Wanti Kamiyyuu Yihowaarraa Akka Isin Fageessu Hin Heyyaminaa
“Harʼa eenyuuf akka hojjettan foʼadhaa!”—IYA. 24:15.
1-3. (a) Iyaasuun jireenyasaa keessatti filannaa sirrii gochuudhaan fakkeenya gaarii kan taʼu akkamitti? (b) Wanti murteessuu qabnu yommuu nu mudatu maal yaadachuu qabna?
FILANNAA gochuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Namni filannaa qabu carraa addaddaa qaba; jireenyasaa akkamitti akka geggeessus hamma tokko toʼachuu ni dandaʼa. Fakkeenyaaf, namni tokko utuu deemaa jiruu akka tasaa karaa maqa lama qabutti baʼe haa jennu. Yeroo kanatti karaa isa kamirraa deemuu filata laata? Namni kun bakka gaʼuu barbaade akka gaariitti beeka taanaan, karaan inni tokko bakka gaʼuu barbaadetti kan isa geessu siʼa taʼu, inni kaanimmoo iddoo garabiraatti isa geessa.
2 Macaafni Qulqulluun namoota haalli akkasii isaan mudate ilaalchisee fakkeenya hedduu qabateera. Fakkeenyaaf, Qaayin aariidhaan kakaʼee tarkaanfii fudhachuu ykn aariisaa toʼachuu qaba ture. (Uma. 4:6, 7) Iyaasuun Waaqa dhugaa tajaajiluufi waaqa sobaa waaqeffachuu keessaa isa tokko filachuu qaba ture. (Iya. 24:15) Galmisaa Yihowaatti dhihaachuu waan tureef, karaa galma kanarra gaʼuuf isa gargaru filateera. Qaayin garuu galma akkasii waan hin qabneef, karaa Yihowaarraa isa fageessu filateera.
3 Yeroo tokko tokko karaa isa kamirra deemuu akka qabnu murteessuun nu rakkisuu dandaʼa. Haalli akkasii yoo nu mudate, wanta raawwannu hundaan Yihowaadhaaf ulfina fiduufi wanta isarraa nu fageessu kamirraayyuu fagaachuuf galma qabnu yaadachuun keenya barbaachisaadha. (Ibroota 3:12 dubbisi.) Mataduree kanaafi ittaanurratti jireenya keenya keessatti wantoota Yihowaarraa akka nu fageessan heyyamuu hin qabne torba qorra.
HOJII
4. Hojiin jireenya keenya keessatti barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
4 Kiristiyaanonni ofiisaaniis taʼe maatiisaanii gargaaruuf itti gaafatamummaan isaanirra jira. Macaafni Qulqulluun namni tokko wanta maatiisaatiif barbaachisu kan hin dhiheessine yoo taʼe, nama hin amanne caalaa hamaa akka taʼe dubbata. (2 Tas. 3:10; 1 Xim. 5:8) Hojii hojjechuun jireenya keenya keessatti barbaachisaa taʼus, of eeggannoo gochuu baannaan Yihowaarraa nu fageessuu akka dandaʼu beekamaadha. Akkamitti?
5. Hojii taʼe tokko jalqabuu keenya dura wantoota akkamiirratti yaaduun barbaachisaadha?
5 Mee hojii barbaadaa jirta haa jennu. Naannoo hojii argachuun rakkisaa taʼe keessa jiraatta yoo taʼe, afeerrii sii dhihaate kamiyyuu fudhachuuf qoramuu dandeessa taʼa. Haataʼu malee hojichi seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin kan walfaallessu yoo taʼehoo? Saʼaatiin hojichi itti hojjetamu ykn yeroon bakka hojichaa gaʼuuf sitti fudhatu sochii karaa hafuuraa gootu kan jeequ ykn maatiikeerraa kan si fageessu yoo taʼehoo? Hojii dhabuu mannaa hojii mijataa hin taane hojjechuu wayya jettee yaaduudhaan afeerrii sii dhihaate fudhachuu qabdaa? Karaa dogoggora taʼe filachuun Yihowaarraa si fageessuu akka dandaʼu yaadadhu. (Ibr. 2:1) Hojii barbaaddachaa kan jirtu ykn hojii amma qabdu jijjiiruuf yaada kan jirtu yoo taʼe murtoo sirrii gochuu kan dandeessu akkamiitti?
6, 7. (a) Hojii wajjin haala walqabateen namni tokko galma akkamii qabaachuu dandaʼa? (b) Caalaatti Yihowaatti akka dhihaattu kan si godhu galma akkamii qabaachuudha? Maaliif?
6 Akkuma jalqabarratti ibsame galma kee yaadatti qabadhu. ‘Hojii hojjechuu kanan barbaadu maaliifi?’ jedhii of gaafadhu. Hojiin ofii kees taʼe maatiikee deggeraa, Yihowaa tajaajiluuf kan si gargaaru akka taʼetti kan ilaaltu taanaan, Yihowaan carraaqqii kee ni eebbisa. (Mat. 6:33) Yommuu hojii dhabdu ykn akka tasaa rakkinni dinagdee si mudatu callisee si hin ilaalu. (Isa. 59:1) Yihowaan, “namoota Waaqayyoof bulan qorama keessaa” akkamitti akka baasu in beeka.—2 Phe. 2:9.
7 Haataʼu malee, galmi kee sooressa taʼuu yoo taʼehoo? Tarii milkaaʼina argachuu dandeessa. Taʼus, ‘milkaaʼinni’ akkasii aarsaa malee akka hin argamneefi aarsaa sana kaffaluunimmoo humna keetii ol akka taʼe yaadadhu. (1 Ximotewos 6:9, 10 dubbisi.) Qabeenyarratti xiyyeeffachuun Yihowaarraa si fageessa malee faayidaa hin qabu.
8, 9. Warri hojii wajjin haala walqabateen gaaffii akkamii of gaafachuu qabu? Ibsi.
8 Warra yoo taatan fakkeenyi keessan ijoollee keessanirratti dhiibbaa akkamii akka geessisu yaadaa. Ijoolleen keessan yommuu isin ilaalan, hojii keessaniifmoo hariiroo Yihowaa wajjin qabdaniif iddoo guddaa akka kennitan hubatu? Iddoo guddaa qabaachuuf, ulfinaafi qabeenyaaf xiyyeeffannaa akka isin kennaa jirtan yoo hubatan, isaanis karaa balaa geessisu kana hordofuu laata? Kabaja isiniif qaban dhabuu dandaʼuu laata? Shamarreen tokko akkas jetteetti: “Yeroo abbaankoo hojiidhaan itti hin qabamne hin yaadadhu. Jalqaba maatii keenyaaf wantoota barbaachisaa taʼan guutuuf jabaatee waan hojjetu fakkaata ture. Akka gaariitti nu kunuunsuu barbaada. Waggoota dhihoodhaa asitti garuu haallisaa jijjiirameera. Hojiirratti yeroo dheeraa dabarsa, achiis wantoota jireenyaaf barbaachisan utuu hin taʼin, wantoota qananii nuu bita. Kanaan kan kaʼes maatiin keenya, maatii namoonni kaan galma hafuuraa akka qabaatan jajjabeessu utuu hin taʼin, maatii qarshii hedduu qabu taʼuudhaan beekame. Abbaankoo karaa qarshii nu gargaaruurra karaa hafuuraa utuu nu gargaaree natti tola.”
9 Warra kan taatan hojii keessanirratti xiyyeeffachuudhaan Yihowaarraa of hin fageessinaa. Fakkeenya taʼuudhaan qabeenyi hunda caalaa horachuu qabdan qarshii utuu hin taʼin, qabeenya hafuuraa akka taʼe ijoollee keessan barsiisaa.—Mat. 5:3.
10. Dargaggeessi tokko yommuu hojii filatu maal xiyyeeffannaa keessa galchuu qaba?
10 Dargaggeessa hojii jalqabuuf yaadaa jirtu yoo taate, hojii gaarii taʼe filachuu kan dandeessu akkamitti? Akkuma olitti ibsame jireenyakee kallattii kamiin geggeessuu akka qabdu beekuunkee barbaachisaadha. Leenjiin fudhachuu barbaaddus taʼe, hojiin hojjechuu barbaaddu, fedhii Mootummichaa caalaatti akka dursitu kan si gargaarudhaa? Moo Yihowaarraa akka fagaattu kan si godhudha? (2 Xim. 4:10) Galmikee namoota gammachuunsaanii baayʼina qarshii baankiidhaa qaban ykn qarshii aksiyoonii bitatanirratti hundaaʼe hordofuudhaa? Moo yaada Daawit amanannaadhaan, “Dargaggummaa argeera, dulluma biras gaʼeera; garuu namni qajeelaan utuu gatamuu, ijoolleen isaas waan nyaatan dhabanii utuu kadhatanii ani takkaa argee hin beeku” jedhee barreesse hordofuudha? (Far. 37:25) Daandiin inni tokko Yihowaarraa akka si fageessu, daandiin inni kaanimmoo jireenya gaarii taʼetti akka si geessu yaadadhu. (Fakkeenya 10:22; Miilkiyaas 3:10 dubbisi.) Maarree daandii isa kam filatta?a
BOHAARTII
11. Macaafni Qulqulluun bohaartii ilaalchisee maal jedha? Haataʼu malee maal yaadachuu qabna?
11 Macaafni Qulqulluun gammaduun sirrii akka hin taanes taʼe, bohaaruun yeroo balleessuu akka taʼe hin ibsu. Phaawulos, “Namummaa foonii cimsuuf of qoqqopheessuun wanta muraasaaf nama gargaara” jechuudhaa Ximotewosiif barreesseera. (1 Xim. 4:8) Macaafni Qulqulluun, boqonnaa gaʼaa fudhachuun barbaachisaa akka taʼe kan jajjabeessu taʼuusaarrayyuu, “kolfuunis yeroo qaba,” “sirbuunis yeroo qaba” jedha. (Lal. 3:4; 4:6) Haataʼu malee, of eeggannoo gochuu baannaan bohaartiin Yihowaarraa nu fageessuu dandaʼa. Akkamitti? Bohaartii hin taane filachuufi bohaarticharratti yeroo dheeraa dabarsuu keenyaanidha.
Bohaartiin sirrii taʼeefi yeroo dheeraa hin fudhanne nama haaromsa
12. Wantoota bohaartiidhaaf filannu ilaalchisee maalfaa xiyyeefannaa keessa galchuu qabna?
12 Jalqaba gosa bohaartii filachuu qabnuu haa ilaallu. Bohaartii gaarii taʼe argachuu ni dandeenya. Haataʼu malee, bohaartii hedduun, hammeenya, gocha hafuura xuraaʼoofi saalqunnamtii seeraan ala taʼe dabalatee wanta Waaqayyo jibbu akka jajjabeessan beekamaadha. Kanaaf wantoonni itti bohaarru gaarii taʼuufi dhiisuusaanii addaan baasnee beekuu qabna. Bohaartichi dhiibbaa akkamii nurraan geessisa? Hammeenya, dorgommii ykn sabboonummaa akka jaallannu nu godhaa? (Fak. 3:31) Qarshii keenya akka qisaasnu kan nu godhudha? Namoota kaan kan gufachiisudhaa? (Rom. 14:21) Wantoonni bohaartiidhaaf filannu namoota akkamii wajjin akka michoomnu nu godha? (Fak. 13:20) Gocha gadhee raawwachuuf fedhii akka qabaannu kan nu godhudhaa?—Yaq. 1:14, 15.
13, 14. Yeroo bohaartiirratti dabarsinuu wajjin haala walqabateen wanti xiyyeeffannaa keessa galchuu qabnu maalidha?
13 Bohaartiirratti yeroo hangamii dabarsuu akka qabnus haa ilaallu. ‘Sochii hafuuraatiif yeroo hangan dhabutti bohaartiirratti yeroo dheeraan dabarsaa?’ jedhaa of gaafadhaa. Bohaartiirratti yeroo dheeraa yoo dabarsine, yeroon sun hamma yaadne nu gammachiisuu dhiisuu dandaʼa. Namoonni haala madaalliisaa eegeen bohaartiitti fayyadaman bohaarticharraa gammachuu guddaa argatu. Maaliif? Wantoota caalaatti barbaachisaa taʼan akka raawwatan waan beekaniifidha.—Filiphisiiyus 1:10, 11 dubbisi.
14 Bohaartiirratti yeroo dheeraa dabarsuun gammachiisaa fakkaachuu dandaʼus, filannaa akkasii gochuun Yihowaarraa nu fageessuu dandaʼa. Shamarree umrii waggaa 20 kan taate Kiim, kun dhugaa taʼuusaa muuxannoosheerraa baratteetti. “Yeroo hunda sagantaa bohaartiidhaaf qophaaʼerratti nan argama” jetteetti. “Jimaata, Sanbadduraafi Dilbata yeroo hundaa sagantaan bohaartii ni qophaaʼa. Amma garuu wantoonni ani hojjechuu dandaʼuufi caalaatti barbaachisaa taʼan hedduun akka jiran hubadheera. Fakkeenyaaf qajeelchituu waanan taʼeef, ganama keessaa saʼaatii 12ttan hirribaa kaʼa. Kanaaf hanga saʼaatii torbaa ykn saddeetiitti sagantaa bohaartiirratti hin argamu. Namootaa wajjin yeroo dabarsuun yeroo hunda gadhee taʼuu baatus, yaada namaa hihhiruu akka dandaʼu beeka. Akkuma hojii garabiraa bohaartiinis yeroo mataasaa qabachuu qaba.”
15. Warri ijoolleensaanii bohaartii gaarii akka filata gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?
15 Warra kan taʼan wanta karaa qaamaa, hafuuraafi miiraa barbaachisu ofiisaaniifis taʼe ijoolleesaaniitiif dhiheessuuf itti gaafatamummaa qabu. Kunimmoo bohaartiirratti yeroo dabarsuuf qophii gochuu dabalata. Warra yoo taatan, bohaartiin hundi gadhee akka taʼetti yaaduudhaan, ijoolleen keessan gammachuu akka hin arganne hin godhinaa. Haataʼu malee, bohaartiiwwan tokko tokko gadhee akka taʼan beekamaadha. (1 Qor. 5:6) Kanaaf, dursitanii akka gaariitti irratti yaaduudhaan bohaartii maatii keessaniif gammachuu dhugaa argamsiisu argachuu dandeessu.b Akkas gochuudhaan daandii caalaatti Yihowaatti isin dhiheessu filachuu dandeessu.
HARIIROO WARRAAFI IJOOLLEE GIDDUU JIRU
16, 17. Yeroo baayʼee gadda akkamiitu warra mudata? Yihowaan gaddasaanii akka hubatu beekuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Hariiroon warraafi ijoollee gidduu jiru baayʼee cimaa waan taʼeef, Yihowaan jaalala sabasaatiif qabu ibsuuf hariiroo kana akka fakkeenyaatti itti fayyadameera. (Isa. 49:15) Kanaaf, miseensi maatii tokkoo Yihowaa waaqeffachuu yommuu dhiisu maatichi baayʼee gadduunsaa waanuma jirudha. Obboleettiin intallishee gumiidhaa baafamte tokko, “Baayʼeen gadde. ‘Maaliif Yihowaa dhiiste laata?’ jedheen of gaafadhe. Balleessaa akkan raawwadhe waan natti dhagaʼameef ofan ceephaʼe” jetteetti.
17 Yihowaan dhiphina isinitti dhagaʼamu ni hubata. Jalqaba Addaamiifi Hewwaan, boodammoo namoonni Bishaan Badiisaa dura turan hedduun yommuu hammeenya raawwatan, baayʼee ‘gaddee’ ture. (Uma. 6:5, 6) Namoonni haalli akkasii matumaa isaan mudatee hin beekne, haalli kun hangam akka nama gaddisiisu hubachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Taʼus gochi gadheen miseensi maatii gumiidhaa baafame raawwate, Yihowaarraa akka isin fageessu gochuun miidhaa geessisuu dandaʼa. Kanaaf, miseensi maatii tokko yommuu Yihowaa dhiisu gadda guddaa isinitti dhagaʼamu moʼuu kan dandeessan akkamitti?
18. Warri, mucaansaanii Yihowaa waaqeffachuu yoo dhiise of ceephaʼuu kan hin qabne maaliifi?
18 Wanta raawwatameef of hin ceephaʼinaa. Yihowaan nama hundumaaf filannaa dhuunfaa waan kenneef, tokkoon tokkoon miseensa maatii of murteesseefi cuuphame, “waan ofii isaatii baatu” jechuunis itti gaafatamummaa qaba. (Gal. 6:5) Filannaa godheef Yihowaa duratti kan itti gaafatamu namuma sana malee isin miti. (His. 18:20) Namoota kaanis hin ceephaʼinaa. Qophii Yihowaan adaba ilaalchisee godhe kabajaa. Jaarsolii gumicha eeguuf tarkaanfii fudhataniin utuu hin taʼin, Seexanaan mormaa.—1 Phe. 5:8, 9.
Namni jaallatan tokko gara Yihowaatti akka deebiʼu abdachuun dogoggora miti
19, 20. (a) Warri ijoolleensaanii gumiidhaa baafaman, gaddasaanii moʼuuf maal gochuu dandaʼu? (b) Warri akkasii abdii akkamii qabaachuu dandaʼu?
19 Karaa garabiraammoo Yihowaatti haaloo qabachuun isarraa isin fageessuu dandaʼa. Miseensi maatii keessan, hariiroo maatii keessanii wajjin qabdan caalaa Yihowaadhaaf iddoo guddaa akka kennitan hubachuunsaa barbaachisaadha. Kanaaf gadda isinitti dhagaʼamu moʼuuf, karaa hafuuraa cimaa taʼuuf carraaqqii godhaa. Kiristiyaanota amanamoo obboloota keessan taʼanirraa adda of hin baasinaa. (Fak. 18:1, hiika bara 1899) Miira isinitti dhagaʼamu kadhannaadhaan Yihowaatti himaa. (Far. 62:7, 8) Karaa iimeelii, karaa bilbilaa ykn moobaayilii, miseensa maatii gumiidhaa baafamee wajjin wal qunnamuuf hin yaalinaa. (1 Qor. 5:11) Sochii hafuuraarratti xiyyeeffadhaa. (1 Qor. 15:58) Obboleettiin olitti caqasamte, “Intallikoo gara gumiitti yommuu deebitu ishee gargaaruuf, tajaajilarratti xiyyeeffachuufi karaa hafuuraa cimtuu taʼuu akkan qabu beeka” jetteetti.
20 Macaafni Qulqulluun jaalalli, “Hunduma isaa abdata” jedha. (1 Qor. 13:4, 7) Namni jaallattan gara gumiitti akka deebiʼu abdachuun dogoggora miti. Waggaa waggaadhaan namoonni cubbuu raawwatan hedduun yaada garaa geddaratanii gara jaarmiyaa Yihowaatti deebiʼaa jiru. Yihowaan erga isaan yaada garaasaanii geddaratanii booda haaloo isaanitti hin qabatu. Kanaa mannaa, ‘dhiifama’ isaanii godha.—Far. 86:5.
FILANNAA SIRRII TAʼE GODHAA
21, 22. Mirga filannaa gochuuf qabdu ilaalchisee murtoonkee maalidha?
21 Yihowaan ilmaan namootaa mirga filannaa akka qabaatan godhee isaan uume. (Keessa Deebii 30:19, 20 dubbisi.) Haataʼu malee, mirgi kun itti gaafatamummaa guddaas namatti fida. Kiristiyaanni hundi akkas jedhee of gaafachuu qaba: ‘Daandii kamirra deemaan jira? Hojiin, bohaartiin ykn hariiroon maatii wajjin qabu Yihowaarraa akka na fageessu gochaan jiraa?’
22 Jaalalli Yihowaan sabasaatiif qabu matumaa hin jijjiiramu. Yihowaarraa fagaachuu kan dandeenyu daandii dogoggora taʼe yoo filanne qofadha. (Rom. 8:38, 39) Haataʼu malee, kun akka nurra gaʼu gochuu hin qabnu. Wanti kamiyyuu Yihowaarra akka isin fageessu hin heyyaminaa. Matadureen ittaanu, karaawwan dabalataa murtoo akkasii gochuuf isin gargaaran afur ibsa.
a Hojii filachuu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaafi—Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Dandaʼan jedhamu Jildii 2 boqonnaa 38 ilaali. (Amaariffa)
b Yaada dabalataa argachuuf Dammaqaa! Sadaasa 2011 fuula 17-19 ilaali. (Amaariffa)