BOQONNAA 12
Hamiin Miidhaa Qabaa?
“Yeroo tokko paartii tokkorratti argameen ture, guyyaa itti aanuttis dargaggoota achi jiran keessaa tokko wajjin saalqunnamtii akkan raawwadhe odeeffamuu jalqabe. Kun garuu sobadha.”—Liindaa.
“Yeroo tokko tokko jaalallee akkan qabu, naman hin beekne wajjinillee walitti dhufeenya jaalalaa akkan qabu yeroo odeeffamu nan dhagaʼa. Namoonni hamattoota taʼan hedduun dhugaa isaa mirkaneeffachuufillee hin yaalan.”—Maayik.
HAMIIN akkuma namoota fiilmiirratti mulʼatanii jireenyi kee rakkinaan kan guutame akka taʼu gochuu dandaʼa. Wanta shamarreen waggaa 19 Ambar jedhamtu dubbatte ilaali. Akkana jetteetti: “Yeroo hunda namoonni na hamatu. Ulfaaʼee akkan ture, ulfa akkan ofirraa baase, akkasumas qoricha sammuu hadoochu akkan gurguru, akkan bituu fi akkan fudhadhu odeeffameera. Dhugaa dubbachuuf, namoonni waaʼee koo wanta akkasii kan odeessan maaliif akka taʼe hin beeku.”
Iimeelii ykn ergaa gabaabaa erguun salphaa waan taʼeef namni si miidhuu barbaadu tokko jecha tokkollee utuu hin dubbatin maqaa kee balleessuu dandaʼa. Ergaa gabaabaa oduu sobaa qabate barreessee namoota hedduu oduu dhagaʼuuf hawwaniif erguun qofti gaʼaadha. Namoonni tokko tokko nama tokko salphisuuf qofa weebsaayitii banatu. Weebsaayitoonni tokko tokko hamii matumaa qaamaan dubbatamuu hin dandeenyeen kan guutamanidha.
Waaʼee Warra Kaanii Haasaʼuun Yeroo Hunda Dogoggoraa?
Hima armaan gadii dhugaa ykn soba jedhii deebisi.
Waaʼee warra kaanii haasaʼuun yeroo hunda dogoggora. □ Dhugaa □ Soba
Deebii sirriin isa kami? Akkasumatti waaʼee warra kaanii haasaʼuu yoo taʼe, yeroon akkas gochuun itti sirrii taʼu jiraachuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluunis ‘faayidaa warra kaanii yaaduu’ akka qabnu dubbata. (Filiphisiyus 2:4) Kana jechuun garuu dhimma nu hin ilaallanne keessa galuu qabna jechuu miti. (1 Pheexiros 4:15) Taʼus, yeroo baayʼee waaʼee warra kaanii haasaʼuun, eenyu fuudhuuf ykn heerumuuf akka jedhu ykn eenyu daaʼima akka godhate dabalatee odeeffannoo gaarii argachuuf nu gargaara. Dhugaan jiru kanadha: Waaʼee namootaa matumaa utuu hin haasaʼin waaʼee isaanii ni yaanna jechuu hin dandeenyu.
Taʼus, haasaan tokko salphaatti gara hamiitti jijjiiramuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, yaanni “Daaniʼelii fi Saaraan hiriyoota gaaʼelaa gaarii taʼuu dandaʼu” jedhu, “Daaniʼelii fi Saaraan wal qorachaa jiru” jedhamee odeeffamuu dandaʼa. Daaniʼelii fi Saaraan garuu wanta akkasii hin yaanne. Tarii, ‘Kun rakkina cimaa miti’ jetta taʼa; namoonni kan odeessan waaʼee kee utuu taʼee garuu akkas jettee hin yaaddu.
Shamarreen waggaa 18 Juulii jedhamtu hamii akkasiitiin miidhamtee turte. “Baayʼee na aarseera, warra kaan amanuu akkan hin dandeenyes natti dhagaʼamee ture” jetteetti. Shamarree waggaa 19 Jeen jedhamtus haalli akkasii mudateera. Akkana jetteetti: “Gurbaan ani jaalallee isaa akkan taʼe odeeffamaa ture tokkorraa fagaachuun na barbaachisee ture. Hiriyoota waan turreef kun taʼuu hin qabu ture. Oduun akkasii utuu hin odeeffamne taʼee hiriyoota taanee itti fufuu dandeenya turre.”
Dubbii Kee Toʼadhu
Nama hamachuuf yeroo qoramtu arraba kee toʼachuu kan dandeessu akkamitti? Gaaffii kana deebisuuf daandii konkolaataan itti baayʼaturra oofuuf dandeettiin akkamii akka barbaachisu yaadi. Akkuma tasaa haalli sarara irra deemaa jirtu akka jijjiirtu, suuta akka jettu ykn akka dhaabbattu si dirqisiisu uumamuu dandaʼa. Dammaqaa yoo taate wanta fuuldura kee jiru ilaaluu fi tarkaanfii fudhachuu dandeessa.
Haasaa wajjin haala wal qabateenis akkasuma. Yeroo baayʼee haasaan tokko gara hamiitti kan jijjiiramu yoom akka taʼe hubachuu dandeessa. Yeroo akkasiitti malaan mata duree haasaa sanaa jijjiiruu dandeessaa? Hin dandeessu taanaan hamiin miidhaa geessisuu akka dandaʼu hin dagatin. Maayik akkana jedheera: “Shamarreen takka dhiirota wajjin taʼuuf garmalee akka hawwitu dubbachuudhaan waaʼee ishii wanta gaarii hin taane odeesseen ture; ishiinis waaʼee kanaa ni dhageesse. Wanta gadhee ani dubbadheen kan kaʼe baayʼee waan miidhamteef sagalee ishiin ittiin na haasofsiiste matumaa hin irraanfadhu. Dhimmicha kan furre taʼus haala kanaan nama miidhuu kootti gaddeera.”
Dubbiin nama miidhuu akka dandaʼu beekamaadha. Kitaabni Qulqulluuniyyuu, “Dubbiin utuu itti hin yaadamin dubbatamu akkuma goraadee nama waraana” jedha. (Fakkeenya 12:18) Dubbachuu kee dura of eeggannoodhaan irratti yaaduu kan qabdu kanaafi. Waaʼee nama tokkoo oduu hoʼaa odeeffamaa jiru dhaabuun of toʼachuu akka gaafatu beekamaadha. Taʼus, akkuma shamarreen waggaa 17 Kaaroliin jedhamtu dubbatte, “wanta dubbattu ilaalchisee of eeggachuu qabda. Oduu sana kan dhageesse madda amansiisaa taʼerraa miti taanaan soba babalʼisuu dandeessa.” Kanaafuu, wanta hamiitti jijjiiramuu dandaʼu yeroo dhageessu gorsa Phaawulos ergamaan, ‘Nagaadhaan jiraachuu fi dhimma ofii keessanii qofa irratti xiyyeeffachuuf carraaqqii godhaa’ jechuudhaan kenne hojiirra oolchi.—1 Tasalonqee 4:11.
Dhimma dhuunfaa isaanii keessa utuu hin seenin waaʼee namootaa akka yaaddu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Waaʼee nama tokkoo haasaʼuu kee dura akkana jedhii of gaafadhu: ‘Dhuguma dhugaa jiru hunda beekaa? Odeeffannoo kana dubbachuuf wanti na kakaase maalidha? Hamii babalʼisuun maqaan koo akka badu kan godhu akkamitti?’ Nama hamattuu taʼuudhaan beekamuun nama hamatamu sana caalaa waaʼee kee wanta baayʼee waan ibsuuf gaaffii isa dhumaarratti yaaduun kee baayʼee barbaachisaadha.
Yeroo Namoonni Si Hamatan
Yeroo namoonni si hamatan maal gochuu dandeessa? Lallabni 7:9, “Aariidhaaf hin ariifatin” jechuudhaan nu akeekkachiisa. Dhimmicha salphistee ilaaluuf yaali. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Wanta namoonni dubbatan hundumaatiif xiyyeeffannaa hin kennin; . . . sababiin isaas, atumti iyyuu yeroo baayʼee warra kaan akka abaarte garaan kee akka gaariitti beeka.”—Lallaba 7:21, 22.
Dhugaadha, nama hamachuun sirrii miti. Taʼus, miiraan tarkaanfii fudhachuun kee hamii sana caalaa maqaan kee akka badu gochuu dandaʼa. Ilaalcha Riinee gargaare qabaachuuf maaliif hin yaaltu? Akkana jetteetti: “Yeroo baayʼee namoonni waaʼee koo wanta gadhee yeroo dubbatan baayʼeen gadda; taʼus dhimmicha salphisee ilaaluufan yaala. Torbee itti aanuttimmoo waaʼee nama kan biraa ykn wanta kan biraa yeroo odeessan dhageessa.”a
Kanaafuu, haasaan keessan gara hamiitti akka hin jijjiiramne of eeggachuun kee ogummaadha. Namoonni waaʼee kee wanta gaarii hin taane yoo dubbatan miiraan tarkaanfii akka hin fudhanne of eeggadhu. Eenyummaa kee hojii gaarii hojjechuudhaan argisiisi. (1 Pheexiros 2:12) Akkas yoo goote, warra kaan wajjin hariiroo gaarii qabaatta, Waaqayyo durattis ejjennoo gaarii qabaatta.
[Miiljalee]
a Yeroo tokko tokko nama si hamate sana malaan haasofsiisuun gaarii taʼuu dandaʼa. Yeroo baayʼee garuu ‘jaalalli cubbuu hedduu waan haguuguuf’ akkas gochuun barbaachisaa miti.—1 Pheexiros 4:8.
CAQASA IJOO
“Namni afaan isaa eeggatu lubbuu isaa eeggata, namni afaan isaa balʼisee banu garuu ni bada.”—Fakkeenya 13:3.
GORSA GAARII
Namni tokko waaʼee nama kan biraa yoo sitti hamate akkana jechuunii dandeessa: “Bakka inni hin jirretti waaʼee isaa haasaʼuun natti hin tolu.”
KANA BEEKTAA?
Hamii dhaggeeffachuun kee qofti hamma tokko siinis si gaafachiisa. Namni hamatu sun odeeffannoo sana akka sitti himu waan heyyamteef hamiin sun dafee akka babalʼatu gumaacha gooteetta.
WANTAN GOCHUU YAADE
Oduu tokko babalʼisuuf yoon qorame akkanan godha ․․․․․
Waaʼee koo wanti gaarii hin taane yoo odeeffame dhimmicha furuuf akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Waaʼee warra kaanii haasaʼuun gaarii taʼuu kan dandaʼu yoomi?
● Hamiidhaan miidhamtee beektaa? Taanaan, muuxannoo kanarraa maal baratte?
● Hamii babalʼisuun maqaa kee kan balleessu akkamitti?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 107rra jiru]
“Namnin hamadhe tokko akkan isa hamadhe dhagaʼee yeroo na haasofsiisetti barumsa guddaa baradheera. Dhimmicha haaluu hin dandaʼun ture. Waaʼee nama tokkoo duubaan haasaʼuu mannaa isuma duratti dubbachuu akka wayyu baradheera.”—Poolaa
[Fakkii fuula 108rra jiru]
Hamiin akkuma meeshaa waraanaa nama miidhuu dandaʼa