BOQONNAA 17
Gammachuu Argachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?
Yihowaan Waaqa gammadaa kan taʼe maaliifi?
HUNDI keenya gammachuu argachuu ni barbaanna mitii?— Haataʼu malee namoonni hedduun gammachuu hin qaban. Kun maaliif akka taʼe beektaa?— Sababiinsaa karaa gammachuu argachuun itti dandaʼamu waan hin beekneefidha. Wantoota hedduu qabaachuun gammachuu argachuuf nama gargaara jedhanii yaadu. Taʼus, wantoota kana yoo argataniyyuu, gammachuunsaanii yeroo dheeraadhaaf hin turu.
Wanti hunda caalaa gammachuu argachuuf nama gargaaru tokko jira. Barsiisaa Guddichi: “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa” jedheera. (Hojii Ergamootaa 20:35) Kanaaf, gammachuu kan argamsiisu maalidha?— Eeyyee, warra kaaniif kennuufi isaan gargaaruudha. Atoo kana beekta turtee?—
Mee waaʼee kanaa caalaatti irratti haa mariʼannu. Yesus yeroo akkas jedhu, namni kennaa fudhatu gammachuu hin argatu jechuusaa turee?— Lakki, akkas jechuusaa hin turre. Kennaa argachuun si hin gammachiisuu?— Namni hundumtuu kennaa utuu argatee ni gammada. Wantoonni gaggaariin yommuu nuu kennaman ni gammanna.
Yesus namootaaf kennuun garuu caalaatti akka nama gammachiisu dubbateera. Qaamni hunda caalaa namootaaf wantoota addaddaa kenne eenyudha jettee yaadda?— Eeyyee, Yihowaadha.
Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo “nama hundumaaf jireenyaa fi qilleensa, kan isa barbaachisu hundumaas in kenna” jedha. Inni biqiltuuwwan akka guddataniifi wanta nyaannu akka argannu gochuuf jecha bokkaa nuu roobsa; aduus nuu baasa. (Hojii Ergamootaa 14:17; 17:25) Macaafni Qulqulluun, Yihowaan Waaqa gammadaa akka taʼe dubbachuunsaa nama hin dinqisiisu. Warra kaaniif kennuun wantoota Waaqayyoon gammachiisan keessaa tokkodha. Nuyis yommuu warra kaaniif kenninu gammachuu arganna.
Daabboo ykn kuukiisii tolfame hunda kophaakee nyaachuu mannaa, caalaatti kan gammaddu yoo maal gootedha?
Haataʼu malee, wanti namootaaf kennuu dandeenyu maalidha? Ati maalidha jetta?— Yeroo tokko tokko kennaan, qarshii kan nama baasisu taʼuu dandaʼa. Kennaan tokko suuqiidhaa kan bitamu yoo taʼe, miʼa sanaaf gatii baasuu qabda. Kanaaf kennaa akkasii namootaaf kennuu yoo barbaadde, tarii hanga qarshiin kennaa sana itti bitattu sii guututti qarshii kuufachuun si barbaachisa taʼa.
Kennaan hundi garuu suuqiidhaa bitamuu qaba jechuu miti. Fakkeenyaaf, guyyaa baayʼee namatti hoʼutti bishaan qabbanaaʼaa burcuqqoo tokko argachuun nama gammachiisa. Nama dheebote tokkoof kennaa akkasii yoo kennite, gammachuu kennuudhaan argamu argachuu dandeessa.
Tarii atiifi haatikee daabboo ykn kuukiisii tolchaa jirtu haa jennu. Yeroon akkasii kan nama gammachiisudha. Daabboo tolfame hunda ofiikeetii nyaattee fixuu mannaa, maal yoo goote caalaatti gammachuu argatta?— Eeyyee, irraa cabsitee hiriyaa kee tokkoof kennuu dandeessa. Yeroo tokko tokko akkas gochuun si gammachiisaa?—
Barsiisaa Guddichiifi bartoonnisaa, kennuun gammachuu akka argamsiisu beeku turan. Wanti isaan namootaaf kennan maal akka ture beektaa?— Kennaa wanta biyya lafaarratti argamu hunda caalu ture. Yesusiifi bartoonnisaa dhugaa waaʼee Waaqayyoo ibsu beeku turan; misiraachoo kanas gammachuudhaan namootatti himaniiru. Kennaa kana kan kennan qarshii utuu hin gaafatin ture.
Gaaf tokko Phaawulosiifi Luqaas, dubartii warra kaaniif kennaa kennuudhaan gammachuu argachuu barbaaddu tokko qarqara lagaatti argatan. Phaawulosiifi Luqaas bakka sana kan dhaqan, iddoon sun bakka kadhannaa taʼuusaa waan dhagaʼaniif ture. Yommuu achi gaʼanis akkuma jedhame dubartoota kadhannaa dhiheessaa turan muraasa argatan.
Phaawulos, misiraachoo waaʼee Yihowaafi waaʼee Mootummaasaa ibsu dubartoota kanatti himuu jalqabe. Dubartoota sana keessaa tokko Liidiyaa jedhamti turte; isheenis xiyyeeffannaadhaan isa dhaggeeffachaa turte. Sana booda, Liidiyaan misiraachoo dhageessetti gammaduushee ibsuuf waan tokko gochuu barbaadde. Kanaaf Phaawulosiifi Luqaasiin, “Gooftaatti amanuu koo yoo fudhattan, mana koo kottaa na biras buufadhaa!” jettee isaan kadhatte. Achiis manashee akka dhaqan isaan dirqisiiste.—Hojii Ergamootaa 16:13-15.
Liidiyaan Phaawulosiifi Luqaasiin maal jechaa jirti?
Liidiyaan tajaajiltoonni Waaqayyoo manashee dhaquusaaniitti gammaddeetti. Waaʼee Yihowaa, waaʼee Yesusiifi namoonni akkamitti jireenya barabaraa akka argatan waan ishee barsiisaniif isaan jaallatteetti. Phaawulosiifi Luqaas kana gochuunsaanii waan ishee gammachiiseef nyaataafi bakka itti boqotan isaanii kennite. Liidiyaan fedhiidhaan kakaatee namootaaf kennuunshee gammachuu argamsiiseeraaf. Nuyis yeroo hundumaa kana yaadachuun keenya barbaachisaadha. Namni tokko kennaa tokko kennuu akka qabnu nutti hima taʼa. Wanta kana kennuuf fedhii hin qabnu taanaan garuu, kennaan kun gammachuu nuuf hin argamsiisu.
Liidiyaan wanta Phaawulosiifi Luqaasiif barbaachisu gochuun kan ishee gammachiise maaliifi?
Fakkeenyaaf, karameellaa baayʼee yoo qabaatte maal goota? Muraasasaa mucaa tokkoof akka kennitu yoon si gaafadhe gammachuudhaan ni kennitaafii?— Haataʼu malee, hiriyaan baayʼee jaallatu tokko yoo dhufe maal goota? Karameellaa kanarraa hiriyaakeetiif kennuuf ofiikeetiif kan yaadde yoo taʼe hin gammadduu?—
Yeroo tokko tokko nama tokko baayʼee waan jaallannuuf, wanta qabnu hunda waan tokkollee utuu hin hambifatin isaaf kennuu barbaanna. Jaalalli Waaqayyoof qabnu yommuu guddatu, waaʼeesaa akkasuma nutti dhagaʼama.
Dubartiin hiyyeettii taate kun wanta qabdu hunda kennuusheetti kan gammadde maaliifi?
Barsiisaa Guddichi dubartii hiyyeettii akkas itti dhagaʼame tokko beeka ture. Yesus mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti ishee arge. Wanti isheen qabdu saantima xixinnaa lama qofa ture. Taʼus, isheen saantimoota kana saanduqa buusii mana qulqullummaa keessa buuste ykn akka kennaatti kennite. Kana akka gootu eenyuyyuu ishee hin dirqisiisne. Namoonni achi turan hedduun wanta isheen gootellee hin beekne. Kana kan goote, fedhii waan qabduufi Yihowaa waan jaallattuuf ture. Kennuu dandaʼuunsheemmoo gammachuu isheedhaaf argamsiiseera.—Luqaas 21:1-4.
Nuyis karaa itti namootaaf kennaa kenninu hedduu qabna. Isaan keessaa tokko tokko natti himuu dandeessaa?— Fedhiidhaan kan kenninu yoo taʼe gammachuu arganna. Barsiisaa Guddichi, namootaaf “Kennaa” kan nuun jedhe kanaafidha. (Luqaas 6:38) Kana yoo goone, namoota kaan gammachiisuu dandeenya. Nuyis gammachuu guddaa arganna.
Caqasawwan dabalataa, kennuun gammachuu akka namaaf argamsiisu ibsan, Maatewos 6:1-4; Luqaas 14:12-14 fi 2 Qorontos 9:7rraa waliin haa dubbisnu.