LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 4/14 ful. 10-11
  • Dhiibbaa Hiriyaa Moʼuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhiibbaa Hiriyaa Moʼuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?
  • Dammaqaa!—2014
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • HAALA RAKKISAA
  • Dargaggootaa—Dhiibbaa Hiriyaa Moʼaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Dhiibbaa Hiriyaa Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Dhiibbaa Hiriyaa Damdamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
  • Fedhii Dogoggoraa Moʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2014
g 4/14 ful. 10-11
Mucaa umrii waggoota kurnanii tamboo akka xuuxu afeeramaa jiru

MAATIIDHAAF | DARGAGGOOTA

Dhiibbaa Hiriyaa Moʼuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

HAALA RAKKISAA

Mucaan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa baratu dhiibbaan hiriyaa akka isa toʼatu gochaa jira

“Mana barumsaa giddu galeessaa yommuun baradhu ijoollee hedduun na hin jaallatan; kunis na miidha ture. Kanaaf mana barumsaa sadarkaa lammaffaa yommuun galu, isaan fakkaachuuf akkaataa miidhaginaafi amalakoo nan jijjiire. Michuu argachuuf waanan hawweef, ijoolleen naa wajjin baratan akka na jaallataniif dhiibbaa hiriyaatiifan moʼame.”​—Jeeniifar, umriinshee 16.a

Atoo dhiibbaan hiriyaa sirra gaʼaa jiraa? Taanaan matadureen kun dhiibbaa kana moʼuuf si gargaaruu dandaʼa.

Dhiibbaa hiriyaatiif yommuu moʼamtu warri kaan akka si toʼatan waan heyyamtuuf akkuma roobootii sammuu hin qabnee taata. Aangoo akkasii akka sirratti qabaatan maaliif isaanii heyyamta?​—Roomaa 6:16.

WANTA BEEKUU QABDU

Dhiibbaan hiriyaa namoonni gaariin wanta gadhee akka raawwatan gochuu dandaʼa.

“Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa.”​—1 Qorontos 15:33.

“Gochi ykn haalli tokko sirrii akka hin taane beeknus, haala sana keessa yeroo gallu miirri keenya nu moʼee fedhiin namoota gammachiisuu akka nu toʼatu godha!”​—Daanaa.

Ofii keenyaas dhiibbaa ofirraan geessisuu dandeenya.

‘Ana isa waan gaarii hojjechuu barbaadutti, wanti hamaan harka kootti dhufa’​—Roomaa 7:21.

“Yeroo baayʼee keessikoo dhiibbaa akka narratti godhu natti dhagaʼama; wanta hiriyoonnikoo odeessaniifi gammachiisaa akka taʼe fakkeessanii dubbatan raawwachuun barbaada.”​—Diyaanaa.

Dhiibbaa hiriyaa moʼuun gammachuu guddaa siif argamsiisa.

‘Yaadni garaakee akka si hin ceephaanetti jiraadhu!’​—1 Phexros 3:16.

“Yeroo tokkotti dhiibbaa hiriyaa moʼuun natti ulfaatee ture; amma garuu adda taʼuu hin sodaadhu, murtookoo eegee itti fufuufis kutadheera. Yaada garaa qulqulluu qabaannaan wanti halkan hirriba keessa nama jeequ hin jiru.”​—Kaarlaa.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Wanta dogoggora taʼe akka raawwattu dhiibbaan hiriyaa yommuu sirra gaʼu gorsa armaan gadii hojiirra oolchuuf yaali:

Miidhaa geessisu yaadi. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Dhiibbaa hiriyaatiif yoon moʼame ilaalcha akkamiin ofiif qabaadha? Warrikoo yommuu kana dhagaʼan maaltu isaanitti dhagaʼama?’​—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Galaatiyaa 6:7.

“Warrikoo ‘Utuu dhiibbaa hiriyaatiif moʼamteetta taʼee maaltu sirra gaʼa ture?’ jedhanii na gaafatu turan. Dhiibbaan hiriyaa daandii dogoggoraarra akkamitti na buusuu akka dandaʼu akkan hubadhu na gargaaran.”​—Oliiviyaa.

Amannanaakee cimsadhu. ‘Gochi kun anarras taʼe warra kaanirra miidhaa geessisa jedhee kanan amanu maaliifi?’ jedhii of gaafadhu.​—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Ibroota 5:14.

“Yommuun xinnoo ture, hin taʼun jedha ykn deebii muraasa qofan kenna, amma garuu wanta tokko maaliif akkan godhu ykn hin goone ibsa balʼaa kennuu nan dandaʼa. Amma wanta sirriifi wanta dogoggora taʼe ilaalchisee amantiin ani qabu cimaadha. Namni gara biraan natti himee utuu hin taʼin ofumakoo itti amaneen deebisa.”​—Aniittaa.

Waaʼee eenyummaakee yaadi. ‘Nama akkamii taʼuun barbaada?’ jedhii of gaafadhu. Achiis dhiibbaa sirra gaʼaa jiru yaadiitii, ‘Namni akkasii haala kana keessatti maal gochuu qaba?’ jedhii of gaafadhu.​—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: 2 Qorontos 13:5.

“Eenyummaa kootti waanan gammaduuf, wanti namoonni kaan waaʼeekoo yaadan na hin dhiphisu. Kana malees, namoonni eenyummaakoo isa dhugaa jaallatan baayʼeen jiru.”​—Aliisiyaa.

Waaʼee gara fuulduraa yaadi. Barumsa erga xumurtee waggoota muraasa ykn jiʼoota muraasa yoo taʼe, namoota isaan gammachiisuuf yaalaa turte sana yaadachuullee hin dandeessu taʼa.

“Suuraan mana barumsaatti kaʼe yeroon ilaalu, ijoolleen wajjin barachaa ture tokko tokko maqaasaaniillee yaadachuu hin dandeenye. Haataʼu malee yeroon mana barumsaa turetti, amantiikoo caalaa ilaalchasaaniitiif iddoo guddaan kennan ture. Kun gowwummaa guddaadha!”​—Doowun, umriinshee 22.

Dursii qophaaʼi. Macaafni Qulqulluun, “Namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun taʼu beekaa!” jedha.​—Qolosaayis 4:6.

“Warrikoo aniifi obboleetiinkoo wanta nu mudachuu dandaʼu akka yaannu nu gargaaru, achiis yommuu haalli akkasii nu mudatu wanta goonu akka beeknuuf, hojiin argisiisaan dhiheessina.”​—Kiristiin.

a Maqaawwan mataduree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.

CAQASOOTA IJOO TAʼAN

  • “Namni immoo waanuma facaase in galfata.”​—Galaatiyaa 6:7.

  • ‘Warri gaʼan sammuun isaanii hojiidhaan itti baree hamaafi gaarii gargar baasuu in dandaʼu.’​—Ibroota 5:14.

  • “Of qoraa!”​—2 Qorontos 13:5.

Jesiikaa

JESIIKAA

“Ilaalchi ati ofiikeetiif qabdu akkaataa dhiibbaa hiriyaa itti mooturratti gaʼee guddaa qaba. Ofitti amanannaa kan qabdu yoo taʼe warri kaan waaʼeekoo maal yaadu jettee hin dhiphattu; dhiibbaa hiriyaatiifis iddoo guddaa hin kennitu.

Keelii

KEELII

“Ofiikeetiif ilaalcha gad aanaa kan qabdu yoo taʼe, ilaalcha gaarii ofiif qabaachuuf jecha warra kaan fakkaachuuf yaaluu dandeessa. Ofitti kan amanamtu yoo taʼe garuu, hiriyoonnikee dhiibbaa akkamii akka sirraan geessisan hubachuufi fuula kennuufii dhiisuu dandeessa.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi