LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lr boq. 12 ful. 67-71
  • Yesus Kadhannaa Akka Dhiheessinu Nu Barsiiseera

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesus Kadhannaa Akka Dhiheessinu Nu Barsiiseera
  • Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mirga Kadhannaa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Mirga Kadhannaatiif Bakka Guddaa Kenni
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
lr boq. 12 ful. 67-71

BOQONNAA 12

Yesus Kadhannaa Akka Dhiheessinu Nu Barsiiseera

Yesus galgala kophaa isaa taʼee yommuu kadhannaa  dhiheesssu

YIHOWAATTI ni dubbattaa?— Inni akka isatti dubbattu barbaada. Waaqayyotti dubbachuun kadhannaa jedhama. Yesus yeroo baayʼee Abbaasaa isa samiitti dubbata ture. Yeroo tokko tokko yommuu Waaqayyotti dubbatu kophaasaa taʼuu barbaada ture. Macaafni Qulqulluun yeroo tokko Yesus, “kophaa isaatti kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol baʼe; yommuu galgalaaʼes kophaa isaa achi ture” jedha.—Maatewos 14:23.

Atoo yoomfaa kophaakee Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu dandeessa?— Tarii galgala rafuukee dura kophaakee Yihowaatti dubbachuu dandeessa. Yesus, “Ati garuu yeroodhuma kadhattu mana keetti ol gali, balbala cufadhu, abbaa kee . . . kadhadhu!” jedheera. (Maatewos 6:6) Galgala rafuukee dura yeroo hunda Yihowaatti kadhannaa ni dhiheessitaa?— Akkas gochuu qabda.

Yesus awwaala Alaazaar irratti sagalee ol kaasee kadhateera

Yesus yeroo kophaasaa turettis taʼe . . . yeroo namootaa wajjin turetti kadhannaa dhiheesseera

Yesus yeroo namootaa wajjin taʼuttis ni kadhata ture. Yesus yeroo michuunsaa Alaazaar duʼetti, namootaa wajjin bakka inni itti awwaalame dhaquudhaan kadhannaa dhiheesseera. (Yohannis 11:41, 42) Yesus yeroo ergamootasaa wajjin walgaʼii godhuttis ni kadhata ture. Atoo walgaʼiiwwan keenya bakka kadhannaan itti godhamurratti ni argamtaa?— Walgaʼiiwwan kanarratti yeroo baayʼee nama guddaatu kadhannaa dhiheessa. Namni kun siinis bakka buʼee Waaqayyotti waan dubbatuuf, wanta inni dubbatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. Kadhannaa kana sirriitti yoo dhaggeeffatte “Ameen!” jechuu dandeessa. Yeroo kadhannaan xumuramu “Ameen!” jechuun maal jechuu akka taʼe beektaa?— Kadhannaa kanatti gammaddeetta jechuudha. Kadhannaa kanatti akka walii galtuufi kadhannaankees akkasuma akka taʼu akka barbaaddu argisiisa.

Maatii walga’ii gumii irratti yeroo kadhatamu dunuunfatanii dhaggeeffachaa jiran

Kadhannaa walgaʼiirratti dhihaatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu kan qabdu maaliifi?

Yesus nyaatarrattis kadhateera. Nyaata argateef Yihowaa galateeffateera. Atoo, nyaata nyaachuukee dura yeroo hunda kadhannaa ni dhiheessitaa?— Nyaata nyaachuu keenya dura nyaata sanaaf Yihowaa galateeffachuun keenya gaariidha. Warra kaanii wajjin yommuu nyaattu tokkoon keessan kadhannaa dhiheessitu taʼa. Kophaakee ykn namoota Yihowaa hin galateeffannee wajjin kan nyaattu yoo taʼehoo?— Dhuunfaakeetti kadhannaa dhiheessuun si barbaachisa.

Yeroo hunda sagaleekee ol kaastee kadhannaa dhiheessuu qabdaa? Sagaleekee utuu hin dhageessisin kadhannaa yoo dhiheessite Yihowaan si dhagaʼuu dandaʼaa?— Deebii gaaffii kanaa wanta Nahimiiyaan godherraa argachuu dandeenya. Nahimiiyaan nama Yihowaa waaqeffatu siʼa taʼu, nama mana mootummaa Mooticha Faares Artashaastaa keessatti hojjetu ture. Gaaf tokko Nahimiiyaan dallaan Yerusaalem isheen magaalaa guddoo namoonni sanyiisaa taʼan keessa jiraatan diigamuusaa waan dhagaʼeef baayʼee gaddee ture.

Nahimiiyaan sagalee isaa utuu hin dhageessisin yommuu kadhatu, mucaa mana barumsaatti laaqana nyaachuu isaa dura kadhachaa jiru

Akkuma Nahimiiyaan godhe, utuu sagaleekee hin dhageessisin yeroo akkamiitti kadhannaa dhiheessuu dandeessa?

Mootichis Nahimiiyaan maaliif akka gadde yommuu isa gaafate, Nahimiiyaan deebii kennuusaa dura utuu sagaleesaa hin dhageessisin kadhannaa dhiheesse. Achiis maaliif akka gadde mootichaaf erga ibsee booda, gara Yerusaalem dhaqee dallicha deebisee akka ijaaru akka isaaf heyyamu mooticha gaafate. Sana booda maaltu raawwatame?—

Eeyyee, Waaqayyo kadhannaa Nahimiiyaatiif deebii kenneera. Mootichi, Nahimiiyaan bakka jedhe sana akka dhaqu heyyameef. Kana malees mootichi Nahimiiyaan dallicha akka itti ijaaruuf muka hedduu kenneef. Kanaaf, utuu sagalee keenya hin dhageessisin kadhannaa yoo dhiheessinellee, Waaqayyo deebii nuu kennuu dandaʼa jechuudha.—Nahimiyaa 1:2, 3; 2:4-8.

Mee haalawwan armaan gadiirratti yaadi. Yommuu kadhannaa dhiheessitu mataakee gadi qabuu qabdaa? Jilbeenfachuuhoo qabdaa? Maal sitti fakkaata?— Yesus yeroo tokko tokko jilbeenfatee, yeroo tokko tokkommoo dhaabatee kadhannaa dhiheessa ture. Darbee darbeemmoo akkuma yeroo Alaazaar duʼe godhetti, mataasaa ol kaasee kadhannaa dhiheessa ture.

Yaadawwan kanarraa maal baranna?— Eeyyee, akkaataan kadhannaa itti dhiheessitu jijjiirama akka hin fidne baranna. Yeroo tokko tokko mataakee gadi qabuufi ijakee dunuunfachuun gaarii taʼuu dandaʼa. Yeroo tokko tokkommoo, akkuma Yesus godhe jilbeenfachuu barbaadda taʼa. Haataʼu malee, Waaqayyo kadhannaa haala kamiittiyyuu dhiheessinu dhagaʼuu akka dandaʼu yaadadhu. Yeroo kadhannaa dhiheessinu wanti yaadachuu qabnu inni guddaan, Yihowaan kadhannaa keenya akka dhagaʼu amanuudha. Atoo, Yihowaan kadhannaakee akka dhagaʼu ni amantaa?—

Mucaa siree isaa bira jilbeenfatee kadhachaa jiru

Kadhannaakee keessatti waaʼee maalii Waaqayyotti dubbachuu dandeessa?

Kadhannaa Yihowaadhaaf dhiheessinurratti waaʼee maalii caqasuu qabna?— Mee natti himi: Yommuu kadhannaa dhiheessitu waaʼee maalii Waaqayyotti dubbatta?— Yihowaan wantoota gaggaarii hedduu waan nuu kenneef, wantoota kanaaf isa galateeffachuun keenya gaarii mitii?— Nyaata nyaannuuf isa galateeffachuu dandeenya. Haataʼu malee, addeessa, mukeetiifi abaaboowwan babbareedoo waan uumeef isa galateeffattee beektaa?— Wantoota kanas isatu uume.

Yeroo tokko, duuka buutonni Yesus akkamitti akka kadhannu nu barsiisi jedhanii isa gaafatanii turan. Barsiisaa Guddichis kana kan godhe siʼa taʼu, dhimmawwan barbaachisoon kadhannaasaanii keessatti caqasuu qaban maalfaa akka taʼan isaanitti himeera. Dhimmawwan kun maalfaa akka taʼan beektaa?— Macaafa Qulqulluukee baasiitii Maatewos boqonnaa 6 haa ilaallu. Lakkoofsa 9 hanga 13rratti, kadhannaa namoonni hedduun beekaniifi “Yaa Abbaa Keenyaa!” jedhamu arganna. Mee caqasa kana waliin haa dubbisnu.

Asirratti Yesus waaʼee maqaa Waaqayyoo akka kadhannu nutti himuusaa ilaalla. Maqaan Waaqayyoo qulqulluu taʼee akka eegamu ykn akka qulqulluutti akka ilaalamu akka kadhannu nutti himeera. Maqaan Waaqayyoo eenyudha?— Eeyyee, maqaansaa Yihowaa jedhama; nuyis maqaa kana jaallachuu qabna.

Lammaffaa, Yesus Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu akka kadhannu nu barsiiseera. Mootummaan kun, lafarratti nagaan akka dagaagu kan godhuufi lafa kana gara jannataatti kan jijjiiru waan taʼeef baayʼee barbaachisaadha.

Sadaffaa, Barsiisaa Guddichi jaalalli Waaqayyoo akkuma waaqarratti taʼu lafarrattis akka taʼu akka kadhannu nutti himeera. Akkas jennee kan kadhannu yoo taʼe, wanta Waaqayyo nurraa barbaadu gochuu qabna.

Achiis, Yesus nyaata guyyaa guyyaatiif nu barbaachisu argachuuf akka kadhannu nu barsiiseera. Kana malees, cubbuu yommuu raawwannu gadduu keenya Waaqayyotti akka himnu nu gorseera. Dhiifama akka nuu godhus Waaqayyoon kadhachuu qabna. Waaqayyorraa dhiifama argachuu yoo barbaanne garuu, cubbuu namoonni nurratti raawwataniif dhiifama isaanii gochuu qabna. Kana gochuun siif salphaadhaa?—

Dhumarrattis, Yesus Yihowaan Seexana isa hamaarraa akka nu eegu akka kadhannu nutti himeera. Kanaaf, wantoota kana hunda ilaalchisee Waaqayyotti kadhannaa dhiheessuun keenya gaariidha.

Yihowaan kadhannaa keenya akka dhagaʼu amanuu qabna. Akka inni nu gargaaru gaafachuu qofa utuu hin taʼin, yeroo hunda isa galateeffachuus qabna. Kadhannaan keenya garaadhaa kan maddeefi wanta sirrii taʼe kan isa kadhannu yoo taʼe ni gammada. Innis wantoota kadhanne kana nuu kenna. Atoo kana ni amantaa?—

Kadhannaa ilaalchisee, Roomaa 12:12; 1 Phexros 3:12 fi 1 Yohannis 5:14 rraa yaadawwan gaggaarii argachuu dandeenya.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi