Nama Fakkeenya Taʼu—Liidiyaa
Liidiyaan duuka buutuu Kiristoos kan taate dhiheenyatti taʼus, Phaawulosii fi obboloota isa wajjin turan simachuuf dursa fudhatteetti. (Hojii Ergamootaa 16:14, 15) Kanaan kan kaʼes, barattoota Yesuus kana wajjin walitti dhihaachuuf mirga argatteetti. Phaawulosii fi Siilaas mana hidhaatii erga gadhiifamanii booda eessa dhaqan? Yeruma sana gara mana Liidiyaa dhaqan.—Hojii Ergamootaa 16:40.
Atoo akkuma Liidiyaa warra kaan beekuuf dursa fudhachuu ni dandeessaa? Akkas gochuu kan dandeessu akkamitti? Tarkaanfiiwwan xixinnoo fudhachuudhaan jalqabi. Al takkaatti namuma tokko haasofsiisuuf yaali. Yeroo walgaʼii gumiirratti argamtu hundumaatti nama tokko haasofsiisuuf galma baafachuu dandeessa. Seequuf yaali. Maal jechuu akka qabdu hin beektu taanaan, gaaffii gaafadhu ykn waaʼee kee wanta tokko itti himi. Akka gaariitti dhaggeeffadhu. Yeroo booda, wanta dabalataa dubbachuuf ija jabina qabaachuu dandeessa. Yeroo baayʼee namoonni dubbii gaarummaadhaan dubbatamuu fi namatti toluuf deebii gaarii kennu. (Fakkeenya 16:24) Liidiyaan namatti waan dhihaattuu fi keessummaa simachuu waan jaallattuuf, michoota gaggaarii argachuudhaan eebbifamteetti. Atis fakkeenya ishii yoo hordofte eebba akkasii argachuu ni dandeessa.