LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • yp2 boq. 15 ful. 128-135
  • Dhiibbaa Hiriyaa Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhiibbaa Hiriyaa Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
  • Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dargaggootaa—Dhiibbaa Hiriyaa Moʼaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Dhiibbaa Hiriyaa Damdamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
  • Dhiibbaa Hiriyaa Moʼuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Dammaqaa!—2014
  • Yaadannoo Dhuunfaa​—Mana Burumsaa fi Hiriyoota Kee
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
yp2 boq. 15 ful. 128-135

BOQONNAA 15

Dhiibbaa Hiriyaa Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

“Mana barumsaatti sijaaraa akka xuuxxu, qoricha sammuu hadoochu akka fudhattuu fi saalqunnamtii akka raawwattu dhiibbaan sirra gaʼa. Wanti isaan akka gootu barbaadan sirrii akka hin taane beekta. Garuu yeroon itti dhiibbaa akkasii dandamachuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamu jira.”—Iiv.

WARRA kaan biratti fudhatama argachuu barbaaduun waanuma jirudha. Fedhiin uumamaan qabnu kunimmoo dhiibbaa hiriyaa dandamachuun akka nutti ulfaatu godha. Fakkeenyaaf, kan guddatte maatii Kiristiyaanaa keessatti yoo taʼe, wantoonni akka saalqunnamtii gaaʼela duraa fi dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu jiran sirrii akka hin taane beekta. (Galaatiyaa 5:19-21) Hiriyoonni kee hedduun garuu wantoota kana akka raawwattu si jajjabeessu. Hiriyoonni kee wantoota kana kan raawwatan dhimmicharratti yaadanii murtoo mataa isaanii waan godhaniifii? Taʼuu dhiisuu dandaʼa. Yeroo baayʼee dhiibbaa warra kaaniitiin moʼamaniiti. Namoota biratti fudhatama argachuu waan barbaadaniif warri kaan wanta itti amanuu qaban akka isaaniif murteessan heyyamu. Atoo ni heyyamtaa? Moo wanta itti amantuuf falmuuf ija jabina qabda?

Aaron obboleessi Musee yoo xinnaate yeroo tokko dhiibbaa namootaatiin moʼameera. Israaʼelonni isatti marsanii waaqa akka isaaniif tolchu yeroo isa gaafatanitti wanta isaan gaafatan godheera. (Baʼuu 32:1-4) Mee yaadi, Aaron nama Faraʼoon duratti dhihaatee ergaa Waaqayyoo ija jabinaan dubbachaa turedha. (Baʼuu 7:1, 2, 16) Israaʼelonni dhiibbaa guddaa yeroo isarratti godhan garuu harka kenne. Dhiibbaa Israaʼelotaa dandamachuurra mootii Gibxii duratti ija jabinaan dubbachuun akka isatti salphate haala isaarraa hubachuun ni dandaʼama.

Atoo akkami? Wanta sirrii akka taʼe beektuuf falmuun sitti ulfaataa? Utuu hin dhiphatin ykn hin sodaatin dhiibbaa hiriyaa dandamachuu ni barbaaddaa? Taanaan, ni dandeessa. Wanti guddaan, dhiibbaa si mudachuu dandaʼu dursitee yaaduu, achiis akkamitti deebii akka kennitu dursitee murteessuudha. Tarkaanfiiwwan arfan kanatti aananii ibsaman kana gochuuf si gargaaru.

1. Dursii yaadi. (Fakkeenya 22:3) Yeroo baayʼee rakkina gaʼuu dandaʼu dursitee beekuu dandeessa. Fakkeenyaaf, mana barumsaatti ijoollee sijaaraa xuuxaa si fuuldura deeman ni argita. Sijaaraa akka xuuxxu kan si affeeran akkamitti taʼuu dandaʼa? Rakkina uumamuu dandaʼu dursitee yaaduudhaan rakkinicha hambisuuf ykn dandamachuuf qophaaʼaa taʼuu dandeessa.

2. Xiinxali. (Ibroota 5:14) ‘Namoota hedduu duukaa yoon buʼe booda maaltu natti dhagaʼama?’ jettee of gaafachuu dandeessa. Yeroodhaaf hiriyoota kee biratti fudhatama argachuu dandeessa taʼa. Haa taʼu malee, yeroo booda maatii kee ykn obboloota kee wajjin yeroo taatu maaltu sitti dhagaʼama? Ijoollee daree kee gammachiisuuf jettee ejjennoo qulqulluu Waaqayyo duratti qabdu aarsaa ni gootaa?

3. Murteessi. (Keessa Deebii 30:19) Oolee bulee tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi amanamoo taʼuudhaan eebba argachuu fi amanamoo utuu hin taʼin hafuudhaan miidhamuu keessaa tokko filachuu qabu. Namoonni akka Yoseef, Iyyoobii fi Yesuus filannaa sirrii godhaniiru; Qaayin, Esaawuu fi Yihudaanimmoo filannaa sirrii hin taane godhaniiru. Amma dabareen keeti. Maarree maal goota?

4. Tarkaanfii fudhadhu. Tarii kun ulfaataa akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Garuu ulfaataa miti. Buʼaa isaarratti dursitee yaaduudhaan murtoo yoo goote, ejjennoo kee ibsuun salphaa fi kan nama kiisu akka taʼe hubatta. (Fakkeenya 15:23) Hiriyoota keetiif ibsa balʼaa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe kennuun waan si hin barbaachisneef hin yaaddaʼin. Deebii salphaan, garuummoo cimaa taʼe gaʼaadha. Yookiinimmoo ejjennoo cimaa qabdu ifa gochuuf akkana jechuu dandeessa:

“Natti haa hafu!”

“Ani wanta akkasii hin godhu!”

“Wanta akkasii akkan hin goone beekta!”

Wanti guddaan, yeruma sana ofitti amanannaadhaan deebii kennuudha. Akkas yoo goote hiriyoonni kee dhiibbaa sirratti gochuu isaanii ni dhaabu. Garuu yoo sitti qoosanoo? “Maali ni sodaatte moo?” yoo siin jedhan maal goota? Dubbiin akkasiiyyuu dhiibbaa hiriyaa keessaa tokko akka taʼe yaadadhu. Deebii kennuu kan dandeessu akkamitti? Yoo xinnaate filannaa sadi qabda.

● Wanta isaan si arrabsuuf dubbatan amanuu dandeessa. (“Eeyyee sodaadheera!” erga jettee booda sababa kee gabaabsii ibsiif.)

● Falmii keessa utuu hin seenin ejjennoo kee ibsuudhaan dhiibbaa sana kallattii jijjiirsisuu dandeessa.

● Dhiibbaa sana isaanitti naannessuu dandeessa. Sababa itti didde erga ibsiteefii booda wanta sammuu isaanii hojjechiisu dubbadhu. (“Atiyyuu xuuxuun kee na ajaaʼibeera! Gamna natti fakkaatta turte.”)

Hiriyoonni kee dhiibbaa sirratti gochuu isaanii yoo itti fufan bakka sanaa deemi. Bakka sana yoo turte dhiibbaan sirra gaʼu dabalaa deema. Bakka sanaa deemuun yoo si barbaachisellee kana yaadadhu: Hiriyoonni kee dhiibbaa akka sirratti godhan waan hin heyyamneef haala isaa toʼachuu dandeesseetta.

Hiriyoonni kee tokko tokko si arrabsuu fi sammuu keetiin geggeeffamaa akka hin jirre dubbachuu dandaʼu. Dhugaan isaa garuu akkas miti. Yihowaaniyyuu fedhii isaa raawwachuun gaarii akka taʼe ofuma keetiin akka mirkaneeffattu barbaada. (Roomaa 12:2) Maarree, hiriyoonni kee ashaangulliitii akka si godhatan maaliif heyyamta? (Roomaa 6:16) Wanta sirrii akka taʼe beektuuf falmi.

Dhugaadha, dhiibbaa hiriyaa jalaa baqachuu hin dandeessu. Taʼus, wanta gochuu barbaaddu beekuu, ejjennoo kee ibsuu fi haala isaa toʼachuu ni dandeessa. Filannaan isaa kan keeti.—Iyyaasuu 24:15.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 9 DUBBISI

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Jireenya bifa lama qabu jiraachaa jirtaa? Warri kee waaʼee kanaa beekuun isaanii faayidaa qabaa?

CAQASA IJOO

“Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa, namni gowwootaa wajjin walitti dhufeenya qabu garuu rakkina irra buʼa.”—Fakkeenya 13:20.

GORSA GAARII

Ija jabina kee guddifachuuf muuxannoo Dhugaa Baatota Yihowaa wanta sirrii taʼeef dhaabbachuurratti milkaaʼina argatanii dubbisi.

KANA BEEKTAA?

Barumsa erga xumurtee booda ijoollee si wajjin baratan keessaa baayʼee isaanii wajjin wal hin argitu. Baayʼeen isaanii maqaa keeyyuu hin yaadatan. Garuu maatiin kee, hunda caalaammoo Yihowaan yeroo hunda nageenyi kee isaan yaaddessa.—Faarfannaa 37:23-25.

WANTAN GOCHUU YAADE

Dhiibbaa hiriyaa dandamachuuf of qopheessuuf akkanan godha ․․․․․

Hiriyoonni koo wanta sirrii hin taane akkan godhu dhiibbaa narratti gochuuf yoo yaalan akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Tarkaanfiiwwan arfan boqonnaa kana keessatti ibsaman kan si gargaaran haalawwan akkamii keessatti?

● Dhiibbaa hiriyaatiif yoo moʼamte maaltu taʼa?

● Karaawwan dhiibbaa hiriyaa dandamachuu itti dandeessu tokko tokko kamfaʼi?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 131rra jiru]

“Ijoollee baayʼeen Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu koo beeku, akkasumas na kabaju. Wanta gadhee haasaʼuuf yeroo jedhan ‘Maayik, haasaa keenya jalqabuuf jenna; kanaafuu, deemuu yoo barbaadde deemi’ naan jedhu.”—Maayik

[Chaartii fuula 132, 133​rra jiru]

Gilgaala

Dhiibbaa Hiriyaa Dandamachuuf

Fakkeenya

1 Dursii yaadi

Haala rakkisaa Sijaaraa xuuxuu.

Yoom na mudachuu dandaʼa? Saʼaatii boqonnaatti

2 Xiinxali

Yoon moʼame maaltu taʼa?

Yihowaa fi warra koo nan gaddisiisa. Qalbiin koo na ceephaʼa. Yeroo biraa diduun natti ulfaata.

Yoon dide maaltu taʼa?

Natti qoosuu ykn maqaa naa baasuu dandaʼu. Ijoolleen wajjin barannu tokko tokko narraa fagaachuu dandaʼu. Taʼus, Yihowaa nan gammachiisa, akkasumas nama cimaan taʼa.

3 Murteessi

Yoon moʼame

Dhiibbaa hiriyaa dandamachuuf akka gaariitti hin qophoofne jechuudha. Yihowaa biratti fudhatama argachuurra hiriyoota koo biratti fudhatama argachuufan iddoo guddaa kenna jechuudha.

Dhiibbaa kana kanan dandamadhu

Yihowaa akka gaddisiisuu fi fayyaa koo akka miidhu waanan beekuufi.

4 Tarkaanfii Fudhadhu

Akkanan godha

Hin barbaadu jedhee deemuu.

Dhiibbaa Hiriyaa

Hiriyaan koo yoo akkana jedhe: “Sijaaraa hoodhu. Ni sodaatte moo?”

Akkana gochuu nan dandaʼa

Amanuu

“Dhugaa keeti. Sijaaraa nan sodaadha. Kaansariin sombaa akka na qabu hin barbaadu.”

Kallattii Jijjiirsisuu

“Sijaaraa kee hin qisaasessin.”

Itti Naannessuu

“Lakki, galatoomi. Atiyyuu xuuxuun kee na ajaaʼibeera; gamna natti fakkaatta turte!”

HUBACHIISA: Hiriyoonni kee dhiibbaa sirratti gochuu isaanii yoo itti fufan dafii bakka sanaa deemi. Achi kan turtu yoo taʼe dhiibbaa isaaniitiin moʼamuu dandeessa. Ammammoo bakka duwwaa fuula itti aanurratti argamu guuti.

Dhiibbaa Hiriyaa Dandamachuuf

Fuula kana maxxanfadhu

1 Dursii yaadi

Haala rakkisaa ․․․․․

Yoom na mudachuu dandaʼa? ․․․․․

2 Xiinxali

Yoon moʼame maaltu taʼa?

․․․․․

Yoon dide maaltu taʼa?

․․․․․

3 Murteessi

Yoon moʼame . . .

․․․․․

Dhiibbaa kana kanan dandamadhu . . .

․․․․․

4 Tarkaanfii Fudhadhu

․․․․․

Akkanan godha . . .

․․․․․

Dhiibbaa Hiriyaa

Hiriyaan koo yoo akkana jedhe: ․․․․․

Akkana gochuu nan dandaʼa

Amanuu

․․․․․

Kallattii Jijjiirsisuu

․․․․․

Itti Naannessuu

․․․․․

Deebii kennitu warra kee wajjin ykn nama bilchina qabu tokko wajjin shaakali.

[Fakkii fuula 135​rra jiru]

Dhiibbaa hiriyoota keetiitiin yoo moʼamte ashaangulliitii isaanii taata

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi