LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lv boq. 15 ful. 171-182
  • Wanta Itti Dadhabdetti Gammadi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanta Itti Dadhabdetti Gammadi
  • “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • HOJJETAA HOMTINUU ISAAN HIN QIXXAANNEEFI HOJJETAA ISA GUDDAA
  • WANTA ITTI DADHABNETTI GAMMADUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
  • YEROO HOJII FILANNU HUBANNAA KEENYATTI FAYYADAMUU
  • HOJIIF ILAALCHA SIRRII QABAACHUU
  • TAJAAJILARRATTI JABAATANII HOJJECHUU
  • Hojii Keetti Gammadi
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Wanta Itti Dadhabdanitti Gammadaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Hojii
    Dammaqaa!—2015
  • Hojii Hojjechuu kan Qabnu Maaliifi?
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
“Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
lv boq. 15 ful. 171-182
Dubartiin ardii Afriikaa keessa jiraattu jabaattee hojjechaa jirti

BOQONNAA 15

Wanta Itti Dadhabdetti Gammadi

‘Namni hundinuu wanta itti dadhabetti gammaduu qaba.’—LALLABA 3:13.

1-3. (a) Namoonni hedduun hojiisaaniitiif ilaalcha akkamii qabu? (b) Macaafni Qulqulluun hojiif ilaalcha akkamii akka qabaannu nu jajjabeessa? Boqonnaa kana keessatti gaaffiiwwan kam qorra?

YEROO har’aatti namoota hedduuf hojiin wanta isaan gammachiisu miti. Hojii hin jaallanne kanarratti sa’aatii dheeraa waan dabarsaniif guyyaa guyyaan bakka hojii dhaquun isaan nuffisiisa. Namoonni kun hojiisaanii jaallachuufi gammachuu argachuu kan danda’an akkamitti?

2 Macaafni Qulqulluun jabaannee akka hojjennu nu jajjabeessaa. Hojiifi bu’aan isarraa argamu eebba ta’uusaa ibsa. Solomoon, “Namni hundinuu nyaatee, dhugee, wanta itti dadhabettis gammaduun kennaa Waaqayyooti” jechuun barreesseera. (Lallaba 3:13) Yihowaan inni nu jaallatuufi yeroo hundaa faayidaa keenyaaf yaadu, hojiifi wanta itti dadhabnetti akka gammannu barbaada. Jaalalasaa keessatti of eeguuf, ilaalcha inni hojiif qabu qabaachuufi seera bu’uuraa inni gama kanaan kennu hordofuu nu barbaachisa.—Lallaba 2:24; 5:18.

3 Boqonnaa kana keessatti gaaffiiwwan afur qorra: Wanta itti dadhabnetti gammaduu kan dandeenyu akkamitti? Hojiiwwan Kiristiyaanota dhugaaf hin taane kamfa’i? Hojiin keenya waaqeffannaa keenya akka nu jalaa hin tuqne gochuu kan dandeenyu akkamitti? Hojiin hunda caalaa barbaachisaa ta’eefi hojjechuu qabnu kamidha? Jalqaba garuu, fakkeenya Yihowaafi Yesus warra uumama cufarratti hojjettoota gurguddaa ta’an lamaanii haa ilaallu.

HOJJETAA HOMTINUU ISAAN HIN QIXXAANNEEFI HOJJETAA ISA GUDDAA

4, 5. Macaafni Qulqulluun Yihowaan hojjetaa bu’a qabeessa ta’uusaa kan argisiisu akkamitii?

4 Yihowaan hojjetaa homtinuu isaan hin qixxaannedha. Uumamni 1:1, “Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume” jedha. Waaqayyo, lafa dabalatee hojii uumuu yommuu raawwate “baay’ee gaarii ture” jechuudhaan bu’aa argame dubbateera. (Uumama 1:31) Wantoota lafarratti uumetti guutummaatti gammadee ture jechuudha. “Waaqa gammadaa” kan ta’e Yihowaan hojii bu’a qabeessa waan hojjeteef baay’ee akka gammade beekamaadha.—1 Ximotewos 1:11, NW.

5 Waaqni keenya inni hojjetaa jabaan matumaa hojjechuusaa hin dhaabne. Lafaafi wantoota lafarratti argaman uumuusaa erga raawwatee bara dheeraa booda, Yesus, “Abbaan koo amma iyyuu hojjechuutti jira” jedheera. (Yohannis 5:17) Abbaan maal hojjechaa jira? Teessoosaarra taa’ee ilmaan namootaaf qajeelfama kennaafi kunuunsa gochaa akka jiru beekamaadha. “Uumama haaraa,” jechuunis Kiristiyaanota hafuuraan dhalataniifi fuulduratti samiirratti Kiristosii wajjin bulchan akka argaman godheera. (2 Qorontos 5:17) Kaayyoo ilmaan namootaa isa jaallatan addunyaa haaraa keessatti jireenya barabaraa akka argataniif qabu galmaan ga’uuf hojjechaa tureera. (Roomaa 6:23) Yihowaan bu’aa hojiin kun argamsiisetti baay’ee akka gammade homaa hin shakkisiisu. Namoonni Waaqayyo garaasaatti harkiseefi miliyoonaan lakkaa’aman egaa Mootummichaa fudhachuudhaan sirreeffama jaalalasaa keessatti of eeguuf isaan dandeessisu godhaniiru.—Yohannis 6:44.

6, 7. Yesusis hojjetaa jabaa ta’uudhaan seenaa waggoota hedduu akkamii galmeessiseera?

6 Yesusis hojjetaa jabaa ta’uudhaan seenaa waggoota hedduu galmeessiseera. Nama ta’ee gara lafaa dhufuusaa dura, jechuunis “wanti waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru” hundi yommuu uumame “hojjetaa” isa guddaa ta’ee tajaajileera. (Qolosaayis 1:15-17; Fakkeenya 8:22-31, hiika bara 1899) Yesus yeroo lafarra tures hojjetaa jabaa ture. Hojii ijaarsaa ijoollummaasaatti waan barateef, “muka soofticha” jedhamee waamameera.a (Maarqos 6:3) Hojiin kun bara sanatti meeshaan ammayyaa ittiin muka baqaqsan, bakki bittaafi gurgurtaa mi’oota humna elektiriikiitiin qophaa’an waan hin jirreef, hojii baay’ee nama dadhabsiisuufi dandeettii hedduu gaafatu ture. Yommuu Yesus muka hojiif barbaachisu argachuuf gara bosonaa dhaqee muka muruufi mukicha bakka itti hojjetutti guuru sitti mul’ataa? Yommuu inni mana ijaaruufi manicha dagaleedhaan wal qabsiisu, akkasumas balbalaafi mi’a manichaaf barbaachisu hojjetu sitti mul’ataa? Yesus hojii bu’a qabeessa hojjechuuf carraaquun gammachuu guddaa akka argamsiisu muuxannoosaarraa akka arge hin shakkisiisu.

7 Yesus tajaajilasaa raawwachuurratti hojjetaa jabaa ture. Waggaa sadiif walakkaaf hojii baay’ee barbaachisaa kanaan muddamee ture. Hamma danda’etti namoota baay’ee argachuuf ganama obboroodhaan ka’ee hamma galgalaatti tajaajiluudhaan yeroosaatti akka gaariitti fayyadameera. (Luqaas 21:37, 38; Yohannis 3:2) “Mandarootaa fi gandeen keessa adeemee, mootummaa Waaqayyoo labsaa misraachoo himaa ture.” (Luqaas 8:1) Yesus misiraachicha namootaaf lallabuuf jecha, daandii awwaaraan guutamerra kiiloomeetira dhibbaan lakkaa’amu miillaan adeemeera.

8, 9. Yesus wanta itti dadhaberraa gammachuu kan argate akkamitti?

8 Yesus jabinaan hojjechuunsaa gammachuu isaaf argamsiiseeraa? Eeyyee! Sanyii dhugaa Mootummichaa kan facaase si’a ta’u, yommuu inni tajaajilasaa isa lafarraa raawwate sanyiin kun haamaadhaaf ga’ee ture. Jaalala Waaqayyoo raawwachuun humnaafi jabina waan isaaf argamsiiseef, hojii kana raawwachuuf nyaata dhiisuufillee fedhii qaba ture. (Yohannis 4:31-38) Xumura tajaajilasaa isa lafaarratti, “Ani lafa irratti ulfina siif kenneera, hojii akka ani hojjedhuuf ati anaaf laattes raawwadheera” jedhee yommuu Abbaasaatti dubbatu, gammachuu guddaa isatti dhaga’amee ture yaadi!—Yohannis 17:4.

9 Dhugumayyuu, hojii itti dadhabanitti gammaduudhaan Yihowaafi Yesusiin kan caalu hin jiru. Jaalalli Yihowaaf qabnu ‘fakkeenya Waaqayyoo akka fudhannu’ nu kakaasa. (Efesoon 5:1) Jaalalli Yesusiif qabnus, ‘faanasaa duukaa bu’uuf’ nu dirqisiisa. (1 Phexros 2:21) Kanaaf, nutis wanta itti dadhabnetti akkamitti gammaduu akka dandeenyu haa ilaallu.

WANTA ITTI DADHABNETTI GAMMADUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

Nama foddaa qulqulleessaa jiruu fi dubartii waajjira keessaa hojjettu

Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuunkee wanta itti dadhabdetti gammaduuf si gargaara

10, 11. Hojii keenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf maaltu nu gargaara?

10 Wantoota jireenya Kiristiyaanota dhugaa keessatti barbaachisan keessaa hojiin isa tokkodha. Hojii hojjennurraa hamma tokko gammachuu argachuu barbaanna; hojicha hin jaallannu taanaan, gammachuu argachuun ulfaataa ta’uu danda’a. Yeroo kanatti hojii keenyarraa gammachuu argachuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Ilaalcha sirrii qabaachuu. Yeroo hundaa haala keenya jijjiiruun salphaa ta’uu baatus, ilaalcha keenya garuu jijjiiruu dandeenya. Ilaalcha Waaqayyoorratti xiinxaluun hojiif ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaara. Fakkeenyaaf, mataa maatii yoo taate hojiin hojjetu gadaanaa sitti fakkaatus, soora maatiikeetiif barbaachisu dhiheessuuf akka si dandeessisu yaadi. Maatiikee kunuunsuun Waaqayyo duratti akka waan salphaatti kan ilaalamu miti. Macaafni Qulqulluun, namni wanta maatiisaatiif barbaachisu hin dhiheessine “nama hin amanne caalaas hammaachuu isaa ti” jedha. (1 Ximotewos 5:8) Hojiin kun itti gaafatamummaa Waaqayyo sii kenne galmaan ga’uuf akka si gargaaru hubachuunkee, xinnaatullee gammachuu namoonni sii wajjin hojjetan hin qabne siif argamsiisa.

12. Jabaannee hojjechuufi amanamoo ta’uun eebbaa kan nuuf argamsiisu karaawwan kamiini?

12 Jabaatanii hojjechuufi amanamoo ta’uu. Jabaatanii hojjechuufi akka itti hojii keenya hojjennu barachuun eebba argamsiisa. Yeroo baay’ee namoonni qacaranii hojjechiisan hojjettoota jabaatanii hojjetaniifi dandeettii qabaniif bakka guddaa kennu. (Fakkeenya 12:24; 22:29) Kana malees, Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, namoota nu hojjechiisan jalaa qarshii, yeroo ykn mi’a hatuurraa fagaachuufi amanamoo ta’uu qabna. (Efesoon 4:28) Akkuma boqonnaa darberratti ilaalle, amanamaa ta’uun eebba guddaa argamsiisa. Hojjetaan amanamummaasaatiin beekamu ni amanama. Namni nu hojjechiisu jabaannee hojjechuudhaan fakkeenya ta’uu keenya hubatus hubachuu baatus, “yaada garaa amanamaa” akka qabnuufi Waaqa isa jaallannu akka gammachiisnu waan beeknuuf ni gammanna.—Ibroota 13:18, NW; Qolosaayis 3:22-24.

13. Amalli gaariin bakka hojiitti argisiisnu bu’aa akkamii argamsiisuu danda’a?

13 Amalli keenya Waaqayyoof ulfina akka argamsiisu hubachuu. Namoonni, amala Kiristiyaanummaa bakka hojiitti argisiisnu hubachuunsaanii hin oolu. Kun bu’aa akkamii argamsiisa? “Barsiisichi waa’ee Waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu . . . akka namatti tolee mul’atu” gochuu dandeenya. (Tiitoos 2:9, 10) Amalli keenya inni gaariin, warri kaan akkaataan waaqeffannaa keenya akka namatti toluufi gara waaqeffannaa keenyatti akka harkifaman gochuu danda’a. Amala gaarii bakka hojiitti argisiistuun namni tokko dhugaa yoo fudhate maaltu akka sitti dhaga’amu yaadi! Amallikee inni gaariin Yihowaaf ulfina akka argamsiisuufi garaasaa kan ciibsu ta’uusaa beekuu caalaa wanti nama gammachiisu danda’u jiraa?—Fakkeenya 27:11; 1 Phexros 2:12.

YEROO HOJII FILANNU HUBANNAA KEENYATTI FAYYADAMUU

14-16. Hojii ilaalchisee wanti murtoo akka goonu nu gaafatu yommuu nu mudatu, gaaffiiwwan barbaachisoo akkamiirratti yaaduu qabna?

14 Macaafni Qulqulluun hojiiwwan fudhatama qabaniifi hin qabne ilaalchisee qajeelfama akkas ta’uu qaba jedhu hin kennu. Kana jechuun garuu, hojii kamiyyuu fudhachuu dandeenya jechuu miti. Caaffanni Qulqullaa’oon hojii bu’a qabeessaafi ulfina qabeessa Waaqayyoon gammachiisu akka filannu, akkasumas kan Isa hin gammachiisnerraammoo akka fagaannu nu gargaaru. (Fakkeenya 2:6) Hojii ilaalchisee wanti akka murtoo goonu nu gaafatu yommuu nu mudatu gaaffiiwwan barbaachisoo irratti yaaduu qabnu lama jiru.

15 Hojiin kun gocha Macaafa Qulqulluu keessatti dhorkame akka hojjechuutti ilaalamaa? Dubbiin Waaqayyoo, hanna, soba, waaqayyolii tolfamaa hojjechuu ifatti balaaleffata. (Ba’uu 20:4; Hojii Ergamootaa 15:29; Efesoon 4:28; Mul’ata 21:8) Hojii gocha akkasii akka raawwannu nu taasisu kamirraayyuu ni fagaanna. Jaalalli Yihowaaf qabnu matumaa gochawwan abboommii Waaqayyoo akka cabsinu nu taasisanirratti akka hirmaannu nuu hin heyyamu.—1 Yohannis 5:3.

16 Hojiin kun gocha gadhee wajjin akka walii galle ykn babal’isuurratti akka hirmaannu nu godhaa? Fakkeenya tokko haa ilaallu. Keessummeessaa ta’anii hojjechuun dogoggora hin qabu. Haata’u malee, Kiristiyaanni tokko kiliinika ulfa baasuun keessatti raawwatamutti hojii keessummeessaa ta’uu yoo argatehoo? Hojiin kun gocha ulfa baasisuurratti kallattiin akka hirmaatu akka isa hin goone beekamaadha. Ta’us, hojii dhaabbataan inni kiliinika kana keessaa hojjetu, gocha ulfa baasuu Dubbiin Waaqayyoo balaaleffatu deggeruusaa hin argisiisuu? (Ba’uu 21:22-24) Yihowaa waan jaallannuuf, gocha Caaffata Qulqullaa’aa keessatti balaaleffatamee wajjin walitti dhufeenya qaburraa hirmaachuu hin barbaannu.

17. (a) Hojii ilaalchisee murtoo yommuu goonu, wantoota akkamii tilmaama keessa galchuu qabna? (Saanduqa fuula 177rra jiru ilaali.) (b) Yaanni garaa keenya murtoo Waaqayyoon gammachiisu gochuuf kan nu gargaaru akkamitti?

17 Gaaffiiwwan hedduu hojii ilaalchisee ka’aniif deebii gaaffiiwwan barbaachisoo keeyyata 15fi 16⁠rratti kennaman gadi fageenyaan qoruun furmaata argachuun ni danda’ama. Hojii ilaalchisee yommuu murtoo goonu, wantoonni barbaachisoon tilmaama keessa galchuu qabnu garabiraanis jiru.b Kutaan hojjetaa amanamaa wantoota nu mudachuu danda’an hundaaf seera nuu baasa jennee eeguu hin qabnu. Hubannaan kan barbaachisu yeroo akkasiittidha. Akkuma Boqonnaa 2rratti baranne, Dubbii Waaqayyoo akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu qo’achuudhaan, yaada garaa keenya leenjisuu nu barbaachisa. Karaa kanaanis, ‘dandeettii hubannaa keenya’ “hojjechiisuudhaan” yoo leenjisne yaanni garaa keenya Waaqayyoon kan gammachiisuufi murtoo jaalalasaa keessatti of eeguuf nu fayyadu gochuuf nu gargaara.—Ibroota 5:14, NW.

Hojii Kana Hojjechuun Qabaa?

Nama gaazexaa irraa hojii barbaaddachaa jiru

Seera bu’uuraa: “Waanuma hojjettan hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedhaa!”—1 Qorontos 10:31.

Gaaffiiwwan of gaafachuu qabdu tokko tokko

  • Hojiin kun wantoota kallattiidhaan Macaafa Qulqulluurratti dhorkaman dabalataa?—Ba’uu 20:13-15.

  • Hojichi gocha dhorkaman akkan deggeru argisiisaa?—Mul’ata 18:4.

  • Hojichi Macaafa Qulqulluurratti kan hin dhorkamneefi namoota hundaaf tajaajila kennuudhaa?—Hojii Ergamootaa 14:16, 17.

  • Hojicha hojjechuunkoo yaada garaa namoota ni miidhaa?—Roomaa 14:19-22.

  • Hojiif jecha maatiikoo dhiisee biyya garabiraa deemuunkoo, miira maatiikoorrattis ta’e hariiroo isaan Waaqayyoo wajjin qabanirratti miidhaa maalii geessisa?—Efesoon 5:28–6:4.

HOJIIF ILAALCHA SIRRII QABAACHUU

18. Ilaalcha sirrii qabaachuun salphaa kan hin taane maaliifi?

18 ‘Guyyoota gara dhumaa sodaachisaa’ ta’an kanatti, murtoo yeroo hundumaa Yihowaa duratti fudhatama akka argannu nu gargaaru gochuun salphaa miti. (2 Ximotewos 3:1) Hojii argachuufi hojicharra turuun baay’ee rakkisaa ta’uu danda’a. Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, soora maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuuf jabaannee hojjechuu akka qabnu ni hubanna. Of eeguu baannaan, dhiibbaan bakka hojiitti nu nurra ga’u ykn ilaalchi gadheen biyyi lafaa kun qabeenyaaf qabu sochii tajaajilaafi waaqeffannaa keenyaa wajjin walitti dhufeenya qabu akka hin hordofne gufuu nutti ta’uu danda’a. (1 Ximotewos 6:9, 10) Ilaalcha sirrii qabaachuufi “waan wayyu” qoruu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e haa ilaallu.—Filiphisiiyus 1:10, hiika bara 1899.

19. Yihowaan, Waaqa guutummaatti itti amanamuu qabnu kan ta’e maaliifi? Amantiin akkasii maalirraa fagaachuuf nu gargaara?

19 Guutummaatti Yihowaatti amanami. (Fakkeenya 3:5, 6) Inni Waaqa amanamu mitii? Yeroo hundaa isatu nu kunuunsa. (1 Phexros 5:7) Nu caalaatti wanta nu barbaachisu beeka; harkisaas matumaa gabaabaa miti. (Faarfannaa 37:25) Kanaaf Dubbiisaa isa akkas jedhu yaadachuun keenya gaarii ta’a: “Akki jireenya keessanii horiidhaaf sassataa hin ta’in, wanta argattaniin ‘Nu ga’a’ jedhaa! Waaqayyo, ‘Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!’” (Ibroota 13:5) Tajaajiltoonni yeroo guutu hedduun, Waaqayyoo wantoota jireenyaaf nu barbaachisan nuu guutuuf dandeettii akka qabu dhugaa ba’uu danda’u. Yihowaan akka nuu yaadu amannaan, wanta maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuuf garmalee hin dhiphannu. (Maatewos 6:25-32) Hojiin hojjennu sochii hafuuraa, jechuunis lallabaarratti hirmaachuufi walga’iirratti argamuu akka nu dagachiisu matumaa heyyamuu hin qabnu.—Maatewos 24:14; Ibroota 10:24, 25.

20. Ija fayyaa qabaachuu jechuun maal jechuudha? Ilaalcha akkasii horachuu kan dandeessu akkamitti?

20 Ija fayyaa qabaadhu. (Maatewos 6:22, 23) Ija fayyaa qabaachuu jechuun, wantoota jireenya salphaa akka hin jiraanne nu taasisanirraa fagaachuu jechuudha. Iji Kiristiyaana tokkoo fayyaa yoo ta’e, wanta tokkorratti, jechuunis jaalala Waaqayyoo raawwachuurratti qofa xiyyeeffata. Iji keenya wanta sirrii ta’erratti xiyyeeffannaan, hojii kaffaltii guddaa argamsiisu ykn jireenya caalaatti qannoo nuuf argamsiisu hordofuuf hin dhamaanu. Yookiin yaada dhuma hin qabneefi qopheessitoota beeksisa daldalaatiin meeshaalee hammayyaa kana hin qabdu taanaan gammachuu argachuu hin dandeessu jedhuun hin qabamnu. Ija fayyaa qabaachuu kan dandeessu akkamitti? Liqii barbaachisaa hin taane keessa galuudhaan ba’aa hin barbaachisne ofirratti hin fe’in. Meeshaafi qabeenya, yerookees ta’e xiyyeeffannaakee garmalee fudhatu walitti qabuudhaan jireenyikee akka muddamu hin godhin. Gorsa Macaafa Qulqulluu isa, “waan ittiin jiraannu, waan keessa jiraannus” qabaannaan nu ga’a jedhu hordofi. (1 Ximotewos 6:8) Hanga danda’ametti jireenya salphaa jiraachuuf yaalii godhi.

21. Wantoota dursa kennuufii qabnu murteesuu kan qabnu maaliifi? Wanti dursa kennuufii qabnu maal ta’uu qaba?

21 Wantoota hafuuraa dursi kennamuufii qabu murteessuudhaan jabeessii hordofi. Wantoonni jireenya keenya keessatti gochuu dandeenyu murtaa’oo waan ta’aniif wantoota dursi kennamuufii qabu murteessuu qabna. Ta’uu baannaan, wantoonni barbaachisaa hin taane yeroo keenya isa baay’ee barbaachisaa fudhachuudhaan, wantoota caalaatti barbaachisaniif yeroo akka dhabnu nu taasisu. Wanti dursi kennamuufii qabu maalidha? Namoonni hedduun sirna kana keessatti bakka guddaa argachuuf jecha barumsa sadarkaa olaanaatiif dursa kennu. Ta’us, Yesus bartootasaatiin, “duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo . . . barbaaduutti hidhaa!” jedheera. (Maatewos 6:33) Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, duraan dursinee yaada keenya mootummaa Waaqayyoo barbaaduutti hiina. Filannoon, galmiifi guutummaan jireenya keenyaa qabeenyiifi hojiin fedhii Mootummichaafi jaalala Waaqayyoo raawwachuuf dursa akka kenninu kan argisiisu ta’uu qaba.

“Murtoonkoo Gammachuu Naa Argamsiiseera”

“Barumsa kootti qabxii gaarii waanan argadheef, mana barumsaa dhuunfaa beekamaa magaalaa Niiwu Yoorkitti argamutti barumsa tolaa barachuuf carraa argadheen ture. Gorsitoonni mana barumsaakoo yuunivarsiitii beekamoo ta’an galuuf iyyata akkan galchadhu dhibbaa narraan ga’anii turan. Muraasasaanii biratti fudhatama kanan argadhe si’a ta’u, yuunivarsiitii Yuunaayitid Isteetisitti beekamaa ta’e keessaa tokko carraa barumsa tolaa naa kennee ture. Ta’us, sababii lamaan kan ka’e carraa kana utuun hin fudhatin hafeera. Manarraa fagaadhee yunivarsiitii keessa jiraachuunkoo jireenyakoo isa qulqulluurratti balaa akka geessisu hubadheen ture; qajeelchaa ta’uufis fedhii guddaan qaba ture.

“Amma ergan qajeelchaa ta’ee tajaajiluu jalqabee waggaa 20 ol ta’eera. Waggoota kana keessatti bifawwan tajaajilaa addaddaa jechuunis, bakka babal’istoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan, ijaarsa Galma Mootummaafi bakkawwan balaan uumamaa ga’anitti hojii gargaarsaa kennuurratti hirmaadheera. Ammas magaalaa Niiwu Yoorkitti tuuta afaan biyya alaatiin geggeeffamu keessatti tajaajiluuf mirga argadheera.

“Tajaajilan yeroo guutuurratti dabarse yommuun yaadadhu, baay’ee akkan eebbifame hubadheera. Murtoonkoo jireenya gammachiisaa akkan jiraadhu na taasiseera. Muuxannoofi hiriyoota hedduu waan naa argamsiiseef, mirga kana maalliniyyuu hin jijjiiru.”—Zeenidaa.

TAJAAJILARRATTI JABAATANII HOJJECHUU

Haadha manaafi abbaa manaa waliin lallabaa jiran

Jireenya keenya keessatti hojii lallabaatiif dursa kennuudhaan jaalala Yihowaadhaaf qabnu argisiisuu dandeenya

22, 23. (a) Hojiin Kiristiyaanota dhugaa inni guddaan maalidha? Hojiin kun nuuf baay’ee barbaachisaa akka ta’e argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Saanduqa, “Murtoon koo Gammachuu Naa Argamsiiseera” jedhu ilaali.) (b) Hojii hojjechuu ilaalchisee murtoonkee maalidha?

22 Guyyoota dhumaatti baay’ee akka dhihaanne waan beeknuuf hojii baay’ee barbaachisaa, jechuunis hojii lallabaafi bartoota taasisuu Kiristiyaanota dhugaaf kennamerratti xiyyeeffanna. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Yesus isa fakkeenya gaarii nuu ta’e hordofuudhaan hojii lubbu baraarsaa kanarratti guutummaatti hirmaanna. Hojiin kun nuuf baay’ee barbaachisaa akka ta’e akkamitti argisiisuu dandeenya? Sabni Waaqayyoo hedduunsaanii babal’istoota gumii ta’uudhaan hojii lallabaarratti garaa guutuudhaan hirmaatu. Isaan keessaa tokko tokko haalasaanii sirreessuudhaan qajeelchitoota ykn misiyoonota ta’anii tajaajiluu danda’aniiru. Warri hedduunis, barbaachisummaa galma hafuuraa hubachuudhaan, ijoolleensaanii tajaajila yeroo guutuu hojii jireenyasaanii guutuu hordofan godhanii akka ilaalan jajjabeessaniiru. Labsitoonni Mootummichaa hinaaffaa qaban, tajaajila itti dadhabanii hojjetanirraa gammachuu argataniiruu? Eeyyee, argataniiru! Garaa guutuun Yihowaa tajaajiluun, gammachuufi eebba hangana hin jedhamne argachuuf, karaa hunda caalaa amansiisaa ta’edha.—Fakkeenya 10:22.

23 Baay’een keenya soora maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuuf, yeroo dheeraa hojiirratti dabarsuu nu barbaachisa. Yihowaan wanta itti dadhabnee hojjennurraa gammachuu akka argannu akka barbaadu yaadadhu. Ilaalchaafi gocha keenya, ilaalchaafi seera bu’uuraa Waaqayyoo wajjin wal simsiisuudhaan hojii keenyarraa gammachuu argachuu dandeenya. Haata’u malee, hojiin soora foon keenyaaf hojjennu, hojii Mootummaa Waaqayyoo lallabuurraa duubatti akka nu hin harkisne murtoo haa goonu. Hojii kanaaf dursa kennuudhaan jaalala Yihowaaf qabnu argisiisna; akkas gochuudhaanis jaalala Waaqayyoo keessatti of eegna.

a Jechi afaan Giriikii “muka sooftuu” jedhu nama “mana, mi’a manaa ykn hojii mukaa kamiyyuu hojjetu walitti qabaatti kan argisiisudha.”

b Hojii ilaalchisee yaada bal’aa argachuuf, Masaraa Eegumsaa, Ebla 15, 1999, fuula 28-30 (Amaariffa), akkasumas Adoolessa 15, 1982, fuula 26 ilaali. (Ingiliffa)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi