KUTAA 8
Bashannana
Ispoortii, muuziqaa, fiilmii, televizyinii ykn geemiidhaan ni bashannantaa?
□ Darbee darbee
□ Guyyaatti al tokko
□ Guyyaatti yeroo baayʼee
Filannaa bashannanaa keerratti caalaatti dhiibbaa kan godhu eenyu ykn maalidha?
□ Hiriyoota kee
□ Warra kee
□ Beeksisa
Yeroo kamiyyuu caalaa yeroo ammaatti atii fi hiriyoonni kee wantoota ittiin bashannantan hedduu qabdu. Taʼus, guyyaatti saʼaatii murtaaʼe qofa qabda. Bashannanni filattus ilaalcha keerratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Maarree, bashannanarratti yeroo hammamii dabarsuutu sirriidha? Bashannana akkamii akka filattu murteessuu kan dandeessu akkamitti? Boqonnaan 30-33 filannaa bashannanaa kee sirriitti qoruuf si gargaara.
[Fakkii guutuu fuula 244, 245rra jiru]