LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ypq gaaffii 2 ful. 6-8
  • Waaʼee Bifa Koo Dhiphachuun Qabaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaʼee Bifa Koo Dhiphachuun Qabaa?
  • Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Bifa Koo Yoon Jibbe Maalan Godha?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Ulfaatina Qaamaa Koo Hirʼisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
ypq gaaffii 2 ful. 6-8
Shamarreen umurii waggoota kurnanii barruu faashinii yommuu ilaaltu

GAAFII 2

Waaʼee Bifa Koo Dhiphachuun Qabaa?

KANA BEEKUUN NA FAYYADAA?

Wantoonni wanta daawwitiidhaan ilaaltu caalaa iddoo guddaa qaban jiru.

UTUU SI TAʼEE MAAL GOOTA?

Mee haala kana yaadi: Jiituun daawwitiidhaan yommuu of ilaaltu, wanti ishiitti mulʼatu furdina ishii ti. Warri ishii fi hiriyoonni ishii “baayʼee qalʼoo” akka taate kan ishiitti himan taʼus, “furdina koo hirʼisuun qaba” ofiin jetti.

Jiituun “kiiloo giraama 2.2 qofa” hirʼisuuf jecha tarkaanfii cimaa fudhachuuf yaaduu jalqabdeetti. Kanaaf, guyyoota muraasaaf midhaan lagachuuf yaadde . . .

Akka Jiituu utuu sitti dhagaʼamee maal goota?

TAKKA YAADI!

A teenage girl looks in a mirror and perceives a distorted, overweight image of herself

Ilaalchi ati ofiif qabdu, bifa kee isa ati daawwitii sirriitti hin mulʼisne keessatti argituu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa

Waaʼee bifa kee hamma tokko yaaddaʼuun dogoggora miti. Kitaabni Qulqulluun Saaraa, Raahel, Abigaayil, Yoseefii fi Daawitiin dabalatee, waaʼee bifa dubartootaa fi dhiirota hedduu ni dubbata. Intalli Abiishaag jedhamtus “baayʼee miidhagduu” akka turte ni ibsa.—1 Mootota 1:4.

Taʼus, dargaggoonni hedduun waaʼee bifa isaanii garmalee dhiphatu. Kun immoo rakkoo cimaa geessisuu dandaʼa. Mee yaadi:

  • Qorannaan tokko shamarran dhibbeentaa 58 taʼan garmalee furdoo akka taʼan dubbatanis, dhugumaan furdoo kan taʼan dhibbeentaa 17 qofa akka turan ibseera.

  • Qorannaa kan biraa irratti immoo, dubartoota furdoo akka taʼan yaadan keessaa, dhibbeentaan 45 kiiloon isaanii baayʼee xinnoo ture!

  • Dargaggoonni tokko tokko hawwii cimaa furdina isaanii hirʼisuuf qabaniin dhukkuba anooreksiyaa jedhamuun qabamu; namoonni akkasii midhaan lagachuudhaan baayʼee kan of miidhan siʼa taʼu, lubbuun isaanii balaadhaaf saaxilamuu dandaʼa.

Mallattoo anooreksiyaa ykn dhibee nyaataa kan biraa yoo of irratti argite gargaarsa gaafadhu. Warra kee ykn nama gaʼeessa amantu tokkotti himi. Kitaabni Qulqulluun, “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa; inni akka obboleessa guyyaa rakkinaatiif dhalatee ti” jedha. —Fakkeenya 17:17, NW.

JIJJIIRAMA GAARII ATI GOCHUU DANDEESSU!

Namni tokko miidhagaa akka taʼu ykn akka hin taane kan godhu keessa namummaa isaa ti. Mee ilma Daawit Mootichaa Abiishaalomiin ilaali. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha:

“Namni miidhagummaa isaatiif akka Abiishaalom jajamu tokko illee hin turre. . . . Mudaa tokko illee hin qabu.”—2 Saamuʼel 14:25.

Taʼus dargaggeessi kun kan of tuulu, iddoo guddaa kan barbaaduu fi gantuu ture! Kanaaf, Kitaabni Qulqulluun Abiishaalomiif maqaa gaarii hin kennu; kanaa mannaa, nama gantuu fi nama hamaa ajjeechaa irraa duubatti hin jenne taʼuu isaa ibsa.

Kitaabni Qulqulluun gorsa armaan gadii nuu kenna:

“Namummaa haaraa . . . uffadhaa.”—Qolosaayis 3:10.

“Miidhaginni keessan alaan kan mulʼatu [hin taʼin] . . . kanaa mannaa miidhaginni keessan keessa namummaa keessan isa dhokataa [haa taʼu].”—1 Pheexiros 3:3, 4.

Miidhaguu barbaaduun dogoggora taʼuu baatus, wanti iddoo guddaan kennamuufii qabu bifa kee utuu hin taʼin eenyummaa kee ti. Oolee bulee, namoota kaanitti miidhagdee akka mulʼattu kan godhu qaama jabaa ykn bifa miidhagaa qabaachuu kee utuu hin taʼin amala gaarii ati qabdu dha! Shamarreen Fiiliisiyaa jedhamtu, “Miidhaginni dafee xiyyeeffannaa namaa harkisuu dandaʼa; wanti samuu namootaa keessaa hin badne garuu eenyummaa keessanii fi amala keessan isa gaarii dha” jetteetti.

ILAALCHA BIFA KEETIIF QABDU GAMAAGGAMI

Yeroo baayʼee bifa keetti ni gammaddaa?

Bifa kee fooyyessuuf jecha yaalii baqaqsanii hodhuu miidhaginaa (cosmetic surgery) fayyadamuuf ykn nyaata nyaattu irratti jijjiirama guddaa gochuu yaaddee beektaa?

Utuu dandeessee bifa kee wajjin haala wal qabateen maal jijjiiruu barbaadda? (Kan filattu hundatti mari.)

  • DHEERINA

  • FURDINA

  • RIFEENSA

  • HALLUU

  • FUULA

  • DHAABBII QAAMAA

Gaaffiiwwan jalqabaa lamaan eeyyee jettee yoo deebiste, akkasumas wantoota gaaffii sadaffaa jalatti argaman keessaa sadii fi isaa olitti yoo marte, yaada armaan gadii qalbeeffadhu: Ati ofiif ilaalcha sirrii hin taane qabaattus, namoonni ilaalcha akkasii siif hin qaban taʼa. Utuu sitti hin beekamin waaʼee bifa kee garmalee yaaddaʼuu jalqabdee taʼuu dandaʼa.—1 Saamuʼel 16:7.

Karoora

  • Wantoota armaan gadii gochuudhaan fayyaa kootiif kunuunsa gaariin godha:

  • Anaaf, sagantaan sochii qaamaa gaarii taʼe wantoota armaan gadii dabalata:

  • Hiriyaan koo furdina ishii hirʼisuuf tarkaanfii cimaa fudhachaa akka jirtu yoo natti himte akkasin godha:

ODEEFFANNOO DABALATAA

What Your Peers Say—Body Image

Viidiyoo Hiriyoonni Kee Maal Jedhu?—Bifa jedhamu. www.jw.org/om irraa ilaali (BARUMSA KITAABA QULQULLUU > DARGAGGOOTA jalaa argama)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi