BOQONNAA 7
Bifa Koo Yoon Jibbe Maalan Godha?
Bifti kee sitti hin toluu?
□ Eeyyee □ Lakki
Bifa kee sirreessuuf jecha yaalii baqaqsanii hodhuu ykn sirna nyaataa madaalamaa hin taane hordofuuf yaaddee beektaa?
□ Eeyyee □ Lakki
Utuu dandeessee bifa kee wajjin haala wal qabateen isa kam jijjiiruu barbaadda? (Mallattoo itti godhi.)
Dheerina
Boca qaamaa
Bifa gogaa
Ulfaatina
Rifeensa
Sagalee
GAAFFILEE jalqabaa lamaaniif deebii ‘Eeyyee’ jedhu kan kennitee fi filannoowwan gaaffii isa sadaffaadhaaf dhihaatan keessaa yoo xinnaate sadan isaanii kan filatte yoo taʼe haala isaa kallattii kan biraatiin ilaaluuf yaali: Namoonni kaan hamma ati yaaddu bifti kee hirʼina akka qabu isaanitti hin dhagaʼamu taʼa. Waaʼee bifa keetii garmalee dhiphachuun barsiifata sitti taʼuu dandaʼa. Qorannoon tokko akka ibsetti yeroo baayʼee shamarran waraana niwukilarii, dhukkuba kaansarii ykn warra isaanii duʼaan dhabuullee caalaa furdinatu isaan sodaachisa.
Bifti kee ilaalcha ofiif qabaattuu fi akkaataa namoonni kaan itti si qabanirratti dhiibbaa gochuu akka dandaʼu hin shakkisiisu. Shamarreen waggaa 19 Maariisaa jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo guddachaa dhufnu obboleettonni koo hangafaa lamaan baayʼee mimmiidhagoo taʼan; ani garuu furdachaan dhufe. Mana barumsaattis baayʼee natti qoosu. Kana malees, adaadaan koo maqaa masoo saree ishii isa gabaabaa fi furdaa taʼe ittiin waamtuun na waamti turte.” Shamarreen waggaa 16 Juulii jedhamtus muuxannoo kana wajjin wal fakkaatu qabdi. Akkana jetteetti: “Mana barumsaatti intalli takka ‘ilkaan illeettii’ qabda jettee natti qoosti turte. Kun dhimma cimaa taʼuu baatus bifa kootiif ilaalcha gaarii akkan hin qabaanne na taasiseera; ammallee ilkaan koo na qaanessa.”
Si Yaaddessa moo Garmalee Si Dhiphisa?
Waaʼee bifa keetii yaaddaʼuun dogoggora hin qabu. Kitaabni Qulqulluun, Saaraa, Raahel, Yoseef, Daawitii fi Abigaayil dabalatee waaʼee dhiirotaa fi dubartoota miidhagoo taʼanii ni dubbata. Kitaabni Qulqulluun, waaʼee shamarree Abishaag jedhamtuu yeroo dubbatu, “Baayʼee bareedduu turte” jedha.—1 Mootota 1:4.
Haa taʼu malee, dargaggoonni hedduun waaʼee bifa isaanii garmalee dhiphatu. Fakkeenyaaf, shamarran tokko tokko bareedina jechuun qalʼina isaanitti fakkaata; modeelonni barruulee beeksisaa xiyyeeffannaa namootaa harkisanirratti baʼan ilaalcha akkasii kan jajjabeessanidha. Dargaggoonni kun suuraan modeelota kanaa akka mudaa hin qabaanneef kompiitaraan kan sirreeffame taʼuu isaa ni dagatu; kana malees, modeelonni qalʼoo fi bareedoo taʼan boca isaanii eeguuf jecha nyaata baayʼee xinnoo taʼe nyaatu. Dhugaa kana beektus modeelota barruurratti argitu wajjin yommuu wal bira of qabdu bifti kee si aarsuu dandaʼa. Haa taʼu malee, dhuguma bifa kee kan jibbitu yoo taʼehoo? Jalqaba, karaa madaallii isaa eegeen of ilaaluuf carraaquun si barbaachisa.
Ofiif Ilaalcha Dogoggoraa Qabdaa?
Daawwitii bifa namaa baballeessuun of ilaaltee beektaa? Si guddisee ykn si xinneessee mulʼisuu dandaʼa. Kanas taʼe sana wanti sitti mulʼatu dogoggora.
Haaluma wal fakkaatuun, dargaggoonni hedduun bifa isaaniitiif ilaalcha dogoggoraa qabu. Mee odeeffannoo kana ilaali: Qorannaa tokkorratti, shamarran dhibbeentaan 58 baayʼee furdoo akka taʼan kan isaanitti dhagaʼamu taʼullee, dhugumaan shamarran kana keessaa furdoo kan taʼan dhibbeentaa 17 qofadha. Qorannoo kan biraa tokkorratti immoo, dubartoota huuqqatoo taʼan keessaa dhibbeentaa 45 kan taʼan baayʼee furdoo akka taʼan isaanitti dhagaʼama.
Qorattoonni tokko tokko shamarran hedduun waaʼee ulfaatina isaanii kan dhiphatan sababii malee akka taʼe ibsaniiru. Haa taʼu malee, dhuguma furdoo yoo taate yaanni olitti ibsame si jajjabeessuu dhiisuu dandaʼa. Garuu sababiin isaa maal taʼuu dandaʼa?
Gama kanaan jiiniin kee gaʼee guddaa qaba. Namoonni tokko tokko uumamumaan qalʼoo taʼuu fi boca qaamaa gaarii qabaachuu dandaʼu. Haa taʼu malee, uumamaan furdoo yoo taatee fi qaamni kee cooma baayʼee kan kuusu yoo taʼe, jiiniin kee akka qalʼattu siif hin heyyamu jechuudha. Ulfaatinni kee sirrii yoo taʼellee hamma barbaaddu caalaa furdoo fakkaattee mulʼachuu dandeessa. Sochii qaamaa gochuunii fi nyaata madaalamaa soorachuun hamma tokko si gargaaruu kan dandaʼu taʼus, yeroo baayʼee boca qaamaa sanyiidhaan dhaalte jijjiiruu hin dandeessu.
Sababiin inni kan biraanimmoo jijjiirama umurii dargaggummaa wajjin wal qabatee dhufudha. Shamarran umurii saal-lammeessoorra yeroo gaʼan coomni qaama isaanii dhibbeentaa 8 irraa gara dhibbeentaa 22tti guddata. Yeroo baayʼee, jijjiiramni akkasii kan dhufu suutuma suuta yeroo taʼu, shamarreen umurii waggaa 11 ykn 12tti furdoo turte umurii saal-lammeessoorra yeroo darbitu shamarree boca qaamaa bareedaa qabdu taʼuu dandeessi. Karaa biraatiinimmoo, kan furdatte nyaata madaalamaa waan hin sooranneef ykn sochii qaamaa gaʼaa waan hin gooneef yoo taʼehoo? Haala fayyaa keetiin kan kaʼe ulfaatina kee hirʼisuun yoo si barbaachisehoo?
Ilaalcha Madaalamaa Qabaachuu
Kitaabni Qulqulluun “barsiifata madaalamaa” akka qabaannu nu jajjabeessa. (1 Ximotewos 3:11) Kanaafuu, ciree, laaqana ykn irbaata hin dhiisin ykn sirna nyaataa madaalamaa hin taane hordofuurraa of qusadhu. Tarii ulfaatina hirʼisuuf malli hunda caalaa gaarii taʼe, barsiifata nyaataa gaarii qabaachuu fi sochii qaamaa madaalamaa taʼe gochuu taʼuu dandaʼa.
Malawwan huuqqachuuf gargaaru jedhaman hordofuun si hin barbaachisu. Fakkeenyaaf, qorichawwan fedhiin nyaataa kee akka hirʼatu godhan yoo fudhatte qaamni kee utuma baayʼee hin turin qorichawwan kana wajjin waan wal baruuf fedhiin nyaataa kee bakka isaa duriitti deebiʼa. Qorichawwan kana fudhachuun kee saffisa qaamni kee nyaata itti daaku waan hirʼisuuf ulfaatinni kee dabaluun isaa hin oolu; kana malees, qorichawwan kun lafti akka siin maruu fi dhiibbaan dhiigaa kee akka dabalu gochuu, dhiphina sitti fiduu, darbees araada sitti taʼuu dandaʼu. Qorichawwan dhangalaʼaa qaama keessa jiru hirʼisan ykn saffisa qaamni nyaata itti daaku dabalan fudhachuunis miidhaa wal fakkaatu geessisuu dandaʼa.
Faallaa kanaatiin garuu, sagantaa nyaataa madaalamaa taʼe hordofuunii fi sochii qaamaa madaallii isaa eege gochuun dhaabbiin kee akka bareeduu fi miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu godha. Torban keessatti guyyoota muraasaaf sochii qaamaa madaallii isaa eeggate hojjechuun fayyaa keetiif faayidaa guddaa qaba. Sochiiwwan akka saffisaan deemuu ykn darajaa baʼuu jiran gaʼaa taʼuu dandaʼa.
Anooreeksiyaadhaan Akka hin Qabamne Of Eeggadhu!
Dargaggoonni tokko tokko fedhii guddaa ulfaatina isaanii hirʼisuuf qabaniin kan kaʼe dhukkuba anooreeksiyaa jedhamuun qabamaniiru; namoonni rakkina lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilu akkasii qaban huuqqachuuf jecha baayʼee of beelessu. Shamarreen Maasaamii jedhamtuu fi anooreeksiyaadhaan dararamaa turte jiʼoota afuriif gargaarsi erga godhameefii booda akkana jetteetti: “Namoonni ‘Sitti toleera’ yeroo naan jedhan, ‘Furdadheera jechuudha’ jedheen yaada. Yeroo tokko tokko akkas yommuu natti dhagaʼamu nan booʼa, achiis ‘Ulfaatina koo jiʼa afur dura turetti utuun deebiʼuu dandaʼee!’ jedheen yaada.”
Anooreeksiyaan utuu namatti hin beekamin jalqabuu dandaʼa. Shamarreen takka ulfaatina ishii hamma tokko hirʼisuuf jecha sirna nyaataa miidhaa kan hin qabne fakkaatu jalqabdi taʼa. Galma barbaaddurra yommuu geessu garuu kanatti hin gammaddu. Daawwitii keessatti yeroo of ilaaltu bifa ishiitti waan hin gammanneef, “Ani ammayyuu baayʼee furdoodha!” jettee yaaddi. Kanaafuu ammas xinnoo hirʼisuuf murteessiti. Achiis ‘Ammas xinnoon hirʼisa’ jetti. Sana boodas ‘Xinnuman hirʼisa’ jetti. Haala kanaan utuma ishiitti hin beekamin dhukkubni anooreeksiyaa ishii jalqaba.
Mallattoowwan anooreeksiyaa ykn rakkina barsiifata nyaataa kan biraa yoo qabaatte gargaarsa argachuu qabda. Rakkina kee warra keetti ykn nama guddaa amantutti iftoominaan himadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha” jedha.—Fakkeenya 17:17.
Miidhaginni Dhugaan Maalidha?
Kitaabni Qulqulluun bakka guddaa kan kennu bifaaf ykn boca qaamaatiif miti. Wanti nama tokko Waaqayyo duratti miidhagaa isa taasisu keessa namummaa isaati.—Fakkeenya 11:20, 22.
Mee ilma Daawit Mootichaa Abishaalomiin akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Kitaabni Qulqulluun waaʼee Abishaalom yommuu dubbatu akkana jedha: “Guutummaa Israaʼel keessatti namni miidhagina bifa isaatiin akka Abishaalom baayʼee jajamu hin jiru ture. Faana miila isaatii jalqabee hanga rifeensa mataa isaatti hirʼina tokko illee hin qabu ture.” (2 Saamuʼel 14:25) Taʼus dargaggeessi kun amanamaa hin turre. Of tuulummaa fi fedhii guddaan aangoo argachuuf qabu teessoo mootii Yihowaan dibee fudhachuuf isa kakaaseera. Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun waaʼee isaa wanta gaarii dubbachuu mannaa, nama gantuu fi hamaa lubbuu namaa galaafatu akka ture ibsa.
Kanarraa akka hubannutti, ‘Yihowaan garaa namootaa qora;’ isa duratti iddoo guddaa kan qabu shamarreen takka mudhii sonsaa qabaachuu ishii ykn dargaggeessi tokko irree cimaa qabaachuu isaa miti. (Fakkeenya 21:2) Miidhaganii mulʼachuu barbaaduun dogoggora taʼuu baatus, bifa caalaa bakka guddaa kan qabu keessa namummaati. Dhugaa isaa dubbachuuf wanti caalaatti akka nama hawwattu taasisu nama hafuuraa taʼuu keeti malee irree cimaa ykn mudhii sonsaa qabaachuu kee miti.
WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 10 DUBBISI
Dargaggoonni hedduun dhukkuba hin fayyineen dararamu ykn qaama miidhamtootadha. Atis haala akkasii keessa jirta yoo taʼe, haala isaa dandamachuu kan dandeessu akkamitti?
CAQASA IJOO
“Namni wanta alaan mulʼatu ilaala; Yihowaan garuu garaa namaa ilaala.”—1 Saamuʼel 16:7.
GORSA GAARII
Ulfaatina kee hirʼisuuf yeroo yaaltu . . .
● Ciree nyaachuu hin dhiisin. Yoo nyaachuu baatte baayʼee waan beeloftuuf sana booda garmalee nyaachuu dandeessa.
● Nyaachuu kee dura bishaan dhugi. Kunis fedhii nyaataa kee waan hirʼisuuf hamma nyaattu toʼachuuf si gargaara.
KANA BEEKTAA?
Hayyoonni tokko tokko ulfaatina kee hirʼisuuf jecha of beelessuun qaamni kee balaan akka isa mudate akka itti dhagaʼamu waan godhuuf, sirni bullaaʼinsa nyaataa kee hirʼachuu fi ulfaatinni kee dafee dabaluu akka dandaʼu akeekkachiisu.
WANTAN GOCHUU YAADE
Fayyaa kootiif kunuunsa gaarii gochuuf akkanan godha ․․․․․
Saʼaatii mijataan ispoortii hojjechuu itti dandaʼu ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Bifa kee ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?
● Bifa kee fooyyessuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeessa?
● Hiriyaan kee tokko barsiifata nyaataa gaarii hin taane yoo horate maal isaan jechuu dandeessa?
● Obbolaan kee warri quxusuun bifa isaaniitiif ilaalcha madaalamaa akka qabaatan gargaaruu kan dandeessu akkamitti?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 69rra jiru]
Yeroo dheeraadhaaf ijji koo guguddaa waan taʼeef namoonni natti qoosu turan. Oolee bulee garuu anis ofitti kolfuun koo gaarii akka taʼe hubachaan dhufe; akkasumas eenyummaa koottii fi cimina kootti boonuun baradhe. Bifa koo amanee fudhachuu akkan qabu hubadheera. Eenyummaa kootti hin qaanaʼu.’’—Ambar
[Fakkii fuula 68rra jiru]
Ilaalchi ofiif qabdu daawwitii bifa baballeessu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa