Baatonni Yihowaa wanta warri kaan siyaasa keessa galuudhaan raawwataniif ilaalcha akkamii qabu?
11 Haala kanarraa faallaa ta’een garuu, luboonni amantii biyya lafaa kallattiidhaan dhimmawwan siyaasaa keessatti hirmaachaa jiru. Biyyoota tokko tokkotti yeroo filannoon godhamu, namoota filataman deggeruu ykn mormuudhaan olola geggeessu. Luboonni tokko tokkos aangoo siyaasaa qabataniiru. Warri kaanimmoo wanti isaan barbaadan akka hojiirra oolu gochuuf namoota siyaasaarratti dhiibbaa geessisu. Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu dhimmawwan siyaasaa keessa hin galan. Ta’us, warri kaan miseensa siyaasaa akka hin taane, siyaasa keessatti taayitaa argachuuf akka hin dorgomnes ta’e filannoorratti akka hin hirmaanne gochuuf yaalii hin godhan. Yesus bartoonnisaa kan biyya lafaa akka hin taane waan dubbateef Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasa keessa hin galan.
12. Amantiiwwan biyya lafaa siyaasa keessa galuunsaanii rakkina akkamii geessiseera?
12 Akkuma Yesus dursee raajiidhaan dubbate, saboonni yeroo baay’ee waraanarratti bobba’aniiru. Namoonni biyya tokko keessa jiraatanillee gareedhaan wal hiranii wal ajjeesaniiru. (Maatewos 24:3, 6, 7) Yeroo hundumaa geggeessitoonni amantii saba tokko deggeranii isa kaan kan morman yommuu ta’u, duuka buutonnisaaniis kana akka raawwatan jajjabeessu. Kunoo rakkina akkamii geessise? Namoonni amantii tokko hordofan lammiin ykn qomoonsaanii adda waan ta’eef qofa wal ajjeesu. Kunimmoo wanta fedha Waaqayyoo wajjin wal faallessudha.—1 Yohannis 3:10-12; 4:8, 20.
13. Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasa keessatti akka hin hirmaanne ragaa isa kamtu argisiisa?
13 Haata’u malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa walitti bu’iinsa godhame hundaa keessaa of qusatanii jiraataniiru. Masaraan Eegumsaa Sadaasa 1, 1939tti maxxanfame: “Namoonni Gooftaa deggeran hundi waraana saboonni godhan keessa galuu hin qaban” jechuudhaan ibsee ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa saba hundumaa keessa jiran haala akkamii keessayyuu yoo jiraatan ejjennoosaanii kanarraa duubatti hin jedhan. Siyaasniifi waraanni biyya lafaa inni namoota gargar hiraa jiru tokkummaa obbolummaa addunyaa maratti qaban akka isaan jalaa diigu hin barbaadan. “Isaan billaa isaanii maarashaa, eeboo isaaniis isa ittiin muka qeexxa’an in tumsiifatu.” Dhimma siyaasaarraa walaba waan ta’aniif waraana hin baratan.—Isaayaas 2:3, 4; 2 Qorontos 10:3, 4.
14. Dhugaa Baatonni Yihowaa biyya lafaa kanarraa adda ta’uusaaniitiin rakkinni akkamii isaanirra ga’eera?
14 Dhimma siyaasaa keessa galuu dhiisuusaaniitiin rakkina isaanirra ga’u keessaa inni tokko maalidha? Yesus: “Isin kan biyya lafaa waan hin ta’iniif, biyyi lafaa isin in jibba” jedheera. (Yohannis 15:19) Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun tajaajiltoota Waaqayyoo waan ta’aniif hidhamaniiru. Akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa, Dhugaa Baatonni Yihowaa tokko tokko gidiraa arganiiru, akkasumas ajjeefamaniiru. Kunis kan isaanirra ga’e, Seexanni “waaqayyicha bara si’anaa kana ta’e” tajaajiltoota Yihowaa warra kan biyya lafaa hin taane waan mormuufidha.—2 Qorontos 4:4; Mul’ata 12:12.
15. (a) Saboonni gara maaliitti adeemaa jiru? (b) Biyya lafaarraa adda ta’anii jiraachuun akka salphaatti ilaalamuu kan hin qabne maaliifi?
15 Saboonni biyya lafaa hundi badiisa Armaagedoonitti adeemaa waan jiraniif, Dhugaa Baatonni Yihowaa kan biyya lafaa ta’uu dhiisuusaaniitti ni gammadu. (Daani’el 2:44; Mul’ata 16:14, 16; 19:11-21) Nuti biyya lafaarraa adda taanee waan jiraannuuf badiisni kun nurra hin ga’u. Addunyaa maratti saba tokkummaa qabu ta’uudhaan Mootummaa Waaqayyoo isa samiirratti argamuuf amanamoo taana. Dhugaadha, biyya lafaa kanarraa adda waan taaneef namoonni biyya lafaa nutti ga’isuufi ari’atama nurraan ga’uu danda’u. Ta’uyyuu, yeroo dhihootti addunyaa hamaan bulchiinsa Seexanaa jala jiru kun guutummaatti bara baraaf waan baduuf rakkinni kun ni dhaabata. Karaa garabiraammoo, namoonni Yihowaa tajaajilan addunyaa haaraa Mootummaan Waaqayyoo fiduufi qajeelummaan keessa buufatu keessa bara baraaf jiraatu.—2 Phexros 3:10-13; 1 Yohannis 2:15-17.
Maree Irra Deebii
• Yesus, ‘kan biyya lafaa ta’uu dhiisuu’ jechuun maalfaa akka dabalatu kan argisiise akkamitti?
• Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa (a) hafuura biyya lafaatiif, (b) namoota biyya bulchaniifi (c) gibira kaffaluudhaaf ilaalcha akkamii qabu turan?
• Dhugaa Baatonni Yihowaa biyya lafaarraa adda ta’anii jiraachuusaanii kan argisiisan karaa kamiini?
[Fakkii fuula 165rra jiru]
Yesus, innis ta’e bartoonnisaa “kan biyya lafaa” akka hin taane dubbateera